Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 4

Ifa Mu’mintootaati fi gammachuu isaanii

57:12

“Guyyaa mu’mintoota dhiiraa fi dubartootaa ifti isaanii isaan fuunduraa fi mirga isaaniitiin fiigu argitu, [akkana isaaniin jedhama], “Har’a oduun gammachiisaan keessan, achi keessatti kan haftan taatanii Jannata jala ishii laggeen yaa’aniidha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:12

Mu’mintoota jechuun namoota Rabbiitti, malaykotatti, Kitaabanitti, Ergamtootatti, Guyyaa Qiyaamaa fi murtii Rabbitti amananii fi hojii gaggaarii isaan irraa eeggamu hojjataniidha. 

“Guyyaa mu’mintoota dhiiraa fi dubartootaa ifti isaanii isaan fuunduraa fi mirga isaaniitiin fiigu argitu,” kana jechuun yommuu Guyyaan Qiyaamaa dhufee aduun maramte, jiiyni ifa dhabe, namoonni dukkana keessa ta’anii fi Jahannam irratti siraaxni (riqichii) kaa’ame, mu’mintootaa dhiiraa fi dubartii ifti isaanii fuulduraa fi mirga isaanitiin kan fiigu ta’ee argita.[1] Ifni hamma hojii isaanii irratti hundaa’e isaaniif ifa. Akkuma Abdullah ibn Mas’uud jedhe: “Hamma hojii isaanii irratti hundaa’e siraaxa irra darbu. Isaan keessaa ifti isaa akka gaaraa guddaa ta’etu jira. Isaan keessaa ifti isaa akka muka temiraa ta’etu jira, isaan keessaa nama ifti isaa hanga nama dhaabbate gahutu jira. Isaan keessaa ifti isaa xiqqaa kan ta’e nama ifti isaa quba guddaa gahuu fi yeroo garii ifu yeroo biraa immoo dhaamudha.”[2]

“[akkana isaaniin jedhama], “Har’a oduun gammachiisaan keessan, achi keessatti kan haftan taatanii Jannata jala ishii laggeen yaa’aniidha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.”

Bushraa jechuun oduu nama gammachiisu namatti beeksisuudha.[3] Guyyaa san Malaykoonni oduu gammachiisaa mu’mintootatti himu ykn beeksisu. Oduun gammachisaan kunis, Jannata bal’oo laggeen mukkeenii fi gamoowwan ishii jala yaa’an seenuudha. Achi keessatti kan hafan ta’anii yeroo hundaa keessa jiraatu. “Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.” Jannata keessa seenuu fi yeroo hundaa achi keessa turuun milkaa’inna guddaadha.

Guyyaa Munaafiqonni ifa dhabanii fi Dallaa rahmataa seenuu irraa dhoowwaman

(13)-Guyyaa munaafiqonni dhiirotaa fi dubartotaa warra amananiin, “Nu eegaa ifa keessan irraa qabsiifannaa” jedhan, “Gara duuba keessanitti deebi’aatii ifa barbaadadhaa.” [isaaniin] jedhamu [san yaadadhu]. Jidduu isaaniitti jogola (dallaa) balbala qabu kan keessa isaa rahmanni, ala isaa immoo azaabni (adabbiin) jirutu dhaabbama. (14)-[Munaafiqonni], “Isin waliin hin turree” jechuun [mu’mintoota] waamu. Isaaniis ni jedhu, “Eeyyen! Garuu isin of jalliftan, ni eegdan, ni shakkitan, hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin isin gowwoomsite. Waa’ee Rabbii ilaalchise gowwoomsaanis isin gowwoomse.” Suuratu Al-Hadiid 57:13-14

Munaafiqota jechuun namoota gubbaan Islaamaa mul’isanii fi arrabaan dubbatan garuu keessaa isaanii keessatti kufrii dhoksanii fi qalbiin hin amanneedha. Al-Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitiin)” waan ta’eef namni Guyyaa Murtii waan hojjateen mindeefama. Aayaata armaan olii keessatti Guyyaa Qiyaamaa haala munaafiqoota dhiiraa fi munaafiqota dubartii ifa baasa. Wantuma isaan addunyaa irratti mu’mintootatti hojjataa turaniin Guyyaa Murtiis fakkaatama isaan hojjatan munaafiqotatti hojjatama. Munaafiqonni gubbaan Mu’imintootatti makamanii hojii isaan hojjatan ni hojjatu, miseensa isaanii fakkaatu. Garuu qalbii isaanitii fi yommuu adda ta’an diina mu’mintootaati. Addunyaa irratti munaafiqonni ifa iimaana hin qabanii turan.

Guyyaa Qiyaamaa namoonni iddoo wal gahiitti yommuu walitti qabaman dukkana cimaaf saaxilamu. Mu’mintoota malee namoonni iddoo qorannoo ergasii gahuumsa dhumaa ifa ittiin deemaniin ni dhabu. Rabbiin azza wa jalla mu’mintootaaf ifa isaan fuundura ifuun ittiin deeman isaaniif kenna. Ifni kuni akkuma isaan fiigan isaan fuundura fiiga. Akkuma konkolaachisaan halkan dukkanaa keessa ifa konkolaataa ibsachuun karaa isa fuundura jiru arguun gara fuunduraatti fiigu, mu’mintoonnis ifa iimaanaa ibsachuun gara fuunduraatti fiigu.

Munaafiqonni immoo jalqaba irratti mu’mintoota waliin walitti qabamu. Ergasii mu’mintoonni gara bakka qorannoo akka deeman ni ajajamu. Isaaniis hamma iimaanaa fi baay’inna hojii gaarii isaanii irratti hundaa’e ariitin ni fiigu. Rabbiinis ifa ittiin deeman isaaniif godha. ifni kuni isaan fuundura fiiga. Mirgaa isaaniitiin facaasu fi naannessu ni danda’u. Isaan tasgabbeesuuf akkana isaanin jedhama: “Har’a oduun gammachiisaan keessan, achi keessatti kan haftan taatanii Jannata jala ishii laggeen yaa’aniidha. Suni isumatu milkaa’inna guddaadha.”

Munaafiqonnii iimaanaa fi hojii gaggaarii waan hin qabneef gara bakka qorannoo fi jazaa akka mu’mintoonni fiiganitti fiigu hin danda’an. Ifa isaan fuundura fiigus hin argatan. Adeemsa jalqabaa irratti ifa mu’mintoota irraa ni fayyadamu. Isaan duuba yeroo gabaabaf ni deemu. Ergasi isaan hordofuu irraa dadhabuun duubatti hafu. Mu’mintoonni isaan dursu, ifni isaaniis isaan waliin munaafiqota dursa. Ergasii isaan irratti ni dukkanaa’a.

Yeroo kanatti, munaafiqonni dhiirotaa fi dubartootaa mu’mintoota beekaniin akkana jedhu, “Nu eegaa! Ifa keessan irraa qabsiifannaa.” Kana jechuun ifa keessan irraa ibsanne gara isin itti deemtan waliin deemnaa nu eegaa. Garuu mu’mintoonni deebii hin deebisaniif. Dhiirotaa fi dubartoota munaafiqoota ta’aniin akkana jedhama: “Gara duuba keessanitti deebi’aatii ifa barbaadadhaa.” Kana jechuun bakka dhuftanitti deebi’aa. Mataa keessanif achii ifa barbaadadhaa. Kan dandeessan yoo taatan, carraaqqi keessaniin hojii keessan irraa ifa barbaadadha. Ifa ittiin qajeeltan mataa keessaniin soqadhaa. Akkuma addunyaa irratti firii namoota biroo irraa fayyadamtan, har’a immoo ifa namoota biroo irraa fayyadamu hin dandeessan. Addunyaa irratti “Nuti isin walin jirra” jettanii kijibuun bu’aa hojii isaanii fayyadamtu. Garuu har’a kijibuu fi gowwoomsun hin jiru. Guyyaan Guyyaa Murtii fi haqaati. Jecha kana Malaaykonni erga isaaniin jedhanii booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mu’mintootaa fi munaafiqota jidduu jogola (dahoo ykn dallaa) dhaaba. “Jidduu isaanitti jogola (dallaa) balbala qabu kan keessa isaa rahmanni, ala isaa immoo azaabni (adabbiin) jirutu dhaabbama.” 

Rabbiin jogola ykn dallaa kanaaf balbala godha. Hanga mu’mintoonni duubatti harkifatanii fi ifti isaanii dadhabaa ta’ee balbala kanaan seenanii xumuramanitti waardiyoonni isaaniif hayyamu. Ergasii munaafiqota irratti balballi ni cufama. Haguuggamanii gara kallatti kaafirotatti qajeelfamu. Kanaafu, isaan waliin ta’u. Sababni isaas, addunyaa keessatti munaafiqonni kaafirota waliin turan.

Dallaan kuni keessi isaa bareedaa mu’mintootatti aanudha. Mu’mintoota dallaa kana keessa seenan irratti rahmanni Rabbii qalbii fi nafsee isaanii gammachiisu ni bu’a. Alli dallaa kanaa immoo sodaachisaa munaafiqotatti aanudha. Ala kanarraan munaafiqotatti azaabni (adabbiin) adda addaa ni dhufa.

Munaafiqotaaf dallaa kana akka seenan isaaniif hin hayyamamu. Yeroo kanatti furmaanni isaanii, tarii mu’mintoonni isaaniif raga bahuun jaarsummaa akka isaaniif ta’aniif akkana jechuun isaaniitti lallabuu: “Isin waliin hin turree?” Kana jechuun addunyaa keessatti isin waliin kan salaannu, soomnu, hajjinuu fi hojii gaggaarii biroo kan hojjannuu hin turree?

“Mu’mintoonnis ni jedhu, “Eeyyen!” kana jechuun eeyyen gubbaan (zaahiran) nu waliin turtan. Gubbaan hojima akka keenyaa hojjachaa turtan. Garuu addunyaa keessatti keessaan (qalbiin) nu waliin hin turre. Hojiin keessan hojii munaafiqaa iimaanni fi niyyaa gaariin keessa hin jirreedha. Kanaafu, har’a dallaa kana keessa nu waliin ta’uu hin dandeessan. Munaafiqonni keessaan (qalbiin) addunyaa keessatti isaan waliin akka hin turre mu’mintoonni dhimmoota shan tarreessu:

isin of jalliftan” kana jechuun filannoo keessaniin karaa jallinnaa hordofuun, kufrii dhoksuun, haqa fudhachuu diduun, Islaamaa fi Muslimootatti shira baasun of jalliftan, nafsee teessan adabbiif saaxilatan.

ni eegdan” kana jechuun Islaamaa fi Muslimoota irratti balaan akka bu’uu fi badan eegaa turtan. Erga isaan badanii booda kufrii keessan ifatti baastu turtan. Garuu Rabbiin mu’mintoota gargaaree kaafirota salphise. Kanaafu, shira keessan isin irratti deebise. Isin shira kan baastan turtan.

ni shakkitan” haqa Nabiyyiin (SAW) Rabbii olta’aa irraa fide ni shakkitan. Haqa kana keessaa du’aan booda kaafamu ni shakkitan. Ragaaleen ifaa osoo isaaniif dhufee jiru shakkuuf uzrii (sababa) homaatu hin qabanii turan.

hanga ajajni Rabbii dhufutti hawwiin isin gowwoomsite.” Kana jechuun hanga duuti isinitti dhuftutti hawwiin sobaa isin hawwitan, hawwiin sheyxaanni fi kaafironni isin hawwisisan isin goowwomsite.[4] Hawwiin sobaa kuni: mu’mintoota irratti balaan akka bu’uu fi gadi aanan hawwuu, badiin kiyya naaf araaramama (irra darbama) jechuun badii hojjachuu itti fufuu, addunyaan isaan gowwoomsu fi kkf of keessatti qabata.

Gabaabumatti hawwiin kuni hawwaa badaa karaa Rabbii irraa isaan deebisuu fi isaan jallisuudha. Akka kaafirotatti guddinna guddaa irra geenya jechuun Islaama irraa garagaluu fi kaafirota akkeessuf carraaqun hawwii isaan gowwoomsudha. Hawwiin kuni isaan goowwomsun osoo hin tawbatin duuti isaanitti dhufuun kufrii fi nifaaqa irratti du’an.

Waa’ee Rabbii ilaalchise gowwoomsaanis isin gowwoomse.” Kana jechuun sheyxaanni murtii fi dhiifama Rabbiitiin isin gowwoomse.[5] Yommuu Rabbiin osoo isaan hin adabin yeroo muraasaaf isaan dhiisu, sheyxaanni kufrii fi nifaaqa isaaniif miidhagse, adabbii Rabbii jalaa nagaha akka bahan isaan tasgabbeesse.[6] Dhugumatti kuni gowwoomsu guddaadha. Kufrii, nifaaqa fi badii isaanii osoo hojjachuu itti fufanuu, “adabbii Rabbii jalaa nagaha ni baatu” jedhe isaanitti hasaasun gowwoomsu guddaadha. Nafsee ofii keessatti akkana ofiin jedhu “[Badii hojjannuu fi] wanta dubbannu kanaaf maaliif Rabbiin nu hin adabnee?” (Ilaali suuratu al-Mujaadala 58:8)

Ibsa kana booda munaafiqotaan akkana jedhama:

57:15

“Har’a isinii fi warra kafaran irraa fidyaan hin fuudhamu. Teesson keessan ibidda. Ishiin mawlaa keessani, gahuumsi waa fokkate!” Suuratu Al-Hadiid 57:15

Fidyaa jechuun adabbii jalaa nagaha bahuuf qabeenya kennamuudha. Ingiliffaan Ransom, Amaariffaan Beezaa jechuun hiikan. Fkn, namni yoo hidhame, hidhaa irraa akka gadi furamuuf mallaaqni ni kennama. Maallaqni kuni fidyaadha.

Mu’mintootaa fi munaafiqota jidduu haasofti erga xumuramee booda, abdii isaan kutachiisuu fi adabbii jalaa bahuuf mala wayitu akka hin baafanne, akkana isaaniin jedhama: “Har’a isinii fi warra kafaran irraa fidyaan hin fuudhamu.” Kana jechuun yaa munaafiqoota! Har’a isinii fi warra ifaan ifatti kafaran irraa kafaltiin ykn bakka bu’aan azaaba Rabbii ittiin ofirraa deebistan isin irraa hin fuudhamu.[7] Guyyaa Qiyaamaa osoo addunyaa fi wanti ishii keessaa jiru hundi kan isaanii ta’ee azaaba jalaa ittiin of baasuuf akka kafaltiitti dhiyeessanii, isaan irraa hin fuudhamu. Guyyaa san wanti namni qabu iimaanaa fi hojii gaarii qofa. Qabeenyaa fi wanti inni ittiin of dhaadataa ture Gaafa san of biratti hin argatu. Asirraa kaane, iimaanni fi hojiin gaariin addunyaa fi qananii addunyaan qabatte hunda caala jechuu dandeenya. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa cinqiin hammaatu san wanti ibidda Jahannam jalaa nagaha nama baasu qananii addunyaa tana irratti horatan osoo hin ta’in iimaanaa fi hojii gaarii hojjataniidha.

“Teesson keessan ibidda.” Kana jechuun iddoon itti galtanii fi keessa qubattan ibidda Jahannami.

 “Ishiin mawlaa keessanii” Sababa kafartanii fi shakkitaniif iddoo jireenyaa hundaa caalaa Ibiddi Jahannam bakka isiniif maltuu fi ofitti isin qabduudha.[8]gahuumsi waa fokkate!” Ibiddi Jahannam gahuumsa dhumaa gahaniidha. Dhugumatti gahuumsi kuni garmalee fokkataa fi badaa ta’ee jira!

Wantoota baay’ee asirraa baranna. Isaan keessaa:
1-Al-Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitin) jedhama- mu’mintoonni akkuma addunyaa irratti amananii fi hojii gaggaarii Rabbiin jaallatutti fiigan, Guyyaa Qiyaamaa yommuu dukkanni nama marsu sanitti Rabbiin ifa ittiin deemanii fi fiigan isaaniif godha.  Faallaa kanaa, munaafiqonni akkuma addunyaa irratti qalbii isaanitiin amanuu didanii dukkana kufrii keessa turan, Guyyaa Qiyaamaa iimaana waan hin qabneef ifa ittiin deeman ni dhabu. Guddinnii fi jabeenyi ifaa hamma iimaanaa fi hojii gaggaari irratti hundaa’a. Namni iimaanni isaa cimaa ta’ee fi hojii gaggaarii baay’ee ikhlaasaan hojjate, akkasuma, ifni isaa guddaa ta’a. Akkasumas gara fuunduraatti ariitin deema. Namni iimaanni isaa laafaa fi hojiin isaa xiqqaa ta’e akkasuma ifaa fi adeemsi isaa dadhabaa ta’a. Kaafironni fi munaafiqonni iimaanaa fi hojii gaggaarrii waan hin qabneef, ifa ni dhabu.

2-Munaafiqonni zaahiraan (gubbaan) Islaamaa labsuun keessatti immoo kufrii dhoksuun Muslimoota waliin jiraataa turan. Kan kana godhaniif faayda Muslimoota irraa argachuu fi miidhaa ofirraa deebisuufi. Guyyaa Qiyaamaa ifni faayda guddaa garmalee barbaadamu waan ta’eef, isaanitti makamanii mu’mintoota irraa ifa kana argachuuf ni hawwuu. Garuu Guyyaan Guyyaa haqaa waan ta’eef ifa kana hin argatan. “Gara duubatti deebi’aatii achii ifa barbaadadhaa.” Isaaniin jedhama.

3- Iimaanni fi hojiin gaariin akka dallaa balbala qabuuti. Mu’mintoonni addunyaa keessatti iimaana keessa waan seenanii fi hojii gaggaarii ikhlaasan waan hojjataniif, Guyyaa Qiyaamaas dallaa (jogola) isaanii fi munaafiqota jidduutti dhaabbame nagahaa fi ariitin seenu. Munaafiqonni immoo gubbaan Islaama haa mul’isanii malee qalbiidhaan iimaana keessa waan hin seennef dallaa keessi isaa rahmata ta’e keessa hin seenan. Gara alaatti dhoowwamuun azaaba naannawa sanitti dhufuuf saaxilamu. “Al-Jazaa’u min jiinsil amal (mindaan gosa hojiitin)” kan jedhu ammas yaadadhu.

4-Gatiin hojii kan madaallamu gubbaa qofaan osoo hin ta’in wanta qalbii keessa jiruuni. Munaafiqonni mu’mintootaan “Isin waliin salaatuun, soomuun, qabsaa’uu fi hojii gaggaarii biroo keessatti hirmaachuun isin waliin hin turree?” jedhu. Garuu iimaanni fi ikhlaasni qalbii keessa waan jirreef hojiin gubbaa isaan irraa mul’atu akka homacha (horofaa) saamunaa ta’a. Yoosu bada, gatii homaatu hin qabu. Kanaafu, Guyyaa boru ifa argachuuf, “Iimaana qalbii keessa jiru cimsachuuf, na argaa, na beekaa, na dhagayaa fi kkf irraa hojii gaggaarii qulqullefachuun jaalala Rabbii fi mindaa Isaa argachuuf namni haa carraaqu.”

5-Namni hanga fedhe hojii gaggaarii haa hojjatu, qalbii isaa keessatti wanta iimaana faallessu yoo kuufate hojiin isaa jalaa bada. Aayah armaan olii keessatti wanta munaafiqotaan jedhame keessaa: “of jalliftan.” Kana jechuun qalbii keessatti kufrii dhoksuu fi Islaamaa fudhachuu diduun of jallistan. “ni shakkitan.” Kana jechuun haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe ni shakkitan. Kan akka Qur’aanaa, du’aan booda kaafamu ni shakkan. Shakkiin qalbii keessa yoo ture gara kufriitti waan nama geessuuf iimaanan wal faallessa. “ni eegdan” kana jechuun Islaamni fi Muslimoonni akka badan ni eegdan. Kuni Islaamaa fi Muslimoota irratti waan badaan akka bu’uu hawwuu waan ta’eef iimaanan wal faallessa. Namni Guyyaa dukkanni fi dhiphinni namatti bu’u san jalaa nagaha bahuuf gochoota akkanaa irraa of eeguf haa carraaqu.

6-Tarii of jallisuu, shakkuu fi waan badaa Islaamaa fi Muslimoota irratti eegutti kan isaan geesse, hawwii sobaati fi sheyxaana. Hasaasni sheyxaanni isaanitti hasaasu, kufrii fi shakkitti akka kufan isaan taasise. Sheyxaana irraa eeggamuuf osoo gara Rabbii fiiganii eeggumsa Isarraa kadhatanii, silaa Rabbiin isaan eegaa ture. Garuu isaan kana hin hojjanne. Hawwiin sobaa isaan hawwanii fi kaafironni isaan hawwisiisan, badiitti akka lixan isaan taasise. Munaafiqonni kaafirota hiriyyaa waan godhataniif waan badaa isaan hawwisiisu. Hawwiin sobaa kuni hundi karaa qajeelaa irraa akka jallatan isaan taasise. Kanaafu, namni hasaasa sheyxaanaa fi hawwii sobaatin gowwoomun, daandii haqaa (Islaama) irraa dabuu irraa of haa eeggatu. 


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-989
[2] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/176[3] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/381
[4] Zaahiratu nifaaqi wa kabaa’isu munaafiqiin fi taarikh-1/644-658, Abdurahmaan Hasan Habanka
[5] Zaadul Masiir-1398[6] Tafsiiru Sa’dii-990, Tafsiiru Xabarii-22/406
[7] Tafsiiru Xabarii-22/407, Zaahiratu nifaaqi wa kabaa’isu munaafiqiin fi taarikh-1/659[8] Tafsiiru ibn Kasiir-7/180, Tafsiiru Sa’dii-990

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-kutaa 5
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 3

Leave a Reply