Haqiiqaa Jireenya Addunyaa-Kutaa 4

Kutaa darbe irraa itti fufuun: “Jireenyi addunyaa mataa’a [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” hima jedhu ibsa waliin ni ilaalla. Mataa’a jechuun wanta yeroo murtaa’ef itti fayyadamanii ergasii baduudha. Addunyaa fi wanti ishii keessa jiru hundi gaaddisa deemu fi baduu waan ta’uuf, mata’aa jedhamte ibsamuun wanta ishiif ta’uudha. Mi’aa ishiiti fi wanti ishii irraa itti fayyadaman hundi mataa’a jedhamte waamamuun wanta ta’uudha. Qur’aana keessatti jechi mataa’a jedhu addunyaa fi qananii ishii keessa jiruuf malee Aakhiraa fi qananii turaa ishii keessa jiruuf itti hin fayyadamne. Qananiin Aakhirah mataa’a jedhamuun Qur’aana keessatti hin dhufne. Sababni isaas, qananiin Aakhirah turaadha. Qananiin addunyaa gabaabaa fi kan baduu waan ta’eef mata’aa jedhame.

Gowwoomsu jechuun gubbaadhaa faayda nama hawwatu mul’isuun baditti nama darbuudha.

Kana booda: “Jireenyi addunyaa mataa’a [nama] gowwoomsitu malee waan biraati miti.” kana jechuun faaya, mi’aa, miidhaginna, bashannana, tapha, dhaadannoo, qabeenyaa fi ijoollee baay’ifachuu irraa jireenyi addunyaa homaayyu miti. Kuni hundi faayda yeroo gabaabaf turee baduu fi gaaddisa jijjiramu kan wallaalaan ittiin gowwoomudha. Jireenya addunyaatin yoo gowwoome, ganda Aakhiraa caalaa ishii yoo filatee fi sababa ishiitiin Rabbii olta’aa yoo faallessee, isaaf faaydaa gabaabdu isa gowwoomsitu taati. Faayda Guyyaa Mindaa Guddaa (Guyyaa Qiyaamaa) ittiin gahu isaaf hin taatu. Kunis sababa inni faayda gabaabdu tanaan gowwoomefi.

Jireenya addunyaa nama gowwoomsitu keessatti namoota ramaddii lamatti qoodamanii arganna:
Ramaddii 1ffaa-Yaanni fi kaayyoon isaa ol’aanaan jireenya addunyaa tana keessatti qofa. Jireenya tana qofaaf ifaaja, ganda Aakhirah irraa qooda hin barbaadatu. Uumamaan namoota irraa ramaddi kanaaf gammachuu Aakhiraa irraa qoonni homaatu isaaniif kan hin jirre ta’uudha. Sababni isaas qooda Aakhira hin barbaanne, carraaqqi barbaachisu hin carraaqne.

Ramaddi 2ffaa-Isaaniif wanta barbaadamu lamatu jira. Wanta hatamtamaan barbaadamu fi wanta barbaadamaa boodarra dhufuudha. Wanti hatamtamaan barbaadamu galaa (siinqi) karaa jireenyaa ittiin darbuun gahuumsa dhumaa ittiin gahaniidha. Wanti barbaadamaan boodarra dhufu immoo wanta isaan dharra’anii fi yaanni isaanii ol’aanan itti rarra’uudha. Kunis qananii Jannataati.

Ramaddii namootaa lamaan kanniin ilaalchise Rabbiin subhaanahu akkana jedhe:

Namoota keessaa nama, “Gooftaa keenya! Addunyaa keessatti [waan gaarii] nuuf kenni.” jedhutu jira. Isaaf Aakhiratti qoodni homaatu hin jiru. Ammas, isaan keessaa nama, “Gooftaa keenya! Addunyaa keessatti waan gaarii, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, adabbii ibiddaa irraas nu eegi.” jedhutu jira. Warra san waan hojjatan irraa qoodatu isaaniif jira. Rabbiin qorannoon Isaa saffisaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:200-202

Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Lubbuun tamiyyu murtii beellamamaatti hayyama Rabbiitin malee du’uun ishiif hin ta’u. Nama mindaa addunyaa barbaade ishii irraa isaaf ni kennina. Nama mindaa Aakhirah barbaades ishii irraa isaaf ni kennina. Warra galateefatan ni mindeessina.” Suuratu Aali-Imraan 3:145

Lubbuun tamiyyu murtii beellamamaatti hayyama Rabbiitin malee du’uun ishiif hin ta’u” kana jechuun uumamtoota Rabbii keessaa eenyullee yeroo isaaf murteefame gahuu malee hin du’u. Ajala (yeroo du’aa) Rabbiin isaaf murteesse yoo gahee fi akka du’uu yoo isaaf hayyamame ni du’a. Garuu kana dura wanta fedhellee osoo ta’e hin du’u.[1]

 Uumamtoota Isaa keessatti seera Rabbii keessaa tokko namni hojii isaatiin addunyaa barbaade, Rabbiin hamma hojii isaatiin addunyaa isaaf kenna. Namni hojii isaatiin Aakhirah barbaade immoo Rabbiin mindaa Aakhirah ni kennaaf. Akkuma beekkamu, mindaan Aakhirah Rabbiin biratti dacha dachaa ta’a. Mindaan addunyaa immoo seera dhaabbataaf kan buluudha. Kunis, bu’aan hojii hamma hojii irratti hundaa’a.

Namni dhugaan amane (mu’minni) dandeetti isaatiin mindaa addunyaa fi Aakhiratiin milkaa’u ni danda’a. Kuni wanta jechi Rabbii azza wa jalla armaan gadi akeekudha:

4:134

Namni mindaa addunyaa barbaade, mindaan addunyaati fi Aakhiraa Rabbiin bira jira. Rabbiin Dhagahaa, Argaa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:134

Kana jechuun yaa namoota isin keessaa namni mindaa addunyaa barbaaduun Aakhirah irraa garagalu, mindaan addunyaa fi Aakhirah Rabbiin qofa bira jira. Aakhirah irraa garagaluun mindaa addunya yommuu barbaadu, wanta Rabbiin isaaf katabe malee hin argatu. Kanaafu, waan gaarii addunyaa fi Aakhirah Rabbiin qofarraa haa barbaadu. Waan gaarii hunda kan harkaa qabu Isa waan ta’eef. Wanti Isa bira jiru immoo Isaaf ajajamuun malee hin argamu.[2]

Faayda addunyaati fi mindaa Aakhirah walitti fiduun yommuu hin danda’amnetti, dirqamni nama dhugaan amane (mu’mina) irra jiru faaydaa addunyaa dhiisee mindaa Aakhirah filachuudha. Kanaafi, karaa Rabbii keessatti qabsaa’un (jihaanni) wanta jireenya addunyaa keessa jiru hunda akka baasan waan gaafatuuf, Islaamni baasi kanatti ni kakaase, wanta addunyaa keessa jiru caalaa ganda Aakhirah akka filatu mu’mina irraa barbaade.

Yaadaa fi fedhii ol’aanaan Aakhirah barbaadun addunyaa irraa wanti Rabbiin namaaf murteesse nama jala hin darbu. Namni yaada fi fedhi guddaan Aakhirah yoo barbaade fi hojjateef, addunyaa irraa rizqii Rabbiin isaaf murteesse hin dhabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

[Yommuu] warra [Rabbiin] sodaataniin, “Gooftaan keessan maal buusee?” jedhamu, “Wanta gaarii [buuse]” jedhan. Warra toltuu hojjataniif addunya tana keessatti waan gaariitu jira. Gandi Aakhiraa irra caalaadha. Gandi muttaqootaa waa tole! Jannata qubsumaa kan isaan seenan, jala ishii laggeen yaa’aniidha. Ishii keessatti wanta fedhantu isaaniif jira. Akka kanatti Rabbiin muttaqoota mindeessa.” Suuratu an-Nahl 16:30-31

Kana jechuun warra amananii Rabbiin sodaataniin, “Rabbiin maal Nabi Muhammad (SAW) irratti buuse” yommuu jedhamu, “Rabbiin waan gaarii fi qajeelcha buuse” jedhan. Namoonni Rabbii fi Ergamaa Isaatti amananii ibaadaa haala sirriin hojjatanii fi namootaf tola oolan, addunyaa keessatti kabaja, tasgabbii qalbii fi rizqii bal’ootu isaaniif jira. Haa ta’uu malee, ganda addunyaa irra ganda Aakhiraatu isaaniif caala. “Gandi muttaqootaa waa tole!” Kana jechuun Gandi warra Rabbiin sodaatanii, wanta Inni ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eeganii ee bareede![3]

Warra toltuu hojjataniif addunyaatti waan gaariitu jira. Aakhiratti mindaa guddaa san caalutu isaaniif jira. Yoo walitti fiduun kan danda’amu fi badiin keessa hin jirre ta’e, namni dhugaan amane (mu’minni) addunyaa fi Aakhirah altokkotti waliin barbaadachuun isarraa akka hanqinnaatti hin ilaallamu. Garuu wanti mu’minaaf hin malle Aakhirah caalaa jireenya addunyaati fi faaya ishii filachuu fi jaallachuudha. Kanaafi, Rabbiin jireenya addunyaa filachuu fi jaallachuu kana ni balaalefate. Aakhirah caalaa jireenya addunyaa filachuu fi jaallachuun badii baay’ee guddaatti nama geessa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Guyyaa warroonni kafaran ibidda irratti fidaman, ‘Waan gaarii keessan jireenya addunyaa keessan keessatti fixattanii fi itti gammaddannii jirtu. Kanaafu, dachii keessatti haqa malee waan of tuulaa turtanii fi waan fincilaa turtaniif har’a adabbii salphisaa mindeefamtu.’ [isaaniin jedhama].” Suuratu Al-Ahqaaf 46:20

Warroonni kafaran yommuu ibidda irra fidaman, waan gaarii keessan addunyaa keessatti itti fayyadamtanii fixxanii jirtu. Aakhiraf jettanii hojii gaarii homaatu hin dabarfanne. Addunyaa irraa mi’aa barbaaddanitti fayyadamtanii fi itti gammaddanii jirtu. Sababa isin dachii keessatti Rabbiin gabbaruu fi Isatti amanuu irraa of tuultaniif ammas, sababa ajaja Isaa diduun badii gurguddaa hojjachaa turtaniif har’a adabbii nama salphisu adabamtu.

Warroonni kafaran (amanuu fi Islaama hordofuu didan) kunniin Aakhirah caalaa jireenyaa addunyaa ni jaallatan. Kanaafu, ishii qofa barbaadan. Ganda Aakhiraa irraa qooda bareedaa hin barbaanne. Haqa malee of tuulan. Ajaja Isaa ni faallessan. Dirree badii fi cubbuu hundatti gadi of dhiisan. Kanaafi adabbii nama salphisu adabamu.

Rakkoon nafsee isaanii, Aakhirah caalaa jireenya addunyaa filachu fi jaallachuudha.[4] Addunyaa tanaan ala ganda Aakhirah jedhamtu keessatti qananiin guddaan ni jira jedhanii waan hin amanneef, qananii san argachuuf hojii gaarii Rabbiif jedhanii hin hojjatan. Warroonni kafaran hojii gaggaarii kan hojjataniif wantoota shanan yeroo darbe kaasne argachuufi. Isaanis, tapha, bashannana, faaya, dhaadannoo, qabeenya baay’ifachuufi. Afaaniin “Namoota rakkatan gargaarra” osoo jedhaniillee, nafseen isaanii wantoota kanaan tan guuttamteedha. Aakhiratti mindaan isaan abdatan hin jiru. Kanaafu, mindaa fi qananii Aakhirah ni dhabu.

Ammas, gama biraatin, Ganda Aakhirah jedhamtu keessatti adabbiin nama badii hojjateef qophaa’e ni jira jedhanii waan hin amanneef, akka fedhanitti badii fi cubbuu adda addaa hojjatu. Kanaafi, qananii Aakhirah guddaa san dhabuu waliin adabbii guddaaf of saaxilu. Wanta kana hundatti isaan geesse, Aakhirah dhiisanii addunyaa filachu fi jaallachuudha.

Gabaabumatti, namni haqiiqaa (dhugaa keessa) addunyaa tanaa beekun ishiin gowwoomu irraa of eegguuf haa tattaafatu. Mi’aa fi faaya addunyaatin gowwoomun Aakhiraf hojjachuu irraa garagalee boodarra rakkachuu isaaf wayya moo har’a addunyaan gowwoomu irraa of eegutu isaaf wayyaa? Asitti akka guduunfati qabxiilee shan dhiyeessu dandeenya:
1ffaa– Addunyaan gowwoomu irraa of eegu-addunyaan gowwoomu yommuu jennu, mi’aa fi faaya ishii hordofuun Rabbii olta’aaf ajajamuu diduu fi badiitti lixuudha.
2ffaa-Ganda Aakhirah gahuuf addunyaa irraa wanta nama barbaachisuu fudhachuu fi wanta nama hin barbaachisne dhiisu.
3ffaa-Qabeenyaa fi mi’aa argatan guutumaan guututti ofuma irratti baasanii fixu osoo hin ta’in, mindaa guddaa Aakhiratti argachuuf qabeenya kana hamma ta’e Jaalala Rabbii qofa barbaadun firoota, rakkattoota fi yatimootaaf kennu. Mee aayah armaan oli ilaali, kaafironni, “Waan gaarii keessan jireenya addunyaa keessatti fixattanii fi itti gammaddanii jirtu” jedhamuun waqqafamu. Waan gaarii isaaniif kenname, qananii ganda Aakhirah ittiin hin barbaanne. Mataa ofii irratti fixan.
4ffaa-Qananii fi faaya addunyaa yommuu argatanii fi itti fayyadaman, karaa halaala hordofuu fi haala sirrii ta’een baasu.
5ffaa-Jireenyi addunyaa tuni tapha, bashannanaa fi wanta nama gowwoomsitudha yommuu jedhamu, “Jireenyaaf hojjachuu irraa guutumatti garagalii Aakhirah qofaaf hojjadhu” jechuu miti. Kana irra, jireenya tana kaayyoo ol’aana osoo hin godhatin jireenya addunyaa irraa qooda kee fudhadhu, wanta ittiin jiraattu argachuuf hojjadhu. Wanta argatte kanaan immoo qaama kee jabeessitee ibaadaa hojjachuu fi sadaqaa kennuun qananii Aakhirah argachuuf itti fayyadami. Dhugaa kana suuratu Al-Qasas aayah 77 keessatti ni arganna: “Waan Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli.” Suuratu Al-Qasas 28:77


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-6/106
[2] Tafsiiru muyassar-99, Tafsiiru Sa’dii-226
[3] Tafsiiru muyassar-270, Tafsiiru Sa’dii-509
[4] Akhlaaqu Islaamiyyati-2/545-555

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 8
Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 3

Leave a Reply