Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 9

Offline dubbisuf

“Dhugumatti Ergamtoota Keenya ragaalee ifa ta’aniin ergine, akka namoonni haqummaan dhaabbataniif kitaabaa fi madaala isaan waliin buufnee jirra. Sibila isa keessa humni cimaa fi namootaaf faaydan jirus buusne. Rabbiin nama [diinii] Isaatii fi Ergamtoota Isaa geeybitti tumsu ifatti baasuf [kana godhe]. Dhugumatti, Rabbiin Jabaa Injifataadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:25

Ergamtoota ragaalee ifa bahaniin ergine, kitaaba murtiwwanii fi seera of keessaa qabu isaan waliin buusne. Ammas akka namoonni haqummaan wal jidduutti hojjataniif madaala (miizaanaa) buusne.[1] Asitti jecha “Madaala (miizaana)” jedhu ilaalchise hayyoonni hiika lama itti kennani jiru: 1ffaa- Haqummaa (Justice), 2ffaa-miizaana ittiin wantoota madaalan.

Madaala (Miizaana) akka haqummaatti yoo fudhanne, hiikni “madaala buufne” jedhu, “Haqummaatti ajajne” ta’a. Akka miizaana wantoonni ittiin madaallamanitti yoo fudhanne immoo, “madaala keenyee jirra.” Kana jechuun madaala sirriitti ajajne.[2]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni haqummaan akka hojjatanii fi madaala hangaa sirriin akka madaalan ajaje jira. Haqummaa ilaalchise suuratu Al-Maa’ida keessatti ni jedha:

Yaa warra amantan! Rabbiif kan gadi dhaabbatu ta’aa, haqaan ragaa bahaa. Jibbi namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin. Haqa hojjadhaa, isatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodha. Rabbiinis sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8

Ammas, safara akka guutanii fi madaala (miizana) sirriitin akka madaalan akkana jechuun ajajee:

17:35

“Yeroo safartanis safara guutaa, madaala sirrii ta’eenis madaalaa. Kuni irra gaarii fi boodden isaa bareedadha.” Suuratu Al-Israa 17:35

Aayah suuratu Al-Hadiid armaan olii keessatti ergamni Nabiyyootaa guduunfamee jira. Ergamtoonni Rabbiin gara addunyaatti erge wantoota sadii fidanii dhufan:[3]
1ffaa-Bayyinaat-ragaalee ifaa: kuni wanti isaan ittiin dhufan haqaa fi dhugaa ta’uu ragaalee fi mallattoolee agarsiisaniidha. Nabiyyoonni Rabbiin azza wa jalla akka isaan erge ummataaf ragaalee fi mallatoolee kanniiniin mirkaneessu.
2ffaa-Kitaaba- kuni namoota qajeelchuuf barsiisaa fi qajeelcha barbaachisan hunda of keessatti kan qabateedha.
3ffaa-Madaala (miizaana)- kuni haqummaa dhugaa fi soba addaan baasu, yaada, dubbii fi hojii keessatti karaa jidduu galeessaa agarsiisuudha. Amantiin Ergamtoonni fidan hundi isaatu haqummaadha. Ajajoota fi dhoowwu, namoota waliin hojjachuu, yakka, adabbii seera Islaamaa (huduuda), wal dhaalu fi kan biroo keessa haqummaatu jira.[4]

Kaayyoon Nabiyyoonni wantoota sadan kanaan ergamaniif namoonni dhuunfaa fi hawaasni haqummaan akka dhaabbataniif. “akka namoonni haqummaan dhaabbataniif” Kana jechuun akka namoonni haqaan hojjataniifi. Ergamtoonni amanti, amala, yaada fi haala waliin jireenya namoota dhuunfaa fi hawaasaa keessatti haqummaa gadi dhaabuf ergaman. Haqummaan jalqabaa isaan gadi dhaabuuf tattaafatan: Osoo homaa Isatti hin qindeessin namoonni Rabbiin qofa akka gabbaraniidha. Ergasii, haqoota biroo gadi dhaabuu fi hawaasa keessaa zulmii (cunqursaa), yakkaa fi badii haqummaa faallessan balleessuudha.

Ergamtoonni waa’ee haqummaa odeessuu fi leellisuu qofa osoo hin ta’in haqummaa kana hojii irra oolchu. Yommuu haqummaa hojii irra oolchan, warroonni of tuulu fi daangaa darbuun haqummaan faallessan hawaasa keessaa hin dhabaman. Kanaafu, namoota kanniin oofuu fi adabuuf humna waraanaa (military power) barbaachisa. Humna waraanaa keessatti sibiilli gahee ol’aanaa taphata. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Sibiila isa keessa humni cimaa fi namootaaf faaydan jirus buusne.” Asitti “buusun” hiika “uumu” qaba.[5] Wanti dachii keessatti uumamu hundi wanta ajaja Rabbiitin uumameedha. Ajajni kuni Isarraa kan bu’uudha. Rabbiin azza wa jalla wanta fedhe, “Ta’i” jechuun uuma. Wanti sunis yoosu ta’a.

“Sibiila isa keessa humni cimaan… jiru buusne” kana jechuun ragaan isarratti erga dhaabbatee booda nama haqa fudhachuu didee fi faallesse sibiila isa deebisuu goonee jirra. Sibilli isa keessa humni cimaan jiru kuni meeshaalee waraanaa akka seeyfi, eboo, gaachana, taankii fi kkf dha. Kanaafi, Ergamaan Rabbii (SAW) Makkaan keessatti waggaa 13 ture. Yeroo kana keessatti boqonnaaleen Qur’aanaa bu’an Mushrikoota waliin falmuu, Tawhiida ibsuu fi karaa qajeelaa itti agarsiisuu ture. Nama Ergamaa Rabbii (SAW) faalleesse irratti ragaan erga dhaabbatee booda, Rabbiin Hijrah (godaansa) murteesse. Warra amananiis nama Qur’aana faallessee fi kijibsiisee seeyfiin akka lolan ajaje.[6]

Ammas, jireenya keessatti sibiilli namootaaf faayda baay’ee qaba. Kan akka saantima hojjachu, meeshaalee qonnaa, nyaataa, ijaarsaa fi kkf keessatti faayda hangana hin jedhamne qaba. 

“Rabbiin nama [diinii] Isaatii fi Ergamtoota Isaa geeybitti tumsu ifatti baasuf [kana godhe].”
Kitaaba fi sibiila buuseen osoo Rabbii olta’aa fi wanta Aakhirah keessa jiru hin argin nama diinii Rabbii (Islaamaa) fi Ergamtoota Isaa deeggaruu fi gargaaru ifa baasa. “Dhugumatti, Rabbiin Jabaa Injifataadha.” Kana jechuun Inni abbaa humnaati, Injifataadha. Nama diinii Isaa (Islaama) gargaare ni gargaara.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gargaarsa fi deeggarsa hin barbaadu. Garuu namoota qoruuf jihaadatti (qabsootti) ajaje.[7] Diinii fi Ergamtoota Isaa ajaja takkaan gargaaru danda’a. Warroota Isatti kafaranii fi Isa faallessan sakandii takka keessatti balleessu danda’a. Garuu garii gariin qoruuf Ergamtoota Kitaabbaniin ni erge, qabsootti ni ajaje. Qormaata kana irraa warra amananiif mindaan guddaan ni argama. Osoo Rabbiin subhanaahu wa ta’aalaa qabsootti ajajuu baatee takkamaan Ergamtoota Isaa qabsoo malee ol’aantummaa kan kennuuf ta’ee, silaa warri amanan mindaa qabsoo hin argatan. Qabsaa’un yommuu shahiida ta’an (wareegaman), Jannata keessatti sadarkaa guddaa argatu. Garuu osoo qabsoon jiraachu baate, silaa kana hunda hin argatan. Qormaata addunyaa duuba iccitii ajaa’ibaa baay’etu jira!

Haqummaa gadi dhaabuf haala waligalaatin ergamtoota ergu erga dubbate booda, Nabiyyoota kabajamoo lama dubbate:

“Dhugumatti, Nuuhi fi Ibraahimin erginee jirra, sanyii isaan lamaanii keessatti Nabiyyummaa fi kitaaba goone. Isaan irraa qajeelaan ni jira, garuu baay’een isaanii finciltoota.” Suuratu Al-Hadiid 57:26

Nabiyyoonni duraan dhufanii fi boodarra dhufan sanyii Nuuhi fi Ibraahim irraayyi. Isaan irratti kitaabban akka Tawraata, Injiila, Zabuura, Furqaana (Qur’aanaa) fi kan biroo ni buufaman. Sanyii isaan lamaanii irraa nama gara haqaatti qajeelfametu jira. Garuu baay’een isaanii finciltoota. Kana jechuun jallattoota Rabbiif ajajamuu irraa gara Isa faallessuutti bahaniidha.[8] 


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru muyassar-541, Tafsiiru Xabari-22/424[2] Zaadul Masiir-1401
[3] https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote45sym
[4] Tafsiiru Sa’dii-993 [5] Zaadul Masiir-1401[6] Tafsiiru ibn Kasiir-7/188[7] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/188
[8] Tafsiiru Sa’dii-994, Tafsiiru Xabarii-22/426-427

Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa Xumuraa
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 8
Offline dubbisuf

Leave a Reply