Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 2

Offline dubbisuf

Laa ilaah illallah’n nama fayyaduuf sharxiwwan guuttamu qaban keessaa beekumsaa fi yaqiina jennee jirra. Namni waa’ee laa ilaah illallah yoo hin baratin, beekumsaa fi yaqiina argachuu danda’aa? Laa ilaah illallah rukni lama akka qabdu kutaa darbe keessatti ilaalle jirra: Nafiyy (dhabamsiisuu) fi isbaat (mirkaneessu)dha. Mee itti xinxalli, namni beekumsa malee kanniin lamaan beekun hojii irra oolchu danda’aa? Kanaafu, namni milkaa’uu fi azaaba jala nagaha bahuu barbaadu, sirriitti laa ilaah illallah beekuuf carraaqu qaba. Takkamaan hiika laa ilaah illallah sirritti hubachuu dhiisu dandeenya. Garuu akkuma barreefama dubbisnuu fi ibsaaf ragaa dabalataa ilaalluun sirritti hubachaa adeemna. Barreefamni kuni akka seensaati. Gara fuunduratti haala salphaan hiika laa ilaah illallah namni kamu hubachuu danda’uun akka dhiyeessinu ni abdanna. Kanaafu, nu waliin tura, nu hordofaa….

Rabbiin ala wanti gabbaramu (waaqefatamu) hundi baaxila (soba). Baaxila jechuun haqa kan faallessuu fi hundee hin qabneedha. Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee gabbaruun (waaqefachuun) hundee qabaa? Gonkumaa hundee hin qabu. Ragaan Rabbiin irraa bu’ee fi ragaan sammuu hin jiru. Akkamitti wanti ofuyyuu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisu hin dandeenye gargaarsaaf kadhatanii?

Kanaafu, Rabbiin ala ibaadan wanta biraatiif godhame shirkii fi jallinna guddaadha. Rabbii Tokkicha Injifataa ta’eef malee ibaadan eenyufillee hin malu. Uumuun, too’achuu fi ajajuun kan Isaa kan ta’eedha. Namni Rabbiin qofa gabbare, gabbarri keessatti Isa tokkichoomse fi haqa Isaa isarra jiru bakkaan gahee jira. Namni Rabbiin ala wanta biraa gabbare immoo Rabbiin waliin ilaah (gabbaramaa) godhatee fi Rabbiif shariika (hirmaataa) godhee jira. Namni wanta tokko gabbare wanti suni isaaf gabbaramaadha.

Al-Uluuhiyyah’n ibaadaadha. Ibaadaan haqa Rabbii qulqulluu ta’ee gabroota Isaa hundarraa qabuudha. Ibaadaan Rabbiin tokkichoomsun malee sirrii hin taatu. Namni ibaadaa Rabbii fi uumamtoota Isaa jidduutti qoode, Rabbiin hin gabbarree, haqaan gabbaramaan Isa qofa akka ta’ettis hin amanne.

Sheykh Muhammad ibn AbdulWahhaab (rahimahullahu) ni jedha: “Rabbiin Isa gabbaruuf akka si uume erge beekte, kana beeki: akkuma xahaaraa (qulqullinna) waliin malee salaanni salaata hin jedhamne, tawhiida waliin malee ibaadan ibaadaa hin jedhamtu. Ibaadaa keessa shirkiin yoo seene, ibaadan ni bada. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Osoo of irratti kufrii ragaa bahanuu masjiidota Rabbii ijaarun mushrikotaaf hin malu. Isaan sun dalagaan isaanii badde. Isaan ibidda keessa yeroo hundaa jiraatu.” Suuratu At-Tawbah 9:17 (Al-Qawaa’idul Arba’ati-199)

Mushrikoota jechuun namoota Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa gabbaraniidha. Ibaadan isaanii Rabbii qofaaf waan hin taaneef ni bada, Guyyaa Qiyaamaa mindaa wayitu hin argatan.

Fakkeenyaaf, salaanni ibaadadha.  Namni Rabbiin tokkichoomsu fi homaa Isatti hin qindeessinee, salaanni isaa fudhatama argata. Salaanni isaa kuni ibaadaa fi wanta gara Rabbii ittiin dhiyaatu ta’a. Namni Rabbitti waa qindeesse immoo, salaanni isaa fudhatama hin argatu. Salaanni kunis Rabbiif ibaadaa hojjatame hin jedhamu. Sababni isaas, Rabbitti waa qindeessun isaa ibaadaa isaa jalaa balleessee jira. Akka nama wudu’a malee salaate salaanni isaa ni bada. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

39:65

“Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraatti “Yoo Rabbiin wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata.” [jechuun] beeksisni godhame.” Suuratu Az-Zumar 39:65

