Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 3

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti yommuu Laa ilaah illallah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru)  jennu, hiikni isaa “Rabbiin malee ibaadaa haqa kan godhatu hin jiru. Rabbiif malee ibaadan eenyufillee hin malu” jennee jirra. Har’as itti fufuun akkamitti Laa ilaah illallah‘n akka hojii irra oolu ykn galma gahu ilaalla.

Tawhiinni dhimmoota sadiin galma gaha

Akka Rabbiin azza wa jalla barbaadutti namni Rabbiif harka kennuu fi Laa ilaah illallah’tti amanuu barbaadu, wantoota armaan gadii guutuun isarratti dirqama:

  • Rabbiin qofa gabbaruu qaba
  • Homaa Isatti qindeessu hin qabu (homaa Isa waliin gabbaruu hin qabu)
  • Rabbii gaditti gooftolee, gabbaramtootaa fi wantoota gabbaraman birootti amanuu diduu fi mormuu

Kana ilaalchisee Qur’aanaa fi hadiisa irraa ragaalee baay’eetu jira.

Qur’aana irraa ragaaleen kana agarsiisan:

“Rabbiin gabbaraa, xaaghuuta irraa fagaadhaa” [jechuun] ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-Nahl 16:36

Rabbiin azza wa jalla Ergamaa tokkoyyuu hin ergine, jalqabni waamicha isaa gara Rabbii tokkicha gabbaruu fi wantoota Isaa gaditti gabbaraman itti amanuu diduu fi mormuutti ajajuu yoo ta’e malee. Ergamtoonni Rabbiin erge hundi waamichi isaanii jalqabaa, “Rabbii Tokkicha gabbaraa, wantoota Isaa gadiitti gabbaraman dhiisaa.” kan jedhu ture. Kufrii irraa gara Islaamatti darbuun hin guuttamu, hundeen kuni yoo mirkanaa’e malee. Akkuma beekkamu, Rabbii tokkicha gabbaruu fi wantoota Isaa gaditti gabbaraman mormuu fi irraa fagaachuun dubbii qofaan kan mirkanaa’u miti. Kana irra, dubbii fi hojiin jiraachu qabu.

Xaaghuuta shayxaana, raagdu, sanama, taabota fi wantoota biroo Rabbii gaditti gabbaramaniidha. Rabbiin gabbaruun nama hin fayyadu hanga wanta Isaan ala jiran gabbaruu irraa fagaatanitti malee.

Da’awaan (waamichi) Ergamtootaa inni jalqabaa gara Rabbii tokkicha gabbaruu fi wantoota Isaan ala jiran dhiisutti waamu akka ta’e Qur’aana keessatti haala kanaan arganna:

“Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:59, 7:65, 7:73, 7:85

Kuni hiika Laa ilaah illallah’ti. Isbaat (mirkaneessu) fi nafiyy (dhabamsiisuu) kan of keessatti qabateedha. Isbaat (mirkaneessun): “Rabbiin qofa gabbaraa” nafiyy (dhabamsiisuun) immoo: Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.”

Mushrikoonni wanta Ergamtoonni Rabbii isaan itti waaman sirritti beeku. Deebii isaan nabiyyootaaf deebisan kan Rabbiin subhaanahu hime yoo qorattee dhugaa kana ni beekta.

Yommuu Nabii Nuuh “Rabbiin qofa gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.” Jedhee isaan waamu, deebiin ummanni isaa deebisan kana ture:

71:23

“Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; akkasumas, Wadda, Suwaa’a, Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra hin dhiisinaa [waliin] jedhan.” Suuratu Nuuh 71:23
Kunniin maqaalee sanamaa ummanni suni gabbaraa turaniidha.

Ummanni Huudis akkana jechuun deebii deebisan:

“’Rabbii Tokkicha akka gabbarruu fi wanta abbootin keenya gabbaraa turan akka dhiifnuuf nutti dhuftee?’ jedhan.”  Suuratu Al-A’araaf 7:70

Ummanni Nabii Saalihis akkana jechuun deebii deebisan:

“‘Yaa Saalih! Kana dura ati nu keessatti nama abdatamu turte. Sila wanta abbootin keenya gabbaran gabbaruu irraa nu dhoowwitaa?’ jedhan.” Suuratu Huud 11:62

Kana jechuun Yaa Saalih! “Rabbiin qofa gabbaraaa, Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru” nuun jechuun dura, ati nu keessatti hogganaa taata jennee abdataa turre. Sila wanta abbootin keenya gabbaraa turan irraa gabbaruu nu dhoowwitaa?[1]

Ummanni Nabii Shu’aybis akkana jechuun deebii deebisan:

“’Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu wanta abbootin keenya gabbaran akka dhiifnu si ajajaa?’ jedhan.” Suuratu Huud 11:87

Ummanni Nabiyyii keenyas (SAW) akkana jechuun deebisan:

38:5

Sila gabbaramtoota gabbaramaa tokko godhee? Dhugumatti kuni wanta ajaa’ibaati.” Suuratu Saad 38:5

Ergamtoonni hundi waamichi (da’awaan) isaanii:

  • Namoonni Rabbii Tokkicha akka gabbaran
  • Homaa Isatti akka hin qindeessine
  • Isaa gaditti wantoota gabbaraman (waaqefataman) irraa akka bilisoomanii fi dhiisaniidha.

Kuni Islaamaa amanti sirrii fi qajeelaa ta’eedha. Garuu namoonni baay’een durii fi ammaa kana hin beekan.

Ammas akka ragaatti jecha Rabbii olta’aa:

“Gooftaan kee Isa malee homaayyu akka hin gabbarree murteessee jira.” Suuratu Al-Israa 17:23

“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36

Hiikni “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru)”jedhu, Rabbiin malee homaa gabbaruu dhiisuu fi homaayyu Isatti qindeessu dhiisudha.

Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) warra kitaabaa gara Islaamaa waamu barbaadu, ergaa aayah tana of keessaa qabdu ergaaf:

3:64

Jedhi,Yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuu fi isin jidduutti wal-qixa taatetti koottaa: Rabbiin malee homaa akka hin gabbarre, homaa Isatti akka hin qindeessine, Rabbii gaditti gariin keenya garii gooftoolee akka hin godhanne.” Yoo garagalan, nuti Muslimoota akka taane ragaa bahaa jedhaan.” Suuratu Aali-Imraan 3:64

Yaa Kiristaanotaa fi Yahuudota! Gara jecha haqaa nuu fi isin wal qixa itti taanutti koottaa. Jechi tunis:

  • Rabbiin malee homaa hin gabbarru
  • Homaa Isatti hin qindeessinu- Rabbiin waliin waan biraa hin gabbarru (hin waaqefannu). Taabota, sanama, masqala, malaykaa, nabiyyii fi uumamtoota biroo hin waaqefannu.
  • Gariin keenya garii gooftoolee hin godhannu. Kana jechuun gariin keenya Rabbiin faallessu keessatti gariif hin ajajamnu. Gariin keenya gariif hin sagannu ykn gadi hin jennu.[2]  

Aayan tuni jecha (kalimaa) tawhiidaatiif hiika sirrii ibsiti. Jechi wal-qixaa fi haqa taate Laa ilaah illallah dha. Eenyullee jecha tanatti dhugaan hin amanu, nama wanta sadan armaan olii mirkaneesse malee.

Aayah armaan olii tana keessa wanti jenne sirrii ta’uu agarsiisu ragaa ifaa fi gahaa ta’etu jira. Akkuma Rabbiin barbaadutti namni Rabbiif harka kennuu fi Laa ilaah illallah’ tti amanuu barbaade, kana gochuun isarra jira:

  • Rabbiin malee homaa hin gabbaru
  • Homaa Isatti hin qindeessu
  • Gooftoolee fi wantoota Rabbii gaditti gabbaraman hundatti amanu diduu, dhiisu fi mormuudha.

Gaafi
Laa ilaah illallah akkamitti hojii irra oolchun ykn galmaan gahuun danda’ama jedhamte yoo gaafatamte deebiin kee?

  • Rabbii Tokkicha gabbaruu
  • Isatti waa qindeessu dhiisu (Isa waliin waan biraa gabbaruu dhiisu)
  • Wantoota Isaa gaditti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachu

Ragaan kee maalidha jedhamte yoo gaafatamte, deebiin kee?
Suuratu Aali-Imraan 3:64
Ragaalee biroos Qur’aana irraa dhiyeessun ni danda’ama. Aayaata armaan olitti dhiyeefaman ilaali.


[1] Tafsiiru Xabarii-12/454 [2] Tafsiir ibn Kasiir 2/359
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 81-87

Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 4
Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply