Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Islaamni Laa ilaah illallah irratti kan ijaarrameedha. Kanaafi, Islaamni amanti tokkicha haqa ta’eedha, amantiiwwan biroo immoo baaxila. Sababni isaas, Islaamni osoo homaa itti hin qindeessin Rabbii Tokkicha gabbaruutti namoota waama. Wantoota Rabbii olta’aan alatti waaqefataman hunda garmalee balaalefata, guutumaan guututti dhoowwa. Amantiwwan biroo immoo akkanaa miti. Amantiin gariin muka, dhagaa, siidaa fi kkf waaqefachuutti nama waamu. Gariin ilma namaa, malaykoota fi uumamtoota biroo waaqefachuutti nama waamu. Dhugumatti, kuni amantiwwan kunniin baaxila akka ta’an ifaan ifatti mul’isa. Wanta nama hin fayyannee fi hin miine gabbaruun (waaqefachuun) haqa moo soba jettuun yaa jarana? Rabbii Tokkicha waan hundaa beeku, arguu, nama fayyaduu fi miidhu danda’u, rakkoo namarraa deebisuu danda’u qofa gabbaruun haqa sammuun nagaha mormuu hin dandeenyedha. Kanaafi, jechi “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” jedhu haqa haqa hunda caaludha. Namni jecha tanaan adabbii Rabbii olta’aa jalaa nagaha baha. Namni jecha tana jedhu adabbii jalaa bahuu fi Jannata seenuuf ulaagaalee guutuu qabu yeroo darbe jalqabne jirra. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa ni ilaalla.

Sharxii 6ffaa-Ikhlaasa
Kana jechuun makaa shirkii hunda irraa hojii qulqulleessuudha. Namni Laa ilaah illallah Muhammadan rasulullah jedhee yommuu ragaa bahu, Rabbi qofaaf jechuu qaba. Sababa biraatiif ykn nama tokkoof jedhee hojjachuu hin qabu. Haala kanaan, hiikni ikhlaasaa faallaa shirkii ta’a. Gabaabumatti, namni Laa ilaah illallah jedhu dubbii fi hojii isaa Rabbii olta’aaf qulqulleessu qaba. Ragaan kanaa:

“Amanti Isaaf kan qulqulleessu ta’i Rabbiin gabbari.” Suuratu Az-Zumar 39:2

Ibaadaa kee hunda Rabbiif qulqulleessi Isa qofa gabbari. Al-Ikhlaasu Lillah (Rabbiif qulqulleessu) jechuun hojii amanti hunda shirkii, na argaa, na dhagayaa fi makaa biroo irraa qulqulluu fi dhinbiibamaa gochuudha. Akka lugaatti ni jedhama, “Akhlasa fulaanu shay’a (Eebalu wanta tokko qulqulleesse)” kana jechuun faalama (makaa) irraa qulqulleesse, dhinbiibe.

Mukhlis jechuun nama hojii fi niyyaa isaa faalama (makaa) irraa qulqulleesseedha.[1] Asitti faalamni ykn makaan shirkii, na argaa (riyaa), na dhagahaa, na jajaa fi kkf dha. Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Qajeeltota amanti Isaaf qulqulleessan ta’anii Rabbiin qofa gabbaruu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Shirkii (Rabbiin alatti wanta biraa waaqefachuu) irraa gara iimaanatti dabuun [ykn qajeeluun] ibaadaa isaaniitiin Fuula Isaatii fi Isatti dhiyaachuuf niyyachuun Rabbiin qofa akka gabbaran, salaata sirnaan akka salaatanii fi zakaa akka kennan malee homaattu hin ajajamne. “Kuni” kana jechuun Rabbiin Tokkichoomsu fi amanti keessatti hojii Isaaf qulqulleessun (ikhlaasni) “amanti qajeelaadha.” Amantiin qajeelaan kuni Islaama qananii Jannataatti nama geessudha. Islaaman ala karaan hundi Jahiim (ibidda Jahannamatti) kan nama geessaniidha.[2] Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran hundi Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruutti nama waamu. Fkn, Kiristaanni gara Nabii Iisaa (aleyh salaam) waaqefachuutti nama waama. Namni Rabbiin ala wanta biraa osoo gabbaru (waaqefatu) du’e gahuumsi isaa ibidda. Kuni murtii Gooftaan addunyaa guutuu bulchu murteessedha. Murtii Isaa kan deebisu hin jiru. Faallaa kanaa namni Rabbiin qofa gabbare immoo ibidda irraa fageefama.

Sharxii 7ffaa-Jaallachu-Al-Mahabbah
Kana jechuun Laa ilaah ill-Allah, wanta jechi tuni agarsiistuu fi namoota jecha tana hojii irra oolchan jaallachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namoota keessaa namoota Rabbii gadiitti andaada godhatanii akka jaalala Rabbii jaallatantu jira. Garuu warri amanan [isaan] caalaa sirritti Rabbiin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:165

Andaada jechuun qixxaattota (equals), dorgomtoota.
Kana booda ibsi Aayah: Namoota keessaa gareen namootaa Rabbii gaditti sanamoota, taabota, awliyaa’ota gooftaa godhatanii Rabbii olta’aaf qixxaattota godhu. Jaalalaa fi ol guddisuu Rabbiif qofa malee homaafu hin malle wantoota kanniiniif kennu. Jaalalli warri kafaran Rabbii fi wanta Isaa gaditti gabbaraniif qaban caalaa jaalalli warri amanan Rabbiif qaban baay’ee cimaadha. Sababni isaas, jaalalli warri amanan Rabbiif qaban qulqulluu kan ta’eedha. Akka Isa jaallatanitti wanta biraa hin jaallatan. Jaalalli warra kafaranii immoo hirmaataa kan qabuudha. Akka Rabbiin jaallatanitti wanta gabbaran jaallatu. Kuni immoo shirkii fi jaalala hanquu ta’eedha.[3]

Sharxii 8ffaa-Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi gabbaruu irraa fagaachu
Ragaan kanaa Qur’aana irraayyi:

“Namni xaaghuutatti kafaree Rabbitti amane, dhugumatti qabannoo jabaa addaan hin cinne qabatee jira.” Suuratu Al-Baqara 2:256

Jechi Xaaghuut jedhu, jecha xughiyaan jedhu irraa kan fudhatameedha. Xughiyaan jechuun daangaa darbuudha. Imaamu Ibn Al-Qayyim xaaghuuta akkana jechuun hiike: “gabbaramaa, hordofamaa fi ajaja isaatiif kan bulan irraa wanta gabrichi daangaa isaa ittiin darbuudha.”[4]

Sheyxaanni xaaghuuta. Sababni isaas, namni sheyxaanaaf ajajamuun daangaa darba. Sheyxaanni Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaranii fi badiitti nama ajaja. Namnis isaaf ajajamuun daangaa darba. Rabbii gadiitti sanamni (siidaan) fi taabonni namoonni gabbaran (waaqefatan) xaaghuuta. Sababni isaas, namni sanamaa fi taabota kanniin gabbaruun daangaa darba. Hayyoonni fi molokseen yahuudotaa fi kiristaanota xaaghuuta. Sababni isaas, hayyoonni fi molokseen wanta Rabbiin halaala godhe haraama godhu, wanta haraama godhe halaala godhu. Kanaafu, namni isaan hordofuun daangaa darba. Ammas, moottonni abbaa irree xaaghuuta. Namni ajaja isaaniitiif buluun ykn isaaniif ajajamuun daangaa darba. Akkasumas, Xaaghunni raagdu, nama sihrii (falfala) hojjatu of keessatti qabata.[5]

Kafaruu jechuun amanuu diduu, mormuudha. “Namni xaaghuutatti kafaree Rabbitti amane” Kana jechuun namni xaaghuutatti amanu didee, mormee fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu dhiisee Rabbiitti amanee, dhugumatti inni qabannoo jabaa addaan hin cinne sirritti qabatee jira.  Mujaahid ni jedha qabannoon jabaan kuni iimaana. Suddiin ni jedha: Qabannoon cimaan Islaama. Sa’iid ibn Jubeeyri fi Dahhaak ni jedhu: Qabannoon jabaan Laa ilaah ill-Allah dha. Ibsi kunniin hundi sirriidha. Isaan jidduu wal diiggan hin jiru.[6] Namni xaaghutatti yoo kafaree Rabbitti amane, iimaana keessa seena, Laa ilaah ill-Allah jedha, Islaama ni hordofa. Kanaafu, iimaana, Islaamaa fi laa ilaah illallah qabatee jechuudha.

Namni ulaagaalee saddeettan kanniin guutuun hanga du’aatti itti fufuu qaba. Kanaafu, akka sharxii dhumaatti hanga lubbuun nama keessaa baatutti “Laa ilaah ill-Allah” qabachuudha jennee xumuruu dandeenya. Ragaan kanaa:

3:102

“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Guduunfaa
Ulaagaalee (sharxiiwwan) Laa ilaah illallah kanneen armaan gadiiti:
1-Beekumsa
2-Yaqiina
3-Fudhachuu (Al-Qabuul)
4-Masakamuu (Al-Inqiyaad)
5-Dhugaa ta’u (As-Sidq)
6-Ikhlaasa
7-Jaallachu
8-Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hunda mormuu fi irraa fagaachu

Wantoota armaan oli haala kanaan guduunfu dandeenya: Namni Laa ilaah illah jedhu hiika Laa ilaah illallah beeku qaba. Ergasii shakkii tokko malee dhugaan itti amanuudha (yaqiina). Erga hiika beeke fi itti amanee Laa ilaah illallah qalbii fi arrabaan fudhachuun namarraa eeggama. Ergasii masakamuudha. Kana jechuun wanta itti ajajame hojjachuu fi wanta irraa dhoowwame dhiisudha. Ammas, namni Laa ilaah illallah yommuu jedhu, dhugaa ta’uu qaba. Dhugaa ta’uu (sidq) jechuun qalbii fi arrabni walitti galuudha. Kana jechuun qalbiidhaan Laa ilaah illallah tti amanuun arrabaan dubbachuudha. Dhugaa ta’uun faallaa kijibuuti. Namni kijibuu wanta qalbiin itti hin amanne arrabaan dubbata. Kuni immoo Rabbiin biratti nama hin fayyadu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wanta qalbii keessa jiruu fi arraban dubbatan sirritti beeka. Namni Laa ilaah illallah jedhu ikhlaasa qabaachu. Ikhlaasa jechuun hojii fi dubbii Rabbii olta’aaf qulqulleessudha. Sharxiin 7ffaan, Laa ilaah illallah, wanta jechi tuni agarsiistu fi namoota jecha tana qabatan jaallachuudha. Sharxiin 8ffaan, wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti amanuu didu, irraa qulqullaa’u fi fagaachudha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri-12/151-152
[2] Tafsiiru Muyassar-598, Tafsiiru Sa’dii-1099
[3] Tafsiiru Muyassar-25, Zaadul Masiir-99, Bidaa’u tafsiir-1/159-160
[4] Shariih salaasati usuul-Ibn Useymiin-fuula 150
[5] Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Faatih-Baqarah-3/266, Madda olii-fuula 151, Zaadul Masiir-157
[6] Tafsiir Ibn Kasiir-2/252
Aqiidatu Tawhiid-fuula 49-50, Sheykh Saalih ibn Fawzaan
Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-Vol.1, fuula -287-289
Sharih Risaalatu Tadmuriyyah Fuula 61

Islaama Jechuun Maal jechuudhaa?
Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply