Gosoota Ibaadaa Ragaa Waliin-Kutaa-1

Offline dubbisuf

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne ibaadaa jechuun gadi of qabuu, of xiqqeessu fi jaalala waliin ajajamuudha. Mee amma itti haa xinxallinu, gadi of qabuu, of xiqqeessuu fi jaallachuu waliin ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun eenyuf ta’aa? Kan akka sanamaaf (siidaaf), qaxxaamura sibilaa fi taabotaaf gadi of qabuun nama kabajamaa aqlii (sammuu) qabu irraa ni tolaa? Nama akka isaa dandeetti waa hunda irratti hin qabneef gadi of qabuu fi of xiqqeessuun ni ta’aa?

Hundemaa, kan gadi of qabanii fi of xiqqeessaniif humna cimaa fi amaloota guutuu kan qabuufi. Akkasi miti ree? Humna cimaa fi amaloota guutuu kan qabu Rabbii olta’aa malee jiraa? Dhugumatti Isa malee hin jiru. Kanaafu, of gadi qabuun,of xiqqeessuuni fi jaallachuun ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun Isaaf malee hin ta’u. Jecha gabaaban, ibaadaan Rabbii olta’aaf malee hin ta’u. Sababni isaas, namni wanta isaa gadiitiif kan akka dhagaatii fi mukaatiif ykn wanta isaan wal qixaa kan akka ilma namaatiif yoo gadi of qabee fi of xiqqeesse, isaaf salphinna. Mee itti yaadi, ati umriin kee 25 ta’ee osoo jiru mucaa umriin isaa waggaa 10 ta’eef yoo gadi of qabde salphinna akkamiitu sitti dhagahamaa? Ajaa’ibni kana caalu immoo dhagaa fi muka hin dhageenyef namni yoo gadi of qabe, kuni salphinna akkamiiti? Gadi of qabuun dhugaa qalbiidhaan of gadi qabuudha.

Kanaafi, irra deddebi’uun ibaadaan Rabbii olta’aaf malee hin ta’u jenna. Hima kana keessatti bakka jecha “ibaadaa” jedhu, hiika ibaadaa armaan olii yommuu bakka buusnu, himni kuni akkana ta’a: “Gadi of qabuu, of xiqqeessu fi jaalala waliin ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun Rabbii olta’aaf malee hin ta’u.” Namni Rabbii Mootii Guddaa amaloota guutuu qabuuf qofa yoo gadi jedhe (ibaadaa godhe ykn gabbare) kabaja guutuu argata. Ta’uu baannan, Rabbii olta’aaf gadi jechuu yoo dide, wanta isaa gadiitif ykn isaan wal qixa ta’een gadi jechuu fi of xiqqeessun salphinna guddaatti kufa. Dhugaa armaan oli ifa gochuuf mee gosoota ibaadaa haa ilaallu.

Gosoonni ibaadaa baay’eedha. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu: sujuuda, rukuu’a, salaata, qalma qaluu, xawaafa, nazrii, birmaanna barbaadu, gargaarsa barbaadu, kakachuu, tawakkula fi kanneen biroo.

Gosoota kana ragaa waliin ilaalun dura mee hiika shirkii haala gabaaban haa ibsinu:
Shirkii jechuun akkuma Rabbiin gabbaran uumama (makhluuqa) gabbaruu, akkuma Rabbiin ol-guddisan uumama ol-guddisuu, akkuma Rabbiin jaallatan uumama jaallachuu, akkuma Rabbiin kadhatan uumama kadhachuu, akkuma Rabbiif sagadan uumamaaf sagaduu fi gosoota ibaadaa biroo uumamaaf gochuu yookiin amala Rabbii qofaaf ta’e wanta biraatiif gochuudha. Fkn, Wanta hundaa beekun, waa hundaa irratti danda’aa ta’uu fi wanta fedhe “ta’i” jedhee argamsiisuun amaloota Rabbi qofaaf ta’uudha. Namni amaloota kanniin wanta biraatif godhe shirkii hojjatee jira. “Ebalu wanta hundaa ni beeka, ebalu wanta fedhe hojjata.” jedhe amanuun shirkiidha.[1] Shirkiin yakka guddaa namni yoo isarratti du’e Rabbii olta’aa irraa araarama hin arganneedha.

Amma gosoota ibaadaa muraasa ragaa waliin haa ilaallu:

1-Sujuuda fi rukuu’a
Akkuma beekkamu sujuuda jechuun Gabbaramaaf of gadi qabuun kallachaan lafa tuquudha. Ingliffaan prostration jedhama. Rukuu’a jechuun immoo Gabbaramaaf of gadi qabuuf mataan gadi jechuudha. Ingliffaan bowing jedhama.  Ragaan sujuuda fi ruku’uni ibaadaa ta’uu agarsiisan keessaa:

22:77

“Yaa warra amantan! Ruku’a bu’aa, sujuudaa, Gooftaa keessan gabbaraa, waan gaarii hojjadhaa akka milkooftaniif.” Suuratu Al-Hajj 22:77

Ruku’a fi sujuunni ibaadaa waan ta’aniif Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’an. Taabotaaf, sanamaaf, qabriif, qeeysif, mootii namaatii fi uumamtoota keessaa eenyufillee ruku’a (mataan gadi hin jedhan), sujuudas hin bu’an. Sujuudaa fi ruku’uni Rabbii Tokkicha qofaaf ta’u. Wanti biraatiif sujuudu fi ruku’a gochuun shirkiidha.

2-Salaataa fi qalma
Ragaan salaanni fi qalmi ibaadaa ta’uu agarsiisan keessaa jecha Rabbii olta’aa:

“Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” Suuratu Al-An’aam 6:162-163

Ammas ragaan biraa:

“Gooftaa keetif sagadi, qaliis. Dhugumatti, kan si jibbu isuma qacceen kan cittee (waan gaarii hundarraa kan cite).” Suuratu Al-Kawsar 108:2-3

Kana jechuun salaata hundaa Rabbii keetiif qulqulleessi, wareega keetiis Isaaf wareegi, maqaa Isaa qofaan qali.[2]

Qalmii (wareegni) ibaadaa ta’u, wanta qalmi qalamuuf ol-guddisuuf, isaaf gadi jechuu fi isatti dhiyaachuuf qalma qalamuudha. Kuni Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Kana Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun shirkii guddaadha.
Qalmii gosoota qaba: kan shari’aan karaa godhee fi itti ajaje, hayyamamaa ta’ee fi haraamaa ta’ee.
Qalmii shari’aan karaa godhee fi itti ajaje: kan akka yeroo hajjii qaluu (uduhiyyah), Rabbiif waadaa galuun qaluu, aqiiqa (yeroo daa’imni dhalatu qaluu), yeroo cidhaa qaluu, keessummaan yommuu namatti dhuftu qaluu, Rabbiif jedhanii sadaqachuuf qaluu…
Hayyamamaan immoo: kan akka nyaataaf qaluu, gurguraaf qaluu
Haraamni (dhoowwamaan) immoo: kan akka sanamaaf qaluu, jinniif qaluu, qabriif qaluu, hujubaaf qaluu, irraa dhuguun dura biirii (boolloo bishaanii) haarawaatiif qaluu, jinni ittisuuf jecha yommuu misirroonni (mushurroonni) mana seenan qaluu. Kuni hundi shirkii guddaadha.

3-Nazrii fi xawaafa
Nazrii jechuun namni tokko hojii shari’aan dirqama isarratti hin goonee of irratti dirqama gochuudha. Fkn, akkana jechuu, “Rabbiif jedhe kana nan hojjadha.” Rabbiin yoo na fayyise, kana nan godha.” Jechuu. Nazriin Afaan Oromootin naannoo tokko tokkotti “silati”, naannoo biraatti “qodhaa” jedhamuun beekkama. Amaariffanis silat jechuun hiikan. Ingliffaan “vow”.

Akka lugaatti xawaafa jechuun wanta tokko irra naanna’uudha. Akka shari’aatti immoo Xawaafa jechuun ibaadaa hojjachuuf jecha “Ka’abaa irra naanna’uudha.”

Nazrii fi xawaafni ibaadaa ta’uu ragaan agarsiisu:

22:29

“Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan, qodhaa (silati) isaaniis haa guutan, Mana duriis (Ka’abaa) haa naannawan (xawaafa godhan).” Suuratu Al-Hajj 22:29

Hajjaajonni sirna hajjii irraa wanta hafee haa guutan: ihraama keessaa bahu fi hiikkachu. Kunis kan ta’u: xurii irraa wanta qaama isaanii irratti walitti qabame oofu, kottee (qeensa) isaanii muruu, rifeensa isaanii haadu (dubartii yoo taate rifeensa hamma ta’e muru). Hajji, umraa fi kennaa irraa wanta of irratti dirqama godhan (nazrii) haa guutan. Ka’abaa irras haa naannawan (xawaafa haa godhan).[3]

Kanaafu, nazrii fi xawaafni ibaadaa waan ta’aniif Rabbii olta’aaf malee hin ta’an. Ka’abaan ala bakka biraatti xawaafa gochuun hin danda’amu. Rabbiif ala wanta biraatif nazrii (silati) gochuun hin danda’amu. Awliyaa’otaaf, saalihootaaf nazrii gochuun hin ta’u. Akkasumas, qabrii isaanii irra naanna’uun hin ta’u. Akkuma wallaaltonni qabrii Jaylaani, Huseen, Badawii, Dusuuqi, fi kan biroo irra naanna’an qabrii saalihota fi awliyaa’ota irra naanna’un hin danda’amu. Kuni shirkii ta’uun isaa wanta shakkii hin qabneedha.

Namoonni beekumsa hin qabne amanti keessatti wanta haarawa uuman baay’een isaanii saalihotaaf nazrii (silati) seenu. Gariin isaanii galoo galaan Arabaa irraa Iraan keessatti qabrii awliyaa jedhanii odeessaniif qabeenya ergu.

Haaluma kanaan Hindoonni fi Paakistaanonni baay’een AbdulQaadir Jaylaanif qabeenya baay’ee silati seenu. Qabrii isaatiif qabeenya ergu. Kan kana godhu “nuti warra sunnaati (ahli sunnah)” warra ofiin jedhu irraayyi.

Shi’aan hindii, paakistaanii fi iraan immoo iddoolee An-Najafa, Karbalaa’a, Khurasaan jedhaman keessatti qabrii ahli Baytiif qabeenya silati seenu. Qabrii tanniin irra naanna’uuf (xawaafa gochuuf), nama achi keessatti awwaalame irraa birmannaa fi gargaarsa barbaaduuf, haajaan akka guuttamu barbaaduu fi rakkoon akka deemuuf, naannoo adda addaa irraa gara qabrii kanniinii fe’aa fe’atanii itti deemu.[4] Kuni hundi shirkiidha.

4-Kakachuu (Al-Halif)
Kakachuunis gosoota ibaadaa keessaa tokko. Ragaan kanaa hadiisa Ibn Umar Nabiyyii (SAW) irraa gabaasedha: “Namni Rabbiin ala wanta biraatin kakate shirkii hojjate.Sunan Abu Daawud 3251

Wanta tokkoon kakachuun wanta san ol guddisuudha. Garmalee ol-guddifamuu fi ittiin kakatamu kan qabu Rabbii olta’aadha. Kanaafu, Isaan ala wanta biraatin kakachuun shirkiidha. 


[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 119, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Tafsiiru Muyassar-602
[3] Tafsiiru muyassar-fuula 335
[4] Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 59

Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 2
Hiika Ibaadaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply