Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 2

Kutaa darbe irraa itti fufuun Tafsiira (ibsa) suuratu Az-Zumar haa ilaallu:

(3)-Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu]. Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa. Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu. (4)-Rabbiin osoo ilma godhachuu fedhee, silaa wanta uumu keessaa wanta fedhe filataa ture. Inni qulqullaa’e. Inni Allah Tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha.” Suuratu az-Zumar 39:3-4

Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta biraa gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran (waaqefatan), “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].”  Kana jechuun wantoonni nuti gabbarru kunniin amala gooftummaa ni qabu jennee isaan hin gabbaru. Garuu Rabbiin biratti sadarkaa guddaa fi shafa’aa (jaarsummaa) fudhatama qabu waan qabaniif gargaarsaa fi soorata argachuuf haajaa addunyaa biroo guuttachuuf jaarsummaa akka nuuf ta’anii fi Isatti nu dhiyeessaniif isaan gabbarra.” jedhu.[1] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti bakka biraatti ni jedha:

Rabbii gaditti wanta isaan hin miinee fi hin fayyanne gabbaru. Ni jedhus, “Isaan kunniin Rabbiin biratti jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’u.” Suuratu Yuunus 10:18

Mujaahid “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” ilaalchise ni jedha: Qureeshonni sanamotaa gabbaraniif, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra”jedhan. Isaaniin dura namoonni jiranis malaykootaf, Iisaa ibn Mariyami fi Uzeyriif “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” jedhan.[2]  (Kana kechuun Qureeshoonni “sanamoota (siidaa) maaliif gabbartu?” jedhamanii yommuu gaafataman, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” jedhu. Kiristaanonnis “maaliif Iisaa (Iyyasuusin) fi haadha isaa gabbartan (waaqefattan)” jedhamanii yommuu gaafataman, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra (waaqefanna). Gara Rabbiitti nu geessu. Karaa Iyyasuusitin malee gara Rabbii gahuun hin jiru.” jedhu. Namoonni malaykoota fi uzeyrin gabbaranis deebima armaan oli deebisu.) Namoonni yeroo ammaas qabrii bira deemuun irra naanna’an, sujuudaniif, silatii seenaniif ykn nama achi keessatti awwaalame kadhatan, maaliif akkana gootan yommuu jedhaman, “isaan awliya’aa waan ta’aniif gara Rabbiitti nu dhiyeessu.” Jedhu.

Mee itti xinxalli! Yeroo durii fi ammaa namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran, ragaan isaan dhiyeessan tokkoma. Garuu sirritti yoo itti xinxallinee ragaan isaan dhiyeessan kuni soba:
1ffaa-Wantoonni isaan Rabbii gaditti gabbaran kunniin shafa’aa (jaarsummaa) akka namaaf ta’anii fi gara Rabbitti nama dhiyeessan akkamitti beekanii? Odeefannoon karaa wahyiitiin (beeksisaan) Rabbiin irraa yoo nama hin gahin gonkumaa kana beekun hin danda’amu.

2ffaa- Akkuma isaan jedhan shafa’aa (jaarsummaa) osoo ta’aniyyuu, Rabbiin biratti shafa’aa ta’uuf ulaagaaleen guuttamu qaban ni jiru:

  1. Jaarsummaa (shafa’aa) ta’uuf Rabbiin irraa hayyama argachuu. Ragaan kanaa: “Hayyama Isaatin ala Isa biratti kan shafa’aa ta’u eenyumaa?” Suuratu Al-Baqarah 2:255
  2. Nama shafa’aa ta’uu fi nama shafa’an godhamuuf irraa Rabbiin hojii fi dubbii isaa jaallachuu. Ragaan kanaa Qur’aana irraa: “Malaykoota meeqatu samiwwan keessa jiraa kan shafa’aan (jaarsummaan) isaanii homaa hin fayyanne nama Rabbiin fedhee fi jaallateef erga hayyamee booda malee.” Suuratu An-Najm 53:26 Bakka biraatti, “[Malaykoonni] nama Inni jaallateef malee shafa’aa hin ta’an.” (Suuratu Al-Anbiyah 28) Shafa’aan nama Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dubbii fi hojii isaa jaallateef malee hin ta’u. Dubbii fi hojii isaa kan jaallatu immoo nama iimaana fi tawhiida qabuudha. Kana jechuun nama haala sirriin amanee fi Rabbiin qofa gabbareedha. Kanaafu namoonni kunniin Rabbiin ala wanta biraa waan gabbaraniif “shafa’aa nuuf ta’u” jedhanii odeessun isaanii soba.

3ffaa-Rabbiitti dhiyaachuun kan danda’amu haala Inni ajajeeni. Akkasi miti ree? Nama ajaja Rabbii diduun fedhii qullaadhaan “Kuni wanta Rabbiitti na dhiyeessu” jedhe yoo hojjate, hojiin isaa kuni Rabbiitti isa dhiyeessu danda’aa? Eeti yoo jedhe, ragaan kee maali? jennaan. Himni “Wantoota kanniin yoo gabbartee (waaqefatte) Anatti ni dhiyaatta.” Jedhu Rabbiin irraa bu’ee jiraa? Kitaaba Qulqulluu Rabbiin irraa bu’e kan namni hin booressine (hin barrazne) irraa wanta akkana jedhu fiduu hin danda’u. Dhugaan faallaa kanaati. Karaan Rabbitti dhiyaatan Isa qofa gabbaruun akka ta’e Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa beeksisee jira.

“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36

Namni ajaja kana diduun wanta biraa yoo gabbare, akkamitti Rabbii olta’aatti dhiyaataa? Kanaafu, namoonni Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaran dubbii isaanii keessatti ni sobuu jechuudha. Kanaafi dhuma aayah tanaa irratti, “Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Jedha.

Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa.” Kana jechuun Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa wanta namoonni keessatti wal dhabanii fi gargar itti ta’an ilaalchise isaan jidduutti ni murteessa. Namni haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru Guyyaa san addaan baafamuun namni haqaa mindaa gaarii argata, namni sobaa immoo ni adabama.

Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Kana jechuun nama niyyaan isaa Rabbiin irratti kijibuu ta’ee fi qalbiin isaa mallattoolee, keeyyattoota fi ragaalee Rabbii osoo beektu fudhachuu diddu, Rabbiin gara qajeelinnaatti ykn haqaatti isa hin qajeelchu.[3]

Tuqaa ijoo
Namoonni Rabbii olta’aa gadiitti wantoota biraa gabbaran, wantoonnii kunniin akka isaan hin fayyannee fi hin miine beekanii jiru. Garuu “Akka shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’aniif isaan gabbarra” jedhu. Dubbii akkanaatti maaltu isaan geessee?

Deebiin isaa kana fakkaata:
Namoonni kunniin, Rabbii olta’aa fakkaataa hin qabne moottotti dadhaboo ilma namaatiin wal bira qaban. Moottonni ilma namaa rakkoo fi haajaa nama hundaa waan hin beekneef, namoonni wanta barbaadan argachuuf jaarsummaa moottotta kanniinitti ergachuu qabu. Akkuma kana Rabbii olta’aa irraayis wanta barbaadan argachuuf jaarsummaan ni barbaachisa jechuun yaadan. Kuni yaada sobaa fi badaa ta’eedha. Yaada Khaaliqa fi makhluuqa (uumamaa) wal qixxeessu of keessatti qabateedha. Khaaliqaa fi makhluuqni gargar kan ta’aniidha. Khaaliqni Tokkicha fakkaataa hin qabneedha.

Moottonni isaanii fi lammilee jidduu giddu-galaa kan barbaadaniif haala lammilee waan hin beekneefi. Kanaafu, nama haala lammilee isaaniitti beeksisu barbaadu. Tarii qalbii moottotaa keessa rahmanni kan hin jirre ta’uu danda’a. Kanaafu, nama gurguddoo qalbiin isaa akka mararfattu taasisu ni barbaachisa. Moottonni gargaartota dhimmoota lammilee too’atanii fi namni rakkate dhimma akka isaanitti himatuuf jaarsummaa barbaadu.

Garuu Rabbiin olta’aan immoo beekumsi Isaa wantoota hundaa kan haguugedha, keessaa fi ala wantoota hundaa beeka. Haala gabroota Isaa nama Isatti beeksiisu hin barbaadu. Ammas, Inni warra mararfatan hunda caalaa kan mararfatuudha. Kanaafu, uumamtoota Isaa keessaa nama akka gabrootaaf mararfatu Isa taasisu hin barbaadu. Inumaa, Inni nafsee isaaniitii fi abbaa haadha isaanii caalaa isaaniif mararfata (rahmata godha). Inni wanta rahmata Isaatti nama geessutti namoota kan waamuudha. Fooyya’insa isaan nafsee ofiitiif hin barbaanne isaaniif fedha.[4]

Kanaafu, rakkoo keessaa bahuu fi haajaa barbaadan argachuuf Rabbii fi gabricha jidduu giddu-galaan hin barbaachisu. Namni qajeelloon Rabbii olta’aa kadhachuu qaba. Yoo Isa kadhate, Inni isa dhagaya, deebii isaaf deebisa. Garuu jaarsummaa naaf haa ta’an jedhee, dhagaa ykn nama isa hin dhageenyee yoo kadhate, bu’aan inni argatu hin jiru. Kanaafu, “Jaarsummaa (shafa’aa) akka naaf ta’aniif ykn Rabbitti na haa dhiyeessaniif” jedhee Rabbiin alatti wanta biraa yoo gabbare, kasaaraa guddaatti kufa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse, Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72

 “(4)-Rabbiin osoo ilma godhachuu fedhee, silaa wanta uumu keessaa wanta fedhe filataa ture. Inni qulqullaa’e. Inni Allah Tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha.” Suuratu Az-Zumar 39:4

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa keeyyata tana keessatti namoota wanta Isaaf hin malleen Isa wassafan (ibsan) irratti deebii deebisa. Mushrikoota, “Malaykoonni dubartoota Rabbiiti (subhaanahu)” jedhanii fi Kiristaanota, “Iisaan ilma Gooftaati” jedhan irratti deebii deebisa. Ibsi aayah: Rabbiin osoo ilma godhachuu barbaade, silaa uumamtoota Isaa keessaa wanta fedhe filataa ture. Ilmi Isaaf ta’uu irraa Inni qulqullaa’e. Sababni isaas, Inni Tokkicha Adda ta’e, fakkaataa kan hin qabne, amaloota guutuu kan qabuudha.

Gaafataan osoo akkana jedhe, “Ilma godhachuu keessa hanqinni ni jiraa?”
Deebiin: Eeyyen ni jira. dhimmoota baay’eef ilma godhachuu keessa eybitu (hanqinnatu) jira:
1ffaa– Ilma godhachuun abbaan ilmatti hajamu agarsiisa. Yeroo dulloome akka isa gargaaru fi erga du’een booda maqaan isaa akka hafuuf ilmatti hajama. Dullummaan, dadhabinnii fi duuti hanqinna ilmatti akka hajaman nama taasisaniidha. Kanaafu, kuni hundi hanqinna waan ta’aniif Rabbiin ilma godhachuu irraa Of qulqulleesse. 
2ffaa-Ilmi kan dhufuuf sanyiin inni irraa dhalate akka turuu fi itti fufuufi. Rabbiin subhaanahu kanatti hin hajamu. Sababni isaas, Inni Tokkicha yeroo hundaa turuudha.

3ffaa-Ilmi abbaa fakkaata. Ilmi abbaa fakkaachuun dhufa (dhalata). Osoo Rabbiin ilma godhate jedhame, sila ilmi Rabbiin fakkaataa ture. Rabbiin subhaanahu eenyullee Isa fakkaachu irraa qulqulluudha. Kanaafi Aayah keessatti “Inni Allah Tokkicha Al-Qahhaar ta’eedha” jedha. Al-Ahad (Tokkicha) fakkaataa hin qabne, gara hundaan uumamtoota irra adda kan ta’eedha. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru.  

Karaalee sadan kanaan ilmi Rabbii olta’aaf akka hin taane ifa ta’a. Inuma ilmi akka Isaaf hin taane karaa afraffaa dubbate:

6:101

“[Rabbiin] Jalqabaa samii fi dachiiti. Inni waan hundaa kan uumee fi niiti kan hin qabne ta’ee osoo jiruu akkamitti ilmoon Isaaf ta’aa? Inni waan hundaa beekaadha.” Suuratu Al-An’aam 6:101

Al-Qahhaar jechuun Injifataa uumamtoota Isaa hunda moo’ate, wanti hundi Isaaf gadi of xiqqeessu, gadi jedhu.[5] Jaallatanii jibbanii Isaaf gadi jedhu. Moottonni abbaa irree fi namoonni of tuulan adabbii yommuu isaan irratti buusu gadi jedhuuf. Kanaafi Fira’awni yommuu galaanan nyaatamu, “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani warra Rabbiif harka kennan irraayyi” jedhe.

Rabbiin Tokkicha waan ta’eef Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Ammallee Al-Qahhaar (wantoota hundaa kan injifatu) waan ta’eef gargaarsaaf ilma hin barbaadu. Kanaafu, ilmi Isaaf hin malu.

In sha Allah ibsi keeyyattoota itti aananii itti fufa…


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 12/152-153, Tafsiiru ibn Kasiir-6/439
[2] Tafsiiru Xabarii-20/157
[3] Tafsiiru Ibn Kasiir 6/439
[4] Tafsiiru Sa’dii-fuula 844
[5] Tafsiiru muyassar-458
Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Az-Zumar-fuula 41, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-3
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 1

Leave a Reply