Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti maalumma jireenya addunyaa tanaa fakkeenyaan ilaaluf carraaqne jirra. Jireenya tana keessatti namoonni wantoota shanin gowwoomfamuun qananii guddaa gara fuunduraatti dhufuuf hojjachuu irraa garagalu. Wantoonni shanan kunniin: tapha, bashannana, faaya, wal jidduutti dhaadachu (na beekaa, na argaa, na jajaa), qabeenyaa fi ijoollee baay’ifachuudha. Ibsa taphaa fi bashannana ilaalle. Har’a immoo faaya ni ilaalla.

3-Az-Ziinata (Faaya)- hundemaa faaya jechuun wanta ittiin of faayaniif maqaa wali galaa ta’eedha. Faayu jechuun hanga nafseen itti mirqaantu fi qaamoleen miiraa itti dabanitti wanta tokko tolchuu fi miidhagsuudha. Wanti faayamu kuni keessi isaa bu’aa kan buusu fi gatii kan qabu ta’uun isarraa hin eeggamu. Tarii wanta miidhaa qabuu fi adabbii namatti fidu ta’uu danda’a. Faayni yommuu qaamoleen miiraa akka bareedatti ilaalan nafsee hawwisiisa.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf wanta dachii irra jiru dachiif faaya akka godhe ifa godha:

Dhugumatti, Nuti isaan irraa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu isaan qoruuf waan dachii irra jiru isheef faaya taasifne.” Suuratu Al-Kahf 18:7

Kana jechuun dirree faayaa qaamolee miiraa gowwoomsu keessatti isaan qormaatuf, [wanta dachii irra jiru dachiif faaya goone]. Qormaata kanaan isaan keessaa eenyutu hojii irra gaarii akka hojjatu ifa baha. Mindaa guddaa Rabbiin bira jiru argachuuf namni sirritti hojjatuu ifatti baha. Akkasumas, qormaataa kanaan, isaan keessaa faaya addunyaatiin gowwoomee wanta Aakhiratti gammachuu zalaalamii isaaf mirkaneessu irraa kan garagalu eenyu akka ta’e ifa baha.

Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa qabeenyaa fi ijoollee faaya addunyaa irraa faaya akka ta’an ni moggaase. Hojiin gaariin turu Isa biratti mindaa fi abdiidhaan irra gaarii akka ta’e ni ibse. Ni jedha:

18:46

“Qabeenyi fi ilmaan faaya jireenya addunyaati. Hojiiwwan gaggaarii turaa ta’antu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala, ammas abdiidhaan irra caala.” Suuratu Al-Kahf 18:46

Hojiiwwan gaggaariin turan hojiiwwan Rabbiin gammachiisanii fi jaalala Isaa ittiin barbaadaniidha. Hojiiwwan kunniin yeroo hundaa kan turaniidha. Sababni isaas, mindaan isaanii Guyyaa murtii ganda qananii keessatti kan hafuu fi yeroo hundaa kan turuudha. Kanaafi, hojii gaariin akka mindaatti qabeenyaa fi ijoolle caala. (Faaydan qabeenya fi ijoollee irraa argamu kan baduudha. Garuu mindaan (ajriin) hojii gaarii turaadha.)

Ammas, hojii gaggaariin abdiidhaan irra caalaa ta’uu yommuu namoonni qabeenya baay’ee walitti qabanii fi ijoollee kajeelan arginu nuuf ifa ta’a. Jireenya isaanii gara fuunduraa keessatti faayda qabeenyi fi ijoolleen isaaniif fidan abdachuun qabeenya walitti haru, ijoollee argachuuf ni kajeelu. Garuu jireenya addunyaa keessatti qabeenyaa fi ijoollee irraa wanta namoonni abdii itti rarraasan caalaa hojiin gaggaariin mindaan isaa turaa ta’ee nafsee mu’mintoota keessatti abdii guddaa uuma.[1] Jecha biraatin, wanti warroonni amanan hojii gaarii irraa abdatan wanta namoonni qabeenyaa fi ijoollee irraa abdatan caalaa guddaadha.

Namni qabeenyaa fi ijoollee keessatti dhimma argamuun isaa shakkamu fi yeroon isaa gabaabaa ta’e abdata. Namni mindaa hojii gaarii abdatu immoo waadaa guutuu keessatti hundarra dhugaa kan ta’ee (Rabbiin) irraa dhimma waadaa galame argachuuf abdata. Hojii gaarii kanaan faayda addunyaa fi Aakhiratti argamu abdata.[2] Akkuma Rabbii subhanaahu wa ta’aalaa jedhe:

Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane) ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turanitiin isaan mindeessina.”  (Suuratu An-Nahl 16:97)

Qur’aana keessatti faaya jireenya addunyaa ibsuuf jecha “Zahrah (habaabo)” jedhu ni fayyadame. Sababni isaas, habaaboon bocaan, bifaan, fooli fi tuqaatin tan faayamteedha. Bocnii fi bifti habaaboo ni bareeda, foolin ni urgaa’a, yommuu tuqan laaftu namatti toltuudha. Faaya biqiltuuti. Garuu habaabon tuni yoosu baddi, umriin ishii gabaabadha, faaydan ishii xiqqoodha. Qananiin jireenya addunyaas akkanuma. Akkuma habaabo ni bareeddi, bocni, fooli fi bifti ishii nama hawwata. Garuu gabaabdu yoosu badduudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

20:131

“Isaan keessaa wanta gareewwan adda addaa ittiin qananiisnetti ija kee hin diriirsin. [Suni] habaaboo jireenya addunyaa kan ittiin isaan qormaatuuf [isaan qananiisnedha]. Rizqiin Gooftaa keeti irra gaarii fi turaadha.” Suuratu Xaahaa 20:131

Asitti “habaaboo jireenya addunyaa” jechuun jireenya addunyaa irraa mi’aa, faayaa fi wanta nafseen hawwitu biroo agarsiisa. Kana booda ibsi aayah:
Qananii garagaraa irraa wanta mushrikota, kaafiroota fi namoota akka isaanii qananiisnetti ija kee itti rakkistee hin ilaalin. (Isaanii fi qananii keessa jiran hin ajaa’ibsifatin). Qananiin gabaabdun tuni jireenya addunyaa tana keessatti faaya baduudha. Ishiidhaan kan isaan qananiisneef isaan qoruufi (fattanuufi). Wanta isaan ittiin qananiisne irra rizqii Gooftaa keeti fi mindaa Isaatu siif caala. Akkasumas rizqiin kuni turaa fi itti fufaadha. [3] Rizqiin kuni maalidha jedhame yoo gaafatame, akkana jedhama: “Addunyaa keessatti beekumsa, iimaana, soorata fi wanta jireenya namaa gahu kan jeequmsaa irra bilisa ta’ee fi qalbiin itti tasgabbooftu isaaf kennuudha. Aakhiratti immoo Jannata keessatti qananii gaarii yeroo hundaa turaa ta’ee isaaf kennuudha.”[4])

Wanta jireenya addunyaa keessa jiru sirritti yoo itti xinxallinee fi manasxirii dhugaatiin yoo ilaalle, faaydaan namoonni irratti wal lolanii fi wal ajjeesaniif faaya gubbaan isaa balaqqeessa ta’e qofa. “Faaya kana keessa faayda guddaa fi turatu jira” jedhanii gowwoomuun nafseen itti dadhabdi, qaamoleen miiraa itti harkifamu. Faaya keessi isaa faayda hangas mara hin qabneef ifaajee baay’ee ifaaju, garuu mi’aan achirraa argamu baay’ee xiqqaa fi gabaabadha. Akka copha bishaanii sibiila ibiddaan hoo’ifamu irratti firfirsameeti. Aakhiraa fi qananii turaa ishii keessa jiruuf qophaa’u dhiisanii faaya addunyaa qofaan ko’oomun gosa taphaati.

Eeyyen, daangaalee Rabbiin kaa’e osoo hin darbin faaya addunyaatti fayyadamuun Aakhiraaf hojjachuun wal hin falleessu. Inumaa, Aakhiraaf hojjachuuf kan nama gargaaru ta’uu danda’a. Inumaa yoo niyyaa gaarii Rabbiif ajajamuun keessa jiruun wal qabsiifame Aakhiraf hojjachuu irraa kutaa tokko ta’uu danda’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:32

Jedhi, “Faaya Rabbii kan gabroota Isaatiif baasee fi rizqii irraa wantoota gaggaarii eenyutu haraamaa godhee?” Jedhi, “Ishiin jireenya addunyaa keessatti warra amananiif, Guyyaa Qiyaamaa isaaniif qofa.” Akka kanatti keeyyattoota namoota beekaniif addeessina.” Suuratu Al-A’araaf 7:32

Yaa Rasuula! Mushrikoota kanniinin akkana jedhi, “Dhugumatti Rabbiin gara Masjiida yoo deeman uffata miidhagaa akka uffatan ajajee jira. Ilmaan Aadam hunda qaamaa hormaataa fi naannawa isaa haguugutti ajajee jira. Eenyutu Qureeshotaa fi namoota biroo Ka’abaa irra naannawan qullaa akka naannawan ajajee ree? Uffata gaarii qaama haguugu uffachuu irraa eenyutu dhoowwee? Ammas, Rabbiin azza wa jalla wantoota gaggaarii halaala ta’an irraa akka nyaatanii fi dhugan gabroota Isaa ajajee jira. Eeenyutu nyaataa fi dhugaati halaalaa dhoowwe ree?

Jedhi, “Ishiin jireenya addunyaa keessatti warra amananiif, Guyyaa Qiyaamaa isaaniif qofa.” Kana jechuun, faayni Rabbiin gabroota Isaatiif baasee fi soorata irraa wantoota gaggaarii jireenya addunyaa keessatti warri amananii fi namoonni biroo akka itti fayyadamaniif uume. Garuu faayni fi sooranni kuni Guyyaa Qiyaamaa warra amanan qofaaf ta’a. Kaafironni isaan waliin qooda hin fudhatan. Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa kaafironni faaya fi soorata gaarii hin argatan. Sababni isaas, Guyyaa san faayni fi sooranni kuni qananii Jannataa irraa ta’a.[5] Jannata kan seenu warra dhugaan amanan qofa. Kaafironni immoo Jannata hin seenan.

Faayni halaalaa warri amanan argatan isaan akka itti fayyadamaniif kan uumame erga ta’e, addunyaa tana keessatti faaya kanatti fayyadamuuf ulaagaaleen ni kaa’amu:
1-Faaya irraa wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhoowwetti fayyadamu dhiisu. Yookiin haala Inni dhoowwen itti fayyadamu dhiisu.
2- Faaya kanatti yommuu fayyadaman dirqama faaya kanaan wal qabatee cabsuu fi daangaa darbuu hin qaban. Fkn, warqiitti yoo fayyadamanii fi warqiin kuni hamma zakaa itti baasan yoo gahe, zakaa baasun isaan irratti dirqama.
3-Yaadannoo (Zikrii) Rabbii irraa kan isaan hin garagalchine ta’uu.

Sadarkaan ol’aanaan faaya addunyaatti fayyadamu Rabbiif ajajamuu fi Isaaf galata galchuu irratti wanta nama gargaaru fi niyyaa qulqulluun itti fayyadamaniidha.

Faaya addunyaatti fayyadamuun murtiwwan shari’aa shanan ni tuqa. Waajiba (dirqama) ta’uu danda’a, kan akka lubbuun jiraachuuf nyaachu fi dhuguu. Jajjabeefamaa (manduub) ta’uu danda’a, kan akka dargaggeessi ba’aa fuudhaa heerumaa danda’uu fuudhuu. Halaala ta’uu danda’a, kan akka waan lubbuun feetef wanta halaala dhuguu. Makruuh (jibbamaa) ta’uu danda’a, kan akka haajaa ol nyaata nyaachu fi dhugaati dhuguu. Kana keessa miidhaan waan jiruuf. Ammas, haraama ta’uu danda’a, kan akka wantoota Rabbiin dhoowwetti fayyadamu.

Kaayyon Islaamni addunyaa fi faaya ishii xiqqoo fi gadi aantu akka taatetti akka ilaalaniif Muslimoota itti kakaaseef, faaya fi itti fayyadamu irraa dhoowwufi miti. Ammas, jireenya addunyaa akka tapha, bashannana, ijoollee fi qabeenya baay’ifachuu akka taatetti ilaalun Islaamni Muslimoota wantoota kanarraa guutumaan guututti ni dhoowwa jechuu miti. Kana irra, wanti (kaayyoon) asirraa barbaadame, qalbiin ishitti garmalee akka hin rarraaneef ilaalcha mu’minaa (nama dhugaan amanee) keessatti dhimma addunyaa xiqqeessuu, gara Aakhiraa fi qananii turaa akka ilaaluu fi carraaqqi barbaachisu akka godhuufi. Akkasumas wanta guddaa ta’ee kajeelun nafsee fi qabeenya isaatiin wareegamun isarratti akka salphatuufi.[6]


[1] Al-Akhlaaqul Islaamiyyati-2/541-542
[2] Tafsiiru tahriir wa tanwiir 15/334
[3] Tafsiiru muyassar-321
[4] Tafsiiru Sa’dii-602, ma’aariju tafakkuri-8/375
[5] Ma’aariju tafakkuri-4/186-188
[6] Al-Akhlaaqul Islaamiyyati -2/542-545

Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 3
Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply