Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 4

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti akkuma Rabbiin barbaadutti namni Rabbiif harka kennuu fi Laa ilaah illallah’ tti amanuu barbaade, kana gochuun isarraa eeggama jennee jirra:

  • Rabbii Tokkicha gabbaruu
  • Homaa Isatti hin qindeessin
  • Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaraman (waaqefataman) hundatti amanu diduu, dhiisu fi mormuudha.

Ragaalee kana agarsiisan Qur’aana irraa dhiyeessinee jirra. Akka dabalataatti namni kana mirkaneefachu barbaadu, Qur’aana irraa 1:5, 3:64, 4:36, 2:256, 16:36, 39:17 haa ilaalu.

Sunnah fi seenaa Nabiyyii (SAW) irraa ragaa wantoota armaan olii agarsiisu
Da’awaan (waamichi) Nabiyyii (SAW) addunyaa guutuuf ergaa wali galaa kan ta’eedha. Waamicha ergamtoota isa dura dhufanii kan faallessu hin turre. Dhugumatti, amanti Ibraahim (aleyh salaam) kan hordofu ta’ee karaa isaanii hordofa. Ummanni isaa Rabbiin qofa akka gabbaran, homaa Isatti akka hin qindeessinee fi Rabbii gaditti wanta abbootin isaanii gabbaraa turan akka dhiisan isaan waamaa ture. Wantoota kanniin hunda jecha laa ilaah illallah’tin ibsa.

Mushrikoonnis wanta gabbaran dhiisun isaan irraa akka eeggamu ni beekan. Isaan ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

37:36

“Sila nuti walaleessaa maraataa ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-Saaffaat 37:36

Wanta jennee ilaalchise hadiisa irraa kunoo ragaalee haa dhiyeessinu:
Ragaan 1ffaan-Hadiisa sahiih ta’e keessatti hadiisa Sa’iid ibn Musayyab abbaa isaa irraa gabaasedha:
Yommuu duuti Abu Xaalibitti dhuftu, Ergamaan Rabbii (SAW) ni dhufan. Isa birattis Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi Umayyah ibn Al-Mughiirah arge. Nabiyyinis (SAW) Abu Xaalibin ni jedhan: Yaa Abbeeraa koo! Laa ilaah illallah jedhi, jecha tanaan Rabbiin biratti ragaa siif baha.” Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi Umayyah ni jedhan, “Amanti Abdul Muxxalib ni dhiistaa?…” Sahiih Al-Bukhaari-1360, Sahiih Muslim 24

Sheykh Abdurahmaan ibn Hasan (rahimahullahu) ni jedha: Hadiisa kana keessa, isaan lamaan (Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi Umayyah) hiika laa ilaah illallah kan beekan ta’uu ragaa agarsiisutu jira. Sababni isaas, osoo Abu Xaalib jecha tana jedhee silaa amanti Abdul Muxxalib irraa qulqulluu akka ta’u ni beekan. Amantin Abdulmuxxalib ibaadaa keessatti Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (shirkii) dha.” Fatih al-majiid sharih kitaabi tawhiid-fuula 402

Hadiisa sahiih ta’uun isaa irratti wali galame kana keessatti, eenyullee laa ilaah illallah hin jedhu nama amanti hunda hundeen isaa shirkii ta’ee irraa qulqullaa’e malee. Kana jechuun namni laa ilaah illallah jedhu amanti hundeen isaa shirkii ta’e dhiisuu fi irraa qulqullaa’u qaba. Wanti Ergamaan Rabbiin (SAW) jecha laa ilaah illallah’tiin isaan irraa barbaade dubbii qofa akka hin taanee mushrikoonni beekanii jiru. Kana irra, dubbii, amanuu fi hojiidha. Jechi laa ilaah illallah amanti abbooti isaanii shirkii irratti hundaa’e irraa guutumaan guututti akka qulqullaa’anii fi dhiisan isaan irraa barbaaddi.

Ragaa 2ffaa-Nabiyyiin kuni maalitti akka waamu yommuu Hiraql, Abu Sufiyaanin gaafatu, Abu Sufaayinis wanta waamicha (da’awaa) Nabiyyi irraa hubate ni deebise. Hadiisni sahiih keessatti kan mirkanaa’edha. Hiraql ni jedhe: Maalitti isin ajajaa? Ani (Abu Sufiyaan) ni jedhe: inni (Nabiyyiin) ‘Rabbii tokkicha gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa, wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa.’ Jedha.”  Sahiih Al-Bukhaari 7

Ibn Hajar (rahimahullahu) ni jedha: jechi isaa, “wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa” jettu, yeroo wallaalummaa (jaahiliyyah) keessatti wanta irra turan hunda akka dhiisaniif, jecha wali galaati.” Fatih Al-Baarih Sharih Sahiih Al-Bukhaari (1/36)

Gabaasa sahiih ta’e kana keessatti ifa akka aduu ife itti xinxalli:

  • Rabbii Tokkicha gabbaraa
  • Homaa Isatti hin qindeessinaa (wanta biraa Isa waliin hin gabbarinaa (hin waaqefatinaa))
  • Wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa (kuni wanta mushrikoonni akka amantiitti qabatanitti amanuu diduu fi mormuudha.)

Kuni Islaama Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassalam) itti waamaa turedha.

Ragaan 3ffaan-Sahiih Muslim keessatti hadiisa Amr ibn Abasata As-Sulmiyy gabaasedha:
Amr ibn Abasata ni jedha: Ani yeroo wallaalummaa namoonni jallinna keessa akka jiranii fi homaa irra akka hin jirre godhee yaadaa ture. Isaan sanama (siidaa harkaan bocan) gabbaruu. Makkaan keessatti namticha oduu wayii himuu dhagayee. Anis geejjiba kiyya irra taa’e isatti dhufe. Yeroo sanitti Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) jireenya waan itti jabeessaniif ummata isaa irraa dhokataa ture. Hanga Makkaan keessatti isatti seenutti suuta jedhe. Anis isaan ni jedhe, “Ati eenyudhaa?” Innis ni jedhe, “Ani Nabiyyiidha.” Anis ni jedhe, “Nabiyyin maalii?” Innis ni jedhe, “Rabbiitu na erge.” Anis, “Maaliidhaan si erge?” jedheen. Innis, “Rahimummaa akka sufuun, sanama akka caccabsu, Rabbiin akka tokkichoofamuun, homtu Isatti akka hin qindeefamneen na erge” Sahiih Muslim 832

Hadiisa kana keessattis itti xinxallaa:

  • Rabbiin akka tokkichoofamuun
  • homtu Isatti akka hin qindeefamneen
  • sanama caccabsuu

Kuni waamicha Ergamtoonni hundi irratti waligalaniidha. Waamicha kanaan uummata isaanii faalleessan, isaan jidduutti sababa kanaan diinummaan uumame. Namoonni warra amananii Rabbiin tokkichoomsanii (muwahhidiin) fi warra kafaranii Rabbiin tokkichoomsu didan (mushrikiin) ta’uun garee lamatti qoodaman.

Namni Muslimootaa keessaa ta’uu barbaadu, amanti isaanii keessa balbala isaan ittiin seenaniin haa seenu. Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa haa bahu.

Shahaadan (ragaa bahuun) isaa ragaa dhugaa ta’uu qabdi. Kunis kan ta’u, hiika wanta ragaa bahanii yoo beekanii fi dubbii fi hojiin yoo hojjatan qofaadha. Rabbiin malee homaa hin gabbaru, shari’aa Isaatin qofa Isa gabbara, Isatti homaa hin qindeessu, wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti hin amanu, ni morma, isaan gabbaruu irraas ni fagaata. Kuni hiika Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha jedhuudha.

Namni “laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” jedhee ragaa bahuu, “Rabbiin qofa gabbara, wanta biraa Isa waliin hin gabbaru (hin waaqefadhu), wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti hin amanu, isaan gabbaruu irraa nan fagaadha, nan morma.” jechaa akka jiru haa yaadatu. Ammas, “Muhammadan Rasuulullah (Muhammad Ergamaa Rabbiiti)” jedhe yommuu ragaa bahu, wanta Nabii Muhammad (SAW) ittiin dhufeen Rabbii olta’aa gabbara. Nabiyyiin (SAW) seera ibaadaa ittiin hojjatan, ibaadaa akkami hojjachu akka qaban Rabbii olta’aa irraa fide jira. Kanaafu, namni ibaadaa akkaataa fedhii lubbuutin kan hojjatu osoo hin ta’in akkaataa Rabbiin ajajeen hojjata. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:

مَا مِنْ أَحَدٍ يَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ صِدْقًا مِنْ قَلْبِهِ إِلاَّ حَرَّمَهُ اللَّهُ عَلَى النَّارِ ‏‏‏
“Eenyullee ‘Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati’ jedhee dhugaadhaan qalbii isaa irraa ragaa bahu hin jiru Rabbiin ibidda irraa kan isa baraaru yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-128

Kana jechuun namni kamiyyuu dhugaadhaan qalbii isaatiin itti amanuun “Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati” jedhee ragaa bahe, Rabbiin ibidda irraa isa eega.

Rabbiin warra Laa ilaah illallah qabatan keessaa nu haa taasisu

Kitaaba wabii:
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 87-89

Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-Seensa
Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply