Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Ibsa Suuratu Al-Hadiid kutaa darbe irraa itti haa fufnu. Kutaa kana keessatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii torbanii fi dachii guyyoota jaha keessatti akka uume, ergasii Arshii irratti olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e ni dubbata. Arshii ol olta’ee wanti dachii fi samii keessatti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, Inni waan hundaa ni arga, ni dhagaha, ni beeka. Sifaanni (amaloonni) Isaa amaloota uumamtoota irraa adda. “Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.” Suuratu Ash-Shuura 42:11

(4)-Inni samiiwwanii fi dachii guyyoota jaha keessatti Kan uume, ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha. Wanta dachii keessa seenuu fi wanta ishii keessaa bahu, wanta samii irraa bu’uu fi wanta ishii keessatti ol bahu ni beeka. Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira. Rabbiin waan isin hojjattan Argaadha. (5)-Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati, dhimmoonni hundi garuma Rabbii deebifamu. (6)-Halkan guyyaa keessa seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa. Inni Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Suuratu Al-Hadiid 57:4-6

Inni samiiwwanii fi dachii guyyoota jaha keessatti Kan uume, ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha.” Kana jechuun samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran guyyaa jaha keessatti Kan uume Isa. Samii fi dachiin mataa ofiitin of hin uumne. Akka falaasfonni gariin, “Heliyeemi fi Haydirojiiniin akkana ta’e, ergasii aduun, urjiileen, samii fi dachiin akkanatti argaman” jechuun odeessanii miti. Mataa ofiitiin wantoonni kunniin gonkumaa of qindeessuu fi bakka isaaniif malu qabachuu hin danda’an. Sababni isaas, wantoonni kunniin dhabama turan. Wanti duraan hin jirree ofiin of argamsiisu danda’aa? Kanarratti dabalatee, wanti lubbuu, beekumsa, dandeetti fi fedhii hin qabne ofiin of uumuun tartiiba ajaa’ibaa kana qabachuu danda’aa? Mee ilaali, tartiiba urjiilee fi pilaaneetonni hordofan. Hundi isaanitu osoo sarara (orbiti) isaanii irraa hin gorin tartiiba qabatanii deemu. Kanaafu, eenyutu akkanatti tartiiba isaan qabsiise ree? Ammas gara samii ilaali. Baqaqiinsi, qaawwi fi wal darbuun homaatu keessa hin jiru. Kanaafu, samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda Kan uume Rabbiin qofa. Wantoonni kunniin ofiin of hin uumne. Rabbiin ala wanti biraas isaan hin uumne.

ergasii Arshii irratti [olta’iinsa Isaaf malu] olta’eedha.” Kana jechuun samii torbanii fi dachii erga uumee booda Arshii irratti olta’iinsa Isaaf malu olta’e.[1] Arshiin uumama guddaa samii torbanii ol jiruudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkamitti Arshii ol akka olta’e nuti beeku hin dandeenyu. Kana ilaalchisee wanta imaamu Maalik jedhe dhiyeessun ni danda’ama:

Istawaan wanta wallaalame miti, akkaataa isaa wanta sammuun hubachuu hin dandeenyedha, isatti amanuun waajiba (dirqama), waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha.”

Kana jechuun hiikni istawaa wanta wallaalame miti.  Hiikni isaa ni beekkama. “Istawaa” jechuun “olta’e” jechuudha. Garuu akkaata Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’e sammuun namaa hubachuu hin danda’u. Rabbiin Arshii ol olta’iinsa Isaaf malu akka olta’e amanuun waajiba. Sababni isaas, Rabbitu Qur’aana keessatti beeksise. Qur’aanatti amanuu jechuun immoo wanta isa keessa jirutti amanuudha. “Waa’ee isaa gaafachuun bid’aadha” kana jechuun “Rabbiin akkamitti Arshii ol olta’e?” jedhanii gaafachuun bid’aa (wanta haarawa argameedha). Sababni isaas, sahaabonni waa’ee kanaa Nabiyyi hin gaafanne.

Wanta dachii keessa seenuu fi wanta ishii keessaa bahu, wanta samii irraa bu’uu fi wanta ishii keessatti ol bahu ni beeka.”

Wanta dachii keessa seenu kan akka sanyii, bineensa, ilbiisota, rooba fi kkf hunda ni beeka. Wanta dachii keessaa bahu kan akka biqiltootaa, bineensota, albuudotaa fi kkf hunda ni beeka. Wanta samii irraa bu’u kan akka Malaykotaa, rooba, murtiiwwanii fi kan biroos ni beeka. Wanta gara samii ol bahuus kan akka Malaykootaa, hojii gabrootaa fi kan biroos ni beeka.[2] Wantoota kanniin hunda lakkoofsa isaanii, hamma isaanii, bakka jiran takka takkaan beeka. Samii fi dachii keessatti wanti Isa jalaa miliqu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, wantoota kanniin hunda Kan uume, qindeessu, too’atu fi aangoo guutuu irratti qabu Isa; Inni dandeetti fi beekumsa guutuu qaba.  

 “Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira. Rabbiin waan isin hojjattan Argaadha.”
Bakka kamiyyuu yoo taatan Rabbiin subhaanahu beekumsa Isaatiin isin waliin jira. Hojii isin hojjattan hunda takka takkaan beeka. Gara fuunduraattis hojii keessaniif jazaa isiniif kafala.[3] 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uun, jecha “Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira.” jedhuun wal hin faallessu.Mee ibsa kanaa gara aalimmanitti haa deebisnu:

Salafoonni (dhaloonni gaggaariin darban), “Eessallee yoo taatan Inni isin waliin jira.” jedhu,Inni isin ni beeka, dubbii keessan ni dhagaya, hojii keessan ni arga, isin irratti danda’aadha… jechuun ibsan. Arshii ol akka olta’e ni mirkaneessu.

Sheykul Islaam ibn Taymiyah fi Ibn Useymiin (isaan lamaanifu Rabbiin rahmata haa godhu) ni jedhu: Rabbiin nu waliin jira. Garuu Inni nu waliin ta’uun akka namni tokko nama biraa waliin bakka tokko keessatti waliin ta’uu miti. Rabbiin uumamtoota waliin ta’uun kan mirkanaa’edha. Inni wanta hundaa ol Arshii gubbaa olta’iinsa Isaaf malu ol ta’ee jira. Kana waliinu Inni nu waliin jira. Amaloota Isaa hunda keessatti wanti Rabbiin fakkaatu tokkollee waan hin jirreef, Inni uumamtoota waliin ta’uu fi Arshii ol olta’uu jidduu wanti wal faallessuu tokkollee hin jiru.

Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan kanaaf fakkeenya ji’aa dhiyeessa. Ni jedha: akkana ni jedhama, “Maa zilnaa nasiiru wal-qamaru ma’anaa. (Jiiyni osoo nu waliin jiruu deemu itti fufne.)” Jiiyni samii keessa jira. Kana waliinu “Jiiyni nu waliin jira.” jedhu. Jiiyni uumama xiqqaa ta’eedha. Kanaafu, Khaaliqni azza wa jalla Arshii ol olta’ee osoo jiru akkamitti uumamtoota waliin hin taane ree?”[4] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Zaata Isaatiin Arshii ol jira. Garuu wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda ni arga, ni beeka. Wanti argituu, beekumsaa fi dhageetti Isaa haguugu tokkollee hin jiru. Sababni isaas, amaloonni (sifaanni) Isaa sifaata (amaloota) uumamtootatin wal hin fakkaatan. Sifaanni Isaa kanneen akka waan hundaa beeku, arguu, dhagahuu kan uumamtootaa irraa adda. Inni waan hundaa ni beeka,ni arga, ni dhagaha.

Mee akka dabalataatti Rabbiin Zaata Isaatiin Arshii ol olta’uu fi beekumsa, dandeetti fi aangoo Isaatiin umamtoota waliin ta’uu jidduu wal faallessuun akka hin jirree qabxiilee kanniin haa ilaallu:
Tokko– Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Arshii ol olta’uu fi uumamtoota Isaa waliin ta’uu aayata armaan olii keessatti bakka tokkotti walitti fidee jira. Osoo kan wal faallessan ta’anii, silaa Rabbiin haala kanaan Of hin ibsu.

Lama: Akkana jechuu dandeenya: hundemaa Olta’uu (uluww) fi waliin ta’uu (Ma’iyyah) jidduu wal faallessuun hin jiru. Sababni isaas, wanti tokko si waliin osoo jiru gubbaa irra (olta’aa) ta’uu danda’a. Akka fakkeenyatti wanta Araboonni jedhan keessaa: Al-Qamaru ma’anaa wa nahnu nasiiru (Osoo deemaa jirru jiiyni nu waliin jira.) Wa shamsu ma’anaa wa nahnu nasiiru (Osoo deemnu aduun nu waliin jirti). Jiyni fi aduun samii keessa jiru. kana waliinu, “Osoo deemaa jirru, jiiyni nu waliin jira, aduun nu waliin jirti.” Jedhu. Kanaafu, uumamtoota keessatti olta’iinsi fi waliin ta’uun walitti galuu kan danda’amu yoo ta’e, Khaaliqaaf hunda caalaa olta’iinsi fi waliin ta’uun walitti galuu. 

Mee naaf himi, osoo namni tokko gaara gubbaa irra ta’ee loltootaan akkana jedhe: bakka fagoo dirree waraanaa deemaa, ani isin waliin jira. Namni kuni meeshaa wanta fagoo dhiyeessu ija ofii irra gochuun fagoo irraa isaan ilaala. Haala kanaan inni isaan waliin ta’a. Inni amma akka waan loltoonni isa fuundura jiraniitti isaan ilaala. Garuu inni isaan irraa fagoodha. Dhimmichi uumamtootaaf wanta ta’uudha. Khaaliqaaf maaliif hin taane ree?

Sadii-Olta’iinsi fi waliin ta’uun altokkotti uumamtootaaf walitti galu kan ulfaatu osoo ta’ee, Khaaliqaaf olta’iinsi fi waliin ta’uun wanta ulfaatu miti. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu hunda caalaa guddaadha. Amaloota Khaaliqaa amaloota uumamtootaatin wal bira qabuun hin danda’amu. Khaaliqa fi makhluuqni (uumamni) garmalee gargar waan ta’aniif.

Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhu: “Allaahumma anta saahibu fi safari wa khaliifatu fil ahli.” Kana jechuun “Yaa Rabbii Ati imala keessatti Saahiba keenya (kan nu gargaaru), maatii keenya Kan eegudha.”  Sahiih Muslim 1342, Sunan An-Nasaa’i 5501

Imala keessatti isaaf Saahiba ta’uu fi maatii keessatti Khaliifaa ta’uu bakka tokkotti walitti fide. Uumamtootaaf altokkotti saahiba fi khaliifaa ta’uun hin danda’amu. Namni tokko imala keessatti hiriyyaa (saahiba) si waliin deemu fi maatii kee keessatti bakka kee bu’uun isaan kan eegu (khaliifa) altokkotti ta’uu hin danda’u.[5] Takkaa si waliin deemu qaba, takkaa immoo duubatti hafee maatii kee eegu qaba.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa amaloonni Isaa amaloota uumamtootaatiin waan wal hin fakkanneef waan hundaa irratti danda’aadha. Tuqaaleen armaan oli ifa. Namni kana hubachuu yoo dadhabe, Rabbii fi Ergamaa Isaatti amane, wanta Rabbiin jedhetti amane jechuu qabaa malee, “Kuni akkamitti ta’a?” jedhe kijibsiisu hin qabu. Wanti tokko takkamaan yoo namaaf hin galin suuta suuta akka namaaf galu dagachuu hin qabu.

“Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati,” Samiiwwanii fi dachiin hundi kan Isaati, aangoo guutuu isaan irratti qaba. Sababni isaas, Kan dhabama irraa isaan argamsiisee fi uume Isa. Erga isaan uumee fi argamsiise wanta fedhe isaan irratti murteessu fi hojjachuu danda’a. “dhimmoonni hundi garuma Rabbii deebifamu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa deebiin dhumaa fi gahuumsi dhimma uumamtoota Isaa hundi gara Rabbiiti. Murtii Isaatiin isaan jidduutti murteessa.[6] Nama waan gaarii hojjateef tola Isaatiin mindaa guddaa kennaaf, nama badii hojjate immoo adabbii isaaf malu adaba. Yookiin badiin isaa kufrii fi shirkii gadi yoo ta’e, yoo fedhe irra darbaaf. 

Halkan guyyaa keessa seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa.” Inni uumamtoota Isaa keessatti wanta fedhe hojjata, halkanii guyyaa ni jijjira. Ogummaa Isaatiin akka fedhetti hamma halkanii guyyaa murteessa. Yeroo garii halkan dheeressun guyyaa ni gabaabsa, yeroo garii immoo faallaa kanaati. Yeroo biraa immoo wal-qixxeessa.Waqtiilees bona, ganna, birraa fi badheessa godha. Kuni hundi ogummaa fi murtii Isaatiin adeemsifama.  

 “Inni Beekaa wanta qoma keessa jiruuti.”  Kana jechuun iccitii hundaa fi wanta qoma keessatti dhokate hunda beeka.[7] Gaarii fi badaa namoonni qoma keessatti kuufatan, niyyaa fi yaada isaanii hunda takka takkaan beeka. Wanti dhokataan hundii Isaaf ifa.


[1] Tafsiiru ibn Kasiir-7/169, Tafsiiru Xabarii-22/387
[2] Tafsiiru Sa’dii-988
[3] Tafsiiru Muyassar-538
[4] Sharih aqiidatil waasixiyyah–[7.12MB] Jildii 1 fuula 402-403, ibn Useymiin
[5] Madda olii
[6] Tafsiiru Xabar-22/387, Tafsiiru ibn Kasiir-7/171
[7] Tafsiiru muyassar-538

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 3
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 1
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply