Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-2

Offline dubbisuf

Tawhiida
Ji’oota darban keessatti waa’ee tawhiida ilaalun keenya ni yaadatama. Hiika tawhiida, gosootaa fi faayda isaa ilaalle turre. Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan fudhatameedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe jechuudha. Akka shari’aatti tawhiida jechuun “Rabbiin mootummaa fi hojiiwwan Isaa keessatti Tokkicha shariika hin qabne, Zaata fi sifaata (amaloota) Isaa keessatti Tokkicha fakkaataa hin qabne, Isa gabbaruu keessatti Tokkicha dorgomaa hin qabne ta’uu amanuudha.”[1]

Gosoota tawhiida sadan yoo kaasne wanti armaan olii caalatti ni hubatama:
1ffaa- Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah, 2ffaa-Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat, 3ffaa-Tawhiidu al-uluuhiyyah

Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah (Tawhiida Gooftummaa)- jechuun kan wantoota hundaa uume, sooru, jiraachisu, ajjeesu fi qindeessu Rabbiin qofa akka ta’e amanuudha. Akkasumas, hojiwwan Isaa kanniin keessatti shariika (kan Isa waliin qooda fudhatu) akka hin qabne mirkaneessudha.[2] Tawhiinni kuni hojiwwan Rabbiitin kan wal qabatuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda uumu, eenyulle Isa hin gargaarre. Kanniin hunda kophaa (adda) Ofii uume.

Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat (tawhiida maqaalee fi amalootaa)- gara hundaan amaloota gugguutuu fi gaggaariin kan guuttame Rabbii Tokkicha qofa akka ta’ee amanuudha. Ammas, fakkaataa akka hin qabnee fi amaloota hanquu hundarraa qulqulluu akka ta’ee amanuudha. Gara hundaan amaloota guutuu Kan qabuu fi amaloota hanquu hundarraa qulqulluu kan ta’e Rabbii olta’aa qofa.

Gosoota tawhiida lamaan kanniin sammubani.com irratti bal’innaan ilaalle jira. Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat jalatti maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa sifaata of keessaa qaban 20 ol ilaalle turre. Ibsa Maqaalee hundaa barreessuuf yeroon nutti gabaabbate.  Boqonnaalee (suuraalee) Qur’aanaa yommuu ibsinu achi keessatti maqaalee hafan waan hubannuuf gara gosa tawhiida sadaffaatti ce’uu barbaanne.

Tawhiid Al-Uluuhiyyah– jechuun “Ibaadaa keessatti Rabbiin tokkichoomsuu fi amantii Isaaf qulqulleessudha.” Hiikni tawhiida kanaa jecha “Laa Ilaah ill-Allah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” kan jettuudha.[3]

Ammaan booda hojiin keenya tawhiida gosaa kanaa sirritti hubachuudha. Tawhiida gosa kanaa sirritti hubachuu jechuun hiika Laa ilaah ill-Allah fi faallaa kanaa kan ta’e shirkii beekudha. Hubannaan namootaa garagara. Namoonni gariin hiika jechaa yommuu ibsaniif yoosu hubatu. Gariin immoo faallaa jechaa yoo ibsaniif maalummaa jechaa ni hubatu. Kanaafu, tooftaa hiikaa lamaan kanatti fayyadamuun Laa ilaah ill-Allah hubachuuf ni yaalla. Haala gabaabaa ta’een “Laa ilaah ill-Allah” jechuun “Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru” jechuudha. Mee hiika Laa ilaah ill-Allah bal’innaan ilaalun dura tuqaalee lama ijoo haa ilaallu:

Faayda Laa ilaah ill-Allah
Hojiin gaariin Rabbii olta’aa biratti fudhatama argachuuf namni Laa ilaah ill-Allah tti amanuu fi dubbachuu qaba. Namni Laa ilaah ill-Allah tti qalbiin hin amannee fi arrabaan hin dubbanne hojiin isaa hundi jalaa bada. Laa ilaah ill-Allah furtuu Jannataati. Namni furtuu tana hin qabne, Jannata seenu hin danda’u. Bal’inaan faaydalee tawhiida jalatti waan ilaallef mata-duree kana hin dheeressinu. Namni faayda Laa ilaah ill-Allah bal’innaan beeku barbaadu linkii tana tuquun dubbisuu danda’a. https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tawhiid-1.pdf

Ulaagaalee (Sharxiiwwan) Laa ilaah ill-Allah-Kutaa 1ffaa

Laa ilaah ill-Allah jedhanii ragaa bahuun furtuu Jannataati. Garuu Muslimoonni baay’een arrabaan qofa Laa ilaah ill-Allah jechuun Jannata waan seenan isaanitti fakkaata. Haa ta’uu malee arrabaan qofa Laa ilaah ill-Allah jechuun nagaha nama hin baasu. Dhugumatti, munaafiqoonni  “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha…” jechaa turan. Garuu Rabbiin kijibdoota akka ta’an isaan ibse. Qilee Jahannam gadi aanaa keessa akka jiraatan dubbate.

Eeyyen Laa ilaah ill-Allah furtuu Jannataati. Garuu jecha tana jechuun ulaagaalee murtaa’an qaba. Taabi’iin keessaa hayyuun Wahb ibn Munabbih jedhamu akkana jechuun gaafatame: “ jechi Laa ilaah ill-Allah furtuu Jannataati mitii?” Innis akkana jechun deebise, “Eeyyen! Furtuu Jannataati. Garuu furtuun hunduu ilkaan qabdi. Furtuu ilkaan sirrii qabdu yoo fidde, balballi siif banama. Yoo ilkaan sirrii hin qabaatin immoo balballi siif hin banamu.” Ilkaan kuni ulaagaalee (sharxiwwan) Laa ilaah ill-Allah ti. Namni Laa ilaah ill-Allah jedhu ulaagaalee kanniin yoo qabaate, balballi Jannata isaaf banama. Mee ulaagaalee kanniin Qur’aanaa fi hadiisa irratti hundoofne haa ilaallu. Laa ilaah ill-Allah sharxiwwan saddeet qaba. Isaanis: Beekumsa, yaqiina, fudhachuu, masakamuu, sidq (dhugaa ta’uu), ikhlaasa, jaallachuu fi wantoota Rabbiin alatti gabbaraman mormuudha.  Mee ulaagaalee (sharxiwwan) kanniin ragaa waliin haa ibsinu:

Ulaagaa (Sharxii) 1ffaa-Beekumsa
Namni yommuu Laa ilaah ill-Allah jedhee ragaa bahu, hiika Laa ilaah ill-Allah beeku qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki! Dilii keetifis [Rabbiin] araarama kadhu, mu’mintoota dhiiraa fi dubartootaafis [kadhu].” Suuratu Muhammad 47:19

Namni yommuu Laa ilaah ill-Allah jedhee ragaa bahu, wanta kalimaan (jechi) Laa ilaah ill-Allah mirkaneessitu fi dhabamsiistu beeku qaba. Hundemaa “ragaa bahuu (shahaada)” jechuun wanta beekanii fi itti amanan beeksisuudha. Namni wanta tokko yoo hin beekin akkamitti ragaa bahuu danda’aa? Ragaan beekumsa irratti hin hundoofne fudhatama hin qabu. Kanaafu, namni waa’ee Laa ilaah ill-Allah sirritti beeku qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
“‏ مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَعْلَمُ أَنَّهُ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ دَخَلَ الْجَنَّةَ ‏”
“Namni dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre osoo beekuu du’e Jannata seene.” Sahiih Muslim 26
Kana jechuun namni “Laa ilaah ill-Allah” sirritti beekee fi itti amanee du’e Jannata seene.

Sharxii 2ffaa: Yaqiina
Yaqiina jechuun shakkii tokko malee dhugaan amanuu fi mirkaneessudha. Yaqiinni faallaa shakkiiti. Ingiliffaan certainty, Amaariffaan irgixanyinat jedhama. Namni yommuu Laa ilaah illallah ragaa bahu dhugaan itti amanu qabu. Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre hidda qalbii irraa dhugaan amanuu fi mirkaneessu qaba. Shakkiin qalbii keessa yoo seene, jechi Laa ilaah illallah nama hin fayyaddu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mu’mintoota (warra dhugaan amanan) akkana jechuun ibse:

49:15

Mu’mintoonni warroota Rabbii fi Ergamaa Isaatti amananii ergasii hin shakkinee fi qabeenya isaaniitii fi lubbuu isaanitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.” Suuratu al-Hujuraat 49:15

Faallaa kanaa munaafiqota warra qalbiin isaanii shakkitu akkana jechuun ibse:

9:45

“[Lola irraa duubatti hafuuf] hayyama kan si gaafatu kanneen Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti hin amannee fi qalbiin isaanii shakkite qofaadha. Isaan shakkii isaanii keessa deddeebi’u.” Suuratu At-Tawbah 9:45

Akkuma hayyoonni baay’een dubbatanitti shakkiin namni qalbii isaa keessatti akka qubatu hayyamu fedhii lubbuu caalaa iimaana namaa irratti balaa guddaa fida. Sababni kanaas, namni fedhii lubbuu guuttachuun tarii boodarra tawbachuu fi badii kana dhiisu danda’a. Gara biraatin immoo hanga namni dhumarratti Islaama keessaa guutumaan guututti bahuutti shakkiin qalbii keessatti lixuu danda’a. Yookiin yommuu shakkiin qalbii keessatti hidda qabatu, qalbii isaa keessa iimaanni kan hin jirre ta’ee Islaama hordofuu danda’a. Kuni immoo homaa nama hin fayyadu.

Shakkiif qorichi hundarra guddaan beekumsa. Beekumsa sirrii Qur’aanaa fi sunnah qabaachuun shakkii hunda oofa. Namni maddoota kanniin qo’achuu fi hubachuun yaqiina argachuu danda’a. Namni akkuma qo’atuu fi baratuun yaqinni isaa cimaa fi jabaa ta’aa adeema.
In sha Allah itti fufa…

Ulaagaalee kanniin galmaan gahuuf akka nama gargaaruuf jecha kitaabni, “IBSA MAQAALEE FI SIFAATA RABBII (SUBHAANAHU)” jedhu websaayiti kana irratti maxxanfamee jira.


Kitaabban wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 20, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] https://www.sammubani.com/2019/06/19/gosoota-tawhiida-kutaa-1/#.XhogCMj7TIU
[3] https://www.sammubani.com/2019/06/21/gosoota-tawhiida-kutaa-2/#.Xhop9sj7TIU
Aqiidatu Tawhiid-fuula 48-49, Sheykh Saalih ibn Fawzaan
Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-Vol.1, fuula 282-284

Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 2
Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply