Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Rabbii olta’aa qofa gabbaruun qalbii gabrummaa uumamtootaa irraa bilisoomsa. Namni Rabbii tokkicha gabbare bilisoome, namni Isa qofa gabbaru dide immoo gabrummaa uumamtoota jalatti kufa. Kanaafi, salphinna, xiqqeenya, gabrummaa fi dhiphinnatti akka hin kufneef ibaadaan namni hojjatu Rabbii olta’aa qofaaf ta’uu qaba. Yoo ibaadaa hunda Isa qofaaf godhe, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa umamtootaaf gabra ta’uu fi isaan sodaachu qalbii isaa irraa haaqa. Tasgabbii fi bilisummaa bakka buusaaf. Kutaa darbe irraa itti fufuun gosoota ibaadaa haa ilaallu.

5-Isti’aanaa (Gargaarsifachuu)
Isti’aanaa jechuun gargaarsa barbaadu ykn gargaarsifachuudha. Gargaarsifachuun ibaadaa ta’uu ragaan agarsiisu:

1:5

“Si qofa gabbarra, Si qofa gargaarsifannas.” Suuratu Al-Faatiha 1:5

Gargaarsifachuun gosoota qaba:
1ffaa- Rabbiin gargaarsifachuu- kuni gargaarsifachu haala guutuu ta’een Isaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessu, dhimma gara Isaatti deebisuu fi Inni namaaf gahaa akka ta’e amanuu of keessatti qabata. Gargaarsifachuun dhimmoota kana of keessaa qabu Rabbii olta’aaf malee eenyufillee hin ta’u. Rabbii olta’aan ala wanta biraatiif namni gadi of qabuu fi of xiqqeessuun, dhimma gara Isaatti deebisuu fi wanti suni isaaf gahaa akka ta’e amanuun yoo gargaarsa irraa barbaade, shirkii hojjatee jira.

2ffaa-Dhimma hojjachuu danda’u irratti uumamtoota gargaarsifachuu-kuni nama gargaarsa irraa barbaadan irratti hundaa’a. Hojii gaarii irratti gargaarsifachuu yoo ta’e, gargaarsa barbaadun ni hayyamama, akka gargaarus namni ni jajjabeefama. Ragaan kanaa: “Toltuu fi taqwaa (Rabbiin sodaachu) irratti wal gargaaraa” Suuratu Al-Maa’ida 5:2

Badii irratti yoo ta’e immoo gargaarsa kan gaafatu fi kan gargaaru irratti haraama. Ragaan kanaa aayah armaan olii irraa itti fufa: “Badii fi daangaa darbuu irratti wal hin gargaarinaa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:2

3ffaa-Nama lubbuu qabuu fi nama bira jiru garuu dandeetti hin qabne irraa gargaarsa barbaabu- kuni lagwiidha. Lagwi jechuun dubbii fi hojii faaydi hin qabneedha. Fakkeenyaf, nama dadhabaa ba’aa ulfaataa akka isatti baachisuuf gargaarsa gaafachuun wanta laghwi ta’eedha.

4ffaa-Namoota du’an irraa gargaarsa kadhachuu ykn namoota lubbuun jiranii garuu dhimma fagoo fi dhokataa isaan dhaqqabuu hin dandeenye irratti gargaarsa kadhachuu. Kuni shirkiidha. Sababni isaas, nama “namoonni kunniin kawni (samii fi dachii) keessatti too’annaa dhokataa qaban” jedhee amanu irraa malee gargaarsifachuun akkanaa hin argamu.[1] Samii fi dachii keessatti too’annaa guutuu kan qabu Rabbii Tokkicha malee hin jiru. Kanaafu, namoota du’an irraa gargaarsa kadhachuun shirkii guddaadha.

6.Al-Khawf (Sodaa)
Ragaan sodaan ibaadaa ta’uu agarsiisu, jecha Rabbii olta’aa:

3:175

“Suni sheyxaanaa deeggartoota isaa [isin] sodaachisuudha. Kanaafu, isaan hin sodaatinaa, Mu’mintoota yoo taatan Anuma sodaadhaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:175

Sodaan gosoota qaba: sodaa ibaadaa fi sodaa uumamaa
Sodaan ibaadaa ta’e sodaa sodaatamaa ol-guddisuu fi jaallachuun keessa jiruudha. Kuni sodaa dhoksaati. Sodaan akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif hin ta’u. Wanta biraatiif gochuun shirkiidha. Fakkeenyaaf, nama qabrii keessatti awwaalame sodaachu, waliyyi ykn raagdu isarraa fagoo ta’ee fi homaa isa gochuu hin dandeenye sodaachu.[2] Nama awwaalame ykn waliyyin fi raagdun isarraa fagoo ta’ee osoo jiru, “Inni na argaa ykn na dhagaya” jedhanii sodaachun shirkiidha. 

Sodaan umamaa kan akka bineensa, ibidda, bishaaniin nyaatamu fi kkf irraa sodaachudha. Kanaaf namni hin komatamu.[3] Kuni sodaa uumamaa too’annaa isaatin ala waan ta’eef badiin isa irra hin jiru.

7-Tawakkula (irratti hirkachuu)
Ragaan tawakkulli ibaadaa ta’uu agarsiisu:

“Mu’mintoota (dhugaan warra amanan) yoo taatan, Rabbuma irratti hirkadhaa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:23

Haqiiqaan tawakkula wanta hayyamame hojjachuu waliin faayda amantii fi addunyaa keessatti hirkannaa dhugaa gabrichi Rabbii olta’aa irratti hirkachuudha.

Rabbiin irratti hirkachuu jechuun wanta fayyadu fiduu fi wanta miidhaa qabu ittisuu keessatti Inni siif gahaa akka ta’e amanuun Isa irratti hirkachuudha. Tawakkulli iimaanni guuttamu irraa kan ta’ee fi mallattoo isaati (iimaanni guutuu ta’u agarsiisudha.)[4]

8-Istighaasa (Birmannaa barbaadu)
Istighaasa (birmannaa barbaadu) jechuun rakkoo fi badiinsa irraa baraaramuuf gargaarsa kadhachuudha. Namni yommuu rakkootti küfe, “Naaf birmadhu” yommuu jedhu, rakkoo kana irraa na baraari ykn na baasi jechuu isaati. Ragaan birmannaa barbaadun ibaadaa ta’uu agarsiisu:

8:9

“Yeroo isin Gooftaa keessan irraa birmannaa barbaaddanii Innis, “Dhugumatti, Ani malaykota kuma tokko wal hordofaniin isin gargaara” jechuun isiniif deebii deebisee [yaadadhu].” Suuratu Al-Anfaal 8:9

Rabbii olta’aa irraa birmannaa barbaadun hojii hundarra gaarii fi guutuu ta’e keessaa tokko.

Namoota du’an yookiin namoota lubbuun jiran garuu nama bira hin jirree fi nama baraaru hin dandeenye irraa birmannaa barbaadun shirkiidha. Sababni isaas, nama “Namoonni kunniin samii fi dachii keessatti too’annaa qaban” jedhe amanuu malee namni namoota du’an ykn namoota fagoo jiran irraa birmannaa barbaadu hin jiru. Yommuu namni kuni namoota du’an ykn namoota fagoo jiran irraa birmannaa barbaadu, namoota kanniin Gooftummaa keessatti qooda isaaniif godha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:106

Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu Yuunus 10:106

Sanamas ta’i, nama du’es ta’i, wanta si hin fayyannee fi hin miine kamiyyuu Rabbii olta’aa gaditti hin kadhatin. “Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta si hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi balleessan keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa.

Namoota lubbuun jiranii fi birmachuu danda’an irraa birmannaa barbaadun ni danda’ama. Seenaa Muusaa keessatti Rabbiin olta’aan ni jedha:

Garee isaa irraa kan ta’e diina isaa irraa kan ta’e irratti birmannaa isa irraa barbaade. Muusaanis abbootteen rukutee [dogongoraan] ajjeesee.” Suuratu Al-Qasas 28:15

9-Isti’aazaa (maganfachuu)
Isti’aazaa (maganfachuu) jechuun eeggumsa barbaadudha. Isti’aazaan ibaadaa ta’uu ragaa agarsiisu keessaa:

114:1

Jedhi, “Gooftaa namootatti maganfadha.” Suuratu An-Naas 114:1

Rabbitti maganfachuun Isatti hajamuu guutuu, Isatti dheessu, akka namaaf gahaa ta’ee fi wanta hundarraa nama eegu amanuu of keessatti kan qabateedha.

Namoota du’an, jinni fi namoota lubbuun jiran garuu nama biraa hin jirree fi eeggumsa namaaf gochuu hin dandeenye irraa eeggumsa barbaadun shirkiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

72:6

Dhugumatti, dhiironni nama irraa ta’an dhiirota jinnii irraa ta’anitti maganfataa turan. Kanaafu, ba’aa [qofa] isaaniif dabalan.” Suuratu Al-Jinn 72:6

10-Istighfaara fi tawbaa
Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha. Tawbaan immoo badii irraa buqqa’anii gaabbuun gara Rabbii olta’aa deebi’uudha. Istighfaara fi tawbaan ibaadaa gurguddoo keessaa tokko. Ragaan kanaa:

11:90

Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti deebi’aa. Dhugumatti Gooftaan kiyya, rahmata godhaa, jaallataadha.” Suuratu Huud 11:90

Istighfaara fi tawbaan ibaadaa waan ta’aniif Rabbiin ala wanta biraatiif hin godhamu. Akka suufiyyoota garii shekha isaaniitiif godhanii fi akka kiristaanota qeeysi isaaniitif godhanii istighfaaraa fi tawbaa wanta biraatiif gochuun shirkii ifa baheedha. Sababni isaas, badii hunda kan araaramu Rabbiin malee hin jiru. Shekonni suufiyyi ykn qeeysonni kunniin badii araaramu danda’u? Kanaafu, namni namoota qabeenyaa namarraa saamanitti istighfaaraa fi tawbaaf itti deemu hin qabu. Namoonni kunniin amantiis addunyaas nama jalaa saamu.


Kitaabban wabii
[1] Sharih salaasatil usuul-fuula 62-63
[2] Madda olii-fuula 57, Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 65
[3] Maddoota olii
[4] Maddoota olii

Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 3
Gosoota Ibaadaa Ragaa Waliin-Kutaa-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply