Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti gosoota ibaadaa hamma ta’ee ragaa waliin ilaalle jirra. Har’as itti fufuun hamma ta’e ni ilaalla:

11-Du’aayi
Du’aayin (kadhaan) ibaadaa hundarra guddaa ta’eedha. Gosoota ibaadaa kutaa darbe keessatti ilaalle hunda of keessatti hammata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

40:60

“Gooftan keessan ni jedhe, ‘Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60

isiniifan awwaadhaa.” Kana jechuun du’aayi (kadhaa) keessan isiniif deebisa. Namoonni ibaadaadhaan Ana tokkichoomsu irraa of tuulan, salphattoota fi xiqqaattota ta’anii Jahannamiin ni seenu.

Hadiisa keessattis, “Du’aayin ibaadadha.” Jechuun dhufee jira. (Sunan Abu Daawud 1479)

Namni wanta Rabbiin malee eenyullee hojjachuu hin dandeenye argachuuf Rabbiin ala wanta biraa kadhate, inni mushrika kaafira ta’a. Namni kadhatamu jiraataa ta’i du’aa ta’ii tokkoma. Namni nama lubbuun jiru wanta inni danda’u irratti yoo kadhate, kuni rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf, “yaa ebalu na nyaachisi, yaa ebalu na obaasi” yoo jedhe, homtu isarra hin jiru. Garuu kadhaa akkanaatin nama du’ee ykn nama fagoo jiruu yoo kadhate, inni shirkii hojjatee jira. Sababni isaas, namni du’e ykn fagoo jiru wanta inni kadhate kana hojjjachuu hin danda’u. Nama kana kadhachuun “samii fi dachii keessatti namni du’ee ykn fagoo jiru too’anna qaba” jedhee amanuu isaa agarsiisa. Sababa kanaan nama shirkii hojjate ta’a.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

40:14

“Osoo kaafironnii jibbaniillee, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin kadhaa.” Suuratu Ghaafir 40:14

Yaa warra amantan Rabbii tokkichaaf ibaadaa fi du’aayi qulqulleessaa. Mushrikoota adeemsa isaanii keessatti faallessaa. Osoo kuni isaan dallansiiseyyuu, isaaniif dantaa hin kenninaa.[1]

Gosoota ibaadaa keessaa kan biraa “rajaa’a (abdachuu)” dha. Abdachuu jechuun namni dhimma dhiyoo dhaqqabuu danda’an argachuuf dharra’uudha. Tarii dhimmi kuni fagoo ta’uu danda’a garuu dhiyoo akka ta’etti ilaalun abdatamu danda’a. Abdachuun of gadi xiqqeessu fi of gadi qabuu of keessatti qabatee Rabbii olta’aaf malee hin ta’u. Rabbiin ala wanta biraatiif yoo godhame shirkiidha. Haala qalbii namtichaa irratti hundaa’e tarii shirkii guddaa ykn shirkii xiqqaa ta’uu danda’a.

Ammas, gosoota ibaadaa keessaa tokko ragbata (kajeelu)dha. Kajeellaan of gadi qabuu fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.

12-Al-Mahabbah (Jaalala)
Ammas gosoota ibaadaa keessaa tokko Al-Mahabbah (Jaalala)-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namoota keessaa namoota Rabbii gadiitti andaada godhatanii akka jaalala Rabbii jaallatantu jira. Garuu warri amanan [isaan] caalaa sirritti Rabbiin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:165 (Andaada jechuun qixxaattota (equals), dorgomtoota.)

Jaalalli ibaadaa ta’u jaalala jaallatamaaf of xiqqeessuu fi gadi of qabuun keessa jiruudha. Kuni Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u. 

Sheykhul Islaam ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Ibaadan itti ajajaman hiika xiqqeenyaa fi hiika jaalalaa of keessatti kan qabateedha. Ibaadan jaalala fiixee dhumaa irra gaheen Isa jaallachuu waliin Rabbii olta’aaf of xiqqeessuu fiixee dhumaa irra gahe of keessatti qabata. (Kana jechuun ibaadaan Rabbii olta’aa garmalee jaallachuu waliin Isaaf garmalee of gadi xiqqeessu of keessatti hammata.)

Dhugumatti sadarkaalee jaalalaa keessaa inni dhumaa gabbaruudha. Sadarkaan jalqabaa jaalalaa, itti rarra’uudha. Qalbiin jaallatamatti rarraati. Ergasii dharra’uudha. Itti aanse “al-gharaam”-kana jechuun jaalala qalbitti maxxanee fi irraa addaan hin baane. Ergasii Al-Ishq (garmalee jaallachuu). Marsaan jaalalaa isa dhumaa, “at-tatayyum” Kana jechuun gabbaruudha. Ni jedhama: taymullahi kana jechuun Gabricha Rabbii. (Hundeen jecha tatayyum jedhu, jecha isaanii kana irraayyi: “tayyamahul-hubbu” kana jechuun jaalalli isa gabroomse, gadi xiqqeesse.)

Namni nama tokko osoo jibbu gadi of qabeef, isaaf gabricha hin ta’u. Akkasumas, wanta tokko jaallattee garuu yoo isaaf gadi of hin qabin, wanta kanaaf gabricha hin ta’u. Kan akka ilma isaa, hiriyyaa isaa jaallachu. (Namoota kanniin ni jaallata garuu isaaniif gadi of hin qabu. Kanaafu, isaaniif gabricha hin ta’u jechuudha).

Kanaafi, Rabbiin gabbaruu keessatti isaan lamaan (jaalalaa fi gadi of qabuu) keessaa tokko qofti gahaa miti. Kana irra, Rabbiin subhaanahu wantoota hunda caalaa gabricha biratti jaallatamaa ta’uu fi wantoota hunda caalaa isa biratti Rabbiin guddaa ta’uu qaba. Dhugumatti, jaalallii fi gadi of xiqqeessuun guutuun Rabbiif malee hin ta’u.[2]  

Kanaafu, jaalalli jaallatamaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii tokkicha qofaaf ta’a. Isaan ala wanta biraatiif jaalala akkanaa gochuun shirkiidha.

13-Nafsee fi qabeenyaan karaa Rabbii keessatti qabsaa’u
Nafsee fi qabeenyaan karaa Rabbii keessatti qabsaa’un ibaadadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa warra amantan! Daldala azaaba (adabbii) laalessaa irraa isin baraarutti isin qajeelchuu? Rabbii fi Ergamaa Isaatti ni amantu, karaa Rabbii keessatti qabeenya keessanii fi nafsee teessaniin ni qabsooftu. Yoo kan beektan taatan, kanatu isiniif caala.” Suuratu As-Saff 61:10-11

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Daldala azaaba garmalee nama dhukkubsuu irraa isin baraarutti isin qajeelchuu? Daldalli kunis: Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu itti fuftu, diinii Isaa gargaaruuf qabeenyaa fi nafsee qabdaniin karaa Rabbii keessatti ni qabsooftu. Miidhaa fi faayda wantootaa kan beektan yoo taatan, daldala addunyaa caalaa daldala kanatu isiniif caala. Itti aansee bu’aa daldala kanaa ni dubbata:

“Badiiwwan keessan isiniif araarama, Jannata jala ishii laggeen yaa’anii fi Jannata Adn keessatti iddoo jireenyaa gaarii ta’e isin seensisa. Suni Milkaa’inna Guddaadha. Wanta biraas kan isin jaallatan [isiniif kenna]-Gargaarsa Rabbiin irraa ta’ee fi baniinsa dhiyoodha. Mu’mintoota (warra amanan) gammachiisi.” Suuratu As-Saff 61:12-13

Yaa warra amantan! Wanta Rabbiin itti ajaju yoo hojjatan, badii fi cubbuu keessan isiniif haguuga, irra darba. Jannata gamoo fi mukkeen ishii jala laggeen yaa’an isin seensisa. Akkasumas, Jannata Adn (qubannaa yeroo hundaa keessa turan) keessatti iddoo jireenyaa qulqulluu fi bareedaa ta’e isin seensisa. Kuni milkaa’inna guddaadha. Yaa warra amantan qananiin biraa isin jaallattan: gargaarsa Rabbii isiniif dhufuu fi baniinsa (injifannoo) harka keessan irratti guuttamuudha. Yaa Nabiyyicha! Addunyaa keessatti gargaarsaa fi injifannoon, Aakhiratti immoo Jannataan mu’mintoota gammachiisi.[3]

Kanaafu, karaa Rabbii keessatti qabsaa’un (jihaanni) ibaadaa gurguddoo keessaa tokko. Karaa Rabbii keessatti qabsaa’un haala shari’aan ajajuun diinotatti duulu, beekumsa Islaamaa babal’isuu, wanta Islaamaa fi Muslimoota fayyadu hojjachuu of keessatti qabata. Qabsoon (jihaanni) ibaadaa waan ta’eef Rabbiif qulqulleessu (ikhlaasa) barbaachisa. Qabsoo keessaa diinotaan loluun iddoo guddaa qaba.

Abu Muusaa Al-Ash’aariyy (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: Qotee bulaan tokko Nabiyyi (sallallahu aleyh wassallam) akkana jechuun gaafate: Namtichi tokko boojiif lola, namtichi biraa immoo akka faarfamuuf lola, namtichi sadaffaan immoo sadarkaan (gootummaan) isaa akka mul’atuuf lola. Kanniin keessaa eenyutu karaa Rabbii keessatti lolaa? Nabiyyinis (SAW) ni jedhan: Namni jechi Rabbii ol’aantu akka taatuuf lole, inni karaa Rabbii keessatti lolaa jira.Sahiih Al-Bukhaari 3126

Namni yommuu gara waraanaa bahuu niyyaa adda addaa qaba. Namoota kanniin keessaa namni karaa Rabbii keessatti qabsaa’a jira jedhamu nama jechi Rabbii ol’aantu akka taatuuf qabsaa’udha. Haaluma kanaan nama beekumsa baratuu fi barsiisuus kanaan wal bira qabuun ni danda’ama. Namni karaa Rabbii keessatti beekumsa barata ykn barsiisa jedhamuus nama niyyaan isaa Islaamni akka ol’aanu ta’eedha.

14-Wanta Rabbiin buuseen namoota jidduutti murteessu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Wanta Rabbiin buusen jidduu isaaniitti murteessi. Fedhii lubbuu isaaniis hin hordofin.” Suuratu Al-Maa’ida 5:49

15-Murtii Rabbii fi Ergamaa Isaa bira barbaadu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Yoo waan tokko keessatti wal mormitan gara Rabbii fi Ergamaa deebisaa, yoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan. Kuni irra caalaa fi xumurris bareedadha.” Suuratu An-Nisaa 4:59

Yaa warra amantan! wanta tokko irratti yoo wal mormitanii fi wal dhabdan, dhugaadhaan Rabbii olta’aa fi Guyyaa Qiyaamaatti kan amantan yoo taatan, murtii wanta irratti wal mormitan kanaa gara Kitaaba Rabbii fi Sunnah Ergamaa Isaa Muhammad (SAW) deebisaa. Wanta irratti wal dhabdan gara Qur’aanaa fi Sunnah deebisuun kuni wal mormuu fi yaadan dubbachu caalaa gaariidha. Akkasumas, dhumti isaa bareedadha.

16-Wanta halaala godhee fi wanta haraama godhee keessatti Rabbiif ajajamuu, Huduuda Isaa hojii irra oolchu keessatti Rabbiif ajajamuu fi kanneen biroo Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaaba Isaa keessatti ibsee fi Ergamaa Isaa irratti buuse ibaadaa irraayyi.

Kanaafu, ibaadaan wanta Rabbiin guddaan olta’e itti ajaje hunda of keessatti qabataa jechuudha. Wanti Rabbiin olta’aan itti ajaju hundi hojii gaarii ta’eedha. Kanaafu, hojiin gaariin hundi ibaadaa keessa seena. Garuu hojiin gaariin kamiyyu ibaadaa ta’uuf nama hojii san hojjatu irraa maaltu eeggamaa? Hojii gaariin kamiyyuu ibaadaa ta’uu fi Rabbii olta’aa biratti fudhatama argachuuf ulaagaaleen sadan kunniin guuttamu qabu:
1ffaa-Namni hojii san hojjatu haala sirriin Rabbii olta’aatti fi wanta Isarraa dhufe hundatti kan amane ta’uu (iimaana sirrii qabaachu).
2ffaa-Hojii yommuu hojjatu ikhlaasa qabaachu (Rabbii olta’aaf jedhe hojjachuu)
3ffaa-Haala shari’aan itti ajajeen hojjachuuudha.
Namni ulaagaalee sadan kanniin guutuun hojjate hojiin isaa ibaadaa ta’a. Hojiin isaa ibaadaa erga ta’e immoo Rabbal aalamina biratti mindaa guddaa argataa jechuudha. Hundemaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadatti kan ajajeef faaydaa Ofiitiif osoo hin ta’in faaydaa fi fooyya’insa gabrichaatif. Kanaafu, namni ibaadatti kan ajajameef nafsee isaa fayyaduu fi fooyyessuuf qofa akka ta’e dagachuu hin qabu.


Kitaabban wabi:
[1] Tafsiiru Muyassar-468
[2] Al-Ubudiyyah-24-25
[3] Tafsiiru muyassar-552
Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 69-…
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 115-117

Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-1
Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply