Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-1

Bismillah jennee imala jalqabnaa
Laa ilaah ill-Allah jennee ragaa baana
Muhammadan rasulullah jennee itti guuttannaa
Hiika Laa ilaah ill-Allah beekuf Mawlaa gargaarsifannaa
Ikhlaasaa fi sadaada akka nuuf kennu Isa kadhannaa

Laa ilaah ill-Allah sirritti beekuu fi hubachuuf hiika jechoota barbaachisoo beekun karaa laaffisa. Osoo hiika jechoota kanniini hin beekin takkamaan Laa ilaah ill-Allah hiikutti yoo seenne hubannoo quubsaa osoo hin argatin hafna. Jechoota armaan gadi haala salphaan akka hubatamaniif jalqaba akka lugaatti, itti aansine akka shari’aatti ni ilaalla. Akka lugaatti yommuu jennu jecha Afaan Arabiffaa keessatti beekkamudha. Shari’aan immoo jecha kanatti seeraa fi ulaagaalee kaa’un hiika jecha kana ni bal’ise. Fkn, akka lugaatti salaata jechuun kadhaa (du’aayi) dha. Garuu akka shari’aatti dhaabbata, ruku’a, sujuuda, zikrii fi seerota biroo kan of keessaa qabuudha. Kanaafu, namni Islaama sirritti hubachuuf jalqaba jecha akka lugaatti beeku, ergasii akka shari’aatti beeku isa barbaachisa.

Hiika Jechoota Ijoo

Jechoota armaan gadi jalqaba akka lugaatti dhiyeessina. Ergasii akka shari’aatti ilaalla. Sirritti akka hubatamuuf hiikni jechaa dhumarratti ingiliffaan kenname jira.
Akka lugaatti:
Islaama-jechuun Rabbii Tokkichaaf harka kennu, buluu fi Isaaf gadi jechuudha.[1]  
Musliima-jechuun nama Rabbiif harka kenne, bulee fi Isaaf gadi jedhuudha.
Iimaana-jechuun dhugoomsu fi amanuudha.- (Ingiliffaan “iimaana-belief, faith”)
Mu’mina- jechuun nama amanee. -(Ingiliffaan “Mu’mina-Believer”)
Ihsaan-tola oolu
Ibaadaa-jechuun gadi jechuu fi of gadi qabuu- (Ingiliffaan “Ibaadaa-worship”)
Tawhiida-tokkichoomsu (monotheism)
Kufrii- amanuu diduu, mormuu fi qananii waakkachuudha. Kufriin faallaa iimaanati. Ammas kufriin faallaa “shukrii (galata galchuuti)”[2] Ingiliffaan kufriin “Disbelief” jedhama.
Kaafira-nama amanuu dide, mormuu fi qananii Rabbii olta’aa waakkatuudha.
Shirkii- jechuun walitti qindaa’u. Faallaan isaa tokkicha ta’uudha. Shirkiin hiikota armaan gadiitiif itti fayyadaman: walitti makamu, walitti hiriyyoomu, waliin hirmaachu (waliin qooda fudhachuu).

Hayyuun lugaa Arabiffaa ibn Faaris ni jedha: Ash-Shirkatu- wanti tokko wantoota lama jidduutti ta’uudha, lamaan keessaa tokko kophatti wanta kana hin fudhatu. (Lamaanu wanta kana keessatti waliin qooda fudhatu.) Ni jedhama: Shaaraktu fulaanan fii shey’in-kana jechuun wanta tokko keessatti isa waliin hirmaadhe. Ashrakta fulaanan- (ebaluun hirmaachiste.) kana jechuun qooda kan fudhatu (hirmaataa) taasiste. 

Akkasumas, jecha shirkii jedhu hiika “wal-qixxeessu” jedhufis itti fayyadamu. Ibn Munzir ni jedha: Xariiqu mushtariku-kana jechuun karaan nama hundaafu wal qixa.[3] (Namni hunduu karaa kana irra deema.)

Akka shari’aatti:
Shirkii jechuun akkuma Rabbiin gabbaran uumama (makhluuqa) gabbaruu, akkuma Rabbiin ol-guddisan uumama ol-guddisuu, akkuma Rabbiin jaallatan uumama jaallachuu, akkuma Rabbiin kadhatan uumama kadhachuu, akkuma Rabbiif sagadan uumamaaf sagaduu fi gosa ibaadaa biroo uumamaaf gochuu yookiin amala Rabbii qofaaf ta’e wanta biraatiif gochuudha. Fkn, Wanta hundaa beekun, waa hundaa irratti danda’aa ta’uu fi wanta fedhe “ta’i” jedhee argamsiisuun amaloota Rabbi qofaaf ta’uudha. Namni amaloota kanniin wanta biraatif godhe shirkii hojjatee jira. “Ebalu wanta hundaa ni beeka, ebalu wanta fedhe hojjata.” jedhe amanuun shirkiidha.[4] Jecha shirkii jedhuuf hiika lugaati fi hiika shari’aa jidduu hariiroo maalitu jira jedhamee yoo gaafatame, akkana jechuun ni danda’ama: “Namni shirkii hojjatu (mushrikni), haqa Rabbii keessatti wanta biraa hirmaataa Isaa godha. Kanaafu, “Wanta kanaaf haqa Rabbiif qofa ta’e irraa qoonni ni jira.[5]” jedhee namni kuni amana. Shirkiin faallaa tawhiida (tokkichoomsuti). Gara funduraatti in sha Allah bal’innaan ilaalla.
Ingiliffaan “shirkii”- “Associating partners with Allah, polytheism” jechuun hiikan.[6]
Namni shirkii hojjatu Mushrik jedhama. Ingiliffaan: polytheist jedhama.

Akka shari’aatti: Islaama
الإسلام هو الإستسلام لله بالتوحيد والإنقياد له بالطاعة والبراءة من الشرك وأهله

Islaama jechuun tawhiidaan Rabbiif harka kennu, ajajamuun Isaaf masakamuu, shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’udha.”

“tawhiidaan Rabbiif harka kennu” jechuun gabrichi Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruun Isaaf harka kennu. “ajajamuun Isaaf masakamuu” jechuun wanta Rabbiin ajajee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu. “shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’u.” Jechuun shirkii irraa bilisa ta’uu fi fagaachu. Shirkii irraa qulqullaa’un warra shirkii hojjatan irraayis akka qulqullaa’an barbaachisa.[7]
Islaamni utubaalee (arkaana) shan qaba. Isaaniis:

  1.  Laa ilaah ill-Allah Muhammadan rasulullah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, Muhammad Ergamaa Rabbiiti)” jedhenii ragaa bahuu.
  2. Salaata sirnaan salaatu
  3. Zakaa kennu
  4. Ji’a ramadaanaa soomu
  5. Namni hajju danda’u hajjii hajjuu

Musliima jechuun nama Rabbiif harka kenne, buluu fi ajajamuudha.

Akka shari’aatti iimaana:
إعتقاد بالقلب وقول باللسان وعمل بالجوارح

iimaana jechuun “qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuu fi qaamoleen hojii hojjachuudha.”[8]
Iimaanni utubaalee (arkaana) jaha qaba. Isaaniis:

  1. Rabbii olta’aatti amanuu
  2. Malaykoota Isaatti amanuu
  3. Kitaabban Isaatti amanuu
  4. Ergamtoota Isaatti amanuu
  5. Guyyaa Aakhiraatti amanuu
  6. Qadaratti (wanta Rabbiin dursee murteessetti) amanuu

Utubaalee kanniin takka takkaan ilaaluuf barruu tana dubbisuun ni danda’ama: http://sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/#.XiC__sj7TIV
Mu’mina jechuun nama utubaalee iimaanaa jahan armaan olitti shakkii tokko malee dhugaan amanee fi hojii gaggaarii itti ajajame hojjatuudha.

Islaamni fi iimaanni wal keessa seenu. Yeroo garii hiikni isaani tokko ta’a. Yeroo garii immoo gargar ta’a. Islaamni fi iimaanni bakka tokkotti yoo dhufan, yeroo kanatti iimaanni qalbiin amanuu fi hojii qalbiiti. Islaamni immoo dubbii fi hojii alaa qaamoleen hojjataniidha. Fakkiin armaan gadi kana hubachuuf nama gargaara

Islaamaa fi iimaanni bakka garagaraatti yoo dhufan immoo hiikni isaanii tokko ta’a.  Lamaan isaanitu hundee fi damee amantii guutuu, dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa of keessatti qabatu. Bal’innaan barruu tana dubbisuun ni danda’ama: http://sammubani.com/2018/06/09/islaama-fi-iimaana/#.XiC2ksj7TIU

Ihsaanni tola ooludha. Faallaan isaa “Hamtuu (wanta badduu) hojjachuudha” Ihsaanni waa lama of keessatti qabata:
1ffaa– Ibaadaa bareechisanii sirnaa fi qulqullinnaan hojjachuu. Ihsaana kana ilaalchise, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedha: Akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si arga.”  Sahih Muslim 8 a Geengoo armaan olii keessatti ihsaanni barbaadame ihsaana gosa kanaati.

2ffaa-Gabroota Rabbiitti tola oolu-kan akka qabeenya isaaniif kennu, beekumsa isaan barsiisu, isaan gorsuu, toltutti ajajuu fi badduu irraa dhoowwu, fi kanneen biroo.

Akka shari’aatti kufrii:
الكفر هو كل إعتقاد أو قول أو عمل ينافي الإيمان
“Kufrii jechuun amanti yookiin dubbii yookiin hojii hunda iimaana faallessuudha.” Damee fi sadarkaa adda addaa qaba.

Yookiin kufrii jechuun amanuu fi dhugoomsu diduudha. Kufriin faallaa iimaanati. Akkuma duratti jenne iimaana jechuun Rabbitti, malaykoota, kitaabban Isaatti, Ergamtootatti Isaatti, Guyyaa Aakhiratti, qadaratti dhugaan amanuu fi ifaa fi dhoksatti wanta Nabiyyiin (SAW) fide hojii irra oolchudha. Kufriin amanti ykn hojii ykn dubbii irraa wanta iimaana kana faallessuudha. Hundeen kufrii Rabbii olta’aatti amanuu diduudha.[9]

Hiikni tawhiida fi ibaadaa itti fufa…


Kitaabban wabii:
[1]  Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 206, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii
[2] Madda olii-fuula 675
[3] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 113-115, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[4] Madda olii-fuula 119
[5] Madda olii-fuula 116
[6] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%B4%D8%B1%D9%83/
[7] Sharih salaasatu usuul-fuula 68-69, Ibn Useymiin
[8] Madda olii fuula 79, Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam, fuula 9, 65, Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 76, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii,
[9] Madda olii-fuula 676

Print Friendly, PDF & Email
Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-2
Sila Itti Hin Xinxallanii?-Kutaa 3

Leave a Reply