Hiika Laa İlaah İllallah-Kutaa 1

Akkuma yeroo darbe jenne hundeen Islaamaa Rabbii olta’aa tokkicha qofa gabbaruu fi wantoota Isaa gadi jiran hundatti mormuu fi gabbaruu irraa fagaachudha. Jecha biraatin, “Laa ilaah illallah” dha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota Isaa hundaa jecha Laa ilaah illallah tiin erge. Ni jedha:

21:25

[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” [jechuun] wahyii (beeksisa) gara isaatti kan buufnu yoo ta’e malee.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25

Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti  “Dhugaan Gabbaramaan Ana malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun isatti beeksifne.

Hiika Laa Ilaah illallah

Mee har’a hiika Laa ilaah illallah haa ilaallu.
Jalqaba jecha jechaan Laa ilaah ill-Allah haala waligalaatiin haa hubannu.
Laa-hin jiru, asitti ilaah- dhugaan gabbaramaa, illa-malee, Allah-Rabbiin
Amma jechoota kanniin walitti fiduun Laa ilaah illAllah gara Afaan Oromootti yommuu hiiknu, “Dhugaan (haqaan) gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru” ta’a.

Mee amma “Laa ilaah illallah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” gadi fageenyaan haa ilaallu:
Gabbaramaa jechuun maal jechuudhaa? Sheykhul Islaam Ibn Taymiyyaan ni jedha: “Gabbaramaan (ilaah) jaallatamaa qalbiin jaalalaan gabbartu, isaaf gadi jettu, isa sodaattu fi kajeeltu, yeroo rakkoo gara isaatti deebitu, wanta ishii barbaachisu keessatti isa kadhattu, faayda ishii keessatti isarratti hirkattu, gara isaatti kan dheessitu, zikrii (Isa yaadachuun) tasgabbii kan itti argattu, jaalala Isaatti kan tasgabbooftudha. Kuni Rabbiif qofa malee eenyufillee hin ta’u. Kanaafi, Laa ilaah illallah’n jecha hundarra dhugaa taatedha.[1]

Asirraa ka’uun haala gabaaban gabbaramaa (ilaah) jechuun kan garmalee jaallatamu, kabajamu, ol-guddifamu, kan isaaf of gadi xiqqeessanii fi of gadi qaban, ajajaman, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelan, kadhatanii fi irratti hirkataniidha. Gabbaramaan (ilaah) kan gabbaramu erga ta’ee hiika gabbarri (ibaadaa) beekun nu barbaachisa.

Al-Azhariyyi ni jedha: akka lugaatti ibaadaa jechuun of gadi qabuun ajajamuudha. Karaan yeroo baay’ee irra deddeemun yoo qaacca’e “Xariiqu mu’abbadu” jedhama.
Ammas hayyuun lugaa Arabiffaa Al-Jawhariyy ni jedha, “Hundeen ibaadaa al-Khuduu’u (gadi of qabuu) fi az-zillatu (xiqqeenya)dha.”

Akka shari’aatti ibaadan hundee gadi of qabuu fi of gadi xiqqeessu irraa kan fudhatamee fi yaada bal’aa kan of keessatti qabuudha. Hayyoonni Ibaadaf hiika garagaraa kennanii jiru. Garaagarummaan hiikaa kuni gara wanta lamaatti deebi’a:

1ffaa jechi ibaadaa jedhu hiika “at-ta’abbud (gabbaruu)” jedhu qaba. Asitti at-ta’abbud jechuun Rabbiin jaallachuu fi ol-guddisuun (garmalee kabajuun) wanta Inni itti ajaje hojjachu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isaaf of gadi qabuudha.
2ffaa-Jechi ibaadaa jedhu hiika al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)” ta’a. Hikni kanaa akkuma sheykhu Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) jedhe, “maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha.” 

Mee kanniin lamaanif fakkeenya haa dhiyeessinu: salaata salaatun ta’abbud (gabbaruu) ta’a. Salaanni mataan isaa wanta Rabbiin ittiin gabbaraniidha (al-Muta’abbad bihi)[2]

Gabaabumatti at-ta’abbud sochii qalbii, arrabaa fi qaamaa namni raawwatu agarsiisa. Al-Muta’abbad bihi immoo maqaa hojiiti. Namni yommuu salaatu, gadi of qaba, sujuuda bu’a, du’aayi godha. Kuni hundi sochii inni raawwatu waan ta’eef at-ta’abbud jennaan. Salaanni hojii ibaadaa keessaa beekkama kan ta’eedha. Kanaafu, salaanni al-muta’abbad bihi.

Hiika jalqabaati fi kan lammataa akkamitti gargar baasu dandeenya jechuun namni gaafachu danda’a. Hiika jalqabaa irratti ibaadaa jechuun jaalalaa fi of gadi qabuu guutuudha. Namni wanta tokko garmalee yoo jaallatee fi of gadi qabeef wanta san gabbaraa jiraa jechuudha. Akka hiika lamaffaatti immoo ibaadaa jechuun wantoota Rabbiin itti ajajeedha. Fkn, kan akka salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf. Namni wantoota kanaan Rabbiin gabbara. Kanaafu, hiikni ibaadaa lamaan kunniin wal keessa kan seenaniidha. Namni dhugaan Rabbii olta’aa gabbaru jaalala fi of gadi qabuu guutuun wanta Inni itti ajaje hojjata.[3]

Gosoota ibaadaa
Ibaadaa irraa qalbiin kan hojjatamu, qalbii fi arrabaan kan hojjatamu, qalbii fi qaaman kan hojjatamu, qabeenyaan kan hojjatamuu ykn qaamaa fi qabeenyaan kan hojjatamutu jira.
Ibaadaa qalbiin hojjatamu: sodaa, jaallachuu, tawakkula (irratti hirkachuu), kajeellaa, obsa fi kkf.
Ibaadaa qalbii fi arrabaan hojjatamu: Du’aayi, Rabbiin faarsu, qulqulleessu, ol-guddisu (Allahu Akbar jechuu). Alhamdulillah (Faarun hundi kan Rabbiiti), Subhaanallah (Rabbiin Qulqullaa’e) jechuu fi zikriiwwan biroo.
Ibaadaa qalbii fi qaaman hojjatamu: kan akka salaataa, somaa fi kan biroo
Ibaadaa qabeenyaan hojjatamu kan akka zakaa, sadaqaa kennu, qalma qaluu,
Ibaadaa qaamaa fi qabeenyaan hojjatamu: kan akka jihaada, hajjii

Kanneen armaan olii kunniin ibaadaa keessaa akka fakkeenyaatti dhiyeessine. Ibaadan gosa hanganatti qoodama ykn lakkoofsa hanganaa qaba jedhanii daangeessuun hin danda’amu. Akkuma sheykhul Islaama jedhe ibaadan maqaa wali galaa hojii keessaa fi alaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jaallatu fi itti gammaduudha. Ibaadan gosoota hojii gaarii jedhaman kan qalbiin, arrabaa fi qaaman hojjataman of keessatti qabata. Kanneen akka zikrii, faarsu, Qur’aana qara’uu (dubbisuu), salaata, zakaa, sooma, hajjii, jihaada, waan gaaritti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, firoota, yatimoota, hiyyeeyyi fi karaa deemaatti tola oolu, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbiin sodaachu, hojii Isaaf qulqulleessu, obsa, shukrii (galata galchuu), Isarratti hirkachuu fi kkf ibaadaa irraayyi.

Yoo Rabbitti dhiyaachuuf niyyate, ibaadan hojii mu’minni hojjatu hunda of keessatti hammata.[4] Mu’minni (namni dhugaan amane) hojii gaarii kamiyyuu Rabbitti dhiyaachuuf yoo niyyate ykn Rabbitti dhiyaachuuf na gargaara jedhe niyyachuun hojiin inni hojjatu hundi akka ibaadatti lakkaawama. Ammas, hojii badaa Rabbiif jedhe yoo dhiise, hojii kana dhiisun isaa kuni akka ibaadatti lakkaawama.  Garuu hojiin inni hojjatu kuni shari’aan kan wal simatuu ta’uu mirkaneefachu qaba. “Kuni hojii gaarii Rabbitti ittiin dhiyaatan” jedhe wanta shari’aa keessa hin jirre yoo hojjate, hojiin isaa kuni bid’aa (wanta haarawa uumame) ta’a. Bid’aan immoo fudhatama hin qabu.

Ibaadaan bu’uura lama irra naanna’a: Jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aana irra gahe.[5] Kana jechuun namni yommuu gosoota ibaadaa armaan olii hojjatu Rabbii olta’aa jaallachuu fi qalbiidhaan Isaaf of gadi qabuu qaba.

Kana booda jecha, “Laa ilaah illallah” hubachuun nama hin dhiibu miti ree?
“Laa ilaah illallah”  jechuun:
لا معبود بحق إلا الله
Laa ma’abuud bihaqqin ill-Allah
-Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.[6] Ibaadaa haqa kan godhatu Rabbiin malee hin jiru.[7]

Jecha biraatin: Kan jaalalaa fi ol-guddisuun gadi jedhaniif, gadi of xiqqeessaniif, garmalee sodaatan, waa hundaa irraa kajeelan, yeroo rakkoo itti dheessan, kadhatan, irratti hirkatan, sujuudaniif, sagadaniif Rabbiin malee hin jiru. Gabaabamutti ibaadan hundi Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.

Rukni laa ilaah illallah
Rukniin laa ilaah illallah lama. Isaanis: Nafiyy fi isbaat
Nafiyy jechuun dhabamsiisu ykn “hin jiru” jechuu.
İsbaat jechuun immoo mirkaneessu ykn wanti kuni ni jira jedhanii itti amanuudha.
Jecha laa ilaah illallah bakka lamatti yoo qonne, kutaan tokkoffaan nafiyy, kutaan lammataa immoo isbaat ta’a.

Laa ilaah (Haqaan gabbaramaan hin jiru) kan jedhu nafiyy (dhabamsiisu) ta’a. Illallah (Rabbiin malee) kan jedhu immoo isbaat (mirkaneessu) ta’a.

Namni yommuu laa ilaah illallah jedhu wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hunda irraa ibaadaa dhabamsiisuu fi Rabbii qofaaf ibaadaa mirkaneessu qaba. Jecha biraatin Rabbiin qofa gabbaruu fi wantoota Isaan ala gabbaraman hunda mormuu fi irraa fagaachu qaba. Ragaan rukni laa ilaah illallah aayah tana:

‘Rabbiin gabbaraa, xaaghuut irraa fagaadhaa’ [jechuun] ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-Nahl 16:36
Xaaghuut sheyxaana, raagdu, sanama, taabota fi wantoota biroo Rabbii gaditti gabbaraman (waaqefatamanii)dha.

As keessatti “xaaghuut irraa fagaadhaa” kan jedhu nafiyy (dhabamsiisuudha). “Rabbiin gabbaraa” kan jedhu isbaat (mirkaneessu) ta’a. Kanaafu, namni rukni (roga) lamaan kanniin yoo guute Musliima dhugaa ta’a. Namni nafiyy godhee isbaat yoo hin godhin, eetist (atheist) ta’a. Kana jechuu laa ilaah (dhugaan gabbaramaan hin jiru) jedhee illallah yoo hin jedhinii fi itti hin amaniin eetisti ta’a. Ammas, namni isbaat godhee nafiyy yoo hin godhin mushrika ta’a. Kana jechuun haqaan gabbaramaan Rabbiin akka ta’e ni mirkaneessa, garuu Isa waliin wanta biraa gabbara. Kuni mushrik jedhama.

Guduunfaa
Ilaah (Gabbaramaa) jechuun kan qalbiin jaalalaan gabbartu, gadi jettuuf, yeroo rakkoo itti dheessitu, haajaa irra kadhattu, kajeeltu, irratti hirkattu, sodaattu fi ibaadaa birootiin itti dhiyaattudha.
Laa ilaah illallah jechuun Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Kana jechuun Jaallachuu fi ol guddisuun kan gadi jedhaniif, sagadaniif, kadhatan, kajeelan, irratti hirkatan, sodaatani fi ajajamaniif Rabbiin malee hin jiru. Gabaabumatti, ibaadaan kamiyyu Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.
☝Ibaadaan hiika lama jalatti guduunfamu danda’a:
1ffaa- At-Ta’abbud (gabbaruu)-kana jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aanaa irra gaheedha.
2ffaaAl-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran) -kuni maqaa hojii ibaadaati.
☝Kanaafu, jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aanaa irra gaheen hojiin hojjatamu hundi Rabbii olta’aaf malee eenyufillee hin ta’u.


[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 53-54, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Qawluul mufiidi fi sharih kitaabu tawhiidi-1/10, Muhammad Saalih Useymiin
[3] https://www.sammubani.com/2019/05/26/ilmi-namaa-maaliif-uumamee/#.XhoyFcj7TIU
[4] Aqiidatu tawhiid-fuula 57, Sheykh Saalih Fawzaan
[5] Ma’aarijul qabuul-541, Al-Ubudiyyah-Sheykhul Islaam ibn Taymiyyah-fuula 24
[6] Ma’aarijul qabuul-516, Haafiz ibn Ahmad al-Hakamii
[7] https://www.as-salaf.com/article.php?aid=13&lang=ar

Print Friendly, PDF & Email
Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 2
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata-Kutaa-4

Leave a Reply