Islaama Jechuun Maal jechuudhaa?

Offline dubbisuf

Tawhiinni hundee amantiiti. Wanta jalqabaa namoota itti waamu qabnuudha. Yoo tawhiida kana fudhatan wanta isa booda jiru kan akka salaata, zakaa fi kan birootti ni waamna. Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu Mu’aaziin gara Yaman ergan akkana jedhaniin:

Gara Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi ani Ergamaa Rabbii akka ta’e ragaa bahuutti isaan waami. Yoo isaan kana tole jedhan, Rabbiin guyyaa fi halkan hunda salaata shan isaan irratti dirqama akka godhe isaan barsiisi. Yoo isaan kana tole jedhan, Rabbiin qabeenya isaanii keessatti zakaa dureeyyi isaan irraa fuudhamee hiyyeeyyi isaaniitiif kennamu isaan irratti dirqama akka godhe isaan barsiisi.Sahiih Al-Bukhaari 1395

Akkuma hadiisa sahiih ta’e kanarraa arginu wanti jalqaba namoota itti waamu qabnu, Laa ilaah illallah dha. Sababni isaas, hojiin namni hojjatu laa ilaah illallah irratti hundaa’a. Namni yoo laa ilaah illallah qabaate hojiin isaa fudhatama argata. Ta’uu baannan, salaatee soome, zakaa kenne namoota rakkatoo gargaaree, hojiin isaa Rabbiin biratti fudhatama hin qabu.

Kanaafu, tawhiinni hundee amanti waan ta’eef namni waa’ee isaa sirritti beeku fi barachuu qaba. Islaamni amanti tokkicha tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu) irratti ijaarrameedha. Yeroo darbe waa’ee iimaana fi Islaamaa haala wali galaatin jechoota gabaaboon ilaalle turre. Mee har’a itti fufuun hiika Islaamaa caalatti ragaa waliin haa ilaallu. Hiika Islaamaa sirritti yoo hubanne laa ilaah illallah haala salphaan hubanna. Ta’uu baannan, hiika laa ilaah illallah hubachuuf karaa dheeraa deemna.  Hiika Islaamaa ilaalchise wanti yeroo darbe ilaalle fi kan asi gaditti ilaallu wanta wal jabeessan malee wanta wal faallessu miti.

Hiika Islaamaa
Islaamni amanti Rabbiin ilma namaatiif filateedha, isaan ala amanti biraa nama irraa hin fuudhu.
Hundeen jecha Islaamaa: jecha “aslama” jedhuudha.
Aslama jechuun harka kennu, masakamuu fi hojii qulqulleessuudha. Ingiliffaan “submit, surrender”

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:83

Samiiwwanii fi dachii keessa kan jiru hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Isaaf harka kennee osoo jiruu diinii Rabbiitiin ala kan biraa barbaadu? Isaan hundu garuma Isaatti deebifamu.” Suuratu Aali-Imraan 3:83

Diinin Rabbii Islaama. Kan samiiwwanii fi dachii keessa jiran hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Rabbiif harka kennanii osoo jiranu sila namoonni amanti barbaadan Islaaman ala amantii biraa ni barbaaduu? Kuni hin bareedu, isaaniif hin malu. Sababni isaas, Islaaman ala amantiin bareedaa fi gaarii ta’e hin jiru. Samiiwwan fi dachii keessa kan jiran hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Rabbiif harka kennanii, gadii jedhanii fi masakamanii jiru. Warri fedhii ofiitiin Rabbiif harka kennan, gadi jedhanii fi masakaman, mu’mintoota (warra amananiidha). Warroonni dirqamaan Rabbiif harka kennanii fi gadi jedhan immoo kaafirootaa fi uumamtoota biroodha. Kaafironni murtii Rabbii jalaa gonkumaa bahuu hin danda’a. Yeroo rakkoo fi du’aa Isaaf harka kennu, gadi jedhu. Yeroo adabbii cimaa argan akkana jedhu: ‘Rabbitti amanne, waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.’ (Ilaali suuratu Ghaafir 40:84)

Guyyaa Qiyaamaa uumamtoonni hundu garuma Isaatti deebifamuun hojii hojjataniif mindeefamu. “Isaan hundu garuma Isaatti deebifamu.” Kuni Rabbiin irraa akeekachiisa. Gooftaa murtii Isaa jalaa dheessuun hin jirre, amanti Inni itti ajaje irraa dabuun nama qaruuteef hin malu. Dirqamaan Rabbiif harka kennuun dura filannoon Isaaf harka kennuutu isaaf caala.[1] Namni filannoo ofiitin Rabbiif harka kennee fi Isaaf ajajame, adabbii jalaa baha. Namni dide immoo yommuu adabbii cimaa argu, dirqamaan waan Isaaf harka kennuuf, adabbii jala bahuu hin danda’u.

Aayah biraa keessatti waa’ee hundee jecha Islaamaa kan ta’e aslama jedhu ilaalchise akkana jedha:

2:131

Yeroo Gooftaan isaa, “Harka kenni” isaan jedhe, innis “Gooftaa aalamaatiif harka kenne” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-Baqarah 2:131

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin, “Harka kenni” jedheen. Kana jechuun “ibaadaa naaf qulqulleessi, ajajamuun Naaf gadi jedhi.” Nabii Ibraahimis (aleyh salaam) ni jedhe, “Gooftaa aalamaatiif harka kenne.” Kana jechuun uumamtoota hunda Kan dhuunfate, too’atu fi qindeessuuf ajajamuun gadi jedhe, ibaadaa qulqulleesse.[2] Ammas aayah biraa keessatti waa’ee jecha aslama ilaalchise ni jedha:

2:112

“Eeyyen! Namni toltu kan hojjatu ta’ee fuula isaa Rabbiif kenne, mindaan isaa Gooftaa isaa bira isaaf jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:112

Ibn Jariir Xabarii (rahimahullahu) tafsiira isaa keessatti akkana jedha: “fuula isaa Rabbiif kenne” fuula kennu yommuu jedhu, Isaaf ajajamuuf of gadi qabuu fi ajaja Isaatiif masakamuudha. Hundeen Islaamaa harka kennuudha. Sababni isaas, “Isaaf harka kenne” kan jedhu irraayyi. Isaaf harka kennuu jechuun ajaja Isaatiif of gadi qabuudha. Musliimni Musliima kan jedhameef qaamoleen isaa Gooftaa isaatiif ajajamuuf waan gadi jedhaniifi.[3]  Hiikni biraa “fuula isaa Rabbiif kenne” jedhu, “hojii isaa Rabbiif qulqulleesse.” ta’a.[4]

Kana booda “Islaama” jechuun osoo itti hin qindeessinii fi of hin tuulin Rabbii olta’aaf harka kennuu qulqulluu [harka kennuu] dha.

Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Islaama jechuun gabrichi wanta biraatiif osoo hin ta’in Rabbiif harka kennuudha. Namni Rabbii fi wanta biraatiif harka kenne, mushrika ta’a. Namni Rabbiif harka hin kenniine immoo mustakbir (kan of tuulu) ta’a. lamaan isaanitu faallaa Islaamati.” (Majmuu al-fataawaa 10/195)

Amantiin Islaamaa hiika lama of keessaa qaba, lamaan kanaan ala dhaabbachu hin danda’u:
1-Harka kennuu, masakamuu, ajajamuu, hordofuudha. Faallaan kanaa “Of tuuludha.”
2-Ikhlaasa (hojii qulqulleessu). Faallaan kanaa shirkiidha.

Islaamni osoo homaa Rabbiitti hin qindeessinii fi Isaaf masakamuu irraa of hin tuulin Rabbii tokkichaaf harka kennuudha. Of tuuluun ibliisa (sheyxaanaa) Islaama keessaa isa baasee kaafira isa taasise. Rabbiin olta’aan ni jedha:

2:34

“Yommuu Malaaykotaan “Aadamiif sujuudaa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa malee isaanis ni sujuudan. [Ibliisni] didee fi of tuulee kaafiroota irraa ta’e.” Suuratu Al-Baqarah 2:34

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamiin kabajuun Malaaykota akka sujuudaniif ajaje. Ibliisa malee malaaykonni Gooftaa isaaniitif ajajamuun ni sujuudan. Garuu ibliisni of tuuluu fi waanyu (hinaaffi) irraa kan ka’e sujuuda ni dide. Kanaafu, warra Rabbii olta’aa mormanii fi ajaja Isaa faallessan keessaa ta’e.[5] (Waa’ee Rabbiif ajajamuu irraa of tuulu (istikbaar) fi adabbii namatti fidu ilaalchise ilaali suuratu An-Nisaa 4:173, Suuratu As-Saaffaat 37:35, Suuratu Zumar 39:59, Suuratu Ghaafir 40:60. Aayaat tanniin yoo itti xinxallite Islaamni osoo of hin tuulin Rabbi olta’aaf harka kennuu, gadi jechuu fi masakamu akka ta’e ni argita.)

Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruunis (shirkiin) namoota baay’ee Islaama irra turan Islaama keessaa baase. Kunis, Rabbiin ala wanta biraatiif harka kennuu fi masakamuun Islaama keessaa bahan. Akka fakkeenyaatti, Ummanni Nuuh yommuu Rabbiin waliin wanta sheyxaanni isaanitti miidhagse gabbaran (waaqefatan) Islaama keessaa bahan. Araboonni yommuu Rabbii gaditti wanta biraa gabbaranii fi namoota isaaniif seera tumu godhachuun hayyama Rabbii malee seera isaanii fudhatan amanti Nabii Ibraahim keessaa bahan. Amantiin nabii Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi nabiyyoota biroo hundi Islaama. Nabiyyoonni hundu warra Rabbii tokkichaaf harka kennaniidha. Yahuudotaa fi Kiristaanonnis yommuu hayyoota fi moloksee isaaniitiif ajajaman amantii Muusaa fi Iisaa keessaa bahan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan, akkasumas Masiih ilma Mariyamis [gooftaa godhatan]. Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Suuratu At-Tawbaa 9:31

Namoonni kunniin hundi Rabbii olta’aa dhiisanii namoota akka isaaniitiif harka kennanii masakaman. Kanaafu, akkuma Rabbiin mirkaneessu hiikni sirriin Islaamaa: Isa qofa gabbaruu fi Ergamaa Isaatiif ajajamuun Rabbii tokkichaaf harka kennuudha. Ragaan kana jecha Rabbii olta’aati:

39:29

Rabbiin gabricha shariikonni irratti wal mormanii fi gabricha namticha tokkoof qofa ta’e fakkeenya dhiyeessa. Isaan lamaan wal-qixaa? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu baay’een isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:29

(Shariikota jechuun hojii ykn dhaabbata keessatti qooda waliin fudhachuuf namoota ifaajee isaanii ifaajee namoota birootti ykn wanta qaban (qabeenya isaanii) qabeenya nama biraatti dabalaniidha.) Fakkeenyi Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa asitti dhiyeesse garaagarummaa Muslima Gooftaa Tokkicha qofa gabbaruu fi mushrika Rabbiin waliin wantoota waaqefataman biroo gabbaru ibsa. Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ajajamu akka Musliima Rabbiin malee homaayyu hin gabbareeti. Kana keessa Islaamni Rabbii qofaaf harka kennu akka ta’ee ragaatu jira.

Akkuma beekamu hariiroon gabrichaa fi bulchaa jidduu jiru, gabricha irraa ajajamuu fi buluu, bulchaa irraa immoo ajajuu, dhoowwu fi qajeelchu irratti kan hundaa’edha. (Bulchaan ni ajaja, ni dhoowwa, qajeelcha kenna. Gabrichi immoo bulchaaf ni ajajama, ni bula.)

Gabrichi bulcha tokko qofa qabu akka Muslima Gooftaa tokko qofa qabuuti. Isaan ala wanta biraa hin gabbaru.

Gabrichi bulchaa tokkoo ol qabu immoo akka mushrika gabbaramaa tokkoo ol qabuuti. Rabbiin waliin gabbaramtoota kanniin gabbara. Gabrichi bulchitoota baay’ee qabu, bulchitoonni kunniin isarratti wal dhabu. Hundi isaanitu gabrichi kuni isa akka tajaajilu barbaadu. Kunis koottu hojii kiyya hojjadhu, sunis koottu hojii kiyya hojjadhu, kuunis koottu hojii kiyya hojjadhu jedhaan. Bulchaa tokkoof gadi hin dhaabbatu. Oli gadi isa raasu. Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e immoo kana hundarra nagaha ta’uun bulcha tokko qofaaf ajajama. Kanaafu, gabrichi bulchaa tokkoof buluu fi gabrichi bulchitoota baay’eef bulu wal qixaa?

Amma mee itti xinxalli, Gooftaa tokkicha qofaaf gabra ta’uu wayya moo gooftoolee baay’eef gabra ta’uu wayyaa? Dhugumatti Gooftaa tokko qofaaf gabra ta’uu wayya. Namni Rabbii tokkichaaf gabra yoo hin ta’in wantoota biroo baay’eef gabra ta’a. Kanneen akka sheyxaana, fedhii lubbuu, namoota, sanama, taabotaa fi uumamtoota biroo. Kuni immoo kabajaa fi gammachuu akka dhaban nama taasisa. Mee nama Rabbii tokkichaaf of gadi qabuu fi jaalala Isaa argachuuf hojii gaggaarii hojjatuu fi nama Rabbiin ala wantoota biraatiif of gadi qabuu fi jaalala isaanii argachuuf carraaqu wal bira qabi. Kamtu irra kabajaa fi tasgabbii argataa? Dhugumatti Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi Jaalala Isaa qofa barbaadun hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi ba’aa baay’ee irraa nama baraara. Kanaafu, Islaamni uumamtootaaf gabra ta’uu fi jeequmsa irraa nama baraarun gara Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi harka kennuutti nama waama. Kuni immoo bilisummaa dhugaati.


Kitaabban wabii
[1] Tafsiiru Sa’dii-143-144, Tafsiiru Muyassar-60, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-3/301
[2] Tafsiiru Xabarii-2/581
[3] Tafsiiru Xabarii-2/432
[4] Tafsiiru Ibn Kasiir-1/566, Tafsiiru Sa’dii-56, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-1/675
[5] Tafsiiru Muyassar-fuula 6
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 33-38

Islaama-Karaa Qajeelaa
Ulaagaalee Laa İlaah İll-Allah-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply