Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 8

Offline dubbisuf

Tafsiira suuratu Al-Hadiida kutaa 7ffaa bal’isuun waa’ee haqiiqaa jireenya addunyaa ilaalaa turreerra. Har’as itti fufuun kutaa 8ffaa ni ilaalla. Kutaa kana keessatti, jireenyi addunyaa tana baddu erga taate,qananii hin banne argachuuf wanta hojjachuu qabanitti nama waama. Itti aanse, addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, rakkoon nama tuquu fi qananiin namni argatu dursee akka murteefame ni ibsa. Addunyaa irraa yeroo waa nama jala darban akka garmalee hin gaddinee fi yeroo qananii argatan of hin tuulleef dhugaa kana ibse.

Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi Jannata bal’inni ishii akka bal’inna samii fi dachii ta’ee kan warra Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amananiif qopheefamteetti wal dorgomaa. Suni tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuudha. Rabbiin abbaa tola guddaati.” Suuratu Al-Hadiid 57:21

Kana jechuun Yaa namoota! Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi Jannata bal’inni ishii akka bal’inna samii fi dachii ta’etti fiigu keessatti wal dorgomaa. Jannata tana warroota Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amananiif qopheesse. Kaafironni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti waan hin amannef qooda keessaa hin qaban. Gara araaramaa fi Jannaatatti fiigun kan ta’u, sababoota araaramaa fi Jannatatti nama geessan hojjachuuf carraaqudha. Kan akka tawbaa dhugaa tawbachuu, araarama kadhachuu, beekumsa barbaadu, iimaana cimsachuu, hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa irraa buqqa’uu fi fagaachudha.

Jannata dura Araaramaa dubbate. Sababni isaas, namni ibidda jalaa nagaha bahee Jannata seenu kan danda’u yoo Rabbiin isaaf araaramee fi rahmata isaaf godhe qofa. Araaramu jechuun badii ykn hanqinna namni hojjate namaaf dhoksuu, irra darbuu fi badii saniif nama adabuu dhiisudha. Namni Jannata kan seenu badii fi dilii (cubbuu) irraa erga qulqullaa’e booda. Karaan badii fi cubbuu irraa itti qulqullaa’an keessaa tokko Rabbiin namaaf araaramuudha. Kanaafu, sababoota araarama Isaatti nama geessan hojjachuutti fiigaa. Kan akka tawbaa dhugaa tawbachuu, araarama kadhachu fi badii irraa buqqa’uu. Ammas, hojii gaggaarii Jannatatti isin geessu fi sadarkaa keessan Jannata keessatti dabalutti fiigaa.

“Suni tola Rabbii kan Inni nama fedheef kennuudha. Rabbiin abbaa tola guddaati.” Kana jechuun Jannani bal’inni ishii akka bal’inna samii fi dachii taate tan Rabbiin warroota Isaa fi Ergamtoota Isaatti amananiif qopheesse, tola Rabbiin namoota amanan irratti ooledha. Rabbiin umamtoota Isaa keessaa nama fedheef tola Isaa kenna. Sababa addunyaa keessatti rizqii isaaniif bal’iseef, bakka galataa isaanitti beeksiseef ergasii Aakhiratti mindaa guddaa isaaniif kenneef Inni isaan irratti abbaa tola guddaati.[1]

57:22

“Rakkoo irraa wanti dachii keessatti yookiin nafsee teessan keessatti bu’u hin jiru, ishii argamsiisuun dura kitaaba keessatti [kan galmeefame] yoo ta’e malee. Dhugumatti kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:22

Kana jechuun Yaa namoota! Rakkoo irraa wanti dachii keessatti yookiin nafsee teessan keessatti bu’u hin jiru uumamtoota uumuun dura rakkoon Kitaaba, “Al-Lawh Al-Mahfuuz” jedhamu keessatti kan galmaa’u yoo ta’e malee. Rakkoon dachii keessatti bu’u kanneen akka hoongee, biqiltoonni fi oomishni xiqqaachu, lolaa, kirkira lafaa, qabeenyi barbadaa’u fi kkf dha. Rakkoon nafsee keessatti bu’u immoo kanneen akka dhukkubaa, hiyyummaa, namni jaallatan du’uu fi kkf dha. Kunniin hundi Kitaaba keessatti kan galmaa’edha. Uumamtoota uumuun dura rakkoo dachii fi namoota irratti bu’uu beekuu fi galmeessun Rabbiin irratti salphaadha. Sababni isaas, Inni wanta yeroo darbe ta’e, wanta amma adeemsifamaa jiruu fi wanta gara fuunduraatti ta’u hunda beeka.[2]

As keessatti wanti hubatamu qabu, qananiin namni argatuus kan galmeefameedha. Ragaa kanaa aayah armaan gadi keessatti “wanta isiniif kenneen [of tuulun] akka hin gammanneef” jecha jedhu keessatti ni arganna. Rakkoon namatti bu’uu fi qananiin namni argatu hundi dursa kan murteefamee fi katabameedha.  

Wanta isin jala darbe irratti akka hin gaddineef, wanta isiniif kenneen [of tuulun] akka hin gammanneef [isin beeksisnee]. Rabbiin of jajaa, dhaadataa hunda hin jaallatu. Isaan warra doy’oomanii fi namoota doy’ummaatti ajajaniidha. Namni garagale, dhugumatti Rabbiin Dureessa Faarfamaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:23-24

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rakkoo fi qananii irraa wanti nama tuqu hunda galmeessu kan namootatti beeksiseef addunyaa irraa wanta isaan jala darbee fi dhabaniif akka hin gaddineef, ammas wanta addunyaa irraa isaaniif kenne of tuulun akka hin gammanneef. Ibn Abbaas ni jedha: eenyullee hin jiru kan gammadu fi gaddu yoo ta’e malee. Garuu namni amane yeroo rakkoon isatti bu’uu ni obsa, yommuu waan gaarii argatu immoo ni galateefata.[3] Gaddii fi gammachuun asitti dhoowwame gadda fi gammachuu daangaa akka darbanii fi wanta hin hayyamamne akka hojjatan nama taasisudha. Kanaafi itti aanse, gammachuun dhoowwame kuni maal akka ta’e ni ibse: “Rabbiin of jajaa, dhaadataa hunda hin jaallatu.”

Kana jechuun nama nafsee ofii dinqisiifatu, qananii Rabbiitiin namoota biroo irratti of dhaadatu hunda hin jaallatu. Namni kuni qananii Rabbiin isaaf kenneen of dinqisiifata, of jaja. Qananii kana humnaa fi beekumsa isaatiin qofa waan argate isatti fakkaata. Ammas, qananii kanaan namoota irratti of tuula. Mataa ofi ol guddisee ilaala, namoota immoo ni tufata. Rabbiin nama akkanaa hin jaallatu. Itti aanse namoota amaloota akkanaa qaban irraa amala badaa mul’atu ni ibse: “Isaan warra doy’oomanii fi namoota doy’ummaatti ajajaniidha.”

Kana jechuun warri of jajanii fi dhaadatan kunniin warra qabeenya isaaniitin doy’oomanii fi karaa Rabbii keessatti hin baasnedha. Ammas, doy’ummaa namootaf bareechisun doy’ummatti isaan ajaju.

“Namni garagale, dhugumatti Rabbiin Dureessa Faarfamaadha.” Kana jechuun namni Rabbiif ajajamu irraa garagalee, of malee eenyullee hin miidhu. Inni Rabbiin hin miidhu. Sababni isaas, Rabbiin uumamtoota irraa Dureessa, Faarfamaa amaloota gaggaarii fi guutuu qabuudha.[4]

Asitti xiqqoo gadi dhaabbanne aayah tana itti xinxallu barbaachisa. Namoonni gariin yommuu salaatan, sadaqa kennanii fi hojii gaggaarii hojjatan, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hojii gaggaarii isaanii kanarraa waan fayyadamu isaanitti fakkaata. Rabbiin subhaanahu Dureessa wayittu hin hajamneedha. Namoota waan gaaritti kan ajajuuf mindaa guddaa isaaniif kennufi. Kanaafi ni jedha:

Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin dhugumatti aalama hundarraa Dureessa. Isaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haaqna. Dhugumatti gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6-7

Ammas, namni Rabbiif yoo ajajamu didu lubbuu ofii malee eenyullee hin miidhu. Sababa badii hojjateef, adabbii Mootii waan hundaa uumee fi too’atuuf of saaxila. Mee ilaali, osoo gabrichi mootii isa bulchuuf ajajamuu dide, gabrichi kuni maal ta’aa? Adabbii mootichaatif of saaxila. Akkasi miti ree? Addunyaa tana guutuu Kan bulchuu fi too’atu Rabbii Mootii Haqaa ta’eedha. Namni waan gaarii yoo hojjate, lubbuu ofii fayyada. Yoo waan badaa hojjates lubbuma ofii miidha. Salaata yoo salaate, of fayyaduuf salaata. Salaata yoo dhiisees, lubbuma ofii miidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yoo toltuu hojjattan lubbuu keessaniif toltuu hojjattan. Yoo hamtu hojjattanis ofumatti [hamtu hojjattu].” Suuratu Al-Israa 17:7

Kana jechuun hojii fi dubbii keessan yoo gaarii gootanii fi bareechistan, nafsee teessaniif toltuu hojjattan. Sababni isaas, mindaan hojii gaarii isin hojjattanii isinumatti deebi’a. Yoo hamtu ykn wanta badaa hojjattanis adabbiin kanaa isinuma irratti deebi’a.[5]

Kanaafu, namni yoo Rabbii olta’aatti amanee salaata salaate, sadaqaa kenne, sooma soome fi hojii gaggaarii biroo hojjate, lubbuma ofiitiif waan gaarii hojjata. Addunyaa tanaa fi jireenya lammataa keessatti lubbuma ofiitiif haalaa fi bakka qubanna tolfata. Namni amanuu dide, salaata dhiise fi waan badaa hojjate immoo, adabbii isa fuundura jiruuf of saaxila.


[1] Tafsiiru Xabarii-22/418[2] Tafsiiru Muyassar-540, Tafsiiru Qurxubii-20/263, Tafsiiru ibn Kasiir-7/187[3] Tafsiiru Qurxubii-20/265, Tafsiiru xabari-22/421[4] Tafsiiru Muyassar-540[5] Tafsiiru Muyassar-282

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 9
Haqiiqaa Jireenya Addunyaa-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply