Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Affeerraa (Waamicha) Gara Iimaanaa (Amanuu) fi Arjoominnaa

57:7

Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanaa, wanta Inni isa keessatti bakka buutota isin taasise irraas kennadhaa. Isin keessaa kanneen amananii fi arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:7

Yaa namoota! Rabbitti amanaa, tokkichummaa Isaa mirkaneessaa. Ergamaa Isaattis amanaa, wanta inni Rabbiin irraa fide ilaalchise isa dhugoomsatii hordofaa. “Wanta Inni isa keessatti bakka buutota isin taasise irraas kennadhaa.” Kuni hiika lama qaba: Hiikni tokkoffaan: hundemaa qabeenyi isin qabdan qabeenya dhuunfaa osoo hin ta’in kan Rabbiin isiniif kenneedha. Rabbiin qabeenya kana akka amanaatti isin bira godhe. Kanaafu, Qabeenyi kuni kan Isaa waan ta’eef, karaa Inni jaallatu keessatti baasu irraa duubatti hin harkifatinaa. Hiikni lamaffaan: Qabeenyi kuni duraan isin waliin hin turre, gara fuunduraattis zalaalamiif isin waliin hin turu. Kaleessa harka namoota biroo keessa ture, ergasii Rabbiin bakka isaanii akka buutan isin taasisee qabeenya kana isin dhaalchise. Yeroon ni dhufa yommuu qabeenyi kuni isin waliin hin turre. Kana irra, namni biraa isin irraa dhaala. Kanaafu, abbaa qabeenyummaa yeroo muraasaaf turu kana keessatti karaa Rabbii keessatti baasaa, Aakhiratti mindaa guddaa fi turaa badhaafamtuuti.[1] (Jecha gabaaban: Qabeenya Rabbiin isiniif kennee fi namoota biroo irraa akka dhaaltan isin taasise wanta Inni jaallattu irratti baasaa. Kan akka sadaqaa kennu, Masjiida ijaaru, Islaama babal’isuuf arjoomu fi kkf.)

Isin keessaa kanneen amananii fi arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.” Kana jechuun yaa namoota! Isin keessaa warroonni Rabbiitti fi Ergamaa Isaatti amananii fi qabeenya Rabbiin isaaniif kennee fi namoota darban irraa isaan dhaalchise karaa Isaa keessatti arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira. Mindaan guddaan kuni Jannata.[2]

57:8

Akka Gooftaa keessanitti amantaniif Ergamaan osoo isin waamuu fi Inni waadaa keessan isin irraa fuudhee osoo jiruu, maaltu isiniif jiraa Rabbitti hin amannee? Kan amantan yoo taatan, [gara amantii ariifadhaa].” Suuratu Al-Hadiid 57:8

Kana jechuun yaa namoota! Osoo Rasuulli gara Tokkichummaa Rabbii fi ajajoota Isaatti isin waamuu fi Rabbiin kana irratti waadaa isin irraa fuudhee osoo jiruu, uzrii (sababa) maaltu isiniif jiraatiyyi Tokkichummaa Rabbiitti hin amanne, ajajoota Isaa hin hordofnee?[3]

Rasuulli (Ergamaan Rabbii) (SAW) ragaalee ifaatin osoo gara iimaana isin waamu, amanuu irraa maaltu isin dhoowwaa? Akka amantaniif ragaalee fi mallatoolee ifaa Nabiyyii (SAW) irratti buusee jira. Guyyoota keessaa guyyaa tokko Rabbitti amanuu yoo barbaaddan, amma amanuun waqtii hundarra mijaa’a ta’eedha. Sababni isaas, Rasuulli (SAW) wanta sirrii isin biratti ragaaleedhaan mirkanaa’etti waama. Akkasumas, ragaalee fi mallatoolee ifaa Gooftaa keessan irraa isinitti fidee jira. Kanaaf ni jedha:

57:9

“Inni dukkana keessaa gara ifaatti akka isin baasuuf Aayaata ifa ta’an gabricha Isaa irratti Kan buusudha. Dhugumatti, Rabbiin isiniif mararfataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9

Yaa namoota! Rabbiin dukkana kufrii, shirkii fi wallaalummaa keessaa gara ifa iimaanaa fi beekumsaa isin baasuuf keeyyattootaa Qur’aanaa ifa ta’an gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Kan buusedha. “Dhugumatti, Rabbiin isiniif mararfataa, rahmata godhaadha.” Kana jechuun dhugumatti Rabbiin gabricha Isaa irratti isin qajeelchuu fi karaa sirrii isinitti agarsiisuuf aayaata ifaa buusun, Inni isiniif mararfataa, rahmata godhaadha. Isiniif mararfachuu fi rahmata gochuu irraa kan ka’e Ergamaa erge, Kitaaba buuse.[4]

Namoonni Iimaanatti, Arjoominnaa fi Qabsootti Dursan Mindaa fi Sadarkaan Isaanii Guddaadha

Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii ta’ee osoo jiruu maal taatanii karaa Rabbii keessatti hin arjoomnee? Isin keessaa namni Baniinsa [Makkaa] dura arjoomee fi qabsaa’e [nama san booda arjoomee fi qabsaa’e waliin] wal hin qixxaa’u. Isaan sun warra san booda arjoomanii fi qabsaa’an caalaa sadarkaa guddaa qabu. Rabbiin hundaafu [mindaa] gaarii waadaa galee jira. Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:10

“Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii ta’ee osoo jiruu maal taatanii karaa Rabbii keessatti hin arjoomnee?” Kana jechuun karaa Rabbii keessatti arjoomu irraa maaltu isin dhoowwaa? “Dhaalli samiiwwanii fi dachii kan Rabbii ta’ee osoo jiru.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-Qabeenyi keessaan zalaalamiif isin waliin hin turu. Guyyaa tokko of duubatti dhiistu, ergasii Rabbiin ni dhaala. Kanaafu, wanti hundarra gaariin mindaan keessan Rabbiin biratti akka isiniif kuufamuuf mataa keessaniin qabeenya kana karaa Rabbiin jaallatu keessatti baasudha. Osoo qabeenyi kuni isin harkaa hin fudhatamin carraatti fayyadamaa. Qabeenyi harka keessan osoo jiru sadaqaa kennadhaa. Yoo wanta Rabbiin subhaanahu jaallatu irratti hin baasin, qabeenyi kuni gara Isaa deebi’a. Garuu isin mindaa wayitu hin argattan.
2ffaa-Yommuu karaa Rabbii keessatti arjoomtan hiyyummaa fi hir’inna sodaachu hin qabdan. Rabbiin samii fi dachii kan dhuunfateedha, kuusaan isaanii Isa harka jira. Inni wanta har’a isiniif kennu qofa osoo hin ta’in wanta boru isiniif kennu hunda dhuunfatee jira (harkaa qaba). Inni Kan akkana jedhuudha:

34:39

Jedhi, “Dhugumatti Gooftaan kiyya gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii (soorata, qabeenya) bal’isa, [kan fedhe immoo] isatti dhiphisa. Wanta kam irraayyu wanta isin [karaa Isaa keessatti] arjoomtan Inni bakka ni buusa, Innis irra caalaa warra rizqii kennaniiti.” Suuratu Saba’a 34:39

Kanaafu, namni Rabbiin irratti hirkate, qabeenya karaa kheeyri keessatti Rabbiif jedhee ni baasa. Abbaa Arshii guddaa irraa hiyyummaan natti dhufti jedhee hin sodaatu. Rabbiin isaaf akka bakka buusu ni beeka. [5] 

“Isin keessaa namni Baniinsa [Makkaa] dura arjoomee fi qabsaa’e [nama san booda arjoomee fi qabsaa’e waliin] wal hin qixxaa’u.” kana jechuun warroonni Makkaan banamuun dura arjoomanii fi qabsaa’an warroota kana hin hojjanne waliin wal qixaa miti. Kunis kan ta’e, Makkaan banamuun dura haalli Muslimota irratti baay’ee ulfaataa ture. Yeroo sanitti warra dhugaa (siddiqoota) malee eenyulle kan amanu hin turre. Makkaan erga banamte booda immoo Islaamni ifatti bahee fi namoonni diini Rabbii (Islaama) keessa baay’innaan seenan.Kanaafi Rabbiin olta’aan ni jedha: “Isaan sun warra san booda arjoomanii fi qabsaa’an caalaa sadarkaa guddaa qabu.” Kana jechuun warri Makkaan banamuun dura karaa Rabbii keessatti arjoomanii fi qabsaa’an, warra Makkaan banamuun booda arjoomanii fi qabsaa’an caalaa Rabbiin biratti sadarkaa guddaa qabu.

Sadarkaa warra kanaa yommuu dubbatu, namni tokko, ‘warra banamiinsa Makkaa booda arjoomanii fi qabsaa’an gadi xiqqeessuu fi qeequuf’ jedhee akka hin yaanneef, itti aanse akkana jedhe: “Rabbiin hundaafu [mindaa] gaarii waadaa galee jira.” Kana jechuun Rabbiin warroota Makkaan banamuun dura arjoomanii fi qabsaa’an, akkasumas, Makkaan banamuun booda arjoomanii fi qabsaa’an hundaafu Jannata waadaa galee jira. Sadarkaa fi mindaan isaanii wal haa caaluu malee, Rabbiin isaan hundaafu Jannata waadaa seenee jira. “Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekadha.” Kana jechuun Karaa Rabbii keessatti arjoomu, diinotatti qabsaa’u fi hojii biroo isin hojjattan hunda keessa beeka, homtu Isarraa hin dhokatu. Niyyaa hojii keessan duuba jiru ni beeka. Guyyaa Qiyaamaa hojii hojjattan kanaaf jazaa isiniif kafala.[6]

Wanti asirraa barannu, Sahaabonni sadarkaa guddaa qabu. Sadarkaa isaanii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa asitti fi bakka biraatti ni dubbate. Ammas, namoonni niyyaan isaan tolee fi hojii gaggaaritti dursan sadarkaan isaanii guddaadha.

57:11

“Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyuu? Kanaafu, Inni dachaa isaaf taasisa, isaaf mindaa gaariitu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:11

Araboonni nama hojii gaarii tokko hojjateen, “Qad aqrada (liqeessee jira)” jedhu. Qard (liqaa) kan jedhameef bakka bu’aa deebifachu barbaaduuf liqaan waan bahuufi.[8] (Namni liqaa kennu wanti suni ykn san caaluu akka isaaf deebi’uu barbaada.)

“Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyuu?” kana jechuun eenyutu osoo hin dhaadatinii fi hin rakkisin wanta Rabbiin bira jiru kajeeluun karaa Rabbii keessatti baasaa ykn arjoomaa? “Kanaafu, Inni dachaa isaaf taasisa.”  Kana jechuun Rabbiin baasii inni baase kanaaf mindaa dacha dachaa isaaf godha. “isaaf mindaa gaariitu jira.” Kana jechuun isaaf Jannatatu jira.[9]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qabeenyi namoonni qaban kan Isaa ta’ee osoo jiruu ‘wanta karaa Isaa keessatti baasan’- “liqaa gaarii” jechuun moggaase. Sababni isaas, akkuma irranatti jenne, liqaa yommuu liqeessan wanti suni ykn san caalu akka namaaf deebi’u waan barbaadaniif namoota kakaasuufi. Ribaan (dhalli) dhoowwamuun dura osoo nama tokkoon “Har’a birri kudhan naaf liqeessi boru dhibba godhee siif deebisaa” jedhame ni liqeessa moo hin liqeessu? Dhugumatti ni liqeessa.

Namni qabeenya baasu liqeefataan waadaa kan guutuu fi tola oolaa ta’uu yoo beeke, nafseen isaa gammachuun qabeenya kana baasti. Qabeenyi isaa isaaf kan deebi’u ta’uu yoo beeke, nafseen isaa baasuf tole ni jetti. Kan liqaa isarraa barbaadu, qabeenya isaa kanaan isaaf daldaaluun dacha dachaa kan isaaf godhu ta’uu yoo beeke, liqeessuuf caalatti fedhii qaba. Ammas, liqaa isaaf dachaa gochuu waliin, liqeefataan of biraa mindaa biraa kan isaaf kennu yoo ta’e, dhugumatti mindaan kuni qooda guddaadha, mindaa bareedadha. Kanaafu, nama qalbiin isaa haafayuu fi doy’ummaan dhukkubsattee ykn iimaanni isaa dadhaba ta’e malee liqeessu irraa duubatti kan hafu hin jiru.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Rabbiif liqaa gaarii kan liqeessu eenyu?” yommuu jedhu, liqatti hajamee osoo hin ta’in nama liqeessuutti tola oolu waan barbaadefi. Akkasumas, namni guddinna mindaa akka beekufi.

Rabbiin subhaanahu namni yommuu karaa Isaa keessatti arjoomu, wanta inni arjoome caalaa dacha gochuun isaaf deebisa. Sadaqaa takka yoo kenne, mindaa isaa kudhan ykn dhibba ykn dhibba torba ykn san caalu isaaf taasisa.

Liqaan gaariin asittii fi bakka biraatti jedhame wantoota sadii kan guute ta’uu qaba:
1ffaa-Qabeenya badaa fi gatii hin qabne irraa osoo hin ta’in qabeenya gaarii fi qulqulluu irraa ta’uu. fkn, qabeenya halaalaa irra ta’uu. Midhaan yoo sadaqate, midhaan waagin dhayee fi shame osoo hin ta’iin midhaan qulqulluu fi gaarii ta’e sadaqachu.
2ffaa-nafseen isaa itti gammaduu fi jaalala Rabbii fi mindaa Isaa kajeelun qabeenya baasu ykn arjoomu. Na arga, na beekaa, na dhagayaa fi na faarsaa irraa fagaachu.
3ffaa– Dhaadachuu fi nama rakkisuu dhiisu.
Tokkoffaan qabeenyaan wal qabata. Lamaffaan nama baasun wal qabata, isaa fi Rabbiin jidduu wanta jiruun wal qabata. Sadaffaan immoo nama arjoomu fi nama qabeenya kana fudhatuun wal qabata.[10]

 Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Warroonni karaa Rabbii keessatti qabeenya isaanii baasan ergasii wanta baasan dhaadannaa fi rakkisuun hin hordofsiisne, mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira isaaniif jira. Isaan irra sodaan hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqaraa 2:262

Namoonni kunniin Rabbiif jedhanii fi mindaa Isa bira jiru kajeeluun qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti ni baasu ykn ni arjoomu. Erga baasanii booda “ebaluuf akkas akkas godhe” jechuun hin dhaadatan. Ammas, dubbii fi hojiidhaan nama sadaqaa kennaniif hin rakkisan. Warri kuni mindaan isaanii Rabbiin bira isaaniif jira. Isaan waan darbeef hin gaddan waan gara fuunduraatti dhufuufis hin sodaatan. Sodaa fi gaddi yoo isaan irraa deeme, nageenyaa fi tasgabbii keessa ta’uu jechuudha. “Karaa Rabbii keessatti baasiin bahu wanta jaalala Rabbii ittiin kajeelanii fi mindaa Isa bira jiru ittiin barbaadaniidha.[11]

Namni mindaa guddaa kana argachuuf sadaqaa isaa na argaa, dhaadannaa fi nama rakkisuu irraa qulqulleessu qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yaa warra amantan! Sadaqaa keessan dhaadannaa fi rakkisuun hin balleessinaa.” Suuratu Al-Baqaraa 2:264


Kitaabban wabii:
[1] https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote9sym, Tafsiiru Qurxubii-20/238
[2] Tafsiiru Xabarii-22/389, Tafsiiru Qurxubii-20/238[3] Tafsiiru Muyassar-538[4] Tafsiiru Xabarii-22/391
[5] Tafsiiru Sa’dii-989, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/173, https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote13sym
[6] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/173,Tafsiiru Xabarii-22/396 [8] Tafsiiru Qurxubii-20/244[9] Tafsiiru Muyassar-538, Tafsiiru Xabarii-22/397[10] Bidaa’u tafsiir-3/128[11] Tafsiiru Xabarii-4/655

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply