Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-kutaa 5

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti haala mu’mintootaa fi munaafiqota dhiiraa fi dubartootaa ilaallee turre. Haalli kuni wanta gaflaa keessaa nama dammaqsuudha. Tarii qalbii gogdee laaffisa. Kanaafi itti aanse ni jedha:

57:16

Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta bu’eef laaftu hin geenyee? Akka warra isaaniin dura kitaabni kennameefi, yeroon isaanitti dheeratee qalbiin isaanii gogde hin ta’in. Baay’een isaanii faasiqoota.” Suuratu Al-Hadiid 57:16

Ganda Aakhirah keessatti yommuu haala mu’mintoota fi munaafiqoota dubbatu, kuni qalbii gara laafinnaa fi Rabbiif of gadi qabuu kakaasudha. Kana booda namoonni qalbiin isaanii yoo hin laafinii fi gadi of hin qabin, gorsi akkana jedhu ni barbaachisa:

“Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta bu’eef laaftu hin geenyee?” kana jechuun warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi qajeelcha Isaa hordofaniif, yommuu Rabbiin faarfamuu fi Qur’aana dhagayan yeroon qalbiin isaanii itti laaftu, gadi of qabduu fi ajajoota Isaatiif bultuu hin dhufnee?[1] Kana keessa qalbii Rabbiif gadi qabuu fi laaffisuuf carraaqu, yeroo hundaa warri amanan gorsa Rabbiin irraa bu’e yaadachuu fi nafsee ofii qorachuutti kakaasutu jira.

Khushuu’u (qalbiin laafuu fi of gadi qabuun) kuni ajajoota Rabbiitti akka bulan nama taasisa. Namni zikrii Rabbiitii fi Qur’aanaaf qalbiin isaa yoo laafte fi of gadi qabde, wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun isarraa eeggama. Kanaafi, Abdullah ibn Abbaas, aayah tana akkana jechuun fassare (ibse), “yeroo qalbiin isaanii Rabbiif itti ajajamtu hin geenyee?”[2]

Aayan tuni tawbaa Fudayl ibn Iyaadif sababa guddaa taate. Fudayl dubara takka ni jaallate. Halkan tokko waadaa galteef. Osoo inni ishii bira dhaquuf dhaaba dallaa bahuuf tattaafatu, aayah tana dhagahee: “Warra amananiif yeroon qalbiin isaanii zikrii Rabbiitii fi dhugaa irraa wanta bu’eef laaftu hin geenyee?” Ergasii osoo akkana jedhu duubatti deebi’e: “Eeyyeen! Rabbiin kakadhe, yeroon gahee jira.” Karaa daaritti goree halkan achi bule. Karaa kana keessa namoota karaa deemantu ture. Namoonni kunniin akkana waliin jedhu: “Fudayl karaa mura (shiftaadha).” Ergasii Fudayl akkana ofiin jedhe: Waa! Halkaniin Rabbiin faallessuuf nan carraaqa, Muslimoonni na sodaatu! Yaa Rabbii! Gara keetti deebi’e (tawbadhe). Gara keetti tawbachuu kiyya cinaa Mana Kee qulqulluu (Al-Masjid al-Haraam) godhee.”[3] (Fudeyl umrii isaa hafee Makkaan deemun Al-Masjiid Al-Haraam cinaatti dabarse. Kana booda seenaa keessatti nama gaarii fi beekumsa qabu ta’uun beekkame.)

“Akka warra isaaniin dura kitaabni kennameefi, yeroon isaanitti dheeratee qalbiin isaanii gogde hin ta’in.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amanan yahuudotaa fi kiristaanotaan akka wali hin fakkaanne ni dhoowwe. Yahuudotaa fi Kiristaanonni yommuu yeroon dheeraan isaan irra darbu, kitaaba Rabbii harka isaanii jiru ni jijjiran, gatii xiqqaan ni gurguratan. Kitaaba Rabbii of duubatti darbanii ilaalcha garagaraa fi dubbii sobaatti qajeelan. Amantii Rabbiin isaaniif kaa’e keessatti dhiirota akkeessan. Raabi, qeeysotaa fi moloksee isaaniitiif ajajamuun Rabbii gaditti gooftolee godhatan. “Baay’een isaanii faasiqota” kana jechuun Yahuudotaa fi Kiristaanotaa irraa baay’een isaanii Rabbiif ajajamuu didanii jiru. Qalbiin isaanii faasida (tan baddeedha), hojiin isaanii baaxila (soba). Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Sababa waadaa isaanii diiganiif isaan abaarree qalbii isaanii gogdu taasifne. Jechoota bakka isaaniitii ni jijjiru, wanta ittiin gorfaman irraas qooda ni dagatan (ni dhiisan).” Suuratu Al-Maa’ida 5:13

Kana jechuun qalbiin isaanii ni badde, ni gogde. Barteen (amalli) isaanii jechoota bakka sirrii isaanii irraa jijjiruudha. (Kitaaba isaanii Tawraati fi Injil keessatti jechoota bakka sirrii irraa jijjiru). Hojii itti ajajaman ni dhiisan, wanta irraa dhoowwaman itti lixan. Kanaafi, Rabbiin warra amanan, dhimmoota hundee fi damee keessatti yahuudotaa fi kiristaanotaan wal fakkaachu irraa ni dhoowwe.[4]

57:17

Beekaa! Rabbiin dachii du’aa ishiitiin booda ni jiraachisa. Akka hubattaniif aayaata isiniif ifa goonee jirra.” Suuratu Al-Hadiid 57:17

“I’ilamuu (Beekaa)” jechuun dubbii jalqabuun, wanti namatti himamu wanta cimaa xiyyeefannoo fi gurra itti kennu barbaachisu akka ta’e namatti beeksisa. Jecha, “Beekaa” jedhu booda wanti dhufe dhokataa haa ta’uu malee gatii guddaa akka qabu agarsiisa. Kunis haala qalbii amantee zikrii Rabbiitti hajamtu, haala lafa duutu gogdee roobatti hajamtuun wal fakkeessu barbaadamee. (Akkuma lafti biqiltoonni irraa baduun duutee fi gogde, biqiltoonni ishii irratti akka biqilaniif roobatti hajamtu, qalbiin gogdee fi duutees akka laaftuu fi jiraattuuf yaadannoo Rabbii fi Qur’aanatti hajamti.) Zikriin Rabbii fi Qur’aanni akka roobaati.[5] Akkuma sababa roobaatin lafti duute fi gogde jiraattu, sababa zikrii fi Qur’aanaatiinis qalbiin gogdee fi duute ni jiraatti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota lama qulqulluu samii irraa buuse. 1ffaa rooba qaamni namaa ittiin jiraatudha. Roobni roobun biqiltoonni ni biqilu, ergasii namoonni biqiltoota kannin nyaatun qaamni isaanii ni jiraata. 2ffaan– immoo wahyii (beeksisa) ruuhi fi qalbiin namaa ittiin jiraataniidha. Qur’aanni wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef ruuhi fi qalbiin ittiin jiraatu. Qalbiin dukkana kufrii, shirkii fi wallaalummaa keessatti taruun gogdee fi duute, Qur’aanan dukkana cillimii kana keessaa gara ifaatti bahuun jiraatti. Dhiphinna, jeeqamuu fi jallinna booda bal’inna, tasgabbii fi qajeelinna argatti.

Haafiz ibn Kasiir aayah tana ilaalchise ni jedha: Rabbiin qalbii gogde akka laaffisuu, nama dhama’aa jallinna isaa booda akka qajeelchu, rakkoon erga cimee booda karaa bahiinsa akka godhu aayan tuni ni agarsiisti. Rabbiin akkuma dachii duute fi gogdee rooba baay’ee itti roobsun jiraachisu, qalbii gogde ragaalee Qur’aanatiin ni qajeelcha. Qalbiin cufamte homtu ishii akka hin geenye erga taate booda ifa qalbiitti ni seensisa. Inni qulqullaa’e jallinnaan booda nama fedhe Kan qajeelchudha.[7]

Ammas wanti jecha “Beekaa” jedhu irraa barbaadame, “Du’aan booda kaafamni akka jiruu” mirkaneessufi. Kana booda ibsi aayah akkana ta’a:  Beekaa! Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dachii du’a ishiitiin booda rooba itti roobsun ni jiraachisa, kanaafu, biqiltoota ni biqilchiti. Akkuma kana Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa namoota du’an kaasu irratti danda’aa akka ta’e beekaa. Ammas, qalbii erga gogde laaffisuu irratti danda’aa akka ta’e beeka.[6]

Akka hubattaniif aayaata isiniif ifa goonee jirra.” Kana jechuun akka hubattanii gorfamtaniif ragaalee fi wantoota Dandeetti Keenya agarsiisan isiniif ifa goonee jirra.[8]

Aayah tana “Beekaa!” jedhee jalqabuun sammuun beeku qofa osoo hin ta’in wanta beekan hojii irra akka olchan namatti akeeka. Namni, “Sababa Qur’aanaatin qalbiin akka laaftu fi jiraattu” beeke, Qur’aana barachuu fi hojii irra oolchuuf tattaafata. Kanaafu, wanta beeke hojii irra oolchun firii barbaadame argata. Akkasumas, qabxiin biroo aayah tana irraa hubatamu qabu, nama dukkana jallinnaa fi badii keessatti taree Rabbiin guyyaa tokko isa qajeelchu fi qalbii isaa jiraachisu danda’a. Kanaafu, namni jallinnaa fi badii keessatti yoo taree, gara Rabbii deebi’uun qajeelcha Isarraa haa barbaadu, qalbiin isaa akka laaftuf Isa haa kadhatu. Ammas, namoota jallinna keessatti taran tuffachuu osoo hin ta’in karaa itti agarsiisuuf carraaqudha. Rabbiin subhaanahu akkuma dachii gogde jiraachisu qalbii isaaniis jiraachisu irratti danda’aa waan ta’eef.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-539[2] Tafsiiru Xabarii-22/408[3] Tafsiiru Al-Qurxubii-20/256[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/181[5] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/393[6] Tafsiiru Muyassar-539[7] Tafsiiru ibn Kasiir-7/182[8] Tafsiiru Muyassar-539

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply