Islaama-Karaa Qajeelaa

Offline dubbisuf

Islaamni osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin osoo homaa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennu, gadi jechuu fi masakamu waan ta’eef amantii Nabiyyoota hundaati. Nabiyyoonni hundi osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennanii jiru. Yommuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin (aleyh salaam) akka Isaaf harka kennuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessu ajaju Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

2:131

Yeroo Gooftaan isaa, “Harka kenni” isaan jedhe, innis “Gooftaa aalamaatiif harka kenne” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-Baqarah 2:131

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin, “Harka kenni” jedheen. Kana jechuun “ibaadaa naaf qulqulleessi, ajajamuun Naaf gadi jedhi.” Nabii Ibraahimis (aleyh salaam) ni jedhe, “Gooftaa aalamaatiif harka kenne.” Kana jechuun uumamtoota hunda Kan dhuunfate, too’atu fi qindeessuuf ajajamuun gadi jedhe, ibaadaa qulqulleesse.[1]

Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Muhammad (SAW) akkana akka jedhu ajaje:

Yoo isaan si falman, “Fuula kiyya Rabbiif kennee jira, namni na hordofus [akkasuma].” jedhi. Warroota kitaabni isaaniif kennamee fi dubbisuuf barreessuu hin beekneen, “Harka kennitanii?” jedhiin. Yoo harka kennan, dhugumatti qajeelanii jiru. Yoo garagalan, dirqamni sirra jiru ergaa geessu qofa. Rabbiin gabroota Argaa ta’eera.” Suuratu Aali-Imraan 3:20

Ragaan isaan irratti erga dhaabbatee booda dhimma Iisaa (Iyyasuus) ilaalchisee Kiristaanonni yoo si waliin falmanii fi kijibaan si morman, akkana isaaniin jedhi: arraba, qalbii fi qaamolee kiyya hundaan Rabbiif masakamee jira, hojii Isa qofaaf qulqulleesse, homaa Isa waliin hin gabbaruu (hin waaqefadhu). Haaluma kanaan, namoonni na hordofaniis Rabbiif bulanii fi hojii qulqulleessanii jiru. Kiristaanota, yahuudotaa, mushrikoota Arabaa fi kanneen birootiif akkana jedhi: “Harka kennitanii?” Kana jechuun Rabbii tokkichaaf harka kennitanii fi ibaadaa Isa qofaaf qulqulleessitanii jirtuu? Yoo Rabbiif masakamanii fi ibaadaa Isaaf qulqulleessan, karaa haqaa qabatanii fi irra deemanii jiru. Yoo Islaama irraa garagalanii fi amanti irra jiranitti gammadan, dirqamni sirra jiru ergaa itti geessudha. Ragaan isaan irratti dhaabbate. Rabbiin gabroota kan arguudha. Dhimma isaanii irraa homtu Isarraa hin dhokatu.[2] Kana keessa akeekachiisatu jira. Islaama didanii yoo irraa garagalan, Guyyaa Qiyaamaa adabbii isaaniif malu isaan adaba.

Namni Islaama akka amantiitti qabate, shari’aa (seera) Rabbii ni hordofa, harka kennaaf, ni masakamaaf, murtii isarraa barbaada. Rabbiin gabbaruu irraa of hin tuulu, shari’aa Rabbiitiin ala wanta biraatiif harka hin kennu, hin masakamu, hin hordofu, murtii irraa hin barbaadu.

Musliima jechuun nama Rabbii tokkichaaf harka kenne, shari’aa Isaa fudhachuu fi Isaaf ajajamuun ibaadaa Isaaf qulqulleessee fi wantoota Isaan ala jiran didee fi mormeedha.

Namni Rabbii fi wanta Isaan ala jiruuf harka kenne, gabbarrii (ibaadaa) Rabbii fi wanta Isaan ala jiruuf godhe, hanga Rabbiin qofa gabbaruu, Isa qofaaf harka kennuu fi wantoota Isaan ala jiran gabbaruu dhiisuutti namni kuni Musliima ta’uu hin danda’u.

Rabbiin ala kan biraa irraa seera ittiin bulmaataa fi seeraa ibaadaa ittiin hojjatan fudhachuun Rabbiin ala wanta biraa gabbaruudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Isa malee homaa akka hin gabbarre ajajeera. Kuni amanti gadi dhaabbataadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekan.” Suuratu Yuusuf 12:40

Ammas ni jedha:

6:153

Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo hin hordofinaa karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti. Kuni muttaqoota akka taataniif wanta Inni isiniif dhaamedha.” Suuratu Al-An’aam 6:153

 “Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha” Kana jechuun wanta Rabbiin isiniif dhaame keessaa tokko Islaamni karaa Rabbii qajeelaa ta’eedha. Karaan kuni bal’aa fi qajeelaa Rabbii fi Jannataatti nama geessudha.  Kanaafu, karaa qajeelaa kana keessa deemaa. Karaaleen karaa qajeelaa (Islaaman) ala jiran immoo karaalee jallatoo bitaa mirga jiran ibiddatti nama geessaniidha. Karaaleen jallatoon kunniin amanti akka yahuuda, kiristaana, majuusaa, budihizmi, bid’aa (wanta haarawa amanti keessatti uumuu) fi karaalee biroo Islaama faallessan of keessatti qabatu. Kanaafu, karaalee kanniin hin hordofinaa, karaa qajeelaa Isaatirraa isin fottoqsuuti. Kana jechuun karaaleen kunniin karaa qajeelaa irraa kan bahanii fi jallataniidha. Isin karaalee jallatoo kanniin yoo hordoftan, isin jallisuu, karaa qajeelaa (Islaama) irraa isin fageessu fi bittinneessu.  “Kuni muttaqoota akka taataniif wanta Inni isiniif dhaamedha.” Wanta itti ajajamtan hojjachuu fi wanta irraa dhoowwamtan dhiisun adabbii Isaa irraa akka of eegdaniif, “Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo hin hordofinaa karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti.” jechuun isiniif dhaame, itti isin ajaje.[3] Namni karaa qajeelaa yoo hordofee fi karaalee jallatoo hordofuu yoo dhiise, adabbii Rabbii irraa of eega. Sababni isaas, karaa qajeelaa keessa hojii gaggaarii hojjachuu fi wanta gammachuutti nama geessutu jira. Karaa jallataa keessa immoo wanta adabbii fi rakkoof nama saaxilutu jira. Kanaafu, namni karaa qajeelaa yoo qabaate fi karaalee jallatan yoo dhiise, adabbii jalaa nagaha baha, gammachuu zalaalami argata.

Abdullah ibn Mas’uud akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko Ergamaan Rabbii (SAW) lafarratti sarara tokko nuuf sarare. Ergasii ni jedhe: “Kuni karaa Rabbiiti.” San booda bitaa mirgatti sararoota baay’ee sarare. Itti aanse ni jedhe: “Kun karaaleedha. Karaa hundarra shayxaana itti waamutu jira.” San booda aayah armaan oli qara’e (dubbise).” (Sunan Ad-Daraami 1/78, Musnad Ahmad 4142, An-Nasaa’i 11109)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

3:85

“Namni Islaaman ala amanti biraa barbaade, isa irraa hin fuudhamu. Inni Aakhiratti warra kasaaran irraayyi.” Suuratu Aali-Imraan 3:85

Namni amanti Islaamaa Rabbiin namootaaf filateen ala amanti biraa barbaade, hojiin isaa isarratti kan deebifamuudha, isarraa hin fuudhamu. Sababni isaas, amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf qofa harka kennuu, gadi jechuu fi Ergamtoota Isaa hordofuu kan of keessatti qabateedha. Namni amanti kanaan hin dhufne, wanta adabbii Rabbii jalaa nagaha isa baasu fi mindaa Isaa ittiin argatu hin hojjanne.[4] Kanaafu, Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte dhabuu fi ibidda seenun warra kasaaran keessaa ta’a. Islaaman ala amantiiwwan jiran hundi baaxila (soba). Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefachuu) fi seera Isaatiin ala seera biraa hordofu irratti kan hundaa’aniidha. Kanaafu, Rabbiin akkamitti nama Isaan ala wanta biraa gabbaruu fi seera (shari’aa) Isaatin ala seera biraa hordofu hojii isaa irraa fuudhaa?

Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: Islaamni Rabbiin Tokkichoomsu, Isa qofa gabbaruu, Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu, wanta inni ittiin dhufe keessatti isa hordofuudha. Namni kana hin hojjanne, inni Muslimaa miti… Dirqamni gabricha irra jiru, namni amanti Islaamaatiin ala amanti biraa hordofe kaafira akka ta’e amanuudha.” (Xariiqul Hijrateyn wa baabu sa’aadateyn fuula 608)

Sheykh Muhammad ibn Abdulwahhaab ni jedha: Islaama jechuun tawhiidaan Rabbiif harka kennuu, ajajamuun Isaaf masakamu, shirkii fi namoota shirkii hojjatan irraa qulqullaa’uudha.” Salaasatu Usuul fuula 189

 “tawhiidaan Rabbiif harka kennu” jechuun gabrichi Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruun Isaaf harka kennu. “ajajamuun Isaaf masakamuu” jechuun wanta Rabbiin ajajee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu. “shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’u.” Jechuun shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa bilisa ta’uu fi fagaachu.

Kuni haala wali galaatin hubannoo Islaamati. Akkuma yeroo darbe jenne hundeen Islaamaa tawhiida. Tawhiinni kuni hiika jecha (kalimaa) ikhlaasa, “Laa ilaah illallah” dha. Jechi tuni shahaadateyn (ragaa bahuu lamaan) keessaa kutaa tokko, kutaan lammaffaan muhammadan rasuulullah kan jedhuudha. Namni yommuu Islaama qabatu, ash-hadu an laa ilaah illallah wa ash-hadu anna muhammadan rasuulullah jedhee ragaa bahuu qaba. Hiikni kanaa: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha.

Namni yommuu “Laa ilaah illallah (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” jedhee ragaa bahu, “Rabbiif malee eenyufillee gadi hin jedhu, Isa malee homaa hin gabbaru” jedhee ragaa bahaa jira. Ammas, “Muhammadan Rasuulullah (Muhammad Ergamaa Rabbiiti.)” jedhee yommuu ragaa bahu, “Fedhii ofiitiin ykn fedhii namoota sadarkaa qabaniitin osoo hin ta’in wanta Ergamaan fideen Rabbiin gabbara. Jecha biraatin seera (shari’aa) Ergamaan fideen Rabbiin gabbara.”[5]

Shahaadateyn (Ragaa bahuun lamaan) kunniin hundee amantii nabiyyiin xumuraa ittiin dhufeedha. Kanniin lamaan malee amantiin hin mirkaneefamu. Ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: Dirqamni gabricha irra jiru, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbaruu fi Isa kadhachuudha. Haala kam keessattu kuni isa irraa hin bu’u. Warra tawhiidaa malee Jannata kan seenu hin jiru. Warri Jannata seenu warra Laa ilaah illallah qabataniidha. Kuni haqa Rabbiin gabroota Isaa hundarraa qabuudha. Akkuma hadiisa sahiih Al-Bukhaari (7373) fi Muslim (30) keessatti dhufe, Ergamaan Rabbii (SAW) Mu’aazin akkana jedhan: “Yaa Mu’aaz! Haqni Rabbiin gabroota Isaa irraa qabu maal akka ta’e beektaa? Anis ni jedhe: Rabbii fi Ergamaan Isaa ni beeku. [Nabiyyiinis] ni jedhan: Haqni Inni isaan irraa qabu, osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha.

Azaaba (adabbii) Rabbii jalaa nagaha kan bahu hin jiru nama amanti, ibaadaa fi du’aayi (kadhaa) isaa Rabbiif qulqulleesse malee. Namni Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarree, Rabbiin qofas hin gabbarre, akka Fira’awnaa fi fakkaattota isaatti ibaadaa Rabbii fi kan biraa kan dhiise ta’a. Namni akkanaa mushrika caalaa haalli isaa badaadha. Kanaafu, Rabbii tokkicha gabbaruun waan hafuu hin qabneedha. Kuni nama tokkoon tokkoon irratti dirqama. Eenyurraallee kufu hin danda’u. [Rabbii Tokkicha gabbaruun] Islaama wali galaa Rabbiin isa malee amanti biraa hin qeeballee (hin fuunedha).” (majmuu al-fataawaa 14/476)


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-2/581
[2] Tafsiiru muyassar-fuula 52, Tafsiiru Xabarii-5/286-287
[3] Tafsiiru Muyassar-149, Tafsiiru Xabarii-9/669, tafsiiru tahriir wa tanwiir-8/173
[4] Tafsiiru Sa’dii-144
[5] Risaalatu shirk wa mazaahiruhi-63
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 39-44

Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa 1
Islaama Jechuun Maal jechuudhaa?
Offline dubbisuf

Leave a Reply