Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti Tawhiida jechuun Gooftummaa, maqaalee fi sifaataa Rabbii fi ibaadaa keessatti Rabbiin Tokkichoomsudha jennee jirra. “Namni kaafirri gara Islaamaa seenu yoo barbaade tawhiinni wanta jalqabaa inni hojjachuu qabuudha. Tawhiinni karaa tokkicha namoonni amanti Islaamaa itti seenaniidha. Namni amantiin ykn duudhan isaa wanta fedhe haa ta’uu, Musliima ta’uuf jalqaba tawhiida qabachuu qaba. Ragaan kanaa, nabiyyoonni hundu waamichi isaanii jalqabaa gara tawhiidaati. Tawhiinni hundee amantiin irratti ijaarramuudha. Seerri amanti hundi tawhiida booda dhufa. Tawhiidaan alatti amanti irraa homtu sirrii hin ta’u.  Namni tawhiida yoo hin qabaatin, salaanni, zakaan, soomni, hajjiin isaa fi kan biroo hundi sirrii hin ta’u.”  Kana jechuun namni yoo Rabbiin hin tokkichoomsinii fi wanta Isaan ala jiran gabbaruu (waaqefachuu) yoo hin dhiisin, hojiin amanti inni hojjatu hundi isarraa hin fuudhamu. Ragaa kanaa (ilaali suuratu Az-Zumar 39:65) Kanaafu, namni milkaa’u fi adabbii jalaa nagaha bahuu barbaadu “Laa ilaah ill-Allah” beekuf tattaafachu qaba. Har’as itti fufuun jechi tuni nama fayyaduuf ulaagaa (sharxii) guuttamu qaban haa ilaallu.

Sharxii 3ffaa-Al-Qabuul (Fudhachuu)
Namni Laa ilaah illallah sirritti beekee fi yaqiina (mirkaneefannaa) erga qabaate booda qalbii fi arrabaan wanta Laa ilaah illallah agarsiistu hunda fudhachuu qaba. Wanti Laa ilaah illallah agarsiistu Rabbiin qofa gabbaruu fi wanta Isaan ala jiran gabbaruu dhiisudha. Namni Laa ilaah illallah dhugaa ta’uu osoo beekeyyuu jecha tana yoo fudhachuu dide, inni kaafira. Fudhachuu diduun kuni of tuuluu, waanyu fi sababoota adda addaa irraa kan madduudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Dhugumatti isaan yommuu, “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.” isaaniin jedhamu, of tuulaa turan. “Sila nuti walaleessaa maraataa ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-Saaffaat 37:35-36

Kuni warra Rabbii gaditti waan biraa gabbaran gara fuunduraatti Jahaannamiin seenan ilaalchise dubbata. Yommuu “Rabbii tokkicha malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu Isa qofa gabbaraa.” jedhaman, ajaja kana hin fudhatan. Kana irra, of tuulanii fudhachu didu.

Namni arrabaan Laa ilaah illallah jedhe wanta Laa ilaah illallah’n agarsiistu yoo hin fudhatin, jechi tuni homaa isa hin fayyaddu. Akka fakkeenyaatti, warra Laa ilaah illallah jedhanii qabrii gabbaran ilaalu dandeenya. Namoonni kunniin Laa ilaah illallah haa jedhanii malee qabrii gabbaruu hin dhiisan. Qabrii bira deemanii nama du’e kadhatu. Kanaafu, isaan hiika Laa ilaah illallah hin fudhannee jechuudha.

Sharxii 4ffaa: Masakamuu (Al-Inqiyaad)
Kuni wanta Laa ilaah illallah’n agarsiistu hojii irra oolchu fi itti buluudha. Masakamuu jechuun wanta ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisudha. Namni yommuu farda masaku, fardi gara masakameetti deema. Nama isa masake didee gara biraa hin deemu. Kanaafu, fardii kuni masakamaadha jechuudha. Haaluma kanaan namni Laa ilaah illallah jedhee ragaa bahuus ajajoota Gooftaa isaatiif kan masakamu ta’uu qaba. Kuni hiika Islaamaati. Islaama jechuun “fedhii fi ajaja Rabbiitiif masakamuu fi Isa qofaaf gadi jechuudha.”  Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaaf harka kennaa (ajajamaa, masakamaa).” Suuratu Az-Zumar 39:54

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama ajaja Isaatiif bulu akkana jechuun faarse:

31:22

“Namni toltuu osoo hojjatuu fuula isaa gara Rabbiitti kenne, dhugumatti qabannoo cimaa qabatee jira. Xumurri dhimmoota hundaa garuma Rabbiiti.” Suuratu Luqmaan 31:22

Wusqaa (qabannoo) jechuun wanta tokko qabachuuf caafi isaa irratti wanta akka geengoo godhamuudha. Jookin qabannoo qaba, baaldin qabannoo qaba. Akkasumas, wusqaan tushaa walakkaan isaa akka geengotti guduunfamee wanta tokko ittiin qaban ykn fannisan ta’uu danda’a.[1] Ingiliffaan jecha wusqaa jedhu “handhold” jechuun hiikan

Jecha wusqaa (qabannoo) jedhu haala ergifannaatin amanti, yaada fi humna ijaan hin mul’anne irraa wanta sirritti qabatan agarsiisuuf itti fayyadaman. Kanaafu, asitti qabannoon cimaan kuni Laa ilaah illallah dha. Kana booda hiikni aayah:
Namni dubbii fi hojii isaa kan bareechisuu fi sirnaan hojjatu ta’ee ibaadaa isaa Rabbiif qulqulleessee fi niyyaan isaa gara Gooftaa isaa ta’ee, qabannoo hundarra cimaa jaalalaa Rabbii fi Jannatatti isa geessu qabatee jira. Namni qabannoo cimaa kana qabate, qabannoon kuni ni cita jedhee hin sodaatu. Dhugumatti qabannoo kufaatii fi kirkiruu irraa nagaha ittiin ta’u qabatee jira.[2]

“fuula isaa gara Rabbiitti kenne” jechuun imala qormaataa isaa keessatti nama ajajoota Rabbii fi wantoota Inni dhoowweef filannoo ofiitiin masakamuudha.[3] Jecha biraatin, jaalala Isaatii fi mindaa Isa bira jiru kajeelun wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wantoota Inni dhoowwe dhiisun Isaaf buluudha. “fuula isaa gara Rabbiitti kenne” yommuu jedhu Rabbiin ala gara wanta biraa kan hin mil’anne ta’uu agarsiisa. Kana jechuun hojii isaa hunda Rabbiif qofa godha. Rabbiin ala nama irraa mindaa, faaruu, na jaja, na argaa fi wanta biraa hin barbaadu. Hojii isaa guutuu Rabbiif qulqulleessa (ikhlaasan hojjata).

Namni Rabbiif hin masakamne (hin bulle) immoo adabbiin isaa akkami? Aayah armaan olii irraa itti aanse ni dubbata:

Nama kafare, kufriin isaa si hin gaddisiisin. Deebiin isaanii garuma Keenya, ergasii wanta hojjata turan isaanitti himna. Dhugumatti, Rabbiin Beekaa wanta qoma keessa jiruuti. Yeroo xiqqoof isaan qananiisna ergasii gara azaaba (adabbii) cimaatti isaan dirqisiifna.” Suuratu Luqmaan 31:23-24

Nama Rabbitti amanuu dide, kufriin (amanuu diduun) isaa si hin gaddisiisin. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa deebiin isaanii garuma Keenya ta’a. Hojii fokkuu isaan addunyaa keessatti hojjataa turan isaanitti beeksifna. Ergasii jazaa isaanii isaaniif kafalla. Dhugumatti Rabbiin wanta qoma keessa jiru hunda beeka. Kan akka niyyaa, yaada gaarii fi badaa, kufrii namoonni qoma keessatti dhoksan hunda beeka.

Warroota amanuu didanii fi ajaja Keenyaaf buluu didan addunyaa keessatti yeroo xiqqoo isaan itti qanani’an ni tursiifna, wanta jaallatan isaaniif kennina. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa dirqamaan akka seenan isaan taasifna. Adabbiin kunis ibidda Jahannami.[4]

Sharxii 5ffaaAs-Sidq (Dhugaa ta’uu)
Kana jechuun namni “Laa ilaah illallah” jedhee ragaa bahu, qalbiin isaa tan dhugoomsite ta’ee jechuu qaba. “Laa ilaah illallah” itti qalbiin osoo hin amaniin arraba qofaan yoo jedhe, inni munaafiqa kijibaa ta’a. “As-Sidq (dhugaa ta’uun)” faallaa “kijibaati”.

Namoonni baay’een namoota Laa ilaah illallah” jedhanii ragaa bahan dhagahanii jiru. Garuu namoonni kunniin dhugaadhaan jecha tana hin jedhan. Jecha tanatti hin amanan. Of eeguuf ykn faayda xiqqoo argachuuf qofa Laa ilaah illallah” jedhu. Isaan kuni munaafiqoota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun Qur’aana keessatti isaan ibse:

Namoota keessaa nama, “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanne.” jedhutu jira, garuu isaan warra amananii miti. Rabbii fi warra amanan gowwoomsuuf [carraaqu], hin beekanii malee isaan lubbuu ofii malee homaa hin gowwoomsan. Qalbii isaanii keessa dhukkubatu jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. Sababa kijibaa turaniif adabbii laalessaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Baqara 2:8-10

Namoota keessaa garee dhama’anii warra dhugaan amananii fi kaafirtoota jidduu deddeebi’antu jira. Isaan kuni munaafiqota arraba isaanitiin Rabbii fi Guyyaa Aakhirah (Qiyaamaa) dhugoomsine jedhaniidha. Garuu keessaan kijibdoota, qalbiidhaan hin amanne. Wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e iimaana mul’isuu fi kufrii dhoksuun Rabbii fi warra amanan gowwoomsine jedhanii amanu. Garuu isaan mataa ofii malee eenyullee hin gowwoomsan. Sababni isaas, xumurri gowwoomsu isaan irratti deebi’a. Wallaalummaan isaanii daangaa darbuu irraa kan ka’e of gowwoomsaa akka jiran isaanitti hin dhagahamu. Qalbiin isaanii waan baddeef kuni isaanitti hin dhagahamu. Qalbii isaanii keessa dhukkuba shakkii fi fasaada (badiitu) jira. Ma’asiyaa (cubbuu) adabbiitti isaan geessuun qoramanii jiru. Rabbiin qalbii isaanii keessatti shakkii isaaniif dabale. Ammas sababa kijibaa fi nifaaqa isaanitiif adabbii laaleessaa nama rakkisuu fi dhukkubsutu isaaniif jira.[5] 

Islaamatti amananii osoo hin ta’in Muslimoota ta’uun faayda argachuuf qofa namoonni Laa ilaah illallah jedhanii ragaa bahan, shahaadan (ragaa bahuun) isaanii kuni Rabbiin biratti fudhatama hin qabu. Aakhiratti mindaa wayitu hin argatan. Sababa kijibaniif adabbii laalessaa qunnamu.

Namni dhugaan qalbii isaatiin laa ilaah illallah tti amanuun laa ilaah illallah jedhe ibidda irraa baraarama. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

مَا مِنْ أَحَدٍ يَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ صِدْقًا مِنْ قَلْبِهِ إِلاَّ حَرَّمَهُ اللَّهُ عَلَى النَّارِ ‏‏‏
“Eenyullee ‘Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati’ jedhee dhugaadhaan qalbii isaa irraa ragaa bahu hin jiru Rabbiin ibidda irraa kan isa baraaru yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-128

Kana jechuun namni kamiyyuu dhugaadhaan qalbii isaatiin itti amanuun “Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati” jedhee ragaa bahe, Rabbiin ibidda irraa isa eega.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-3/29, Ma’aariju tafakkuri-11/740
[2] Tafsiiru muyassar-413, Tafsiiru Xabarii-18/569, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-21/177
[3] Ma’aariju tafakkuri-11/741
[4] Gabaabbinnaan tafsiiru xabarii-18/570, Tafsiiru muyassar-413
[5] Tafsiiru muyassar-fuula 3
Aqiidatu Tawhiid-fuula 49, Sheykh Saalih ibn Fawzaan
Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-Vol.1, fuula -285-286

Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 3
Laa İlaah İll-Allah jechuun Maal jechu?-Kutaa-2
Offline dubbisuf

Leave a Reply