Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Warri sadaqatanii fi karaa Rabbii keessatti qabeenya ofii arjooman mindaa dachaa argatu

57:18

Dhugumatti, dhiironni fi dubartoonni sadaqatanii fi Rabbiif liqaa gaarii liqeessan, [mindaan isaanii] dachaa isaaniif ta’a. Isaaniif mindaa gaariitu jira.” Suuratu Al-Hadiid 57:18

“Dhugumatti, dhiironni fi dubartoonni sadaqatanii” kana jechuun dhiironni fi dubartoonni namoota haajaa qabanii fi rakkataniif qabeenya isaanii kennan, akkasumas, “Rabbiif liqaa gaarii liqeessan” kana jechuun niyyaa qulqulluun, jaalala Rabbii barbaaduun karaa kheeyri (gaarii) keessatti qabeenya isaanii baasan, mindaan kanaa isaaniif baay’ata. Kudhan irraa jalqabe hanga dhibba torba gahuu fi sani ol ta’utti dacha dachaa isaaniif ta’a.[1] Jecha gabaaban, dhiironnii fi dubartoonni sadaqaa kennatanii fi jaalala Rabbii fi mindaa Isa bira jiru kajeelun qabeenya isaanii karaa Isaa keessatti baasan, mindaan isaanii dacha dachaa isaaniif ta’a. Kanaa olitti immoo “Isaaniif mindaa gaariitu jira” Mindaan gaarii fi kabajamaan kunis Jannata.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa, “Rabbiif liqaa gaarii liqeessan” yommuu jedhu, liqatti hajamee osoo hin ta’in, nama liqeessuutti tola oolu waan barbaadefi. Akkasumas, namni guddinna mindaa akka beekufi. Rabbiin subhaanahu Dureessa homaattu hin hajamneedha. 

Karaa Rabbii keessatti baasun, liqaa gaarii kan jedhameef nama karaa gaarii keessatti qabeenya akka baasu fi arjoomu kakaasuufi. Nama biratti wanta garmalee jaallatamaa ta’e keessaa tokko, “Qabeenya”. Qabeenya kana wanta nafsee isaa gammachiisuu fi faayda naaf fida jedhee yaadu irratti malee baasu hin barbaadu. Kanaafu, qabeenya inni baasu hin barbaanne kana, “Liqaa liqeessi dacha dachaa ta’ee siif deebi’a” yoo jedhame, liqeessuuf ni ariifata. Kanaafi, warri baanki seera Islaamaatin hin bulle, liqaa namaaf liqeessuuf ni ariifatu. Sababni isaas, liqaa yoo liqeessan maallaqni dacha ta’ee isaaniif deebi’a. Kuni dhala ykn ribaa waan ta’eef Islaama keessatti dhoowwamaa (haraama)dha. Garuu bakka dhalaa (ribaa) wanta dachaa namaaf ta’u Rabbiin bakka buuse. Wanti kunis sadaqaa fi karaa Rabbii keessatti baasu (liqaa gaariidha). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

30:39

Qabeenya namootaa keessatti akka dhaluuf wanti isin dhala irraa kennitan, Rabbiin biratti homaa hin dhalu. Garuu zakaa irraa Fuulaa Rabbii barbaadun wanti isin kennitan, [isatu isiniif dhala].  Isaan sun mindaan kan isaaniif baay’atuudha.” Suuratu Ar-Ruum 30:39

Kana jechuun dhala niyyachuu fi liqaan qabeenya namootaa keessatti akka isiniif dabalu barbaadun qabeenya irraa wanti isin akka liqaatti kennitan, Rabbiin biratti hin dabalu. Kana irra, Rabbiin ni balleessa. Garuu Jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa Isaa kajeelun wanti isin akka zakaa fi sadaqaatti namoota haajaa qabanii fi rakkataniif kennitan, Rabbiin isiniif baay’isa, mindaa dacha dachaa isiniif godha.[2]

Aayan tuni akkana jechuunis ibsamte: “Namoonni wanta inni kenne caalaa dachaa godhanii akka isaaf deebisan barbaaduun namni kennaa kenne, namni kuni Rabbiin biratti mindaa hin argatu. Sababni isaas, kennaa kana keessatti jaalala Rabbii hin barbaanne.”[3]

Namni kuni mindaa haa dhabu malee badiin isarra hin jiru. Garuu namni liqaa liqeessun liqaan isaa dacha ta’e akka isaaf deebi’u barbaadu, badiin isarra jira. Mindaallee ni dhaba, dhala waan nyaatefis ni adabama.

Isaan Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, isaan sun siddiquun fi Gooftaa isaanii biratti shuhadaa’a, mindaan isaaniitii fi ifni isaanii isaaniif jira. Isaan kafaranii fi aayaata Keenya kijibsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.” Suuratu Al-Hadiid 57:19

Siddiquun jechuun warra iimaanni isaanii guutuu ta’e, hojii gaggaarii hojjatan, beekumsa nama fayyadu fi yaqiina (mirkaneefannaa) dhugaa qabaniidha.[4] Jecha gabaaban, siddiquun jechuun amantii, dubbii fi hojii isaaniitin sirritti dhugaa kan ta’aniidha. Akka munaafiqotaa dubbii fi hojiin alaa amantii isaanitiin wal hin faallessu. Amaariffaan, “በጣም እውነተኞቹ” jechuun hiikan. Siddiquun qalbiidhaan shakkii tokko malee dhugaan amanuu, dubbii fi hojii isaanii keessatti dhugaa ta’u. Nabiyyootatti aanee sadarkaan guddaan sadarkaa siddiquunati.

Shuhadaa’a hiika lama qaba: 1ffaa-warra ragaa bahan, 2ffaa-warra karaa Rabbii keessatti ajjeefaman.

Hiika kana irraa ka’uun hayyoonni aayah tana ibsuu irratti yaada lama qabu:
1ffaa– himni “wallaziina aamanu…” jedhee jalqabu, “humu siddiquun” jedhu irratti dhaabbata. Kana booda himni lammataa, shuhadaa’a jechuun jalqaba. Akkaata ibsa kanaatti, hiikni aayah akkana ta’a: Isaan Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, dhugumatti isaan sun warra sirritti dhugaa ta’aniidha (siddiquun). Shuhadaa’a (warri karaa Rabbii keessatti ajjeefaman) immoo “mindaan isaaniitii fi ifni isaanii isaaniif jira.” Kuni ibsa Ibn Abbaas, Masruuq, Dahhak, Muqaatil fi kanneen biroo kennaniidha.

2ffaa– siddiquun fi shuhadaa’a osoo addaan hin baasin aayan guutuun walitti hidhamuun hima tokko taati. Akka ibsa kanaatti hiikni aayah akkana ta’a: “Isaan Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, isaan sun warra sirritti dhugaan ta’anii fi Gooftaa isaanii biratti warra ragaa bahaniidha, mindaan isaaniitii fi ifni isaanii isaaniif jira.” Mujaahid fi hayyoonni biroo ibsa kana kennanii jiru.[5]

Warroonni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan, addunyaa tana keessatti warra sirritti dhugaa ta’aniidha (siddiquun), Guyyaa Qiyaamaa immoo namoota irratti ragaa bahu (shuhadaa’a ta’u).[6] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namoota irratti raga baatota (shuhadaa’a) akka taatanii fi Ergamaanis isin irratti ragaa bahaa akka ta’uuf akka kanatti ummata jiddu-galeessaa isin goone.” Suuratu Al-Baqarah 2:143

Aayah keessatti Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amanan jedhee kaasun Yahuudota fi Kiristaanota osoo ifatti hin baasin haala hubatamuun qeeqa. Yahuudonni Ergamtoota hundatti hin amanne. Nabii Muusatti amananii, Nabii Iisaa fi Nabii Muhammaditti kafaran. Kiristaanonnis Nabii Iisaatti amananii garuu Nabii Muhammaditti ni kafaran. Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu hin amanne. Akkasumas, waa’ee Rabbii olta’aa ilaalchise amantiin isaan qaban badaa kan ta’eedha.  Kanaafu, yahuudonni fi kiristaanonni warra dhugaa (siddiquun) hin jedhaman. Warri sirritti dhugaan amanan, warra Rabbiitti haala sirrii ta’een amananii fi osoo Ergamtoota addaan hin baasin Ergamtoota hundatti amananiidha. Dhugumatti, warri kuni Guyyaa Qiyaamaa namoota irratti ragaa bahuun wanta isaaniif haqa ta’uudha.

“Isaan kafaranii fi aayaata Keenya kijibsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.”

Kana jechuun namoonni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti hin amanne, keeyyattota fi ragaalee Isaa akka sobaatti ilaalan, isaan sun warra ibiddaati. Mindaas ta’e ifni isaaniif hin jiru. Warri kuni yahuudota, kiristaanota, mushrikootaa fi namoota biroo ni hammata. Zamana Nabiyyii (SAW) keessa mushrikoonni Makkaa haqa isaaniif dhufetti amanuu didan. Yahuudonnis Nabii Iisaa fi Nabii Muhammad Ergamtoota Rabbii ta’uu amanuu didan. Kiristaanonnis wanta Rabbiif hin malle jedhan. Kanarratti dabalatee, Nabii Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu hin amanne. [7] Zamana kana wanti kana hundarra badaa ta’e immoo jiraachu Rabbiitti subhaanahu wa ta’aalaa warra hin amanne (eetist). Kunniin hundi yoo hin tawbatin warra ibiddaati.  Rabbiin rahmata Isaatiin ibiddaa fi wantoota gara ibiddaatti nama geessan irraa nu haa tiiksu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru ibn Kasiir-7/182-183, Tafsiiru Muyassar-539, Tafsiiru Sa’dii-991
[2] Tafsiiru Muyassar-408[3] Tafsiiru ibn Kasiir-6/97, Tafsiiru Xabarii-18/508
[4] Tafsiiru Sa’dii-991
[5] Tafsiiru Xabarii-22/413-415, https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote34sym, Bidaa’u Tafsiir-3/129-130, Ibn Al-Qayyim
[6] Bidaa’u Tafsiir-3/130, Ibn Al-Qayyim
[7] Tafsiiru tahriir wa tanwiir-27/400

Tafsiira Suuratu Al-Qiyaamah, Al-Insaan, Al-Mursalaat, An-Naba'i, An-Naazi'at
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply