Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-3

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti mallattoolee gurguddoo Rabbiin Tokkicha ta’uu fi Inni qofti gabbaramu akka qabu agarsiisan ni ilaalla.

39:5

(5)-Samiiwwanii fi dachii Haqaan uume. Halkan guyyaa irratti mara, guyyaas halkan irratti mara. Aduu fi ji’as ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’ef ni deemu. Dhagayaa Inni Injifataa Araaramaadha.” Suuratu Az-Zumar 39:5

“Samiiwwanii fi dachii Haqaan uume.” Taphachuuf osoo hin ta’in haqaaf samii torbanii fi dachii uume. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

Samiiwwan, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran taphaaf hin uumne. Haqaan malee isaan lamaan hin uumne. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Suuratu Ad-Dukhaan 44:38-39

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii, dachii fi wantoota isaan jidduu jiran taphaaf hin uumne. Kan uumeef, dandeetti, beekumsaa fi Tokkichummaa Isaa agarsiisuuf, akka namoonni uumamtoota Isaatti xinxalluun Inni Khaaliqa guddaa akka ta’ee fi sifaata biroo guutuu qabaachu Isaa akka hubataniif. Kanaafu, Ibaadan (gabbarriin) Khaaliqaaf malee akka hin taane haa beekaniif.[1] Ammas kaayyoon guddaan wantoota kana itti uumeef, namoota qoruun dhumarratti Guyyaa Qiyaamaa nama gaarii hojjatee gaariin mindeessuf, nama badaa hojjate immoo adabuufi. Kaayyoowwan kanniin walitti cuunfun haala kanaan tarreessun ni danda’ama:

  1. Namoota qoruu (Qur’aana keessatti Suuratu Huud 11:7 ilaali)
  2. Sifaata Rabbii beekuu fi Isa qofa gabbaruu (Suuratu Ax-Xalaaq 65:12 fi Suuratu Az-Zaariyat 51:56)
  3. Ergasii jazaa (mindeessuu fi adabuuf)  

Kaayyoowwan gurguddoon armaan olii hundi akka sansalataa wal keessa seenu. Addunyaan tuni iddoo qormaatati. Qormaanni kuni gara Abbaa humnaatti akka fiigan nama taasisa. Kanaafu, Rabbii olta’aa akka gabbaran nama taasisa. Ammas, samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan keessa jiran sifaanni Rabbii guutuu akka ta’an agarsiisu. Namni ibaadaa sirnaan kan hojjatu yoo Rabbii isa uume beekedha. Karaan Isa itti beekan keessaa tokko uumamtootatti xinxalluudha. Kanaafu, qormaanni fi wantoota uumaman kanniinitti xinxalluun ibaadaa namarraa barbaadamu galmaan akka gahan nama taasisa.

Namni ibaadaa isarraa barbaadamu galmaan gahu ykn dhiisuu isaa Guyyaan itti beekkamuu fi jazaa itti argatu jiraachu qaba. Ta’uu baannan, namoota qoruun tapha ta’a. Kanaafu, nama waan gaarii hojjateef mindaa kafaluu fi nama badii hojjate adabuuf dirqama Guyyaan Qiyaamaa jiraachu qaba.  

“Halkan guyyaa irratti mara, guyyaas halkan irratti mara.
Dhuma guyyaatti, halkan guyyaa irratti marama, kanaafu suuta suutan halkan guyyaa haguuga. Guyyaanis dhuma halkanii irratti suutan suutan halkan irratti marama. Bakka isaatii guyyaan waan mul’atuuf.[2] (Yeroo fajriin (subiin) dhooyu guyyaan xiqqoo ta’uun mul’ata. Ergasii suutuma suuta dabaluun halkan irratti marama. Kanaafu, guyyaan mul’ate halkan ni dhokata.)

 “Aduu fi ji’as ni laaffise. Hunduu yeroo murtaa’ef ni deemu.
Faaydaa gabrootaatiif jecha Aduu fi ji’as laaffifamoo ajaja Isaatiin deeman taasise. Hundi isaaniitu (aduu fi jiiyni) hanga yeroo murtaa’e orbiiti (sarara) isaanii irra ni deemu. Yeroon murtaa’e kunis Guyyaa Qiyaamaati. Yommuu Qiyaamaan dhaabbattu, aduun ni maramti, jiiyni ifa dhaba. Haala kanaan adeemsi aduu, ji’aa, urjiilee fi pilaanetoota biroo ni dhaabbata. San booda daarul qaraar (ganda qubannaa) dhumaa keessatti uumamtoonni akka jiraataniif jireenya haarofti ni jalqabama. Gandi qubannaa dhumaa kuni takkaa Jannata takkaa immoo Jahannam ta’a.

 “Dhagayaa! Inni Injifataa Araaramaadha.” Yaa namoota dhagayaa! Xiyyeefannoo itti kennaa! Gooftaan keessan wanta aayah tana keessatti ibse Kan uume, yoo shirkii fi kufrii keessan itti fuftan humna waa hundaa moo’atuun isin irraa haaloo baafachuu irratti danda’aadha. Garuu yoo amantan, Isaaf harka kennitanii fi gara Isaatti deebitan wanta dabarsitaniif isiniif araarama.[3] Araaramuu jechuun badii haguugu (dhoksuu) fi adabbii malee namaaf irra darbuudha.[4] Namni badii kam irraayyu gara Rabbii olta’aa deebi’e, Rabbiin (subhaanahu) isaaf araarama. Kana jechuun badii isaa ni dhoksaaf, irra darbaaf.

(6)-Nafsee takka irraa isin uume. Ergasii ishii irraa cimdii ishii taasise. Beelladoota irraa cimdiwwan saddeet isiniif buuse. Garaa haawwan keessanii keessatti uumama [tokkoon] booda uumama [biraa] dukkana sadii keessatti isin uuma. Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha. Mootummaan kan Isaati. Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Kanaafu, akkamitti garagalfamtu ree?” Suuratu Az-Zumar 39:6

Yaa namoota! Rabbiin subhaanahu nafsee takka irraa isin uume. Nafseen takkattin tuni Aadami. “Ergasii ishii irraa cimdii ishii taasise.”  Kana jechuun Aadam irraa haadha manaa isaa “Hawwaa” uume. “Beelladoota irraa cimdiwwan saddeet isiniif buuse.” Kana jechuun beelladdoota irraa cimdii saddeet ajaja samii bu’uun isiniif uumee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta fedhe, “Ta’i” jechuun uuma. Ajajni kuni Isarraa gadi bu’a. Cimdiwwan ykn gosoonni beelladootaa kunniin suuratu Al-An’aam (144) keessatti dubbatame jira. Isaanis: hoolota cimdii (kormaa fi dhaltuu), re’oota cimdii (re’ee kormaa fi dhaltuu), gaala cimdii (kormaa fi dhalaa) fi horii cimdii (sa’aa fi qotilee).[5] (Azwaaj hiika “cimdiiwwan, gosoota” qaba. Kanaafu, asitti beelladonni dubbataman gosoota saddeeti: hoolaa korma, hoola dhaltuu, re’ee kormaa, re’ee dhaltuu, gaala kormaa, gaala dhaltuu, sa’a, qotiyyoo)

Uumama jalqabaa namaa erga kaase booda umama lammataa sanyiin namaa ittiin baay’attu fi itti fuftu ni kaase:
“Garaa haawwan keessanii keessatti uumama [tokkoon] booda uumama [biraa] dukkana sadii keessatti isin uuma.” Kana jechuun garaa haadha keessanii keessatti marsaa tokko irraa gara marsaa biraatti isin dabarsuun dukkana sadii keessatti isin uuma. Marsaaleen kunniin: copha dhangala’aa saalaa irraa gara dhiiga ititaa. Dhiiga ititaa irraa gara muraa fooni (mudgaa). Muraa fooni irraa gara lafee. Ergasii lafee foon uwwisuun qaamolee uuma. San booda nama guutuu gochuun uuma. Kanniin hunda dukkana sadii keessatti uuma. Dukkanni sadiin kunniin: dukkana garaa haadhaa, dukkana gadaamessaa fi dukkana obbaati daa’ima haguuguti. 

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dukkana sadan kanniin daa’imaaf eeggumsa godhe. Osoo xiyyi ifaa ulfa dhaqqabee silaa ni balleessaa ture. Garuu Rabbiin daa’ima dukkana sadii keessa godhe. Ergasii dugda daa’imaa gara garaa haadhatti naannesse, fuula isaa immoo gara dugda haadhatti naannesse. Kunis akka daa’imni wanta garaa haadhaatiin walitti bu’uun hin miidhamneefi. Dugdi daa’imaa jabaa waan ta’eef wanta garaa haadhatti bu’uun hangas mara hin miidhamu. Fuula gara dugda haadhatti garagalchuun immoo dugdi haadhaa cimaa waan ta’eef fuula daa’imaa miidhaa irraa eega.

Yommuu Rabbiin daa’ima kana baasu barbaadu, daa’ima mataa isaa gara jalaatti gochuun gadi garagalcha. Bahiinsa isaa salphaa akka ta’uuf mataan jalqaba ni baha. Osoo jalqaba lukaan kan bahu ta’ee silaa miidhaa fi balaa guddaatu uumama. Fakkeenyaaf, harka isaa lamaan keessaa harki tokko gama tokkootti rarra’uun miidhaan guddaan irra gahuu danda’a.

Wanti barbaachisaan: Dhugumatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa xiyyeefannoo fi kunuunsa guutuu nuuf godhe. Garaa haadha keenyaa keessatti fi yeroo achi keessaa baanu xiyyefannoo fi kunuunsa guddaa nuuf godhe. Kanaafi ni jedha:“Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha.” Gooftaa akkam tole![6]

Suni Rabbii Gooftaa keessan ta’eedha.” Kana jechuun Samiiwwanii fi dachii, wantoota isaan lamaan jidduu jiran, isinii fi abbooti keessan Kan uume Gooftaa keessanii. Wantoota kanniin hundarratti aangoo fi too’annaa guutuu qaba.[7] Yaa namoota hojii gurguddaa kanniin kan hojjate Gooftaa keessani. Sanamootaa fi wantoota isin gabbartan irraa kan mataa ofiitiif faayda hin finne, miidhas ofirraa hin deebisne, waan gaarii isiniif hin finne fi badii isin irraa hin deebisne kana hin hojjanne.[8]

Sanamni, taabonni fi wantoonni biroo namoonni Rabbii olta’aan alatti waaqefatan, samii fi dachii, ilma namaati fi beelladoota uumuu danda’uu? Gonkumaa hin danda’an. Kanaafu, isaan gabbaramu (waaqefatamu) hin qabanii jechuudha. Gabbaramu Kan qabu, samii fi dachii, wantoota isaan lamaan jidduu jiran, isinii fi beelladoota Kan uumee fi kanniin hunda keessatti aangoo fi too’anna guutuu Kan qabu Gooftaa keessan Allaah (Rabbii) dha. Kanaafi itti aanse ni jedha:  “Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru.” Kana jechuun Isaan ala gabbaramaan biraa jiraachuun hin malu (hin ta’u). Ibaadan Rabbiif malee wanta biraatiif hin ta’u. “Kanaafu, akkamitti garagalfamtu ree?” Kana jechuun yaa namoota akkamitti garagalfamuun Gooftaa samii, dachii fi isin uumee fi qananiisu gabbaruu dhiistanii wanta isin hin miinee fi hin fayyannee gabbaruuf (waaqefachuuf) deemtanii?[9]

“garagalfamtu ree?” jedhu garagalfamuu agarsiisa, sababni isaas, isaan ni garagalfaman. Fedhiin qullaan isaaniitii fi sheyxaanni [haqa irraa] isaan garagalchan.[10] Osoo gadi dhaabbatanii itti yaadanii fi sheyxaanaf fedhii qullaa hordofuu baatanii silaa haqa guddaa kana hubatanii hordofu. Haqni guddaan kuni: Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru). Kanaafu, namni fedhii qullaa fi sheyxaana hordofuun haqa guddaa kana irraa garagaluu hin qabu. Yoo Laa ilaah illallah’tti amanuu didee fi Rabbii olta’aa qofa gabbaruu dide, lubbuma ofii miidha. Kanaafi itti aanse ni jedha:

“Yoo kafartan, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo galateefattan, isiniif jaallata. Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan garuma Gooftaa keessaniiti. Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima. Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Suuratu Zumar 39:7
Ibsa aayah tanaa kutaa itti aanu keessatti In sha Allah ni ilaalla…


Kitaabban Tafsiiraa wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-fuula 606, Zaadul Masiir-Ibn Al-Jawzi- fuula 925, (Dabalataaf: Tafsiiru Ibn Kasiir 5/326)
[2] Mara’aariju tafakkuri-12/158
[3] Madda olii-160
[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 49, Ibn Useymiin
[5] Tafsiiru Qurxubii-18/250
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 58-59, Ibn Useymiin
[7] Tafsiiru Ibn Kasiir-6/440-441 [8] Tafsiiru Xabarii-20/167[9] Madda olii [10] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 61, Ibn Useymiin

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply