Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-2

Offline dubbisuf

Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuun akkamitti guuttamaa?
Akkuma yeroo darbe jenne laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadii nurraa barbaada: Rabbii Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisuu fi Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaramanitti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachudha.

Dhimmoota jalqabaa lamaan akkamitti dhugaa jireenya keessatti hojii irra oolchinu ibsinee jirra. Amma barnoota kana keessatti gargaarsa Rabbiitiin dhimma sadaffaa irratti haasofna: Rabbii gaditti wantoota gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuu.

Kitaaba Rabbii keessatti maqaalee gabbaramtoota sobaa
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Isaa keessatti gosoota gabbaramtootaa mushrikoonni ibaadaa godhaniif baay’ee isaanii dubbate jira. Maqaalee garagaraatiin isaan waame. Gosoota gabbaramtoota sobaa kanniin keessaa:

1Andaad: kuni qixxaattota (equals), fakkeenyota, dorgomtoota.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Osoo beektanuu Rabbiif andaada hin godhinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:22

Ibn Jariir Xabarii (rahimahullahu) ni jedha: aayah armaan olii ilaalchise Ibn Mas’uud fi Sahaabota Nabiyyii (SAW) irraa namoonni gariin akkana jedhan: [Andaada jechuun] dhiirota irraa qixxaattota Rabbiin faallessuu keessatti isaaniif ajajamtaniidha. Ibn Zaydis ayaah armaan olii ilaalchise akkana jedha: “Andaada jechuun Rabbiin waliin gabbaramtoota isaan godhaniidha. Wanta Rabbiif godhan gabbaramtoota kanaafis ni godhan.” (Tafsiiru Xabarii-1/163)

Baghawiin (rahimahullahu): “Osoo beektanuu Rabbiif andaada hin godhinaa.” İlaalchise akkana jedha: kana jechuun fakkeenyota, akkuma Rabbiin gabbartanitti isaan gabbartan [hin godhinaa]” (Tafsiiru Baghawii 1/55) (Mushrikoonni akkuma Rabbii olta’aa gabbaran sanama isaanii gabbaru, akkuma Rabbii olta’aa jaallatan, sanama kana jaallatu. Kuni ibaadaa keessatti Rabbiif qixxaaxaa ykn fakkeenya gochuudha. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wanta akkanaa irraa namoota dhoowwa. Wantoonni isaan gabbaran kunniin homaa uumuu fi soorata namaaf kennu hin danda’an. Kan uumu fi soorata namaaf kennu Rabbii Tokkicha. Kanaafu, akkamitti wantoota kanniin gabbaruun Rabbii olta’aan wal qixxeessuu ykn fakkeessuu?)

Beektonni akka ibsanitti andaada keessa wantoonni armaan gadi ni seenu:
-Awsaana mushrikoonni Rabbii gaditti gabbaramtoota godhatanii “gara Rabbiitti nu dhiyeessu” jedhanii kijibaan odeessan. Awsaana kana irraa faayda argachuu fi miidhaa ittisuu ni abdatan, gaafi fi kadhaaf isaanitti qajeelan, silati dhiyeessaniif. (Awsaana jechuun suuraan osoo hin kaafamin wantoota Rabbii gaditti gabbaramaniidha. Sanamni immoo suuraan kaafamuun ykn bocamuun wanta gabbaramuudha. Fakkeenyaf, namoonni gara qabrii deemun nama qabrii keessatti awwaalame yoo kadhatan, qabriin tuni awsaana taati. Siidaa namaa ykn beelladaa dhaabanii yoo kadhatanii fi sagadaniif kuni sanama ta’a. Awsaanaa fi sanama gabbaruun shirkii fi kufriidha.)

-Amanti Rabbii faallessu keessatti hoggantoota ajajamanif.

2-Aalihata (gabbaramtoota)– Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

71:23

“Aalihata (Gabbaramtoota) keessan hin dhiisinaa; akkasumas, Wadda, Suwaa’a, Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra hin dhiisinaa [waliin] jedhan.” Suuratu Nuuh 71:23

Kunniin maqaalee sanamaa ummanni Nuuh gabbaraa turaniidha. Akkamitti sanama kanniin suuta suutaan akka gabbaran mufasiroonni ni himu: Tafsiira aayah tanaa ilaalchise ibn Kasiir akka gabaasetti Muhammad bin Qays ni jedha: “Yaghuus, Ya’uuqa fi Nasra” kunniin Aadamii fi Nuuh jidduu namoota gaggaarii (saalihota) turan. Hordoftoota isaan hordofan qabu turan. Yommuu namoonni gaggaariin kunniin du’an, namoonni isaan hordofan ni jedhan, “Osoo fakkii (suuraa) isaanii kaasne, yommuu isaan yaadannu caalatti ibaadaa keessatti nashaaxaa (fedhii guddaa) akka argannu nuuf ta’a.” Suuraa namoota kanaas ni kaasan. Ergasii hordoftoonni kunniin yommuu du’anii dhaloonni itti aanu dhufu, ibliisni isaanitti dhiyaachun akkana jedheen, “Isaan (abbootin keessan) suuraawwan kanniin gabbaraa turan. Isaan gabbaruun rooba argatu.” [Namoonni kunis waswasaa isaa kana dhugaa se’anii] suurawwan kanniin gabbaran.” Tafsiiru Ibn Kasiir 8/235-Daaru Xayba)

Ammas Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

36:74

“Akka tumsamaniif jecha Rabbii gadiitti aalahita (gabbaramtoota) godhatan.”  Suuratu Yaasiin 36:74

Namoonni Rabbii gaditti wanta biraa waaqefatan (mushrikoonni) isaan akka gargaaranii fi adabbii Rabbii irraa akka isaan baraaran kajeelun Rabbii gaditti gabbaramtoota godhatanii gabbaru. Wanti kamiyyuu namoonni faayda argachuuf ykn miidhaa ittisuuf ibaadadhaan itti qajeelan, Rabbiin waliin wanta kana gabbaramaa (waaqefatamaa) godhatanii jiru.

3-Arbaab (Gooftolee)- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan, akkasumas Masiih ilma Mariyamis [gooftaa godhatan]. Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Wanta isaan itti qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Suuratu At-Tawbaa 9:31

Yahuudootaa fi Kiristaanonni hayyootaa fi moloksee murtii fi seera amanti isaaniif kaa’anii akka hordofan ajajan, gooftota godhatan. Kanaafu, shari’aa Rabbii dhiisanii hayyootaa fi molokseef ajajamu. Akkasumas, Iisaa ibn Mariyam gooftaa godhachuun gabbaru (waaqefatu). Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Isa qofa akka gabbaran hunda isaanitu ajaje jira. Inni gabbaramaa haqaati, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Soba warri shirkii fi jallinnaa Isa irratti uuman irraa Inni qulqullaa’e.[1]

Wanta Rabbiin olta’aan halaala godhe, hayyoonni fi molokseen kunniin haraamaa yoo godhan, wanta Rabbiin haraamaa godhe, isaan haraamaa yoo godhanii fi namoonni hayyoota fi moloksee kanniniif yoo ajajaman, hayyootaa fi moloksee gooftaa godhatanii jiru. Inumaa, kiristaanonni gadi jedhanii masqala harka qeeysotaa jiru dhungachuun qeeysotaaf gadi of qabu. Dhugumatti, kuni qeeysota gooftaa godhachuudha. Yaa kiristaanota! Rabbii olta’aa qofaaf gadi jechuu dhiistanii qeeysotaa isin hin fayyanneef maaliif gadi jettuu? Yaa Pirotestaantotaa! Rabbii olta’aa isin uumee fi soorata isiniif kennu dhiistanii akkamitti nabii Iisaa (Iyyasuus) (nageenyi isarratti haa jiraatu) kadhattanii? Isin ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:

5:76

Jedhi, “Sila Rabbii gaditti wanta isin miidhuu fi fayyaduu hin dandeenye gabbartuu (waaqefattuu)? Rabbiin Isumatu Dhagayaa, Beekaadha.” (Suuratu Al-Maa’ida 76)

Rabbiin waan hundaa Kan dhagayuu fi beekuudha. Wantoonni Isaan ala jiran immoo waa hundaa dhagayuu fi beekuu hin danda’an. Kanaafu, akkamitti Rabbii waa hundaa dhagayuu fi beekuu, miidhuu fi fayyaduu irratti danda’aa ta’e dhiistanii wanta waa hundaa hin dhageenyee fi hin beekne, isin miidhuu fi fayyadu hin dandeenye waaqefattuu? Ajiiiib! Sammuun yaadu eessa dhaqee???

4-Xaaghuuta-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

4:60

Warroota wanta gara keetti buufamee fi wanta siin dura buufametti amanne jedhanii odeessan hin ilaallee? Akka itti kafaran ajajamanii osoo jiranuu xaaghuutatti murteefachuu barbaadu. Sheyxaanni jallinna fagoo isaan jallisuu fedha.” Suuratu An-Nisaa 4:60

Xaaghuutni sheyxaana, raagdu, nama shari’aa Rabbiitiin ala seera biraatin murteessu of keessatti qabata. Akkasumas, Rabbii gadiitti namni gabbaramee fi gabbarri kanatti gammaduu xaaghuuta.

Dhimma munaafiqootaa “Qur’aanaa fi wanta Ergamtoota siin duraatti buufametti amanne” jedhanii odeessan hin beeknee? Isaan kana waliinu mormii isaan jidduutti uumamuuf xaaghuuta shari’aa Rabbiitiin ala seeraa biraatiin murteessu bira murtii barbaadu. Shari’aa Rabbii dhiisanii xaaghuutni isaan jidduuutti akka murteessu barbaadu. Isaan xaaghuuta akka didanii fi irraa fagaatan ajajamanii turan. Sheyxaanni karaa haqaa fi qajeelinnaa irraa isaan dhoowwuu fi jallinna fagoo isaan jallisuu barbaada.

Aayah tana keessa iimaanni dhugaan shari’aa Rabbiitiif akka masakamanii fi dhimmoota hunda keessatti isaan akka murteessan namarraa akka barbaadu ragaatu jira. Namni ani amane jedhee odeessu garuu murtii Rabbii caalaa murtii xaaghuuta filate, oduu isaa keessatti inni kijibaadha.[3]

5-Asnaama fi Awsaan-Asnaama hedduminna (plural) sanamaati. Awsaan immoo hedduminna wasanaati. Sanama baay’een asnaama jenna. Wasana baay’een immoo awsaana jenna.

Sanamni siidaa dhaabanii ykn suuraa kaasanii wanta gabbaraniidha (waaqefataniidha). Wasanni suuraan osoo hin kaafamin ykn hin bocamin wanta waaqefatamuudha. Fkn, qabrii. Garuu sanamaa fi wasanni bakka garagaraatti yoo dhufan hiika tokko qabaachu danda’u. Bakka tokkotti yoo dhufan immoo hiika armaan olii qabaatu.

Qur’aana keessatti akkana jechuun wantoota gabbaraman kanniin dubbate:

26:71

“Sanamoota gabbarra. Isaaniif aakifiin taanee itti fufna.” Jedhan.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:69
Aakifiin jechuun maxxantoota wanta tokkotti maxxanan, nafsee fi miira isaanii hunda wanta saniif kennan, yeroo dheeraaf kan irra turan. Ingiliffaan “Devoted” jedhama.

Nabii Ibraahim ummata isaatiin maal gabbartu yommuu jedhuun, ummannis deebii armaan olii deebisaniif. Awsaana (wasana baay’ee) ilaalchisee ni jedha:

29:17

Wanti isin Rabbii gaditti gabbartan awsaana qofa, kijibas uumtu. Kanneen isin Rabbii gaditti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma bira rizqii barbaadaa, Isa gabbaraa, galatas Isaaf galchaa. Garuma Isaatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:17

Armaan oliitti sanamaa fi wasanni bakka garagaraatti waan dhufaniif hiikni isaanii tokko ta’a. Kunis, wanta harkaan bocamee ykn hojjatame gabbaramuudha. Ammas Nabii Ibraahim ummata isaatiin akkana jedhe: Rabbiin qofa gabbaraa, Isa sodaadhaa. Kan beektan yoo taatan, kanatu isiniif caala. Wanti isin gabbartan sanamoota dhagaa irraa boccan yookiin muka ykn dhoqqee irraa hojjattaniidha.

“kijibas uumtu.” “Nama isaan gabbareef faayda fiduu ykn miidhaa isarraa deebisu keessatti sanamoonni kuni humna dhokataa qaban” jettanii yommuu odeessitan sanamoota ykn awsaana gabbartan kanniiniif soba uumtu. Rabbii gaditti wantoonni isin gabbartan kunniin rizqii isiniif fiduu hin danda’an. Kanaafu, rizqii Rabbiin bira qofa barbaadaa. Ibaadaas Isa qofaaf qulqulleessaa, rizqii waan isiniif kennuuf Isa galateefadhaa. Erga duutanii booda garuma Isaa deebifamtanii wanta hojjattaniif jazaa isiniif kafala.[4]

Jecha “kijibas uumtu.” jedhu mee itti haa xinxallinu. Namoonni Rabbii gaditti wanta biraa gabbaran “kijiba uumu”. Yommuu isaan, “Wanti kuni nu fayyada ykn miidhaa nurraa deebisa” jedhanii Rabbii olta’aa gaditti uumamtoota gabbaran (waaqefatan) kijiba uumaa jiru. Sababni isaas, kijibni faallaa dhugaa waan ta’eef wanti isaan jedhan ykn amanan soba (kijiba) guddaadha. Wanti nu fayyada ykn miidhaa nurraa deebisa jedhani gabbaran isaan hin fayyadu ykn miidhaa isaan irraa hin deebisu.    


[1] Tafsiiru Muyassar-191
[2] al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 135
[3] Tafsiiru Muyassar-88, Tafsiiru Sa’dii 198
[4] Tafsiiru Muyassar-398, Ma’aariju Tafakkuri-15/238

Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-3
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-1
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply