Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-4

Offline dubbisuf

Kutaa darbe keessatti laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadii nurraa barbaada jennee jirra. Isaanis: Rabbii Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisuu fi Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaramanitti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachudha. Amma dhimma sadaffaa ni ilaalla:

Akkamitti wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafartaa?
Asitti kafaruu jechuun itti amanuu diduu fi mormuudha.

Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafaruun (itti amanuu diduu fi mormuun) ulaagaalee laa ilaah illallah keessaa tokko. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:256)

Akkaatan gabbaramtoota sobaatti kafaran haala armaan gadiitini:
1ffaa- Rabbii gaditti wantoonni gabbaraman hundi baaxila (soba) ta’uu amanuu, ibaadaan Rabbiin ala wanta biraatif godhamu soba ta’uu amanuu, diinii Rabbiitiin (Islaamaan) ala amantiiwwan jiran hundi soba ta’uu amanuudha.

*Rabbii gaditti wantoonni gabbaraman hundi baaxila (soba) ta’uu ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkana jedha:

22:62

“Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta’ee fi wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta’eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta’aa, Guddaa ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:62

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman hundi soba. Sababni isaas, uumamtoota uumuu, jiraachisu, miidhaa namarraa deebisuu fi faayda namaaf fidu hin danda’an. Mee ilaali, sanamni ykn taabonni nama fayyadu ykn miidhaa namarraa deebisuu danda’aa? Akkasumas, ilmi namaa samii irraa bishaan buusun nama nyaachisu fi obaasu danda’aa? Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Gooftaa wantoota hundaa uume, jiraachisu, faayyaduu fi miidhaa namarra deebisu Isa qofa waan ta’eef gabbaramaan haqaa Isa qofa. Isaan ala wantooni gabbaraman immoo soba.

*ibaadaan Rabbiin ala wanta biraatif godhame soba ta’uu ilaalchisee ni jedha:

7:139

“Dhugumatti isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti isaan dalagaa turanis baaxila (soba).” Al-A’araaf 7:139

Ilmaan Israa’il Fira’awna jalaa erga bahanii booda namoota sanama gabbaran biraan darban. Ergasi Nabii Muusaan (aleyh salaam) akkana jedhan: Akkuma namoonni kunniin gabbaramaa qaban nufiis gabbaramaa godhi.” Nabii Muusaanis akkana jechuun deebii itti deebise: Namoonni sanama kana gabbaran wanti isaan keessa jiran kan baduudha. Sanamni isaan gabbaran mancaafame ni bada, isaaniis ni badu.[1] Wanti dalagaa turan Rabbii gaditti wanta biraa gabbaruu waan ta’eef baaxila (soba), kan baduu fi faaydaa homaatu hin qabneedha.”

*Islaamaan ala amantin hundi soba ta’uu ilaalchisee:

“Rabbiin biratti amantiin [fudhatama qabu] Islaama qofa.” Suuratu Aali-Imraan 3:19

3:85

 “Namni Islaaman ala amanti biraa barbaade, isa irraa hin fuudhamu. Inni Aakhiratti warra kasaaran irraayyi.” Suuratu Aali-Imraan 3:85

Namni amanti Islaamaa Rabbiin namootaaf filateen ala amanti biraa barbaade, hojiin isaa isarratti kan deebifamuudha, isarraa hin fuudhamu. Sababni isaas, amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf qofa harka kennuu, gadi jechuu fi Ergamtoota Isaa hordofuu kan of keessatti qabateedha. Namni amanti kanaan hin dhufne, wanta adabbii Rabbii jalaa nagaha isa baasu fi mindaa Isaa ittiin argatu hin hojjanne.[2] Kanaafu, Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte dhabuu fi ibidda seenun warra kasaaran keessaa ta’a. Islaaman ala amantiiwwan jiran hundi baaxila (soba). Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefachuu) fi seera Isaatiin ala seera biraa hordofu irratti kan hundaa’aniidha. Kanaafu, Rabbiin akkamitti nama Isaan ala wanta biraa gabbaruu fi seera (shari’aa) Isaatin ala seera biraa hordofu hojii isaa irraa fuudhaa?

2ffaa- Rabbii olta’aa gadiitti wantoota gabbaraman hunda gabbaruu irraa fagaachu, qulqullaa’u, bilisoomu fi jibba cimaa jibbu
*Rabbiin alatti wantoota gabbaraman gabbaruu irraa fagaachu ilaalchisee Qur’aana keessatti ni jedha:

39:17

“Isaan xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an, isaaniif oduu gammachiisatu jira. Gabroota gammachiisi.” Suuratu Az-Zumar 39:17

Isaan sheyxaanaaf ajajamuu fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii ibaadaa fi amanti Isaaf qulqulleessuun deebi’an, isaaniif addunyaa fi Aakhiratti oduu gammachuutu jira.[3] Xaaghuutni sheyxaana, raagdu fi wantoota biroo sobaan gabbaraman of keessatti qabata.

*Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman irraa bilisoomu fi qulqullaa’u ilaalchise:

43:26

Yommuu Ibraahim abbaa isaatii fi ummata isaatiin, “Dhugumatti ani wanta isin gabbartan irraa qulqulluudha.” Jedhe, [yaadadhu].” Suuratu Az-Zukhruuf 43:26

Kana jechuun Rabbii gaditti wantoota isin gabbartan irraa ani qulqulluudha, bilisa. Shirkiin yakka guddaa waan ta’eef namni shirkii irraa fagaatu, “Rabbiin ala wanta isin gabbartan irraa ani qulqulluudha” jedhee labsuun wanta isaaf ta’uudha. Namni yakka homaatu hin hojjanne, “Ani qulqulluudha” jedha. Akkasi miti ree? Kanaafu, namni yakka hundarra caalaa badaa ta’e shirkii irraa qulqullaa’u qabaa jechuudha.

*wantoota Rabbii gadiitti gabbaraman jibba cimaa jibbuu ilaalchisee:

(75)-Innis ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? (76)-Isinii fi abbootin keessan duraanii? (77)-Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan anaaf diinota.” Suuratu Ash-Shu’uraa 26:75-77

 Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin ni jedhe: Isinii fi abbootiin keessan darban sanamaa homaa hin dhageenye, hin fayyannee fi hin miinee gabbartan sirritti agartanii? Wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan dhugumatti anaaf diinota. Garuu ani Gooftaa wantoota hunda uumee, harka qabuu fi too’atu qofa gabbara.

Akkuma kutaa darbe keessatti jenne Rabbii olta’aa gadiitti wantoonni gabbaraman, kanneen waa hubachuu danda’anii fi hin dandeenye jennee jirra. Kanneen waa hubachuu danda’anis isaan gabbarutti kan gammadanii fi hin gammanne jennee jirra. Asitti kan nutti sirritti jibba cimaa jibbuu qabnu, uumamtoota gabbaramuutti gammadan kan akka sheyxaanaa, moottota abbaa irree, hoggantoota jallinnaa fi wantoota waa hubachuu hin dandeenye kan akka sanama, taabotaa, mukaa fi kkf dha. Warroonni gabbaramuutti hin gammanne kanneen akka malaykota, nabiyyoota, saalihoota wanti isaan balleessan waan hin jirreef isaan hin jibbinu. Kan irra, isaan ni jaallanna, garuu isaan hin gabbarru. Isaan gabbaruu irraa ni fagaanna, nama isaan gabbarus ni jibbina.
Kutaa itti aanu keessatti dhimma 3ffaa ni ilaalla…


[1] Tafsiiru Qurxubii-9/318
[2] Tafsiiru Sa’dii-144
[3] Tafsiiru Muyassar-460
Al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 147-149

Akkaata Laa İlaah İllallah hojii irra olchan-kutaa xumuraa
Shirkiin Rabbiin waliin gabbaramaa godhachuudha
Offline dubbisuf

Leave a Reply