Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-4

Offline dubbisuf

Hanga ammaatti Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu ilaalaa turreera. Fakkeenya kaasun Islaamni jireenya guutuun akka wal qabatu ilaalun keenya hiika “Laa ilaah illallah” haala salphaan akka hubannu nu gargaara. Ta’uu baannan, Islaama salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf irratti yoo daangeessine, waa baay’ee dhabna. Islaamni jireenya guutuun akka wal qabatu fudhannee yoo itti bulle qofa gammachuu fi milkaa’inna barbaannu arganna. Har’as itti fufuun kutaa dhumaa haa ilaallu.

Islaamaa fi Maatii

Maatiin hundee hawaasni fi biyyi ittiin ijaarramuudha. Maatiin yoo tole ijoolleen gara hawaasaa bahan ni tolu. Kanaafu, haala wali galaatin hawaasnis ni tola. Islaamni maatittis xiyyeefannoo guddaa kenne. Seerota maatiin wal qabatan baay’ee lafa kaa’e. Kan akka seera fuudhaa heerumaa, wal dhaalu, guddinna ijoollee fi kanneen biroo. Maatii gaarii ijaaruf tooftaa akkami fayyadamu akka qaban nama qajeelcha. Tooftaa kanniin keessaa, niiti/abbaa manaa gaarii filachuu, ijoollee amanti fi naamusa Islaama barsiisu fi kanneen biroo eerun ni danda’ama.

Fuudhaa heeruma keessatti akkaataa dubartii itti kaadhimatan, cidha qopheessan, naamusa wal qunnamti fi kanneen biroo ni arganna. Abbaa fi haati manaa yoo wal ta’uu dadhaban wal hiikuf seera hordofuu qaban lafa kaa’a. Kana ilaalchise gara jalaatti liinkin ni jira.

Seerotaa fi naamusoota baay’ee maatiin wal qabatan Islaama keessatti ni arganna. Naamusa gaarii namoonni baay’een xiyyeefannoo itti hin kennine tokko dhiyeessun mata-duree kana haa xumurru:

“Yaa warra amantan! Kanneen harki mirgaa keessan qabatee fi isin keessaa kanneen umrii saalfannaa hin geenye yeroo sadii isin haa hayyamsiisan: salaata fajriin dura, walakkaa guyyaa yommuu uffata keessan ofirraa baastanii fi salaata ishaa’i booda. [Kunniin] yeroo sadii qullaa itti taataniidha. [Yeroo sadan] kanaan alatti [hayyama malee yoo walitti seentan], isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiru. Isin irra kan naanna’an waa ta’aniif; gariin keessan garii irra [naanna’a]. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota isiniif addeessa. Rabbiin Beekaa, Ogeessa.” Suuratu An-Nuur 24:58

 “Kanneen harki mirgaa keessan qabatee” jechuun gabroota ykn tajaajiltoota keessan.  “Isin keessaa kanneen umrii saalfannaa hin geenye” immoo ijoollee umrii saalfannaa (buluugha) hin geenyedha. Ijoolleen dhimmoota afran kanniin keessaa tokkoon umrii saalfannaa gahu: (1)-yeroo hirribaa maniyyii (dhangala’oo saalaa) dhangalaasu yookiin sababa kanaan alaatiin maniyyi dhangalaasu,(2)- rifeensi gaggabaan naannoo qaama hormaatatti biqiluu, (3)-umriin isaa/ishii waggaa 15 (kudha shan) gahuu. (4)-Dubartii yoo taate heeydi (laguu) arguu.[1]

Kana booda ibsi aayah: Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii seera Isaatti bultan! Yeroo sadii isin kophaa fi qullaa itti taatan keessatti yommuu isinitti seenan akka isin hayyamsiisan gabroota keessanii fi ijoollee umrii saalfannaa hin geenye ajajaa. Yeroon sadan kuni: (1)-Salaata fajrii (subii) dura-sababni isaas, yeroon kuni yeroo uffata hirribaa baafatanii uffata biraa itti uffataniidha. (2)-Boqonnaaf walakkaa guyyaa yommuu uffata baafatanii fi (3)-Salaata Ishaa’i booda. Sababni isaas, yeroon kuni yeroo hirribaati. Yeroon sadan kunniin yeroo kophaa itti taatanii fi nafa ofii haguuguun itti xiqqaatudha. (Yeroo sadan kana keessatti uffata ofirraa baasuun qullaa ta’uu waan danda’aniif, namni gola isaanii seenun dura hayyama gaafachu qaba. Balbala rukutuun, “Seenu danda’aa?” jechuu qaba.)

