Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Barnoota keenya darbe keessatti waa’ee Laa ilaah illallah ilaalaa turreera. Namni jecha tana sirritti yoo beekee fi hojii irra oolche, jireenya keessatti gammachuu fi bilisummaa argata. Gammachuu fi bilisummaan dhugaa gammachuu fi bilisummaa qalbiiti. Namni tarii qaaman bilisa ta’uu danda’a. Garuu qalbiin isaa wantoota baay’eef yoo gabra taate, inni bilisummaa dhugaa hin qabu jechuudha. Dhugumatti, Laa ilaah illallah’n wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenyeef gabra ta’uu irraa nama baraaruun bilisummaa dhugaa namaaf laatti. Namni kana galmaan gahuuf yeroo hundaa beekumsa barbaadu fi wanta beeke hojii irra oolchuuf carraaqu qaba. Qur’aanni guutuun gara Laa ilaah illallah’tti namoota waama. Kanaafu, maddi guddaan hiika Laa ilaah illallah itti beekan Qur’aana jechuudha. Kana hubannoo keessa galchuun Qur’aana irraa suurah jiddu-galeessa baay’inni aayaata (keeyyattoota) 75 ta’e ibsa (tafsiira) ishii ni ilaalla. Laa hawla walaa quwwata illa billah.

Suuran (boqonnaan) tuni suuratu Az-Zumar. Suurah bareeddu nama hawwattu, nama itti dukkanaa’e tan abdachiistu, nama gafla keessatti lixee of dagate tan dammaqsitu, nama beekumsaaf dheebote beekumsa akka dammaa mi’aawaa fi akka aannanii namatti tolu tan nama obaastu Suuratu az-Zumar. Nama jijjirama barbaadeef kunoo tafsiira (ibsa) suuratu Az-Zumar. Hanga xumuraatti obsaan waliin haa turru. Isin qophiidhaa?

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

(1)-Buufamuun Kitaabichaa Rabbii Injifataa Ogeessa ta’ee irraayyi. (2)-Dhugumatti,Nuti Kitaaba haqaan gara keetti buufnee jirra. Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari. (3)- Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi.” Suuratu az-Zumar 39:1-3

“Buufamuun Kitaabichaa Rabbii Injifataa Ogeessa ta’ee irraayyi.”

Asitti “kitaabichi” Qur’aana. Kitaaba jechuun wanta barraa’edha (maktuub). Kanaafu, Qur’aanni Al-Lawh Al-Mahfuuz keessatti kan katabamee fi galmaa’edha. Akkasumas, erga Nabiyyii (SAW) irratti bu’ee boodas meeshaa barreefamaa irratti galmaa’un jijjiraa, hir’innaa fi itti dabaluu irraa hanga Guyyaa Qiyaamaatti ni eeggama.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa buufamuun Qur’aanaa Isa irraa akka ta’e beeksiisa. Kana jechuun Qur’aanni Rabbiin irraa bu’e. Jibriil irraa miti ykn Muhammad irraa miti ykn madda kam irraayyu miti. Kana irra, Rabbiin irraa kan bu’eedha. Ittiin dubbatee gara Jibriil buuse. Ergasii Jibriil (aleyh salaam) Qur’aana kanaan qalbii Nabiyyii (SAW) irratti bu’een.[1] Rabbiin (Subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa aalamaati.
Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).
Akka ati Akeekachistoota irraa taatuf qalbii kee irratti [fide].
Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195

Dhugumatti Qur’aanni kuni Gooftaa wantoota hundaa uume, dhimmoota hundaa harkaa qabuu fi too’atu irraa kan buufameedha. Yaa Rasuula! Hanga qalbii keetin hubattuu fi qabattutti Jibriil Qur’aana kana Rabbii olta’aa irraa fidee sirratti dubbise.

Al-Aziiz jechuun abbaa humnaa fi Injifataa gonkumaa hin injifatamneedha. Humni kamiyyuu humna Isaatiin wal hin gitu (hin qixxaatu), dandeettin homaatu dandeetti Isaatin wal hin gitu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota hundaa kan injifatuudha.

Al-Hakiim (Ogeessa)-kana jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kan kaa’uu fi wanta hundarra gaarii ta’ee kan filatu, dhimmoota hundaa kan tolchu, qindeessuu fi jabeessuudha.

Kitaabni Isarraa kan bu’e ta’uu erga ibsee booda maqaalee gaggaarii Rabbii keessaa maqaalee lamaan kanniin filachuu keessa gabroota iddoo qormaataa kaa’aman du’aan booda isaan kaasuun jazaa akka isaaniif kafalu ragaa agarsiisutu jira. [2] Inni Humna cimaa Kan qabuu fi Injifataa waan ta’eef du’aan booda namoota kaasuun homaa Isatti hin ulfaatu. Al-Hakiim (Ogeessa) waan ta’eef uumamtoota kaayyoo malee akkanumaan hin uumu. Kanaafu, lamuu isaan kaasee nama waan gaarii hojjate mindaa gaarii kennaaf, nama waan badaa hojjate immoo adabbi isaaf malu adaba.

“Dhugumatti, Nuti Kitaaba haqaan gara keetti buufnee jirra. Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari.”
Asitti maqdhaala guddinna agarsiisu fayyadamuun: “Yaa Muhammad! Nuti Qur’aana haqaan gara keetti buufnee jirra.” Jedha. Haqaan yommuu jedhu hiika lama qaba:
1ffaa-Qur’aanni kuni Rabbiin irraa taphaaf osoo hin ta’in haqaan bu’e. Namoota ajajuuf, waan badaa irraa dhoowwuuf, dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasuuf bu’e.
2ffaa-Wanti Qur’aanni of keessaa qabu hundi haqa (dhugaadha). Ajajoonni, dhoowwan, seenalee fi odeefannoon isaa hundi dhugaadha.[3] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

41:42

Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

“Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari.” Kana jechuun Rabbii Tokkicha shariika hin qabne gabbari, namootas kanatti waami. Ibaadaan Isa qofaaf malee homaafu akka hin taanee isaaniitti beeksisi. Ammas, Inni shariika, qixxaataa fi dorgomaa akka hin qabne isaanitti beeksisi. Kanaafi itti aanse Rabbiin olta’aan ni jedha: “Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi”[4]

Al-ikhlaasu Lillah (Rabbiif qulqulleessu) jechuun hojiwwan amanti hunda shirkii, riyaa (na argaa) fi makaa biroo irraa qulqulluu fi dhinbiibamaa gochuudha. Ni jedhama: “Akhlasa fulaanu shay’a” kana jechuun wanta tokko faalama (makaa) irraa qulqulleesse.

Mukhlis jechuun nama hojii fi niyyaa isaa faalama (makaa) irraa qulqulleesseedha.

Ad-Diini (Amanti) jechuun- ajajamuu fi masakamuudha ykn hojii ittiin mindaa argachuu barbaadaniidha. Fkn, salaanni hojii mindaa ittiin barbaadaniidha. Ad-Diinu Lillah (Amantin Rabbiif) jechuun Guddinna Isaatiif gadi of qabuu fi of xiqqeessu waliin ajajamuun, masakamuu fi dhugaadhaan gabbaruun Isa qofaafi.

Kana booda: “Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi” jechuun Yaa namoota! dhagayaa, xiyyeefannoo itti kennaa! Ibaadaa fi ajajamuun shirkii irraa qulqulluu ta’e Rabbii tokkicha shariika hin qabne qofaafi.[5] Hojii Isa qofaaf jedhame hojjatamu qofatu Isa biratti fudhatama qaba. Hojiin shirkii, riyaa (na argaa), na dhagayaa qabuu fi Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachuuf hojjatame hundi Isa biratti fudhatama hin qabu. Nama qaruute irra dirqamni jiru, hojii amantii hunda Rabbii Tokkichaaf qulqulluu gochuudha. Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachuuf jecha haqaan Rabbiif hojii ibaadaa hojjachuun akkamitti aaqilaaf malaa? Kuni faallaa aqliiti.[6]

In sha Allah itti fufa…


Kitaabban Tafsiiraa
[1] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Az-Zumar-fuula 13, Ibn Useymiin
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-12/150-151, Abdurahmaan Hasan Habanka
[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Az-Zumar-fuula 21, Ibn Useymiin
[4] Tafsiiru ibn Kasiir-6/438
[5] Tafsiiru Xabarii-20/156, Ma’aariju tafakkuri-12/152
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Az-Zumar-fuula 28, Ibn Useymiin

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 2
Tafsiira Suuratu Al-Hadiid
Offline dubbisuf

Leave a Reply