Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti Islaamni karaa tokkicha qajeelaa gammachuu fi milkaa’innaatti nama geessu jennee jirra. Karaan qajeelaan kuni dhimma dhuunfaa irraa kaasee hanga mootummaa gahutti seeraa fi qajeelcha of danda’e kan qabuudha. Karaan qajeelaan kuni nama tokko ykn saba tokkoof qofa osoo hin ta’in hawaasa addunyaa guutuuf kan ta’uudha. Garuu namoonni baay’een waa’ee Islaamaa ilaalchise yaada dogongora sammuu keessatti waan biqilchaniif Islaamni karaa qajeelaa tokkicha gammachuutti isaan geessu ta’uu hin argine. Mee yaada dogongoraa kana haa ilaallu:

Hubannoo dogongoraa sekulaarizimiin Islaamaf qabu
Sekulaarizim jechuun amanti irraa adda bahuun addunyaa qofaan kan wal qabatuu fi amantin sirna mootummaa irraa adda bahu qaba jechuun amanuudha.

Mata duree kana jalatti balaa guddaa namoota baay’ee Muslima ofiin jedhanii fi kanneen biroo dhugaa amanti Islaamaa hubannoo badaa akka qabaatan isaan taasisuu irraa akeekachiisu barbaanna. Balaan guddaan kunis: hubanno sekulaarizimiin amantiif qabuudha. Warri sekulaarizimi amanti hariiroo gabrichaa fi Gooftaa isaa jidduu jiruutti qofa daangeessu. Hojiwwan ibaadaa akka salaataa, soomaa, zakaa, hajji fi kan biroo qofa irratti gabaabsu. Amanti sirna mootumma fi dhugaa jireenyaa irraa adda baasu. Islaamni sirna ibaadaa fi amala gaarii qofa akka ta’e, haala namootaa sirreessu fi jireenya isaanii laaffisuu waliin hariiroo homaatu akka hin qabne godhanii namoota amansiisuuf garmalee carraaqu. Sababa kanaan shari’aa Rahmaan irraa wanta daangaa darbitoonni bakka buusanii fi seera Islaaman wal hin qabanne baasaniif namoonni akka hin dammaqne isaan laamshessu barbaadu. Laamshessuu fi haqa dhoksuun gubbaan soba mul’isuu kanaan addunyaa namootaa keessatti wanta fedhan murteessu, gara fedhan isaan oofuu fi Rabbiin waliin gabroota ofii gochuu danda’anii jiru. Gubbaadhaa Qur’aanni seeraa fi heera ummataati jedhu. Garuu isaan seera namtolcheetin ummata bulchu.[1]

Seeraa fi heerri ajaju, dhoowwu, murtii fi danbii ittiin bulmaataa of keessaa qaba. Seeraa fi heera namoonni ittiin bulan tumuu fi baasun harka namaa osoo hin ta’in harka Rabbii olta’aa jira. Sababni isaas, Mootiin waa hundaa uume, haala uumamtootaa, wanta isaan fayyaduu fi miidhu sirritti beeku Rabbii Tokkicha. Akkuma ibsa maqaa “Al-Malik (Mootii)” jedhu jalatti ilaalle, Mootiin kan ajaju, dhoowwu, seera baasu fi murtii dabarsu, mindaa kennuu fi adabuudha. Rabbiin Mootii haqaa waan ta’eef namoota uumee seeraa fi heera ittiin bulan osoo isaaniif hin baasin hin dhiisne. Ni jedha:

“Dhagayaa! Uumuu fi ajajuun kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’ee tolti Isaa baay’ate.” Suuratu Al-A’araaf 7:54

Islaamni salaata, zakaa, sooma, hajjii fi ibaadaa biroo irratti kan daangeefamee miti. Namni Islaamni gosa ibaadaa kanniin qofa irratti daangefame jedhee yoo yaade dogongora guddaa raawwate jira. Garuu maaltu kana akka yaadan nama taasisaa? Sababoota baay’etu jira. Isaan keessaa:

1-Islaamaa fi amantii biroo wal bira qabu– Islaamni amanti guutuu ta’e nama dhuunfaa irraa jalqabee hanga mootummaa gahuutti seeraa fi heera ittiin bulmaataa kan qabuudha. Amantiwwan biroo immoo akkanaa miti. Seerri amantiwwan biroo keessa jiru harka namaatin kan baafame waan ta’eef gosoota ibaadaa irratti kan daangefameedha. Awrooppaa keessatti yeroo Dark Age (Bara Dukkanaa) jedhamu keessatti abbootin amantaa kiristaana seera fedhii ofii ittiin guuttatan baasun uummata cunqursaa turan. Akkuma yeroon darbuun namoonni cunqursaa kanatti finciluun abbooti amanti kiristaanaa jibbuu jalqaban. Ergasii, amantii fi mootummaa addaan baasun amanti beetakiristaana qofarratti akka daangeefamu godhan. Urga sanii kaasee yaada motummaa fi amantiin walitti hin seenu jedhu addunyaa irra babal’isan. Addunyaa Muslimootaa keessattis gowwoonni Awrooppaa akkeessan mootummaa fi amantiin wal keessa hin seenu jechuun Islaamaa fi mootumma adda baasu jalqaban.

Islaamni amanti guutuu mootummaa fi hawaasni ittiin buluu danda’uudha. Sababni isaas, seerri fi heerri isaa Rabbii olta’aa irraa kan bu’eedha. Amantiiwwan biroo kan akka kiristaanaa immoo seerri isaa kan jallatee fi qeeysotaan kan baafameedha. Kanaafu, akkamitti amantiin haqaa fi qajeelaa seerri isaa guutuu amanti baaxilaa seerri isaa hanquu fi jallataa ta’een wal bira qabamuun Islaama fi mootummaan walitti hin seenan jechuun danda’amaa?

Islaamni seerri fi heerri isaa Rabbii waa hunda uumee fi beekun kan baheedha. Heerri mootummaa warri seekulaarizimi odeessan immoo nama dadhabaa fi beekumsi isaa hanqu ta’een kan baheedha. Akkasumas, seerri fi heerri mootummaan kuni baasu fedhii namoota muraasaa ykn saba tokkoo guutuuf kan bahuudha. Addunyaa guutuu fi yeroo kam keessatti hin hojjatu. Kanaafu, seera fi heera guutuu ta’een buluu wayya moo seera fi heera hanquu fi jallataa ta’een buluu wayyaa?

Rabbiin guddaan olta’e ni jedha:

5:50

Sila murtii Jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50

Murtiin jaahiliyyah murtii Rabbiin buuse faallessudha. Murtiin jaahiliyyah murtii wallaalummaa fi fedhii lubbuu hordofuu irratti hundaa’edha. Namoota yaqiina qabaniif murtii Rabbii caalaa murtii kamtu isaaniif irra gaariidhaa? Yaqiina jechuun beekumsa guutuu shakkii hin qabneedha. Kanaafu, namoota yaqiina qaban jechuun namoota beekumsa guutuu qabanii fi dhugaan amananiidha. Namoonni yaqiina qaban murtii fi seerri Rabbii murtii fi seera kamiyyuu akka caalu ni beeku. Kanaafu, itti amananii hordofu.

Kanaafu, namni amanti haqaa fi amantii baaxilaa wal bira qabuun dogongoruu hin qabu. Amantiin haqaa amanti seeraa fi heera guutuu addunyaan guutuun ittiin bulu dandeessu qabuudha. Amantiin baaxilaa immoo seera hanquu fi jallataa addunyaa dhiisi maatiinu ittiin buluu hin dandeenye qaba.

2-Wanta wallaaltonni fi diinonni maqaa Islaamatin hojjatan ilaalu-keessumaayyu yeroo amma kana keessa maqaa Islaamatin namoonni seera Islaamaa hin beekne gochoota sukaneessaa Islaama faallessu baay’ee hojjatu. Ergasii, namoonni kana ilaalan “Islaamni amanti shororkeessaati” jechuun sammuu keessatti dogongora gurraacha maxxansu. Kuni dogongora guddaadha. Mee of haa gaafannu, namni tokko konkolaataa haala bareedan hojjatame hir’inna wayiitu hin qabne ni bita haa jennu. Garuu namni kuni sirritti konkolaataa oofu hin danda’u. Konkolaataa kana oofu waan hin dandeenyeef namootatti yoo buuse, eenyutu waqqafamaa? Nama moo konkolaataadhaa? Dhugumatti nama kana. Seerri Islaamaa seera guutu ta’eedha. Kanaafu, namoonni maqaa Islaamatin waan badaa yommuu hojjatan, maaliif Islaamatti quba akeeku? Namoota waqqasuu dhiisanii maaliif Islaama waqqasuu? Gabaabumatti, namni Islaama beeku barbaadu namoota osoo hin ta’in Qur’aanaa fi hadiisa banatee ilaalu qaba. Kanaafi, Qur’aana keessatti ni jedha:

6:116

Yoo irra hedduu namoota dachii keessa jiraniif ajajamte, karaa Rabbii irraa si jallisu. Kan isaan hordofan shakkii qofa. Isaan kan kijiban malee homaayyu miti.” Suuraa Al-An’aam 6:116

Islaamni Jireenya Guutuun Wal-qabata

Akkuma irranatti kaasuuf yaalle Islaamni nama dhuunfaa irra darbe seeraa fi heera addunyaa guutuu ittiin bulchu qaba. Sababni isaas, seeraa fi heera isaa namni kan baase osoo hin ta’in Mootii addunyaa guutuu uumee fi bulchu irraa kan bu’eedha. Islaamni jireenya ruuhi irraa kaasee jireenya ilma namaa guutuun kan wal qabatuudha. Seerri Islaamaa fooyya’insa ilma namaa sadii bakkaan gahuuf kan kaayyefateedha.
1ffaa- Badii ittisuuf-wantoota shan irraa Islaamni badii ittisa. Isaanis: amantii, lubbuu, qabeenya, kabajaa fi aqlii (sammuu)dha. Fakkeenyaf, amantii ofii akka hin gaggeessine nama namatti duule itti duulan. Lubbuu eeguf jecha nama osoo beeku nama ajjeesse, ni ajjeessan yoo warri namni jalaa ajjeefame dhiifama godheef malee. Zinaan kan dhoowwameef kabajaa fi sanyii namaa waan balleessufi. Alkooli (kamrii) dhuguun kan dhoowwameef aqlii (sammuu) irratti miidhaa waan fiduufi. Kanaafu, Islaamni ilma namaa badii irraa eeguf kan kaayyefateedha.
2ffaa- Wanta gaarii fiduu- wanta ilmi namaa itti haajamu akkaata itti argatan Islaamni seera lafa kaa’e jira.
3ffaa- Aklaaqa (amala gaarii) fi aadaa bareeda keessa namoota oofu– amalli gaariin Islaamni itti nama ajaju amala bareedaa sadarkaa namaa olkaasu fi gammachuu namaa guutudha.

Dhimmoonni sadan kunniin mootummaas ta’i, maatis ta’i, nama dhuunfaas ta’i namootaa hundaan kan wal qabatuudha. Dhimmoota sadan kanniin mee itti xinxalli, mootummaan Islaama irraa fottoqe (adda bahee) wantoota kanniin galmaan gahuu danda’aa? Akkuma arginu galmaan hin gahu. Cunqursaa amanti, lubbuu, qabeenya, kabajaa fi sammuu irratti raawwatamu wanta guyyaa guyyaan argaa jirruudha. Warri dimookraasi jedhanii lallabaniiyyuu qabeenya biyya tokkoo saamuuf lubbuu namoota meeqaa ajjeesu? Kanaafu, seera dimookraasi odeessan keessatti lubbuu fi qabeenyi eeggamee jiraa?

Ammas mootummaa Islaama irraa adda bahe mee ilaali. Amalli gaariin namootaa sadarkaa gadi aanaa irra kan gaheedha. Wantoonni fokkuun akka zinaa, alkooli, hannaa fi kkf hawaasa keessa kan babal’ataniidha. Wantoonni kunniin yoo babal’atan lubbuun namootaa ni baddi, dhibeen adda addaa ni babal’ata, qabeenyi ni saamama, aqliin (sammuun) ni jeeqama. Islaamni kana hunda hanbisuuf seeraa fi heera lafa kaa’e. Kanaafu, seera fi heera namtolcheetin buluu wayya moo seeraa fi heeraa Gooftaa addunyaa guutuu irraa bu’een buluu wayyaa?


[1] al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 48-49

Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-2
Islaama-Karaa Qajeelaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply