Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 3

Offline dubbisuf

4-Dhaadannoo (At-Tafaakhur)-dhaadannoo jechuun namni amaloota isaa faarfamaa dhugaadhaan ykn sobaan odeessuudha. Namoonni yeroo, dhalootaa fi aadaa isaanii keessatti amaloota faarfamoon ni dhaadatu. Amaloota itti dhaadatan keessaa soba kan hin taanetu jira. Kunniin amaloota sammuun ykn shari’aadhaan faarfamoo ta’aniidha. Faallaa kana wanta ittiin dhaadatan irraa soba kan ta’ee jira. kuni amaloota jibbamoo fi badaa namoonni ofii uumaniidha. Kan akka haqa malee nafsee ajjeessun dhaadachuu, qabeenya namootatti duulun dhaadachuu fi kkf.[1]

Namoonni qabeenyaan ykn beekumsaan of dhaadachuun jireenyaa addunyaa keessatti wal dorgomu. Kunis namoota keessatti ol’aantummaa argachuu fi beekkamaa ta’uufi. Namoota irraa baay’een isaanii meeshaa addunyaatin namoota biroo irratti of dhaadachuuf nafsee ofii garmalee rakkisu. Namoonni biroos akkuma isaanii of dhaadachuuf isaaniin morkatu. Kanarraa kan ka’e nafsee ofii garmalee rakkisu.

Isaan keessaa namni tokko namoota keessatti bakka dhaadannoon hin jirretti qarshii takka akka sadaqaatti kennuu irraa ni doy’ooma. Tarii qarshii takka kennuun Rabbiin biratti mindaan (ajriin) guddaan isaaf jira ta’a. Garuu namni kuni namoota keessatti bakka of dhaadannoon jiruutti qarshii kumaatamatti ykn kuma dhibbaatti lakkaawamu ni baasa. Sababa kanaan, gabroota Rabbii irratti of tuulun ykn namoota biratti akka guddaatti ilaallamuun isatti dhagahama.

Tarii namoonni gariin sadarkaan dhaadannoo nafsee ofiitiif yaadan akka hin kufneef of ajjeesu. Dhaadannoon wal waanyu (hinaafu) fi sharrii baay’ee dachii keessatti fida. Lolli jaahiliyyah (yeroo wallaalummaa) baay’een adeemsifame sababni guddaan dhaadannoodha.

Yeroo lola Badr Qureeshonni gaalonni daldalaa fi qabeenyi isaanii Muslimoota jalaa nagaha akka bahan beekte jirti. Garuu Araboota keessatti of tuulu fi of dhaadannoon isaan qaban humnaa fi sadarkaa isaanii Arabootaaf osoo hin agarsiisin lola irraa akka deebi’an hin hayyamneef. Isaan keessaa tokko ni jedhe: Rabbiin kakadhe! Hanga Badriin qubannee guyyaa sadii turrutti malee hin deebinu. Guyyaa kana keessatti gaala ni qalla, nyaata ni nyaanna, faarso ni dhugna, dubartiin sirbitu nuuf weeddisti, Araboonni waa’ee keenya ni dhagahu, adeemsaa fi walitti qabamuu keenyaaf nu sodaachu itti fufu.” Akka kanatti dhiibbaa of dhaadannootiin gara fuunduraatti dhiibaman. Rabbiin subhaanahu warra amanan akka isaanii ta’uu irraa ni akeekachiise. Akkana jedhe:

8:47

Akka warroota boonaa fi namootatti of agarsiisaa manneen isaanii keessaa bahanii fi karaa Rabbii irraas [namoota] dhoorgan hin ta’inaa. Rabbiin waan isaan dalagan marsaadha. Suuratu Al-Anfaal 8:47

Mushrikoonni boonaa, of tuulaa, namoonni sadarkaa fi humna isaanii akka arganiif, dhaadannoo fi of ol guddisaa manneen isaanii keessaa gara dirree waraanaa Badri bahan.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala warra boonanii fi of dhaadatan iddoo kheeyri keessatti doy’oota akka ta’anii fi namoota doy’ummaatti akka ajajan ni ibse. Garuu iddoo of dhaadannoo yoo ta’e namoonni isaan haa arganiif qabeenya isaanii ni dhangalaasu. Akka isaan nafsee isaanii keessatti ol isaan guddisaniif qabeenya dhangalaasu. Akka fakkeenyaatti, cidha hawaasa keenya keessatti adeemsifamu haa ilaallu. Namni tokko affeerraa cidhaa qopheessuuf qarshii kumaatamatti lakkaawamu gadi jiigsa. Garuu sadaqaa qarshii takka kennuun garmalee isatti ulfaata. Sababni cidha irratti maallaqa guddaa baasuf of dhaadachuu fi “Eebalu intala isaa cidha (sargii) guddaan heerumsiise.” akka jedhamuufi.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, Rabbiin nama of jajaa, dhaadataa ta’ee hin jaallatu. Isaan warra doy’ooman, namootas doy’ummatti ajajanii fi wanta Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksaniidha. Kaafirotaaf adabbii salphisaa qopheessinee jirra. Ammas isaan namootatti agarsiifachuuf qabeenya isaanii baasu, Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti hin amanan. Nama sheyxaanni hiriyyaa ta’eef, hiriyummaa waa fokkate.” Suuratu An-Nisaa 4:36-38

Dhaadannoo sheyxaanaa isaan keessaa jiruun amalli isaanii kan wal faallessuudha. Iddoo kheeyri fi Rabbiin gammachisu keessatti mataa ofiiti doy’oota, namoota biroos gara doy’ummaatti waamu. Dirree dhaadannoo fi namootatti agarsiifachuu keessatti immoo qabeenya isaanii ni dhangalaasu.

Osoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amananii ergasii kabaja Aakhiraatii fi mindaa guddaa argachuuf karaa Rabbii keessatti qabeenya arjoomanii maaltu isaan miidhaa? Isaan kana waliin kabaja addunyaa, mindaa ishii fi bakka bu’aa wanta karaa Rabbii keessatti baasanii hin dhaban. Kanaafi, Rabbiin aayah armaan olitti aansun akkana jedha:

Osoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amananii wanta Rabbiin isaaniif kenne irraa arjoomanii maaltu isaan irra jiraa? Rabbiin waa’ee isaanii Beekaa ta’eera. Dhugumatti, Rabbiin hanga madaala atamii nama hin miidhu. Dalagaa gaarii yoo taate, dachaa ishii taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es ni kenna.” Suuratu An-Nisaa 4:39-40

Addunyaa barbaadun dhaadannoo (of faarsu) jaallachuun hojii gaarii kan balleessudha. Of dhaadachuu kanarraa gara Rabbiin faallessuutti kan nama oofutu jira. kuni immoo haraama. Ammas, jibbama kan ta’e jira. Gara biraatin hayyamamaa kan ta’e jira. fakkeenyaaf yeroo waraanaa diinatti sodaa naquuf dhaadachu. Kuni hayyamamaadha.

5-Baay’ifachuu-aayan suuratu Al-Hadiid qabeenya fi ijoollee baay’ifachuu dubbatti. Deeggartoota, gargaartootaa fi loltoota baay’ifachuu fi faaya addunyaa irraa wanti baay’ifatan hundi itti dabalama. Jecha Rabbii olta’aa kana keessatti baay’ifachuun osoo homaanu walitti hin hidhamin dhufe:

102:1

 “Baay’ifachuun isin jaataneesse (ko’oomse).” Suuratu At-Takaasur 102:1

Wanti baay’ifachuutti nama dhiiban bu’uura lamatti deebi’u:
Bu’uura 1ffaa-dharraa abdiin walitti hidhame-dharraan wanta tokko akka qabaatanii fi wanti suni isa qofaaf akka ta’uu nama taasisa. Kuni of jaallachuu qajeelchaa fi aqlii fedhii lubbuu lugaamu hin qabne irraa burqa. Hadiisa keessatti akkana jechuun dhufe:
“Ilmi Aadam osoo sulula warqiin guuttame tokko isaaf kennamee, [sulula] lammaffaa [warqiin guuttame] ni barbaada ture. Osoo lammaffaanis isaaf kenname sadaffaas ni barbaadaa ture. Biyyee malee garaa ilma Aadam kan guutu hin jiru. Rabbiin nama tawbate irraa tawbaa ni qeebala.” Sahiih Al-Bukhaari 6438

Bu’uura 2ffaanafseen namoota biroo irratti ol’aantummaa argachuuf kajeelu-kajeelun kuni dhaadannoo fi wanta namoonni ittiin of dhaadatan qorachuun kan walitti hidhameedha. Kunis of jaallachu qajeelcha fi aqlii fedhii lugaamu hin qabne irraa burqa.

Dhugumatti, ilaalcha gabaabaa, Aakhiratti amanuu diduu ykn dagachuu, fedhii lubbuu hordofuu waliin of jaallachuun daangaa darbe hundee dhibeeti.

Qorichi kanaa: Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amanuu, akkasumas, Jannata keessatti sadarkaalee ol’aanootti yaaduu fi faaya addunyaa akka xiqqaatti ilaalu keessa jira. Namni akkuma qananii turaa Jannata keessa jiru itti yaadun faayni addunyaa fi wanti namoonni ittiin of jajanii fi dhaadatan homaa isatti hin fakkaatu. Jannani samii keessatti ol’aantu waan taatef, jireenyi addunyaa immoo dachii keessatti gadi aantu waan taatef, namni yaada ol’aanaa (himmaa) qabu gara olii malee gara gadi hin ilaalu. Jannata olii qananiin guuttamtetti yaadu fi jireenya gadi aantu tana immoo akka xiqqootti ilaalun sadarkaa ol’aanaa san gahuuf carraaqa. Haala kanaan dhukkubni of jaallachu, of dhaadachu, namoota irratti of tuuluu fi ol’aantummaa barbaadu isa keessaa baha.

Namni jireenya addunyaa sirritti yoo ilaale, wanta ittiin of dhaadatanii fi of gowwoomsaniin akka hin taane ni arga. Jalqaba akka biqilaa magariisaa nama hawwisiisti. Garuu osoo homaa hin turin magariisni ni daalacha’aa. Jireenyi addunyaa tunis osoo homaa hin turin haalli ishii jijjiramuun nama jibbisiisti. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaan gowwoomu irraa ni akeekachiise:

35:5

“Yaa namoota! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaafu, jireenyi addunyaa akka isin hin gowwomsine. Gowwomsaan (sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin gowwomsine.Suuratu Faaxir 35:5

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gandi Aakhirah ganda jireenya dhugaa “hayawaan” jedhamuun ishiif malu akka taate warroota amananiif ni ibse. Al-Hayawaan jechuun jireenya dhugaa fi guddoo yeroo hundaa turtuudha. Ni jedha:

29:64

Jireenyi addunyaa tuni bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti. Dhugumatti, Gandi Aakhirah ishimatu Jireenya Dhugaati, osoo kan beekan ta’anii!” Suuratu Al-Ankabuut 29:64

Jireenyi addunyaa tanaa maalidhaa bashannanaa fi tapha malee. Sababa faaya fi mi’aan keessa jruun qalbiin itti bashannanti, qaamni ni taphata. Ergasii faayni fi mi’aan addunyaa tanaa yoosu bada. Dhugumatti gandi Aakhirah jireenya dhugaa itti fuftu taatee fi duuti keessa hin jirreedha. Osoo namoonni kana beekanii silaa ganda hafuu fi turaa dhiisanii ganda baduu hin filatanu turan.[2]

Ibsi biraa: Aakhirah waliin yommuu wal bira qabamu, mi’aa jireenya addunyaa argachuuf humni fi annisaan baasan gammachu Aakhirah tura ta’e argachuuf hojjachuu irraa bashannana nama ko’oomsu malee homaayyu miti. Yookiin tapha faaydan keessa hin jirreedha. Yookiin  faayda guddaa fi yeroo hundaa turaan wal bira yommuu qabamu, faaydan baay’ee xiqqoon kan keessa jiruudha. [3]

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne, jireenya addunyaa jireenya Aakhiratin yoo wal hin qabsiisin, jireenyi addunyaa bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti. Namni wanta tokko hanga taphate taphatee ergasii dhiisee biraa deema. Taphni kuni itti fufiinsa hin qabu. Haaluma kanaan, namni Aakhiratti hin amanne, jireenya addunyaa keessa hanga jiraate jiraatee ergasii addunyaa gadi-lakkisee du’a. Aakhiratti waan hin amanneef wanti inni jireenya addunyaa keessatti hojjate itti fufiinsa hin qabu. Aakhiratti faayda isaaf hin buusu. Kanaafu, jireenyi isa tapha jechuudha. Namni Aakhiratti amane immoo addunyaa keessatti wanta gammachu Aakhiraa isaaf argamsiisu hojjata. Kanaafu, bu’aan hojii isaa itti fufiinsa waan qabuuf tapha hin ta’u.

Jireenya addunyaa booda Aakhiraan ni dhufti. Haala namootaa irratti hundaa’e Aakhirah keessatti namoonni gosa sadii ni jiru:

  1. Kaafirootaaf azaaba (adabbii) cimaa
  2. Warroota amanan irraa warra badii hojjatanii araaramni isaaniif maluuf araaramu
  3. Warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan jaalala Rabbiin irraa ta’ee argachuu

Dhumarratti Rabbiin murtii dhumaa jireenya addunyaa irratti kenna: “Jireenyi addunyaa mataa’a [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” (Mataa’a jechuun wanta yeroo murtaa’ef itti fayyadamanii ergasii baduudha. Kan akka meeshaa, nyaata, dhugaati, uffata, qabeenya fi kkf.)

Ergasii warroota amanan qananii Jannataa bal’inni ishii akka samii fi dachii ta’ee argachuuf hojii gaariin akka wal dorgoman isaan waama.

Guduunfaa
➥Of dhaadannoon “of faarsu, na beekaa, na argaa, na dhagayaa, sadarkaa kiyya beekun na kabaja, na ol guddisaa” jedhu of keessaa qaba.
➥Namoonni qabeenyaan of dhaadachuuf sadaqaa kennu irraa doy’oomu. Garuu iddoo dhaadannoon jiruutti qabeenya gadi dhangalaasu. Kan kanatti isaan kakaasu, namoota keessatti sadarkaa fi kabaja argachuufi.
➥Wanta addunyaa keessa jiru barbaaduu irraa kan ka’e of-dhaadachuu jaallachuun hojii gaarii nama jalaa balleessa. Sababni isaas, yommuu of dhaadatan na argaaf (riyaaf) hojii san hojjatu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-27/402-403
[2] Tafsiiru Muyassar-404
[3] Ma’aariju tafakkuri-15/297
Al-Akhlaaqul Islaamiyyati -2/546-550

Haqiiqaa Jireenya Addunyaa-Kutaa 4
Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply