Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-2

Offline dubbisuf

Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu ragaa agarsiisu fakkeenya muraasaan haa ilaallu:

Islaamaa fi Mootummaa/Siyaasaa

Namoonni gariin Qur’aanni fi hadiisni waa’ema salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf qofa waan of keessatti qabate isaanitti fakkaata. Kuni yaada dogongoraati. Qur’aana fi hadiisa keessa seera jireenya ilma namaa guutuun wal qabatu jira. Seera kanniin keessaa seera siyaasaa fi bulchiinsa mootummaati.

Muslimoonni jireenya keessatti humna lamaan bulu. 1ffaa-humna iimaanaa, 2ffaa-humna mootummaati. Iimaanni isaan keessa jiru cimaa yoo ta’e, waan gaarii hojjachuutti fiigu, waan badaa irraa of tiiksu. Humni mootummaa immoo seerota Islaamaa hojii irra oolcha. Yommuu warri iimaanan dadhaboo ta’an hawaasa keessatti yakka raawwatan, mootummaan seera yakkaa Islaamni lafa kaa’e hojii irra oolcha. Fakkeenyaf, nama hate, harki isaa ni murama. Seera harka muruu hojii irra kan oolchu mootummaa Islaamati.

Ergamaan Rabbii (SAW) gara Madiina erga godaananii booda mootummaa Islaamaa dhaaban. Siyaasaa keessatti seera Rabbiin irraa bu’u hojii irra oolchaa turan. Nabiyyiin erga du’anii boodas Abu Bakr Siddiiq, Umar ibn Al-Khaxxaab, Usmaan ibn Affaan, Aliyyii fi namoonni isaan booda dhufan seeraa Islaamatin addunyaa bulchaa turan. Seerri fi heerri isaan baasan hin jiru.

Qur’aanaa fi hadiisa keessa seeronni mootummaa fi siyaasan wal qabatan baay’eetu jira. Akka fakkeenyaatti,

Waraana
Yeroo waraanaa seera akkami hordofuu akka qaban Qur’aana keessatti bakka adda addaatti ni arganna. Akka fakkeenyaatti aayah tana kaasun ni danda’ama:

“(60)-Diinota Rabbii, diinota keessanii fi isaaniin ala kanneen biroo isin hin beekne [garuu] Rabbiin beeku ittiin sodaachistan, humnaa fi faradoo waraanaa irraa wanta dandeessan isaaniif qopheessaa. Wanta kam irraayyu wanti isin karaa Rabbii keessatti baastan, mindaan guutuun isiniif kennama. Isin homaa hin miidhamtan. (61)- Yoo isaan nageenyatti daban, atis [nageenyatti] dabi. Rabbiin irratti hirkadhu. Dhugumatti, Inni Dhagahaa, Beekaadha. (62)-Si ganuu yoo barbaadan, dhugumatti Rabbiin siif gahaadha. Inni gargaarsa Isaatii fi mu’mintootaan Kan si jabeessedha.” Suuratu Al-Anfaal 8:60-62

Aayah biraa keessattis ni jedha:

2:190

Karaa Rabbii keessatti warroota isiniin lolaniin lolaa. Daangaas hin darbinaa. Dhugumatti Rabbiin daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:190

Aayaata armaan olii irraa akkuma arginu seera waraanaa lafa kaa’a. Gara duula waraanaa bahuun dura, hanga danda’an humna waraanaa kan akka faradoo, qawwee, taanki, xiyyaaraa, misaa’elaa fi kanneen biroo qopheessu akka qaban ajaja. Waraana keessatti daangaa darbuu irraa ni dhoowwa. Kanneen akka daa’imman, dubartoota fi namoota nagahaa lola keessatti hin hirmaanne ajjeessu fi kkf daangaa darbuudha. Gochoota akkanaa irraa ni dhoowwa.

Waa’ee waraanaa ilaalchise bal’inaan suuratu Al-Baqara, Aali-Imraan,  Al-Anfaal, At-Tawbaa fi boqonnaalee biroo keessatti argachuun ni danda’ama. Hadiisonni Nabiyyiis (SAW) akkaataa fi seera waraanaa ni ibsu. Namni gara waraanaa deemu seerota kanniin beeku qaba. Seerota kanniin osoo hin beekin ykn hogganaa seerota kanniin beeku osoo hin hordofin gara waraanaa deemun wanta fedhe yoo balleesse, yakka/badii guddaa kan hojjatu ta’a.

Murtii
Siyaasaa keessatti murtiin waan hin hafneedha. Murtiin kuni bifa adda addaatin dhufa. Nama yakka hojjate irratti murteessu, namoota wal morman jidduutti murteessu, labsii adda addaa murteessu fi kanneen biroo murtiidha. Alhamdulillah Islaamni murtii kanniinii fi kanneen biroo ilma namaatiif barbaachisan hunda of keessatti kan qabateedha. Murtii yakkaa yoo ilaalle, nama daangaa darbuun yakka gurguddaa hojjate, adabbii isaa ni murteessa. Fakkeenyaf, namni hate, harki isaa ni murama. Namni osoo beeku nama nagahaa ajjeese, seera qisaasa jedhamuun ni ajjeefama, yoo firri nama ajjeefamee dhiifama godheef malee. Kunniin hundii hawaasa keessaa badii duguguu fi qulqulleessufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:105

Wanta Rabbiin sitti agarsiiseen namoota jidduutti akka murteessituuf dhugumatti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Gantootaaf falmaa hin ta’in.” Suuratu An-Nisaa 4:105

42:10

Wanta tokko irraa wanti isin keessatti wal dhabdan, murtiin isaa gara Rabbiiti. Suni Allah Gooftaa kiyya, Isarratti hirkadhe, garuma Isaa deebi’as.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:10

Kanaafu, bulchiinsa mootummaa keessatti murtiin kan Rabbii olta’aati. Namoota jidduutti seera Inni kitaaba keessatti buusen murteessan. Kanaan ala, seerri fi heerri namtolche nama jidduutti ittiin murteessan seeraa xaaghuutati. Ilma namaa kan miidhu malee fayyadu miti. Mee ilaali, seerri fi heerri namni baase kuni ilma namaa akkamitti akka miidhu. Namni cunqurfame yommuu mana murtii deemu, haqaan isaaf hin murteefamu. Namoonni haqa malee mana hidhaa keessatti dararamanii fi ajjeefaman, qabeenyi isaanii saamamu seenaan haa lakkaawu.   

Rabbiin guddaan olta’e ni jedha:

5:50

Sila murtii Jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50

Yaa’ii ykn marii (Shuuraa)
Yaa’ii jechuun dhimma tokko irratti mari’achuuf wal gahuudha. Siyaasaa keessatti waliin mari’achuun garmalee barbaachisaadha. Kanaafi, Qur’aana keessatti itti xiyyeefachuun mariitti ni ajaja. (Ilaali suuratu Aali-Imraan 3:159, Ash-Shuuraa 42:38)

Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu gara duulaa deemanii fi dhimmoota barbaachisoo mootummaan wal qabate irratti sahaabota waliin mari’achaa turan.

Islaamaa fi Diinagdee

Diinagdeen ykn qabeenyi namoonni harkaa qaban hundi kan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaaniif kenneedha. Kanaafu, qabeenyi kan isaanii osoo hin ta’in kan Rabbii olta’aati jechuudha. Qabeenyi kan Isaa erga ta’ee seerri diinagde ittiin bulchan jiraachu qabaa miti ree? Seerri namoota qajeelchu fi daangeessu yoo hin jiraatin akka gaala gadi lakkifamtee wantuma argite balleessitu ta’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qabeenya erga isaaniif kenne, seera qabeenya kana ittiin bulchan ni buuse. Qabeenya kana akkamitti itti fayyadamu akka qaban, mirgaa fi dirqama isaan irra jiru, wantoota dhoowwamanii fi kanneen biroo ni ibse.

Mirgi nama qabeenyatti fayyadamu qabu, karaa Rabbiin hayyameen qabeenya argachuuf tattaafachu fi haala sirrii ta’een itti fayyadamuudha. Dirqamni isarra jiru immoo qabeenyi isaa hamma zakaa itti baasu yoo gahe, zakaa baasu; firoota gargaaru fi kkf dha. Wantoonni dhoowwamaan qabeenya kana keessatti hojjachuu hin qabne, qisaasessu, ribaa (dhala) nyaachu, mattaa kennuu fi fudhachuu, haqa malee qabeenya yatimaa nyaachu, nama gowwoomsun qabeenya namoota nyaachu fi kkf dha.

Kanniin armaan olii ilaalchise aayaata muraasa mee haa eerru:

Inni ashaakilti sireen godhamuu fi sireen hin godhamneef, muka temiraa, midhaan firiin isaa garagaraa, zeytuuna fi ruummaana wal fakkaatu fi wal hin fakkaanne Kan uumedha. Yommuu oomisha kennu oomisha isaa irraa nyaadhaa, guyyaa haamaa isaas haqa isaa kennaa, hin qisaasessinaa. Dhugumatti, Inni warra qisaasessan hin jaallatu.” Suuratu Al-An’aam 6:141

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ashaakilti sireen godhamuu fi sireen hin godhamneef kan uumedha. Kan jechuun ashaakilti keessaa biqiltoota sireen (baaxin) isaaniif godhamuun irratti hirkatanii fi firii isaanii rarraasantu jira. Kan akka timaatimi. Timaatimiin yommuu firii baay’ee buufatu of baadachu waan hin dandeenyeef baaxin ykn daasin irratti hirkatu ni godhamaaf. Biqiltoota keessaa immoo osoo sireen hin godhaminiif ofiin dhaabbatee kan guddatu jira. Kan akka burtukanaa. “midhaan firiin isaa garagaraa” Midhaan firiin isaa bocaan, bifaan, dhandhamaa fi amaloota biroon garagara ta’e Kan uume Rabbii olta’aadha. Zeytuuna fi ruummaana wal fakkaatu fi wal hin fakkaannes ni uume. Ruummaan firaafiree akka burtukaanaa garuu garmalee diimaa kan ta’ee fi keessaan firiiwwan diddimtu qabuudha. Ingiliffaan “pomegranate” jedhama.

“Yommuu oomisha kennu oomisha isaa irraa nyaadhaa, guyyaa haamaa isaas haqa isaa kennaa  Yommuu oomishni isaa gahee irraa nyaadhaa. Akkasumas, Guyyaa haamaa fi oomisha isaa zakaa kennaa. Qabeenya baasu, nyaachu fi kan biroo keessatti daangaa jidduu galeessa hin darbinaa. Bakka sirrii ta’een alatti qabeenya baasun daangaa Isaa warra darban Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin jaallatu.[1]

Asitti diinagdeen namni harkaa qabu namni kan biqilche osoo hin ta’in kan Rabbiin uume ta’uu ni mirkaneessa. Akkasumas, akkamitti itti fayyadamu akka qaban nama qajeelcha. Nyaachu fi haqa diinagdee kennuutti ni ajaje. Haqni diinagde keessa jiru zakaa dha.

“Kuni qote bultootaa fi warra biqiltoota guddisaniin kan wal qabateedha. Seerri daldalaan ykn hojii mootummaatin wal qabatee jiraa?” jedhee namni tokko gaafachu danda’a. Eeyyen sirritti jira. Bakki waan nutti gabaabbatufi malee silaa ni dhiyeessina. Kana beektu laata Qur’aana keessatti aayan hundarra dheertu taate aayah liqaa fi daldalaan wal qabattuudha. (ilaali suuratu Al-Baqarah 2:282) Hojii mootummaatinis wanta wal qabate mee haa dhiyeessinu:

2:188

“Sobaan qabeenya keessan jidduu keessaniitti hin nyaatinaa. Osoo beektanuu qabeenya namootaa irraa garii cubbuun nyaachuuf jecha abbooti seeraatti isaan hin dhiyaatinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:188

Karaa sobaatiin gariin keessan qabeenya garii hin nyaatin. Kan akka sobaan kakachuun, hatuun, saamun, malaamaltummaan, dhalaani fi kan kana fakkaatin qabeenya keessan wal jidduutti hin nyaatinaa. “Osoo beektanuu qabeenya namootaa irraa garii cubbuun nyaachuuf jecha abbooti seeraatti isaan hin dhiyaatinaa.” Kuni hiika lama qaba:

1ffaa-haraama ta’uu osoo beektanu qabeenya namootaa nyaachuuf ragaalee sobaatiin gara abbooti murtii hin deeminaa. Fkn, namni tokko qabeenya nama biraa irraa qaba haa jennu. Namni lammataa kuni qabeenya nama jalqabaa ni waakkata/ni morma. San booda abbaa murtii bira deemun ragaalee sobaa dhiyeessee qabeenya nama jalqabaa nyaachuf carraaqa. Kuni dhoowwamaadha.

2ffaa– haraama ta’uu osoo beektanuu qabeenya namootaa nyaachuuf jecha abbooti seeraatiif mattaa (gubboo) hin kenninaa.[2]  

Islaamni akkaataa itti daldaalan, daldala keessatti wantoota hayyamamanii fi dhoowwaman ilaalchise seera guutuu qaba. Yeroo ammaa “Sirni dinagdee Islaamaa (Islamic Finance)” babal’ataa fi fudhatama guddaa argataa jira.

Gabaabumatti, Islaamaa fi siyaasan, dinagdeen wanta addaan bahuu hin qabneedha. Yeroma Islaamaa fi siyaasan, dinagdeen addaan bahan jireenyi ilma namaa ni jeeqamti. Tarii gubbaadhaa qabeenya baay’ee walitti kuusu danda’u. Garuu keessi isaanii tasgabbii hin argatu. Rakkoo cinqii (depression) warri dhiyaati fi bahaa keessa jiraatan mee qoradhu. Dhalli (ribaan) Islaama keessatti dhoowwamaadha. Yommuu seera kana cabsuun dhalaan daldaalan, cinqiin isaan itti seenan hangana hin jedhamu.


[1] Tafsiiru muyassar-146 [2] Tafsiiru Muyassar-29,Zaadul masiir-110 https://www.englishtafsir.com/Quran/2/index.html#sdfootnote197sym

Islaamni Jireenya Guutuun Wal-qabata-Kutaa-3
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply