Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-Seensa

Offline dubbisuf

Akkuma yeroo darbe jenne Islaama keessa kan nama seensisu tawhiidul uluuhiyyah dha. Tawhiinni kunis: Rabbii olta’aa Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti hin qindeessin, wantoota Rabbii gaditti gabbaraman hundatti amanuu diduu fi irraa fagaachudha.

Ammas, Islaamni karaa Rabbii qajeelaa Muslimni hanga Rabbiin azza wa jalla wal qunnamutti daangaalee Isaa qabachuun irra deemudha jennee jirra. Islaamni tooftaa bultii guutuu ta’ee akka Rabbiin azza wa jalla barbaadutti jireenya sirnaa fi karaa sirrii qabsiisuudha. Hariiroo gabrichi Gooftaa isaa waliin qabu qofarratti kan daangefamee miti. Kana irra, sirna guutuu roga jireenyaa hunda of keessatti hammatuudha. Namoonni wanta ijaan hin mul’annetti amanuu fi mallatoolee ibaadaa irratti Islaama daangeessanii fi jireenya biroo irraa haaqan, Islaama hin hubanne, hordofaas hin jiran. Kana irra, dhugaadhaan isaan seekulaarizimitti bulan, Islaama ni didan. Namni dhugaadhaan Islaama hubatee fi itti bulu, nama akkuma Rabbiin daangaa Islaamaa murteessetti hubatuu fi akkuma Rabbiin (azza wa jalla) barbaadutti buluudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Jedhi, “Dhugumatti Gooftaan kiyya gara karaa qajeelaa, amantii sirrii karaa Ibraahim haniifa ta’etti na qajeelchee jira. Inni mushrikoota irraa hin turre.  Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifi. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati. Jedhi, “Inni Gooftaa wanta hundaa ta’ee osoo jiru ani Rabbiin ala gooftaa biraa nan barbaadaa? suurat Al-An’aam 6:161-164

Warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniin (waaqefataniin) akkana jedhi: Dhugumatti Rabbiin kiyya karaa qajeelaa Jannata Isaatti nama geessutti na qajeelche. Karaan qajeelaan kunis amanti Islaamaa dhimma addunyaa fi Aakhiraatiin dhaabbateedha. Amanti tawhiidaa amanti Ibraahim (aleyh salaam) kan ta’eedha. Haniifa jechuun shirkii irraa gara tawhiidaatti kan dabeedha. Jecha biraatin, Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu irraa gara Rabbiin qofa gabbarutti kan qajeeledha. Nabii Ibraahim wantoota Rabbii olta’aan alatti gabbaraman dhiisun Rabbii tokkicha waan gabbaraa tureef mushrikoota irraa hin turre. Mushrikoota jechuun namoota Rabbiin waliin waan biraa kadhatan, sagadaniif, qalma qalanii fi ibaadaa biroo hojjataniidha.

“Dhugumatti sagadni kiyya, qalmi kiyya Rabbii qofaafi. Sagadni fi qalmi kiyya sanamaaf (siidaaf), taabotaaf, namoota du’aniif, jinniif fi wanta biraatifi miti. Jireenyi fi duuti tiyyas Rabbi qofaafi. Hojiin ani jireenya keessatti hojjadhu Rabbii qofaafi. Yoo du’es Rabbii qofaaf du’a. Gabaabumatti, haalli fi hojiin kiyya hundi Rabbii Gooftaa aalamaa ta’ee qofaafi.” isaaniin jedhi.

Aalamaa jechuun uumamtoota hunda. Samii, dachii fi uumamtoonni isaan keessa jiran hundi aalama.

“Gooftaa aalamaa” sifata (amala) Rabbii sababa hojiin hundi wanta biraatiif osoo hin ta’in Isaaf qofa ta’uu akka qabu agarsiisuudha. Sababni isaas, Rabbiin ala wanti biraa uumamtoota irratti qananii isaan argamsiisu hin qabu. Kana jechuun Rabbiin ala uumamtoota kan uume, jiraachisu, nyaachisu, obaasu fi qananii adda addaa kennuuf hin jiru. Kanaafu, ibaadan hundi kan nama uumee, jiraachisu, nyaachisu, obaasu fi qananiisuf qofa ta’uu qaba. Akkasi miti ree? “Shariikni Isaaf hin jiru.” Akkuma uumamtoota uumuu fi bulchuu keessatti Isa waliin qooda kan fudhatu hin jirre, Isa gabbaruu keessattis shariikni hin jiru.

Shariika jechuun hirmaataa, qooda kan fudhatu. Ingiliffaan, partner, Amaariffaan ተጋሪ jechuun hiikan. Inni Tokkicha waan ta’eef Rabbiin waliin gabbaramaan hin jiru.

Isuma kanatti ajajame”  kana jechuun salaata, qalma, ibaadaa, jireenyaa fi du’a kiyya Rabbii qofaaf gochuutti ajajame. Isaa qofaaf akka sagadu, qalma qalu, hojii ibaada biroo hojjadhu Rabbiin kiyya na ajaje. Aayah keessatti jecha nusk jedhu mufassiroonni hiika “ibaadaa” jedhuunis hiikanii jiru.

“ani jalqaba Muslimootaati.” Nabii Muhammad (SAW) ummata isaatti ergaa Rabbii kan geessu waan ta’eef, ummata kana keessaa nama jalqabaa Rabbiif harka kennu fi buluudha.[1] Muslima jechuun nama Rabbiif harka kenne, gadi jedhuu fi ajajamuudha. Namni wanta tokkootti namoota waamu jalqaba kan ofii hojjatu ta’uu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW), “akkuma ajajametti ani jalqaba Rabbiif bulee fi Isa qofa gabbaraa jira. Kanaafu, namoota biroos akka Isa qofa gabbaranii fi Isaaf ajajaman nan waama.” jechuun mushrikootatti labsa. 

Jedhi“Inni Gooftaa wanta hundaa ta’ee osoo jiru ani Rabbiin ala gooftaa biraa nan barbaadaa?”

Rabbiin Gooftaa wantoota hunda uumee, bulchuu fi qindeessu ta’ee osoo jiru, Isaan ala gooftaa biraa sagaduuf, kadhadhuu fi irratti hirkadhuu nan barbaadaa? Kanaafu, Rabbiin malee homaa irratti hin hirkadhu, gara Isaa malee homattu hin deebi’u (hin dheessu). Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa fi Mootii waan hundaati. Uumuu fi ajajuun kan Isaati.[2]

Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi uumamtoota Isatti hajamaniidha. Argamuuf, lubbuun jiraachuuf Isatti hajamu. Uumamtoonni nama biraa fayyadu dhiisiti mataa ofiitifu of danda’anii jiraachu hin danda’an. Kanaafu, wanta ofiyyuu hin dandeenye akkamitti sagadaaf, irratti hirkadhaa, faaydaa akka naaf fidu fi miidhaa akka narraa deebisuu akkamitti kadhadhaa? Rabbiin immoo Of danda’aa wanta hundaa uume, too’atu, waan barbaadan namaaf fidu, rakkoo namarraa oofudha. Kanaafu, Kan ani sagaduufi qabu, irratti hirkachuu fi waan barbaadu irraa kadhachuu qabu Rabbii Tokkicha.

Kanarraa ka’uun, namoonni dhagaa, muka, qabrii kadhatan, sagadaniif, qalma qalaniif badii guddaa hojjatanii jiru. Akkasumas, namoonni Nabii Iisaa (aleyh salaam), haadha isaa Mariyam, Malaykoota, awliyaa’otaaf sagadanii fi kadhatan karaa qajeelaa irraa jallatanii fi badii guddaatti kufanii jiru. Sababni isaas, uumamtoonni isaan sagadanii fi kadhatan kunniin homaa isaaniif gochuu hin danda’an. Isaan gargaaru dhiisi kadhaa fi sagada isaanitu hin dhagahan. Namni sammuu qabu akkamitti wanta isa hin dhageenye fi haala isaa hin beekne kadhataa? Rabbii isa uumee, haala isaa hunda sirritti beekuu fi dubbii isaa dhagayu dhiisee akkamitti wanta isa hin dhageenye fi haala isaa hin beekne kadhataa?

Barnoota keenya kana keessatti dhugaa jireenyaa keessatti akkamitti tawhiida hojii irra akka oolchanii fi qabatan gargaarsa Rabbiitiin ni ilaalla.

Tawhiida galmaan gahuun (mirkanessuun) dhimmoota sadii: “Rabbiin malee homaa hin gabbarru, homaa Isatti hin qindeessinu, wantoota Isaa gaditti gabbaaraman hunda ni dinna, ni mormina” jedhan irratti waan hundaa’uf, haasofti keenya ammaa dhimmoota jalqabaa lama irratti ta’a. Rabbiin malee homaa akka hin gabbarree, homaa Isatti akka hin qindeessinedha. In sha Allah barnoota dhumaa irratti dhimma sadaffaa ni ilaalla.

Akkaataa dhimoota lamaan kanniin hojii irra oolchan beekuuf jalqaba, ibaadan Rabbiif malee eenyufillee hin malle kuni maalidhaa? Gosoonni isaa hoo? In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ni ilaalla…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyyassar-150, Tafsiir Sa’dii-317, Ma’aariju Tafakkuri-11/494-495, Tafsiir Tahriir wa tanwiir 8/203, Zaadul Masiir-481
[2] Maddoota olii sadan jalqabaa fi tafsiir ibn Kasiir-3/655
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 97

Hiika Ibaadaa
Hiika Laa İlaah İllallah-kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply