Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa Xumuraa

Alhamdulillah Rabbiil aalamiina. Kunoo suuratu Al-Hadiida xumura irra geenye jirra. Xumura kana keessatti qabxileen ijoo adeemsa keessatti nama barbaachisan eeramanii jiru. Osoo dubbii hin dheeressin ibsa suuratu Al-Hadiid haa xumurannu.

Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifne. Iisaa ilma Mariyamis hordofsiifnee Injiila isaaf kennine. Qalbii warra isa hordofanii keessatti gara-laafummaa fi mararfannaa goone. Moloksummaas ni eegalan. Jaalala Rabbii barbaadu malee isaan irratti [moloksummaa] hin katabne. Garuu eeggannaa ishiif maluu hin eegne. Isaan irraa warra amananiif mindaa isaanii ni kennine. Baay’een isaanii finciltoota.” Suuratu Al-Hadiid 57:27

“Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifne.” Kana jechuun Nuuh, Ibraahimii fi sanyii isaanii booda wal duraa duuban ergamtoota ergine.[1] Kan akka Muusaa, Iliyaas, Daawud, Suleeymaan, Yuunus fi kanneen biroo. “Iisaa ilma Mariyamis hordofsiifnee Injiila isaaf kennine.”

“Qalbii warra isa hordofanii keessatti gara-laafummaa fi mararfannaa goone.” Kana jechuun qalbii namoota Nabii Iisaa hordofan keessatti garaa laafinnaa fi mararfannaa goone. 

Moloksummaas ni eegalan.” Kana jechuun nafsee ofii irraa fuudhanii moloksummaa ni jalqaban. Asitti rahbaaniyyah- “moloksummaa” jechuun hiikkame. Jechi Rahbaaniyyah jedhu jecha rahab jedhu irraa kan fudhatameedha. Rahab jechuun “sodaa” jechuudha. Akkuma jechi ibsu rahbaaniyyaan (moloksummaan) mootii abbaa irree sodaachuu ykn qormaata addunyaa sodaachu irraa kan ka’ee addunyaa dhiisuun gara bosonaa, gaarreenii ykn gadaamo baqachuun adda jiraachu fi ibaadaa hojjachuudha.[2]  Gabaabumatti moloksummaa jechuun nyaata, dhugaati fi uffata gaggaarii fi fuudhaa heeruma irraa of dhoowwun gaara ykn gadaamoo keessatti adda bahanii ibaadaa hojjachuudha. Namni kana hojjatu moloksee jedhama.  

 “Jaalala Rabbii barbaadu malee isaan irratti [moloksummaa] hin katabne.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-Nuti isaan irratti moloksummaa dirqama hin goone, ittis hin ajajne. Garuu isaan moloksummaa kanaan jaalala Rabbii barbaaduf moloksummaa jalqaban.
2ffaa-Nuti moloksummaa isaan irratti hin katabne. Wanti Nuti isaan irratti katabne “Jaalala Rabbii barbaaduu” qofa.[3] 

Haala lamaanu keessatti moloksummaan Islaama keessatti bakka hin qabu. Kutaa amantii dhugaa irraa ta’ee miti. Ergamaan Rabbiin (SAW) “Islaama keessa moloksummaan hin jiru” jechuun ibsanii jiru. Hadiisa Al-Bukhaari fi Muslim gabaasan keessatti Anas (radiyallahu anhu) akkana jedha: Sahaabota Nabiyyii (SAW) irraa namoonni gariin hojii ibaadaa dhoksaatti Nabiyyiin hojjatan ilaalchisee haadholii manaa Nabiyyii (SAW) gaafatan. Yommuu isaanitti himamu, ibaadan isaanii xiqqaa akka ta’etti ilaalan. Ni jedhan, “Nuti Nabiyyii irraa eessa jirra? Diliin (cubbuun) isaa darbee fi boodaa isaaf irra darbamee jira.” Isaan keessaa tokko ni jedhe, “Ani halkan guutuu abadii (yeroo hundaa) salaata.” Kan biraas ni jedhe, “Ani immoo yeroo hundaa nan sooma, hin hiiku.” Kan biraas ni jedhe, “Ani dubartoota irraa adda baha, gonkumaa hin fuudhu.” Ergasii Ergamaan Rabbi (SAW) ni dhufan. Itti aansanii ni jedhan, “Isintu akkana akkana jedhee? Ani Rabbiin kakadhe! Ani isin irra Rabbiin sodaadha. Garuu ani nan sooma nan hiika. Nan salaata nan rafa. Dubartootas nan fuudha. Namni Sunnah kiyya irraa garagale inni ana irraa miti.” Sahiih Al-Bukhaari 5063

“Garuu eeggannaa ishiif maluu hin eegne.” Kana jechuun dhimma moloksummaa haala guutuu ta’een hin eegne. Moloksummaan wantoota mi’aawoo fi gaggaarii irraa garagaluu fi akka ibaadaa irraa nama hin ko’oomsineef wanta jaallatan dhiisu kan of keessatti qabateedha. Moloksummaa kana qabachuu keessatti hanqinni ykn daangaa darbuun yoo uumame, eeggannoo moloksummaaf malu hin eegne jechuudha. [4]  

Namoonni kunniin karaa lamaan dogongoratti kufan:
1ffaa- Amantii Rabbii keessatti wanta Rabbiin itti hin ajajne haarawa jalqabu
2ffaa-Wanta gara Rabbitti nu dhiyeessa jedhanii ofirratti dirqama godhan itti fufsiisuu dhiisu.[5]

Namoonni moloksummaa of irratti dirqama godhan kunniin sirnaan moloksummaa hin eegne. Tarii warrummaan moloksummaa jalqaban hin eegne. Yookiin immoo dhaloonni achi booda dhufan moloksummaa hin eegne. Sababa moloksummaa kanaan hariiro firummaa ni kutan, fedhii ofii too’achuu dadhabuu irraa kan ka’e badii adda addaa keessatti ni kufan, qabeenya namootaa karaa haraamaatin walitti haran. Jaalala Rabbii barbaanna jedhanii wanti haarofti isaan amanti keessatti jalqaban dallansuu Rabbiitti isaan geesse. Bal’innaan ajaa’iba moloksummaa liinki kana irraa ilaalun ni danda’ama: https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote54sym

Wanti namni asirraa baratu:
1-Amanti keessatti “kuni Rabbiin gammachiisa” jedhanii wanta haarawa uumuu dhiisu. Wanti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota irratti dirqama godhee fi itti ajaje gahaadha. Inni ogeessota hunda caalaa Ogeessa kan ta’eedha.
2-Nafsee ofii humnaa ol itti fe’uu dhiisu. Namoonni kunniin fedhii uumamaa irraa of dhoowwun nafsee ofiitti wanta hin dandeenye fe’an. Dhumarratti nu kufan. Kanaafu, hojii ibaadaa yommuu hojjatan madaala eeggachu barbaachisa.

“Isaan irraa warra amananiif mindaa isaanii ni kennine.” Kana jechuun namoota Nabii Iisaa hordofan keessaa warroota tokkichummaa Rabbii fi ergamtoota Isaa hundatti amanan mindaa isaanii isaaniif kennine. Warroonni kunniin warra amanti isaanii wanta amantii qulqulluu faallessuun walitti hin makneedha. Kan akka Iisaan gooftaa akka ta’etti amanuu ykn ilma gooftaa akka ta’etti amanuu. Kuni fi kan biraa wanta amanti qulqulluu faalleessuu kiristaanonnii baay’een amanti keessa seensisaniidha.

“Baay’een isaanii finciltoota.” Kana jechuun namoonni amanti Iisaa qabatan baay’een isaanii iimaana (haala sirriin amanuu) keessaa kan bahaniidha. Finciluun kufrii (amanuu diduu) fi badii isaa gadi of keessatti qabata. Kan akka kitaaba jijjiruu fi seera isaa dhoksuu.[6] Kiristaanonnii bu’uura amanti balleessuu fi kitaaba jijjiruun Rabbiif ajajamuu keessaa ni bahan. “Nuti Iyyasuusin hordofna” jechuun isaanii soba guddaadha. Sababni isaas, Rabbii tokkicha hin gabbaran. Isa waliin Iyyasuusin gooftaa keenya jechuun kadhatu. Kuni wanta amanti qulqulluu Nabii Iisaan (Iyyasuus) (aleyh salaam) namoota itti waamaa ture guutumaan guututti faallessuudha. Nabii Iisaan (Iyyasuus) tokkichummaa Rabbiitti namoota waamaa ture. “Na waaqefadhaa” isaaniin hin jenne. Kanaafu, warri kuni daangaa kan darbanii fi ajaja Rabbii keessaa kanneen bahaniidha.

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa, Ergamaa Isaattis amanaa. Rabbiin rahmata Isaa irraa qooda lama isiniif kenna, ifa ittiin deemtanis isiniif taasisa, isiniifis ni araarama. Rabbiin Araaramaa, Mararfataadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:28

Yaa warra amantan! Ajajoota Rabbii hordofaa, wantoota Inni dhoowwe irraa fagaadhaa. Ergamaa Isaatti amanaa. Ergamaatti amanuu jechuun Nabii Muhammad (SAW) ilma namaa guutuuf Rabbiin kan erge ta’uu dhugaan itti amanuu, odeefannoo isarraa mirkanaa’e dhugoomsuu fi isa hordofuudha.[7] Yoo haala kanaan amantan, Rabbiin rahmata Isaa irraa mindaa qooda lama isiniif kenna. Qoonni tokko addunyaa keessatti kan argattan. Qoonni biraa immoo Aakhiratti kan argattaniidha. Kana irratti dabalatee, “ifa ittiin deemtanis isiniif taasisa.” Kana jechuun addunyaa keessatti beekumsaa fi qajeelinna gara haqaatti ittiin qajeeltan isiniif godha. Jecha biraatin: ragaalee gara haqaatti ittiin qajeeltan isiniif laaffisa. Aakhirattis ifa dukkana keessa ittiin deemtan isiniif godha.

isiniifis ni araarama” Kana jechuun badii keessan isiniif irra darbee isiniif haguuga. “Rabbiin Araaramaa, Mararfataadha.”[8]

Namni ifti iimaanaa, beekumsaa fi qajeelinnaa yoo isaaf ife, qajeelinnaa fi jallinna, gaarii fi badaa, dhugaa fi soba addaan baafata. Jireenya keessatti maaliif akka jiraatu, maal hojjachu akka qabuu fi eessa deemaa akka jiru sirritti beeka. Kanaafu, namoota keessa ifaan adeema.

57:29

Abbootiin Kitaabaa tola Rabbii irraa homaa irratti too’annaa akka hin qabnee fi tolti harka Rabbii akka jiru, nama fedheef Kan kennu ta’uu akka beekaniif. Rabbiin Abbaa tola guddaati.” Suuratu Al-Hadiid 57:29

Abbootii kitaabaa jechuun Yahuudotaa fi Kiristaanota.
Ibsi aayah: abbootin kitaabaa Nabii Muhammaditti hin amanne tola Rabbii irraa homaa irratti too’annaa akka hin qabne haa beekaniif nama haala sirrii ta’een amaneef, Rabbiin sodaatee fi Ergamaa Isaatti amaneef tolaa Nuti kenninuuf isiniif ibsine. “homaa irratti too’annaa akka hin qabne..” kana jechuun yoo Nabii Muhammaditti (SAW) hin amaniin tola Rabbii irraa homaa argachuu hin danda’an, namoota birootifis kennuu hin danda’an. Dubbiin akka isaan, “Nama Yahuudaa yookiin Kiristaana ta’e malee Jannata kan seenu hin jiru.” jedhanii miti. Isaan Jannata irratti too’annaa fi aangoo homaatu hin qaban. Kanaafu, tolti harka Rabbii qofa akka jiruu fi Inni gabroota Isaa irraa nama fedheef akka kennu haa beekan. Jannani tola Isaa nama fedheef kennuudha. “Rabbiin Abbaa tola guddaati.”[9]

Kanaafu, kana yoo beekan tarii wallaalummaa fi jallinna isaanii keessaa dammaquun Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanu. Ta’uu baannan, jallinnaa fi wallaalummaa isaanii yoo itti fufan Aakhiratti mindaa fi tola homaatu Rabbii olta’aa irraa hin argatan.

Boqonnaan (Suuraan) tuni waa’ee sifaata Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa erga ibse booda iimaanaa fi hojii gaggaaritti ajajuun banamtee, taqwaa fi iimaanatti ajajuun xumuramte. Baniinsa irratti iimaanaa fi hojii gaaritti ajajuu waliin mindaa guddaa argamu dubbate. Ammas, xumura irrattis taqwaa fi iimaana waliin mindaa guddaa argamu ni dubbate. Jidduutti haala mu’mintootaa fi munaafiqota dubbachuun wanta hojii gaarii tolchu fi balleessu ni dhiyeessa. Dhumarratti, waa’ee moloksummaa kaasun amanti keessatti wanta haarawa uumuu (bid’aa) dhiisuu fi hojii haala itti ajajamaniin hojjachuu akka qaban ni akeeka.

Dhugumatti iimaanaa fi hojii gaarii waliin mindaan guddaan akka jiru ibsuun namoota amanuu fi hojii gaggaaritti ni kakaasa. Namni hojii isaa irraa mindaa guddaa argachuuf jalqaba amanuu qaba. Ergasii haala itti ajajameen hojii gaggaarii ni hojjata. Taqwaan (Rabbiin sodaachun) wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisu of keessatti hammata. Taqwaan adabbii irraa of eeggannoo akka godhan waan nama taasisuuf, hojii gaarii akka hojjatan, hojii badaa irraa akka fagaatanii fi wanta hojii gaarii nama jalaa balleessu irraa akka of eegan nama kakaasa. Kanaafu, namni karaa dheeraa Aakhiratti isa geessu irra deemu tuqaalee afran kanniin dagachuu hin qabu:

  1. Haala sirrii ta’een amanuu-iimaana
  2. Hojii gaggaarii haala itti ajajameen hojjachuu
  3. Hojii badaa irraa fagaachuu. (Yoo dilii/cubbuutti kufe, dafee tawbachuu fi araarama kadhachuun of dhaqqabuu)
  4. Wantoota hojii gaarii nama jalaa balleessan irraa of eegu

Alhamdulillah Rabbiil aalamiin Tafsiirri suuratu Al-Hadiid asirratti xumurame.


Kitaabban wabii:
[1] Tahriir wa tanwiir-27/420
[2] https://www.englishtafsir.com/Quran/57/index.html#sdfootnote51sym, madda olii
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir-7/189, Zaadul Masiir-1402, Tafsiiru Qurxubii-20/272
[4] Tahriir wa tanwiir-27/426
[5] Tafsiiru ibn Kasiir-7/189
[6] Tahriir wa tanwiir-27/426-427
[7] http://sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/#.XhWrs0f7TIU
[8] Tafsiiru muyassar-541, Tafsiiru Xabarii, Tahriir wa tanwiir-27/429, Tafsiiru Sa’dii-994
[9] Tafsiiru Sa’dii-994-995, Tafsiiru muyassar-541

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid-Kutaa 9

Leave a Reply