“[Yeroo sadan] kanaan alatti [hayyama malee yoo walitti seentan], isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiru. Isin irra kan naanna’an waa ta’aniif; gariin keessan garii irra [naanna’a].”
Yeroo sadan kanaan ala tajaajiltonni fi ijoolleen umrii saalfannaa hin geenye hayyama malee yoo isaanitti seenan homaa rakkoo hin qabu. Sababni isaas, gabroonni isaan tajaajiluuf yeroo baay’ee isaanitti deddeebi’u. Gariin garii irra naanna’a. Yeroo hundaa hayyama gaafachun ni ulfaata. Garuu gabrootaa fi ijoollee xixiqoo umrii saalfannaa hin geenyeen ala namoonni jiran isaanitti seenuuf yeroo hundaa hayyama gaafachu qabu. Itti aanse ni jedha:

(59)Isin keessaa ijoolleen umrii saalfannaa yommuu gahan, akkuma warri isaaniin duraa hayyamsiifatan isaaniis haa hayyamsiifatan. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsa. Rabbiin Beekaa Ogeessa.” Suuratu An-Nuur 24:59

Kana jechuun akkuma namoonni gurguddoon mana seenuun dura hayyama gaafatan, ijoolleen umrii saalfannaa gahaniis seenuu yommuu barbaadan yeroo hundaa hayyamaa haa gaafatan.[2]

Gola ykn kutaa ciisichaa keessatti namni uffata jijjirata. Namni akka isatti seenu hin barbaadu. Kanaafu, ijoolleen umrii saalfannaa erga gahanii booda gola isaanii seenuun dura yeroo hundaa hayyama gaafachu qabu. Seenun dura hayyama gaafachu keessa faayda baay’eetu jira:

1ffaa-Namni yommuu qullaa ta’u namni biraa isa arguu irraa ni jibba, garmalee saalfata. Kanaafu, hayyama gaafachuun jibbummaa fi jeequmsi akka hin uumamnee fi salphinni akka namatti hin dhagahamne taasisa. 2ffaa- Tarii namni gola keessatti haadha warraa waliin ciisu danda’a. Namni biraa hayyama malee yoo seenee gocha kana argu, qormaanni guddaan ni uumama. Keessumayyu, ijoollen fedhiin isaanii cimaa ta’ee yoo kana argan garmalee qoramu. Kanaafu, balbala fitnaa (qormaataa) cufuuf hayyama gaafachuun baay’ee barbaachisaadha.

Maatii ilaalchisee murtiwwan, seeronni fi naamusonni baay’een karaa sirritti nama qajeelchanii fi badii irraa maatii tiiksan Islaama keessa guutanii jiru. Dhugumatti, maatii gaarii gammachuu qabu ijaarrun kan danda’ama Islaama hordofuu qofaani.

Islaamaa fi Namoota dhuunfaa

Namni Islaama irraa yoo adda bahee jireenyi isaa jireenya hin jedhamtu. Jeequmsi, dukkanni, gaddii fi yaaddon gara hundaan isa haguugu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota hundaa kan uume Isa. Nafsee isaanii, wanta isaan fayyaduu fi miidhu sirritti beeka. Kanaafu, qajeelcha nafsee namaa fooyyessuu fi badii irraa eegu ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ni ibsee. Namni qajeelcha Isaa hordofe, warra gammachuu qabanii fi milkaa’an keessaa ta’a. Namni dide immoo warra rakkatanii fi kasaaran keessaa ta’a. Aayah lama asitti dhiyeessun mata-duree kana haa xumurru:

“[Rabbiin] ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanu walumaan ishee (Jannata) keessaa [gara dachiitti] gadi bu’aa. Ergasii Ana irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni qajeelfama Kiyya hordofe hin jallatus, hin rakkatus.” Suuratu Xaahaa 20:123

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamii fi Hawwaan akkana jedhe: Isin lamaanu ibliisa waliin Jannata keessaa gara dachiitti bu’aa. Isin lamaani fi ibliisni (sheyxaanni) waliif diina. Yoo Ana irraa qajeelchi fi ibsi dhufe, namni qajeelchaa fi ibsa Kiyya hordofee fi hojii irra oolche, addunyaa keessatti ni qajeela, hin jallatu. Aakhirattis adabbii Rabbiitin hin rakkatu.[3]

20:124

Namni yaadanno Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa Kaafna” Suuratu Xaahaa 20:124

Namni ajaja Kiyyaa fi wanta Ergamaa Kiyya irratti buuse faallesse, irraa garagalee fi dhiise, addunyaa tana keessatti jireenya dhiphoo fi ulfaattu taatetu isaaf jira. Osoo warra tolaa fi badhaadhinna qaban fakkaateyyu qomni isaa tan dhiphatteedha, tasgabbii hin qabu. Qalbiin isaa yaqiina fi qajeelcha qulqulluu hanga qabaattutti malee, inni jeequmsa, dhama’iinsaa fi shakkii keessa jiraata. Kuni jireenyi dhiphoo ta’uudha. Erga du’ee boodas qabriin isatti dhiphatti, achi keessatti azzabama (adabama). Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa kaafna.[4]

Islaamni qajeelcha guutuu addunyaan, biyyi, hawaasni, maatii fi namni dhuunfaa hundii ittiin qajeelu kan of keessatti qabateedha. Namni qajeelcha kana hordofe, gammachuu barbaadu ni argata, rakkoo jalaa ni baha. Namni Islaama hodofuu irraa of tuule immoo gammachuu dhabuun jireenya dhiphoo jiraata. Adabbii cimaaf of saaxila.

Haala kanaan Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu mirkaneefachu ni dandeenyaa jechuudha.

Gaafi:
“Islaamaa fi Musliima jechuun maal jechudhaa?” jedhamte yoo gaafatamte deebiin kee maalidhaa?
Jechoota gabaaboon, “Islaama jechuun osoo of hin tuulinii fi itti hin qindeessin (hin shaarrakin) Rabbii olta’aaf harka kennu, gadi jechuu fi ajajoota Isaatiif buluudha.”
Itti qindeessu ykn shaarraku jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefachuudha). Kan akka Isa waliin waan biraa kadhachuu, Isaan ala wanta biraatiif gadi jechuu, sagaduu, garmalee ol-guddisuu, sodaachu fi ibaadaa biroo wanta biraatiif gochuu. Kuni hundi shaarraku waan ta’eef Muslimni irraa fagaachu qaba.
Muslima jechuun nama osoo of hin tuulinii fi hin shaarrakin Rabbii Tokkicha qofaaf harka kennu, gadi jedhuu fi ajajoota Isaatiif buluudha.  


Namni waa’ee fuudhaa heerumaa Islaamaa beeku barbaadu kitaaba Gaa’ila Islaamaa jedhu dubbisuu danda’a. Seera nikah itti buusanis Islaama keessatti akkam akka ta’e asirraa argachuun ni danda’ama: https://islaama.files.wordpress.com/2020/01/nikah-buusu.pdf  

Kitaabban wabii:
[1] Majaalis Shahri ramadaan-fuula 43-44-Ibn Useymiin
[2] Tafsiiru muyassar-357-358
[3] Tafsiiru Muyassar-fuula 320
[4] Tafsiir ibn Kasiir-5/315, madda olii

Hiika Laa İlaah İllallah-Kutaa 1
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-qabata-Kutaa-3
Offline dubbisuf

Leave a Reply