Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Tafsiira (Ibsa) suuratu Al-Hadiid hanga kutaa 6 ilaalle jirra. Kutaa 7ffaa keessatti maalummaa jireenya addunyaa ni ilaalla. Jireenyi addunyaa namoonni dheebotanii fi irratti wal fixaniif tuni maalidhaa? Haqiiqaan (dhugaan keessa) ishii akkamii? Namni sirritti keessaa fi dhuma jireenya addunyaa yoo beekin gubbaa ilaalun ni gowwooma. Amma tafsiira suuratu Al-Hadiida kutaa torbaffaa itti fufnu.

“Jireenyi addunyaa tapha, lahw, faaya, jidduu keessanitti dhaadannoo, qabeenyaa fi ilmaan baay’ifachuu qofa akka taate beekaa. Fakkeenyi [ishii] akka bokkaa biqilaan isaa kuffaara dinqisiisee ergasii gogee daalacha’aa ta’e argitu, ergasii caccabaa ta’uuti. Aakhiratti adabbii cimaa fi Rabbiin irraa araaramaa fi jaalalatu jira. Jireenyi addunyaa mataa’u [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” Suuratu Al-Hadiid 57:20

Asitti “kuffaar” jechuun qotee bultoota ykn namoota midhaan facaasaniidha. Hiikni biraa “Kuffaar”-namoota Rabbitti hin amanneedha. Mataa’u jechuun wanta yeroo gabaabaf itti fayyadamanii ergasii dhumatuu fi baduudha.

Keeyyata tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota addunyaa tana keessatti nama gowwoomsan ramaddii gurguddaa shan jalatti walitti qabuun ni ibse. Isaanis: Tapha, lahw (bashannana), faaya, wal-jidduutti dhaadachuu, qabeenyaa fi ijoollee baay’ifachuudha.

Addunyaa keessatti ramaddi gurguddaa kanaan ala ramaddin biraa namoonni ittiin wal dorgaman jiraa? Dhugumatti, faaydan addunyaa namoonni umrii fi humna ofii itti fixan tapha, bashannana, faaya, dhaadannoo, qabeenyaa fi ijoollee baay’ifachuu bira hin darbu.

Fakkeenya armaan oli aayah keessatti kenname sirritti hubachuuf mee bakka lamatti haa qoonnu. Tokkoffaa- wantoota shanan armaan olii, 2ffaa- ilma namaa

Wantoota shanan kanniin manasxirii nama gowwoomsun osoo hin ta’in manasxirii dhugaatiin yoo ilaalle, fakkeenyi isaanii akka biqilaa roobni itti roobee biqileeti. Dhugumatti jireenyi addunyaa jalqaba irratti biqilaa waqtii gannaa lafaa ol biqiluutin wal fakkaatti. Ergasii biqilaan kuni yeroo birraan bari’u miidhaginni isaa qotee bulee dinqisiisa. Haaluma kanaan, jireenya addunyaa yommuu garmalee miidhagdu kaafiraa fi nama iimaanni isaa dadhabaa ta’e dinqisiifti. Ergasii ji’oota birraa gara dhumaatti biqilaa ykn midhaan kanarraa magariisni deemun gogee daalachaa’a. Gogee dalachaa’un kuni oomishaaf guutuu ta’uu agarsiisa. Jireenyi addunyaas haaluma kanaan guuttamti. Ergasii biqilaan kuni gogee erga daalachaa’e booda lafarratti caccaba. Magariisni duraan nama dinqisiisu homaa hin hafu. Haftee malee homtu hin mul’atu. Jireenyi addunyaas haaluma kanaani. Dhumti ishii caccabuu fi baduudha.

Wantoota shanan kanniin keessaa akka fakkeenyaatti “faaya” haa fudhannu. Faaya jechuun wanta miidhagaa nama hawwatuudha. Fkn, manni wantoota adda addaatin ni faayama. Jalqaba manni ni ijaarrama. Ergasii yommuu faayamee xumuramu, akkuma midhaan magariisaa nama dinqisiisa. San booda akkuma midhaan gogee daalachaa’u manni kunis dulloomee fokkata. Akkuma midhaan erga gogee booda caccabu, manni kunis takkaa dulloomee kufa, takkaa immoo balaan itti bu’un caccabe daaraa ta’a. Kunoo jireenyi addunyaa namni ittiin of tuuluu fi akka guddaatti ilaalu kana fakkaatti. Telefoona harka qabdu, konkolaataa si dharraasisu, gamoo si hawwiisisuu fi meeshaalee addunyaa biroo fakkeenya kanaan wal bira qabi. Hundi isaanitu fakkeenya kanaan kan walitti galan ta’e argita. “Jireenyi addunyaa mataa’u [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” (Mataa’u jechuun wanta yeroo murtaa’ef itti fayyadamanii ergasii baduudha. Kan akka meeshaa, nyaata, dhugaati, uffata, qabeenya fi kkf.) Namni dhuma jireenya addunyaa hin hubanne, wanta jalqaba irratti arguun gowwoomun qananii turaa Aakhiratti argatu dhaba.

Gara jireenya ilma namaatti yoo dhufne immoo, namni jalqaba yommuu dhalatu, miidhagaa nama dinqisiisuu biqilaa lafaa ol biqiluun wal fakkaata. Akkuma biqilaan yeroo magariisa ta’ee firii buufachuu jalqabu nama dinqisiisu, mucaan kunis yeroo daa’imummaa, ijoollummaa fi dargaggummaa isaatti nama dinqisiisa. Biqilaan firii baadhachuun goguu fi daalachaa’u jalqaba. Haaluma kanaan namni kunis guddate gara jaarsummaatti dhiyaata. Fuulli, amalli fi haalli isaa jijjiramu jalqaba. Midhaan erga gogee fi daalachaa’e booda caccabee citaa ta’a. Namni kunis umrii jaarsummaa keessa seenun dadhabaa, humna kan hin qabne, socho’uun kan itti ulfaatu ta’a. Hanga siree irraa hin sochoone gaha. Jireenyi namaa addunyaa keessatti kunoo akkana. Kana booda maaltu jira ree? Kana booda duuti ni dhufti. Du’anii achiin hafuun waan hin jirreef, qorannoo fi jazaan Guyyaa Qiyaamaa ni dhufa. Kanaafi ni jedha: “Aakhiratti adabbii cimaa fi Rabbiin irraa araaramaa fi jaalalatu jira.

Aayah keessatti bakka zurraa’a jedhu jechi kuffaar jedhu ni filatame. Kuffaar jechuun namoota Rabbiitti, Guyyaa Qiyaamaa fi hundeewwan iimaanaa hafanitti hin amanneedha. Ammas, hiikni biraa kuffaara- namoota midhaan facaasaniidha. Zurraa’a jechuunis namoota midhaan facaasaniidha. Garuu bakka “zurraa’a” jedhu jechi “kuffaar” kan filatameef, addunyaa tanaan guutumaan guututti kan goowwoomu kuffaara (namoota Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti hin amannee) ta’uu agarsiisufi. Sababni isaas, Aakhiratti waan hin amnneef qananiin guddaan addunyaa caalu isaan abdatan hin jiru. Kanaafu, sadarkaa jalqabaa irratti fakkeenyi kuni isaanitti kan qajeeludha.

Mee amma wantoota shanan armaan olii nama gowwoomsu bal’inaan haa ibsinu:
1-La’ab (tapha)- kuni hojii jabaa fi cimaa hin taaneedha. Taphni hojii daa’immanii fi ijoollee keessatti ni baay’ata. Marsaan ijoollummaa marsaa taphaati. Namoonni biroos garaagarummaa umrii fi sammuu irratti hundaa’e tapha ni taphatu. Marsaa taphaatiin alatti tapha keessa daangaa darbuun dadhabinnaa fi gadi aantummaa sammuu agarsiisa. Haala namootaa keessatti taphni ni baay’ata.[1] Fakkeenyaaf, xiyyaan darbachuu, bishaan daaku fi keessatti taphachuu.

2-Lahw– ifaajee fi gadda irraa kan ka’e dhiphinnaa fi hifannaa nama keessatti uumame oofuuf dubbis ta’e hojii namni nafsee ofii ittiin bashannansiisudha. Fakkeenyaaf, kaartaa fakkii ofirraa qabu taphachuu, mobaayili irratti geemi taphachuu fi kkf. Ingiliffaan, “Diversion” Amaariffaan “ዛዛታ” jechuun hiikan. Afaan Oromootiin jechi itti dhiyaatu, “Bashannana”

Hayyoonni Afaan Arabiffaa jecha lahw jedhu taphaan hiiku. Garuu hundee jecha lahw jedhu yoo qoranne, hiika wanta tokko irraa wanta biraatiin ko’oomu akka ta’e ni arganna.[2] Lahw hiika hojii jabaa tokko irraa garagaluun wanta biraatiin of ko’oomsu qaba. Akkana ni jedhama: lahaa anhu-wanta tokko irraa garagalee, lahaa bi shay’in- wanta tokkoon of ko’oomse. Imaamu ibn Al-Qayyim, “Taphni qaamaf, lahw immoo qalbiif ta’a” jedha. Kanaafi, isaan lamaan bakka tokkotti Qur’aana keessatti ni dhufu.[3] Namni osoo hojii tokko hojjatu qalbiin isaa wanta biraa waliin tan ko’oomtu ta’uu dandeessi. Fakkeenyaf, qaaman salaata ni salaata. Garuu qalbiin isaa addunyaa waliin ko’oomti.

Hojiin namoonni addunyaa keessatti hojjatan baay’een isaa kaayyoo Rabbiin gammachiisuu fi bu’aa guddaa Aakhiratti isaaniif buusu keessa waan hin jirreef taphaa fi bashannana (lahw) malee homaayyu miti. Hojiin isaanii kuni wanta baay’ee guddaa irraa wanta baay’ee xiqqaa fi gatii hin qabneen waan isaan ko’oomseef gatiin isaa hin dabalu.

Namoota meeqatu taphaa fi bashannaan gowwoomun kuusaa Aakhirah dhabu. Warra cimanii hojjatan ta’uun addunyaa keessatti hojii gaarii facaafachuun zalaalamiif turaa fi hanga Guyyaa Qiyaamaa isaaniif kan guddatu gochuu ni danda’u turan.

Osoo qotee bulaan yeroo qonnaa fi facaasaa taphate, bashannanee fi wanta facaasaa isaa keessatti isa hin fayyanneen ko’oome, waqtiin oomishaa yommuu dhufu, namni kuni namoota bu’aa buufatan waliin callaa (oomisha) isaa haamachu ni danda’a jettee ni yaaddaa? Yommuu warri waqtii qonnaa fi facaasaa sirritti hojjataa turan, waqtii oomishaa oomisha isaanii haammatan, namni kuni immoo gaabbi fi kasaaraa haammata. Namoota bu’aa buufatan gootaraa fi mana isaanii waan gaarii fi soorataan kan guutan ta’ee arga. Qalbii fi nafseen isaa immoo gaabbii fi laalaan guuttamti. (Guyyaa Qiyaamas haalli akkanuma. Namoonni har’a addunyaa keessatti Rabbiif ajajamu dhiisanii wanta biraatin of ko’oomsanii fi taphatan, yommuu warri Rabbiif ajajamaa turan bu’aa guddaa buufatanii qanani’an, isaan immoo gaabbin, laalaa fi kasaaraadhaan gubatu.)

Taphaa fi bashannani Rabbiin faallessuu keessatti yoo ta’e immoo waan gaarii dhabuu qofa osoo hin ta’in Guyyaa Qiyaamaa balaa fi adabbii guddaa namatti fida. Faallaa kanaa, hojiin faayda guddaa qabu, Guyyaa Qiyaamaa bu’aa guddaa buusu amaloota lama qaba:
1ffaa-Guyyaa Murtii mu’minni (namni amane) hojii kanaan mindaa guddaa argata.
2ffaa-Qaroominni fi misoomni addunyaa kheeyri malee sharriin keessa hin jirre hojii gaarii kana irraa argamuu.

Haala kanaan hojiin Muslimootaa barnoota Islaamaa hordofan hojii namoota biroo irraa adda baafama. Ogummaa ol’aanan addunyaa fi Aakhira walitti fidu danda’u.[4] Muslimoonni seenaa keessatti Aakhiraf hojjachuu waliin qaroominna guddaas hojjatanii jiru.

Kaafironni immoo Aakhiratti waan hin amanneef hojiin isaanii tapha malee homaayyu miti. Mee “Tapha” sirritti itti xinxalli. Namoonni wanta tokko taphatan, wanta san hanga taphatan taphatanii ergasii ni dhiisu. Yeroo muraasaaf erga of bashannansisanii booda hojii taphaa san dhiisanii deemu. Taphni bu’aa guddaa fi itti fufaa ta’ee isaaniif hin buusu. Amma mee ilaali, “Yeroo taphaa” umrii kaafironni addunyaa keessa jiraataniin wal bira qabi. “Tapha” immoo hojii kaafironni hojjataniin wal bira qabi. Kaafironni hojii gaariis badaas ni hojjatu. Ergasii yeroon isaanii yoo dhufe ni du’u. Guyyaa Qiyaamaa hojii isaanii irraa bu’aa gaarii ni argatuu? Gonkumaa hin argatan. Kasaaraadha. Akkuma namoonni waa taphatan, bu’aa tokko malee hojii taphaa of duubatti gatanii biraa deeman, kaafironnis hojii isaanii of duubatti gatu. Hojiin isaanii bu’aa itti fufaa isaaniif hin buusu. Kanaafu, nama Aakhiratti hin amanneef jireenyi addunyaa taphaa fi bashannana qofa. Nama Aakhiratti amanuuf immoo iddoo hojii gaarii itti hojjate gammachuu fi qananii abadii itti argatuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:32

Jireenyi addunyaa taphaa fi bashannana malee waan biraati miti. Dhugumatti warra [Rabbiin] sodaataniif ganda Aakhiraatu caala. Sila hin hubattanii?” Suuratu Al-An’aam 6:32
Wanti asitti hubatamu qabu wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa keessatti uume taphaa miti. Hojiin Rabbii tapha irraa kan fagaatedha. Garuu wanti namoonni baay’een jireenya addunyaa keessatti hojjatan taphaa fi bashannana. Kanaafu, jireenya addunyaa isaanii taphaa fi bashannana jenne ibsuu dandeenya. Hojiin isaan hojjatan bu’aa itti fufaa zalaalamiif turu waan hin qabneef jireenyi addunyaa isaanii taphaa fi bashannana. Gandi Aakhirah immoo yeroo hundaa turtuu fi qananiin tan guuttamte waan taateef jireenya addunyaa caalti.

Itti fufa…


Kitaabban wabii:
[1] Tahriir wa tanwiir-27/401-402
[2] Al-Akhlaaqul Islaamiyyati-2/541, Abdurahmaan Habanka Medaaniyy
[3] Bidaa’u tafsiir-3/354
[4] Al-Akhlaaqul Islaamiyyati-2/541-542

Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Al-Qiyaamah, Al-Insaan, Al-Mursalaat, An-Naba'i, An-Naazi'at
Offline dubbisuf

Leave a Reply