Yaa Rasuula dhugumatti gara keeti fi ergamtoota siin dura turanitti akkana jedhamuun beeksifame: Rabbiin waliin waan biraa yoo gabbarte, hojiin kee ni bada. Warra badanii fi kasaaran keessaa taata. Sababni isaas, shirkii waliin hojiin gaariin fudhatama hin argatu.[1]

Tawhiidul Uluuhiyyaan tawhiida ibaadati. Kana jechuun Rabbii tokkicha shariika hin qabneef ibaadaa qulqulleessuu fi wanta Rabbiin ala gabbaramu hundarraa bilisa ta’uudha. Laa ilaah illallah’n Rabbi qofaaf ibaadaa mirkaneessiti, Isaan ala wanta jiran hundarraa immoo ibaadaa ni dhabamsiisti. Eenyullee haa ta’u, nabiyyi ta’i, malaykaa ta’i, sheykha ta’i, waliyyi ta’i, jinni ta’i, muka ta’i, dhagaa ta’i, qabrii ta’i, sanama ta’i, taabota ta’i fi uumamtoota hundarraa ibaadaa ni dhabamsiisti. Ibaadaan uumamtoota keessaa eenyufillee hin ta’u.

Warri Laa ilaah illallah qabatan, ibaadaa, gadi jechuu fi harka kennuu irraa homtu Rabbiin ala wanta biraatiif akka hin taanee amanti dhugaa ni amanu, hojii fi dubbiinis ni agarsiisu. Ibaadan, gadi jechuu fi harka kennuun Rabbi qofaaf akka ta’e sirritti amanu. Kuni dubbii qofaan ykn hojii malee dubbii fi amanti qofaan galma kan gahuu osoo hin ta’in amanti jala muraatin, dubbii dhugaatin, hojii qulqulluun galma akka gahuu sirritti beeku.

Rabbiin tokkichoomsun kan mirkanaa’u yoo wanta Laa ilaah illallah’n mirkaneessite mirkaneessanii fi wanta Laa ilaah illallah’n dhabamsiiste dhabamsiisan qofaadha. Dhabamsiisuun qofti tawhiidaa miti. Akkasumas, mirkaneessun qoftis tawhiida ta’uu hin danda’u. Tawhiinni dhabamsiisuu fi mirkaneessu bakka tokkotti kan qabateedha.

Akkasumas, Uumaan, rizqii kan kennuu (raaziq), too’ataan, dhimmoota hundaa Kan qindeessu, jiraachisaan, ajjeesaan, kan nama fayyadu fi miidhu Rabbiin malee hin jiru jedhanii amanuu qofaan Rabbiin tokkichoomsuun hin mirkanaa’u. Kuni qofti Islaama keessa seenuuf gahaa miti. Dhugumatti kaafiroota keessaa nama, Uumaan, rizqii kan kennuu (raaziq), too’ataan, dhimmoota hundaa Kan qindeessu, jiraachisaan, ajjeesaan, kan nama fayyadu fi miidhu Rabbiin malee hin jiru jedhee amanutu jira.  Garuu inni Rabbiin qofa waan hin gabbarreef Musliimaa miti. Uumaan, dhimmoota kan qindeessu, too’atu, ajjeesu, jiraachisu Rabbiin malee hin jiru jedhanii amanuu waliin “Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, wantoonni Isaan alatti gabbaraman hundi baaxila (soba)” jedhanii amanuun dirqama.

Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) Qureeshotaan, “Laa ilaah illallah jedhaa ni milkooftaniiti.” Jedhu, wanta Qureeshonni itti deebisan itti xinxalli. Akkana jechuun deebisan: “Sila gabbaramtoota gabbaramaa tokko godhee? Dhugumatti kuni wanta ajaa’ibaati.

Qureeshonni Rabbiis ni gabbaru wantoota biroos Isa waliin ni gabbaru (ni waaqefatu). Jechi Ergamaan Rabbii (SAW) isaan itti waamu hiika, “Wantoonni isaan Rabbiin waliin gabbaran hundi baaxila (soba), gabbaruun hin ta’u. Wantoota kanniin Rabbiin waliin waan gabbaraniif jallinna irra jiru. Ibaadaan kan ta’u Rabbii tokkicha qofaafi.” Jedhu akka qabdu Qureeshonni ni beekan. Kanaafu, yoo Laa ilaah illallah jedhan Rabbiin malee wanta gabbaramu hunda ni dhiisu. Kanaafi, baay’een isaanii jecha tana jechuu ni didan, Rabbiin tokkichoomsu irraa of tuulan. Rabbiin olta’e ni jedha:

“Dhugumatti isaan yommuu, “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru.” isaaniin jedhamu, of tuulaa turan. “Sila nuti walaleessaa maraataa ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-Saaffaat 37:35-36

Kana waliinu isaan:
➦Kan uumu, razzaqu, jiraachisu, ajjeesu, isaanii fi wantoota isaan gabbaran dhuunfatee fi too’atu Rabbii tokkicha ta’uu hin shakkan.
➦Wantoota gabbaran kanniin “Rabbiitti akka nu dhiyeessaniif ykn jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’aniif malee homaafu isaan hin gabbaru” jechuun yaadu.
➦Ammas, wantoota kanniin gabbaruun (waaqefachuun) haqa, amanti Rabbiin gammachiisu keessaayyi jedhanii yaadu.
➦“Amanti Ibraahim osoo hin jijjirin itti fufne” jechuun yaadu.
➦Muhammad (SAW) amanti haarawa kan fideedha jechuun yaadu. Akkuma Rabbiin isaan ilaalchise jedhe:

Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon deemanii, “Deemaa, gooftolee keessan [gabbaruu] irratti obsaa, dhugumatti inni kuni wanta barbaadamudha. Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye. Kuni wanta haarawa uumame malee homaa miti.” [jedhan].  Suuratu Saad 38:6-7

Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye.” Kana jechuun amanti gara dhumaatti dhufe keessatti Rabbiin qofa gabbaraa kan jedhu hin dhageenye. Amantin gara dhumaa isaan jedhan kuni amanti akka isaanii shirkiin guuttame amanti Kiristaanati. Kiristaanonis Rabbiin waliin waan biraa gabbaru (waaqefatu).  

Sheykh AbduRahmaan bin Hasan Aali Sheykh (rahimahullahu) ni jedha: Osoo [mushrikoonni Laa ilaah illallah] jedhanii, sanamaa fi taabota gabbaran (waaqefatan) akka dhiisan isaan irraa eeggama. Kanaafu, amanti isaanii dhiisun waan isaan irraa eeggamuuf Laa ilaah illallah jechuu ni didan. Rabbii gaditti wanta gabbaran irraa ibaadaa hin dhabamsiifne. Kanaafi, Laa ilaah illallah jechuu didan.

Mushrikni dhumaa ummata kanaa immoo hiika Laa ilaah illallah wallaalanii jecha qofa jedhan. Awsaanaa fi sanamoota gabbaruu irraa wanta Laa ilaah illallah’n dhabamsiifte isaan hin dhabamsiifne. Awsaanaa fi sanamoota gabbaruun yeroo ammaati fi naannoo kan haguugedha.” (Ad-Duraru Sanniyat fii ajuubati najdiyyati-12/315) ( Awsaanaa fi sanamoonni siidaa, qabrii, dhagaa, taabota fi wantoota biroo Rabbii gaditti waaqefatamaniidha.)

Kuffaarri Qureeshaa jecha Laa ilaah illallah sirritti kan beekan ta’uu yoo beekte, kuffaara Qureeshotaa caalaa wallaalaa ta’uu irraa of eegi. Jecha Muslimootaa fi mushrikoota gargar baastu tana beekuuf carraaqi.

Hiikni Laa ilaah illallah Rabbiin malee wanta hundarraa ibaadaa dhabamsiisuu fi ibaadaa hunda Rabbii tokkichaaf mirkaneessu akka ta’e beeki. Ibaadan Rabbii tokkicha qofaafi. Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) soba.

Akkuma Laa khaaliqa illallah (Rabbiin malee Uumaan hin jiru) yommuu jettu hiikni isaa, uumamtoota kan uumuu Rabbiin malee hin jiru, kana keessatti eenyullee Isa waliin hin hirmaatu. Malaykaan dhiyeefame, Ergamaan ergamee fi kan biroo Isa waliin uumamtoota uumuu keessatti hin hirmaatu.

Ammas akkuma laa raaziqa illallah (Rabbiin malee raaziqni hin jiru) yommuu jettu, hiikni isaa rizqiin hundi Rabbii tokkicha irraayyi.

Kanaafu, Laa ilaah illallah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru) yommuu jettus, hiikni isaa Rabbiin malee ibaadaa haqa kan godhatu hin jiru. Rabbiif malee ibaadan eenyufillee hin malu. Isa qofaaf ibaada qulqulleessuudha. Kana jechuun Isa qofa gabbaruudha. Uumamtoota Isaa keessaa eenyullee ibaadaa keessatti Isa waliin hin hirmaatu.


[1] Tafsiiru Muyassar-465
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 62-69

Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 3
Hiika Laa İlaah İllallah-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply