Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-3

Offline dubbisuf

Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuun akkamitti guuttamaa?
Kutaa darbe keessatti maqaalee gabbaramtoota sobaa Qur’aana keessatti kaafaman ilaalle turre. Har’as itti fufuun kan hafan ni ilaalla:

Kitaaba Rabbii keessatti maqaalee gabbaramtoota sobaa

6-Awliyaa’a-

7:3

Gooftaa keessan irraa wanta gara keessan buufame hordofaa. Isaa gaditti awliyaa’a hin hordofinaa. Xiqqoma gorfamtu.” Suuratu Al-A’araaf 7:3

Yaa namoota! Rabbii keessan irraa Qur’aanaa fi ibsa isaa kan ta’e sunnah Nabiyyii (SAW) gara keessanitti buufame hordofaa. Qur’aanaa fi sunnah hordofuu jechuun xiyyeefannoo itti kennuu fi wanta keessa jiru niyyaadhaan hojii irra oolchudha.

Awliyaa’a heddumminna waliyyiiti. Jecha biraatin, waliyyiin baay’een awliyaa’a jedhamu. Waliyyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa: Gooftaa, bulchaa, qananiisaa, gargaaraa, jaalalloo, hiriyyaa fi kanneen biroo.

Kana booda “Isaa gadiitti awliyaa’a hin hordofinaa.” jechuun, Rabbiin ala wanta biraa Isa waliin hin gabbarinaa, nama diinii Rabbii irraa jallate jaalalloo, hiriyyaa fi gargaaraa hin godhatinaa.[1]

7-Shurakaa’a (Shariikota)- Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:100

Odoo Inni isaan uumee jiruu Jinnoota Rabbiif shariikota taasisan; isaan beekumsa malee ilmaan dhiiraa fi dubaraa Isaaf godhan. Inni wantoota isaan kijibaan Isatti maxxansan irraa qulqulluu fi olta’aadha.” Suuratu Al-An’aam 6:100

Gosoonni gabbaramtoota sobaa asii olitti dubbataman kunniin (andaad, aalihata, gooftolee, xaaghuuta, sanamoota, awsaanaa, awliyaa’a fi shariikonni) maqaan gargar haa ta’anii malee Rabbii olta’aa gaditti waan gabbaramaniif wal fakkaatu. Hundi isaaniitu gabbaramtoota sobaati.

Rabbii gaditti wantoota gabbaraman (waaqefataman) armaan olii bakka gurguddaa lamatti qoodu dandeenyaa: aaqila fi aaqila kan hin taane. Aaqila jechuun uumama waa hubachuu danda’uudha. Kanneen akka ilma namaa, jinnii fi malaykoota. Aaqila kan hin taane immoo waa hubachuu kan hin dandeenyedha. Kan akka siidaa, muka, aduu, ji’aa fi kkf.
Ammas aaqila kan ta’an bakka lamatti qoodamu: isa gabbaruutti kan gammaduu fi kan hin gammanne.[2]

1-Isa gabbaruutti kan gammaduu- kuni nama namoonni akka isa gabbaranii fi ol guddisan barbaadu fi itti gammaduudha. Kuni kan akka fira’awnaa, iblisaa fi daangaa darbitoota irraa kanneen biroo. Kunniin warroota isaan gabbaran waliin ibidda keessa ta’u. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

(166)-Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaa’an, azaaba arganii fi hariiroon isaanii hundii citu. (167)-Warroonni hordofanis ni jedhu, “Osoo carraan nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaa’an nutis isaan irraa qulqulloofnaa turre.” Akka kanatti Rabbiin hojiwwan isaanii isaan irratti gaabbii godhee isaanitti mul’isa. Isaan ibidda keessaa kan bahanii miti.” Suuratu Al-Baqarah 2:166-167

Yeroo azaaba (adabbii) Aakhirah argan matootin hordofaman, shirkii fi kufrii keessatti namoota isaan hordofan irraa ni qulqullaa’u, ni fagaatu. Hariiroon hundi addunyaa keessatti isaan wal qabsiisaa ture ni cita. Kan akka wal jaallachuu, wal gargaaru, firummaa fi hariiroon biroo warra kafaran jidduu jiru Guyyaa Qiyaamaa addaan cituun diinummaan isaan jidduutti uumama. Kanaafi, hordoftoonni akkana jedhu, “Maal qaba osoo gara addunyaatti deebi’uu carraa arganne, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaa’an nutis isaan irraa qulqulloofna.” Rabbiin akkuma ciminna adabbii Isaa Guyyaa Qiyaamaa isaanitti agarsiisu, hojii isaanii sobaa isaan irratti gaabbii godhee isaanitti agarsiisa. Isaan ibidda keessaa gonkumaa hin bahan.[3]

Kuni haa beekkamu: Hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu, hojiin kuni yoo Rabbii olta’aaf hin ta’inii fi shirkiin keessa seene, hojiin kuni baaxila (soba). Hariiroon namoota kanniin jidduu jiru Rabbiin ala wanta biraatiif waan ta’eef yeroo garmalee itti hajamanitti isaan irraa cita. Akka addunyaa irratti wal gargaaran, Aakhiratti wal gargaaru hin danda’an.

2-Isa gabbaruutti kan hin gammanne-kunniin warra Rabbiif ajajamanii fi namoonni akka isaan gabbaran kanneen hin barbaanne fi itti hin gammanneedha. Kan akka Nabii Iisaa, haadha isaa Mariyam, Malaykoota fi namoota birooti. Isaan kunniin namoota isaan gabbaran irraa qulqulluudha. Nabii Iisaa (Iyyasuus) (aleyh salaam) ilaalchise Qur’aana keessatti:

 “Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa ilma Mariyam! Sila situ namootaan ‘Anaa fi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa (gooftaa waaqefatamu) lama taasifadhaa’ jedhee?” jedhu [yaadadhu]. Innis ni jedha, “Ati Qulqulloofte! Ani wanta haqa naaf hin taane jechuun naaf hin ta’u. Yoo ani san kan jedhu ta’e, dhugumatti Ati beektee jirta. Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta, ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku. Dhugumatti Ati sirritti beekaa waan fagoo fi hin mul’anneeti. Waan Ati itti na ajajje, “Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” jechuu malee waan biraa isaaniin hin jenne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol na fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte. Ati waan hundaa irratti ragaadha. Yoo isaan adabde (azzabde), gabrootuma Keeti. Yoo isaaniif araaramtes, Ati Simatu Injifataa Ogeessa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:116-118

Malaykootas ilaalchise akkana jedha:

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee, ergasii malaaykotaan, “Sila isaan kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?” jedhu, [yaadadhu].” [Malaaykonnis] ni jedhu: “Ati Qulqulloofte! Gargaaraan keenya isaan osoo hin ta’in Sima qofa. Lakki, isaan Jinnii gabbaraa (waaqefataa) turan. Irra hedduun isaanii isaanitti amanu.” Suuratu Saba 34:40-41

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaykoota, Iisaa fi haadha isaa Mariyam, uzeyri fi namoota gaggaarii biroo Isaa gaditti gabbaraman hunda ilaalchise akkana jedha:

(17)-Guyyaa isaanii fi wantoota isaan Rabbii gadiitti gabbaran walitti qabuun, “Isintu gabroota Kiyya kanniin jallisee moo isaantu [mataa ofiitin] karaa irraa jallatee?” jedhu, [yaadadhu]. (18)-Isaaniis ni jedhu, “Ati Qulqulloofte! Sii gadiitti awliyaa’a godhachuun nuuf hin malu. Garuu hanga yaadannoo dagatanii fi ummata badan ta’anitti isaanii fi abbooti isaanii ni qananiifte.” (19)-Dhugumatti, isaan wanta isin jettan keessatti isin sobsiisanii jiru. Kanaafu, [adabbiis] deebisuu hin dandeessan, gargaarsas hin argattan. Nama isin keessaa miidhaa hojjatees adabbii guddaa isa dhandhamsiifna.” Suuratu al-Furqaan 25:17-19

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa namoota Isaan ala waan biraa gabbaranii fi wantoota gabbaraa turan bakka tokkotti walitti qaba. Ergasii warra gabbaraman (waaqefataman) kanaan akkana jedha: Gabroota Kiyya kanniin isintu karaa haqaa irraa jallisee akka isin gabbaran isaan ajajee moo isaantu mataa ofiitiin jallatanii fedhii nafsee ofiitiin isin gabbaranii?

Rabbii gadiitti warroonni gabbaraman ni jedhu: “Yaa Rabbii! Wanta warroonni kuni hojjatan irraa Ati qulqulloofte! Siin ala wanta biraa awliyaa’a (gargaartootaa fi tiiksota) godhachuun nuuf sirrii hin ta’u. Garuu namoonni kunniin hanga yaadannoo Kee dagatanii Si waliin waan biraa gabbaranii fi ummata badan ta’anitti isaanii fi abbooti isaanii qabeenyaa fi fayyaan qananiifte.” Ergasii namoota Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbaraniin (waaqefataniin) akkana jedhama: Wanta isin isaan irratti odeessitan ilaalchisee namoonni isin gabbartan kunniin ‘isin kijibdoota’ akka taatan labsanii jiru. Kanaafu, azaaba (adabbii) ofirraa deebisuu hin dandeessan, gargaarsas hin argattan. Namni Rabbiitti waa qindeessuun nafsee ofii miidhe, Rabbiin ala wanta biraa gabbaree (waaqefate) fi kanarratti du’e, Rabbiin adabbii cimaa fi guddaa isa adaba.[4]

Gareen lammaffaan wantoota Rabbii gadiitti gabbaramanii mukkeen, dhagaa fi kanneen biroo sammuu ittiin hubatan hin qabnee aayah tana keessaa seenu:

Dhugumatti, isinii fi wantoonni isin Rabbii gadiitti gabbartan qoraan Jahannami. Isin ishii (Jahannamiin) seentoota. Osoo kunniin gabbaramtoota [dhugaa] ta’anii, ishii hin seenanii turan. Hunduu ishii keessa yeroo hunda jiraatu.” Suuratu Al-Anbiyah 21:98-99

Yaa kaafirtoota! Dhugumatti, isinii fi sanamni, jinnii fi nama irraa kan gabbarrii keessanitti gammade irraa wanti isin Rabbii gadiitti gabbartan, qoraan Jahannam ta’u. Isinii fi sanamoonni, taabonni, jinni fi namoonni gabbari keessanitti gammadan Jahannamiin ni seenu. Namoonni gabbarritti hin gammannee kan akka Nabii Iisaa, Uzeyr, Malaykoota fi kkf Jahannamiin hin seenan.

Osoo wantoonni isaan gabbaran kunniin gabbaramaa dhugaa ibaadan isaaniif malu ta’anii, silaa ibidda hin seenanii turan. Sababni isaas, gabbaramaan dhugaa wantoota hundaa irratti danda’aa kan ta’ee fi nama Isa gabbare miidhaa irraa kan deebisuudha. Kanaafu, wantoonni isaan gabbaran kunniin nama biraa dhiisi of irraayyu miidhaa deebisuu waan hin dandeenyeef gabbaramaa dhugaa hin ta’an. Kana irra, isaan gabbaramtoota sobaati.

“Hunduu ishii keessa yeroo hunda jiraatu.” Kana jechuun kaafironni fi wantoonni isaan gabbaraa turan hundi isaanitu Jahannam keessa zalaalami jiraatu.

Guduunfaa
Rabbii olta’aa gadiitti wantoonni namoonni sobaan gabbaran (waaqefatan) bakka sadiitti qoodamu:
1-Aaqila akka gabbaramuu fi ol guddifamu barbaadu fi itti gammadu. Kan akka Fira’awna, ibliisa (sheyxaana), hoggantoota karaa Rabbii irraa namoota jallisanii fi kkf
2-Aaqila akka gabbaramuu fi ol guddifamu hin barbaanne fi itti hin gammanne. Kan akka Nabii Iisaa, haadha isaa Mariyam, Malaykoota fi namoota gaggaarii biroo.
3-Wantoota aaqila hin taane. Kan akka dhagaa, muka, urjiilee, aduu, ji’a fi kkf.
Aaqila jechuun waa hubachuu kan danda’u.
Namni kanniin keessaa tokko ykn sani ol gabbare (waaqefate), Rabbiitti qindeessee jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni jedha:

“Dhugumatti, namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda.”  Suuratu Al-Maa’ida 5:72


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-9/151
[2] Ma’aariju al-Qabuul-fuula 606-607, Hafiiz ibn Ahmad Al-Hakamii
[3] Tafsiiru Muyassar-25 fi tafsiira biroo
[4] Tafsiiru Muyassar-361

Shirkiin Rabbiin waliin gabbaramaa godhachuudha
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-2
Offline dubbisuf

Leave a Reply