Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Alhamdulillah Rabbil aalamiin, hanga ammaatti gargaarsa Mawlaatin suuralee (boqonnaalee) Qur’aanaa waa’ee Guyyaa Qiyaamaa dubbatan ibsa waliin ilaalaa turreera. Dhugumatti, boqonnaaleen kunniin haala ajaa’ibaatin gahuumsa namaati fi waa’ee Qiyaamaa sirritti ibsu. Ragaalee qalbii yaqiinan (mirkaneefannaan) guutan dhiyeessu. Namni ragaalee kanniin arguun Qiyaamaan dhugaa ta’uu erga mirkaneefatee fi gahuumsi ilma namaa eessa akka ta’e erga beeke, gaafi kana gaafachuun isaa hin oolu: “Guyyaa Qiyaamaa fi Gahuumsa kana gahuuf maaltu na barbaachisaa? Namni jireenya addunya keessatti gahuumsa dhumaa gahuuf deemsarra jira. Kanaafu, gahuumsa dhumaa gahuuf akka galaatti (sinqiitti) maal qabadhee deemu qabaa?”

Eeyyeen, Qur’aanni kana hundaaf deebii quubsaa ni kenna. Deebii kana kennuuf suuratu Al-Hadiid filanne. Suuratu Al-Hadiid namni gahuumsa dhumaa gahuuf maal gochuu akka qabu haala ajaa’ibaatin ibsiti. Jalqaba irratti, hundee iimaanaa kan ta’e Rabbitti amanuu irraa jalqaba. Sifaata (amaloota) Isaa ni dubbata. Kanaafu, galaa jalqabaa namni gahuumsa dhumaa gahuuf fudhachuu qabu iimaana waan ta’eef, sifaata Rabbii erga ibsee booda “Aaminu billah wa rasuulihi (Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanaa)” jedha. Itti aansun qabeenya irraa akka arjooman affeera. Kuni galaa guddaa gahuumsa gahuuf nama gargaarudha. Itti aansun Qiyaaman haqa taate tuni yommuu dhaabbattu haala mu’mintootaa fi munaafiqoota dubbata. Mu’mintoonni amanuu fi hojii gaggaarii hojjachuun galaa (siinqi) qopheefataa waan turaniif Guyyaa dukkanaa san ifni isaan fuundura fiiga. Munaafiqonni immoo amanuu fi hojii gaari hojjachuu waan didaniif galaa hin qopheefanne. Kanaafu, ifa dhabuun dukkana keessa raata’u. Itti aansun warra amananii fi hojii gaggaari hojjatan ni faarsa. Mindaa isaanii ni dubbata. Achiin booda haqiiqa (dhugaa) jireenya addunyaa haala ajaa’ibaatin fakkeenyaan ibsa. In sha Allaah kanniin hundaa ibsa waliin bal’innaan ilaalla. Hanga xumuraatti waliin turuuf isin qophiidhaa? Suurah tanaan hurrii fi dukkanni baay’een akka namarraa deemu abdi qabna. Haa jalqabnu…

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan, Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

(1)Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleessa. Inni Injifataa, Ogeessa. (2)-Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaati; ni jiraachisa ni ajjeesa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha. (3)-Inni Al-Awwal, Al-Aakhir, Az-Zaahir, Al-Baaxin. Inni waan hundaa beekadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:1-3

Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleessa.” Kana jechuun wantoonni samii torbanii fi dachii keessa jiran hundi Rabbii olta’aa hanqinna hundarraa faaruu Isaatiin qulqulleessu. Wantoonni samii fi dachii keessa jiran hundi Isaaf gadi jedhu, jabeenyaa fi aangoo Isaatiif masakamu. Kanaaf ni jedha: “Inni Injifataa Ogeessa.” Kana jechuun uumamtoota Isaa irratti Injifataadha, wanti hundi Isaaf gadi jedhu. Murtii Isaa jalaa gonkumaa bahuu hin danda’an. Wanti Isa injifatu tokkollee hin jiru. Uumamtoota uumuu, dhimmoota Isaanii qindeessu, ajajuu fi dhoowwu keessatti Inni Ogeessa.[1] Ogeessa jechuun beekumsa guutuu kan qabu, keessaa fi ala, jalqabaa fi xumura wantoota hundaa kan beekuu fi wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’udha.[2]

Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaati;” Kana jechuun samiin torban, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran hundi kan Isaati, aangoo guutuu isaan irratti qaba. Isaan keessatti wanti Isa diduu fi dadhabsiisu tokkollee hin jiru. Isaan keessatti ajajaa fi murtii Isaa hojii irra ni oolcha.[3]  Uumamtoota Isaa irratti aangoo guutuu qabaachuu fi isaan keessatti ajajaa fi murtiin Isaa hojii irra ooluu wantoota agarsiisan keessaa, jiraachisuu fi ajjeesudha. Ni jedha: “ni jiraachisa ni ajjeesa.” Kana jechuun akka fedhetti wanta tokko argamsiisuun uumamtoota Isaa irraa wanta fedhe ni jiraachisa. Kunis kan ta’u, copha bishaan saalaa du’aa ta’e marsaalee baay’ee keessa erga dabarsee lubbuu itti afuufun lubbu-qabeessa taasisuudha. Akkasumas, jireenyan booda lubbu-qabeenyi irraa wanta fedhe ni ajjeesa.[4]

Jiraachisuu fi ajjeessu Rabbii olta’aa malee eenyullee hojjachuu hin danda’u. Namni ajjeechaaf sababa ta’aa malee gonkumaa lubbuu ykn ruuhi nama keessaa luqqisuu hin danda’u. Akkasumas, osoo namoonni addunyaa guutuu keessa jiran walitti qabamanii, wanta du’aatti lubbuu seensisu hin danda’an ykn jiraachisu yoo barbaadan gonkumaa jiraachisuu hin danda’an. Mee ilaali, faranjoonni boca qaama nama ni kaasu, ni bocu. Garuu gonkuma boca kanatti lubbuu gochuu hin danda’an. Saayintistoonni seeli xiqqoo lubbuu qabdu uumuuf garmalee carraaqan, gonkumaa kana gochuu hin dandeenye. Kanaafu, ajjeesu fi jiraachisu kan danda’u Rabbii olta’aa qofa.

Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Inni wantoota hundaa irratti Dandeetti guutuu qaba. Wanti tokkollee Isatti hin ulfaatu. Wanti Inni fedhe ni ta’a, wanti Inni hin feene hin ta’u.

Wanti guddaan asirraa barannu, samiin torban, dachii fi wantoonni isaan keessa jiran hundi kan Rabbii erga ta’anii, aangoo guutuu isaan irratti Kan qabu, wanta fedhe Kan jiraachisu fi ajjeesu Isa qofa erga ta’e, Haqaan Gabbaramaan Isa qofa. Wantoonni Isaan ala jiran aangoo fi qabaa Isaa jala jiru. Yoo Inni waa isaaniif kenne malee waa qabaachu hin danda’an. Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraatiif gadi jechuu fi gabbaruun baaxila (soba guddaadha.) Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaa irratti danda’aa waan ta’eef qorannoof, mindeessu fi adabuuf namoota du’an lamuu ni kaasa.

Inni Al-Awwal, Al-Aakhir, Az-Zaahir, Al-Baaxin. Inni waan hundaa beekadha.”
He is the First [nothing is before Him] and the Last [nothing is after Him], the Most High [nothing is above Him] and the Most Near [nothing is nearer than Him]. And He is the All-Knower of every thing.” Suuratu Al-Hadiid 57:3
Aayan akka ifa taatuf “Muhsin Khan” English Translation irraa fudhatame.

Akka lugaatti awwal jechuun jalqaba (first), Aakhir jechuun booda (last), zaahir- olta’aa (most high), ifa bahaa, baaxin-keessa, dhokataa
Kunniin maqaalee Rabbii olta’aa of eeggannoo guddaa barbaachisu waan ta’aniif mee gara hadiisaa fi aalimmani haa deebinu:
Al-Awwal-Wantoota hundaa kan durse, uumamtoonni argamuun dura Jiraataa Kan ta’e, homtu Isa dura yookiin Isa waliin hin turre.[5] Yeroo hundaa jiraataa ka’uumsa hin qabne. Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi wanta argaman, ka’uumsa qabanii fi dhabamaan booda kan argamaniidha. 
Al-Aakhir-uumamtoonni erga badanii booda Kan hafuu fi turuudha.[6] Yeroo hundaa jiraataa xumura hin qabneedha.
Az-Zaahir-wanta Isaa gadi jiran hundaa ol Kan ta’eedha. Wanti Isaa ol ta’e tokkollee hin jiru.[7]

Hiikkaa Qur’aanaa garii keessatti maqaa kana Ingiliffaan, “Manifest” Amaariffan, “ግልፅም” jechuun hiikan. Tafsiira garii keessattis akkanuma jedhee waan ibsuuf akka dogongoraatti akka hin ilaalle. Ibsi kanaa: ragaaleen sifaata (amaloota) Rabbii agarsiisan ifa kan bahaniidha. Jiraachuun Isaa aduu caalaa ifa kan baheedha. Ammas, ragaaleen Tokkichummaa Isaa, dandeetti, beekumsaa fi ogummaa Isaa agarsiisan ifa kan bahaniidha.[8]

Al-Baaxin– keessa wantoota hundaa Kan beekuudha.
‘Nama keessaa fi ala isaa yommuu beekan’ Arabiffaan ni jedhama: “Baxantu fulaanan wa khabartuhu” (Ebaluun keessa isaa beeke). Rabbiin subhaanahu keessaa fi ala dhimmoota hundaa beeka.
Sheykhu Sa’dii ni jedha: maqaan “Al-Baaxin” jedhu iccitii, wanta garmalee dhoksaa, garmalee xixiqoo fi haphii ta’an beeku agarsiisa. Akkasumas, haala guutuu ta’een dhiyoo ta’uu agarsiisa.”[9]

Ammas hiika Qur’aanaa garii keessatti maqaa Al-Baaxin jedhu Ingiliffaan, “Hidden” Amaariffan “ስውርም” jechuun hiikan. Yeroo kanatti ibsi kanaa: Zaatni Rabbii subhaanahu namoota irraa dhokataadha. Addunyaa tana keessatti namoonni Rabbii olta’aa ijaan arguu hin danda’an.[10]

Maqaalee armaan olii hadiisni Ergamaa Rabbii (SAW) haala kanaan nuuf ibsa:
“Yaa Rabbii! Gooftaa samiiwwanii, Gooftaa dachii, Gooftaa Arshii guddaa, Gooftaa keenyaa fi Gooftaa waan hundaa taate. Sanyii fi firii Kan baqaqsu, Tawraat, Injiili fi Furqaana (Qur’aana) Kan buuse [Sihi]. Sharrii wanta kallacha isaa Ati qabde hundarraa Siin eeggama. Yaa Rabbii Ati Al-Awwal Si dura homtu hin turre. Ati Al-Aakhir Si booda homtu hin jiru. Ati Az-Zaahir homtu Si ol hin jiru. Ati Al-Baaxin homtu Si caalaa dhiyoon hin jiru. Ba’aa liqaa nurraa kaasi, hiyyummaa irraa nu duroomsi.” Sahiih Muslim 2713, Ibn Majah 3873

“Ati Al-Baaxin homtu Si caalaa dhiyoon hin jiru.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundatti dhiyoodha, keessa isaanii sirritti Kan beekudha. Qur’aana keessatti:

50:16

Dhugumatti, nama uumneerra. Waan lubbuun (nafseen) isaa itti hasaastus ni beekna. Nuti [beekumsa Keenyan] hidda dhiigaa caalaa gara isaatti dhiyoodha.”Suuratu Qaaf 50:16

Inni waan hundaa beekadha” samii fi dachii keessatti wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. xiqqas guddaas, dhokataas ifa bahaas takka takkaan beeka.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-537, Tafsiiru Sa’dii-987
[2] https://books.islamway.net/1/3813/12117/020_26.pdf
[3] Tafsiiru Xabarii-22/384
[4] Madda olii
[5] https://books.islamway.net/1/3813/12117/007_9_10.pdf
[6] Madda olii
[7] Tafsiiru Xabarii-22/385, https://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdf
[8] Tahriir wa tanwiir-27/362
[9] https://books.islamway.net/1/3813/12117/008_11_12.pdf
[10] Tahriir wa tanwiir-27/362

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 2
Ibsa Suuratu Al-Qiyaamah-Kutaa Dhumaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply