Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Ibsa aayah suuratu az-Zumar lakkoofsa 7 keessatti dhimmoota shan garmalee ijoo fi barbaachisoo ta’an ni ilaalla.

“Yoo kafartan, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu. Yoo galateefattan, isa isiniif jaallata. Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu. Ergasii deebiin keessan garuma Gooftaa keessaniiti. Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima. Dhugumatti, Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” Suuratu Az-Zumar 39:7

As keessatti dhimmoota ciccimoo gatii guddaa qabanii fi adeemsa namaa qajeelchan shantu jira. 
Dhimma 1ffaa Jechi Rabbii olta’aa ni agarsiisa:
“Yoo kafartan, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa.”

Namoonni baay’een “Gabbaramaan ibaadaa fi iimaana gabricha Isaa irraa faayda dhuunfaa argata” jechuun yaada sobaa yaadu.  Kanaafu, yaada sobaa kana deemsisuuf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa iimaanaa fi ibaadaa namootaa irraa dureessa akka ta’ee beeksisuun wanta barbaachisuudha. Suurah tana keessatti haala gabaaban namoota hunda akkana jechuun dubbisa: “Yoo kafartan, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa.” Kana jechuun Yaa namoota Rabbii Gooftaa keessan ta’etti amanuun keessan, Isaaf ajajamuun, ibaadaa irraa wanta Inni jaallatuun itti dhiyaachuun keessan mootummaa Isaa keessatti homaa hin dabaluuf. Yoo amanuu diddan, sifaata (amaloota) Isaa mormitan, qananii Isaa isin irra jiru waakkattanii fi haala itti fufaa ta’een Isa faallessitan, dhugumatti isin mootummaa Isaa irraa homaa hin hir’istan. Beekaa! Rabbiin Zaataa fi Sifaata Isaatiif isin irraa dureessa.

Dhugaa kanaan wal qabatee, iimaanni nama amanee, ajajamuun nama ajajamee, jaalala Gooftaa isaa argachuuf ibaadaan namni hojjatu hundi faaydaa fi fooyya’iinsa nafsee isaatiif qofa. Sababni isaas, jireenyaa qormaataa hojii gaariin erga xumuree booda jireenya lammataa keessatti Gooftaa isaa biratti mindaa bareedaa fi gammachuu abadii (zalaalamii) argata.

Ammas dhugaa kanaan wal qabatee, kufriin nama kafaree, badiin nama badii hojjatu, daangaa darbuun nama daangaa darbuu hundi faallaa faaydaa fi fooyya’iinsa nafsee isaati fi of miidhudha. Sababni isaas, jireenya qormaataa hojii badaan erga xumuree booda jireenya lammataa keessatti, Gooftaa isaa biratti, adabbii haqummaa irratti hundaa’e adabama, gammachuu dhabuu fi rakkoo abadiitu isaaf jira.

Rabbiin akkamitti gabroota Isaa irraa dureessa hin taanee, wanta fedhee uumuu fi wanta fedhe hojjachuu irratti danda’aa ta’ee osoo jiruu?

Dhimmi 2ffaa:Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu.
Dhugumatti Rabbiin azza wa jalla zaataa fi sifaata Isaatiin guutumaan guututti guutuu kan ta’eedha. Sifaanni Isaa guutuu waan ta’aniif kufrii, badii, waakkachuu, zulmii (cunqursaa, miidhaa), daangaa darbuu fi amaloota hir’uu fi kufan biroo ni jibba.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa iddoo qormaataa erga kaa’ee dandeetti haqaa fi soba, kheeyri fi sharrii, guutuu fi hir’uu hubachuu isaaniif kennee fi filannoo wanta fedhan ittiin filatan isaan keessatti erga uumee, gabroonni Isaa kufriidhaan akka ibsaman hin jaallatu. Kana irra, isaaniif jibba.

Inumaa wanta kufrii gadii kan akka badii gurguddaa fi amaloota hanquu ni jibba. Kana ilaalchise suuratu Israa keessatti wanti dhufe ni agarsiisa. Amaloota gaggaarii itti ajajee fi badii gurguddaa irraa dhoowwee erga tarreessee booda dhumarratti akkana jechuun ibse:

17:38

“Suni hundi badiin isaa Gooftaa kee biratti jibbamaa ta’eera.” Suuratu Al-Isra 17:38

Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa badii hunda isaatu ni jibba. Garboonnis badii kanaan filannoo ofiitiin akka ibsaman hin jaallatu.

Dhimma 3ffaa- “Yoo galateefattan, isa isiniif jaallata.” Kana jechuun Rabbii olta’aa aangoon Isaa guddate, Isatti amanuun, Isaaf harka kennuun, gadi jechuun, ajajamuu fi wanta Inni jibbuu dhiisuun Isa yoo galateefattan, dhugumatti Inni kana isiniif jaallata.

Mataan shukrii (galata galchuu): Iimaana (Rabbii olta’aatti fi wantoota Inni beeksisetti amanuu), Rabbiif harka kennuu fi gadi jechuudha. Ergasii wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisudha.

Akka lugaatti, hundeen hiika shukrii (galateefachuu)- tola kan namatti oolee hojii tokko hojjachuun ykn dhiisun wanta inni jaallatuun isaaf deebisuudha. Faarsu fi maqaa gaariin kaasun tarii galata keessa galuu danda’a. Garuu faarsu fi maqaa gaariin kaasuun wantoota bu’uuraa shukrii keessatti barbaadamu hunda of keessatti hin qabatu.

Dhimma 4ffaa: “Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu.” Qur’aana keessatti ibsi kana fakkaatu irra deddeebi’e dhufa. Suurah tana keessattis wanta dursee dhufe jabeessuu fi sirritti mirkaneessuuf ni dhufe. Kaayyoon kana irra deddeebi’uu fi jabeessuu yaada sobaa namoota baay’ee keessatti hidda qabate buqqisuu fi haaqufi. Yaanni kunis: “namoonni gaggaariin Gooftaa addunyaa hundaatti dhiyoo ta’an badii yakkamtootaa ni baadhatu. Haala kanaan adabbii jalaa nagaha ni bahu.” kan jedhuudha. Namoota sanyii Nabiyyootaa fi Ergamtootaa irraa ta’anii fi jaalala daangaa darbe jaallatan biratti yaanni sobaa kuni qooda guddaa qaba. Inuma yaanni kuni amantii dhiibbaa guddaa isaan irratti geessu ta’ee jira. Amantiin Kiristaanaa, “Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) cubbuu namootaa baadhata. Namoonni cubbuu hojjatan adabbii jalaa akka bahaniif nafsee ofii ajjeechaaf kenne.” Jedhu irratti dhaabbate. 

Kuni dhara iblisaati. Ibliisni (sheyxaanni) mala kanatti fayyadamee namoonni cubbuu fi badiitti akka taranii fi keessatti hafan barbaada. “Iyyasuus cubbuu keenya nurraa baadhatee jira, nuuf jedhee fannifamee ajjeefame.” jedhanii waan yaadaniif cubbuu fedhanitti taru. Gooftaan ilma Isaa tokkicha erguun cubbuu namoota irraa akka baadhatuuf ajjeefame jechuun kijibaa guddaa Rabbii olta’aa irratti odeessu. Kijiba isaan uuman irraa Rabbiin qulqullaa’e olta’e (subhaanahu wa ta’aalaa).

Jecha Rabbii olta’aa “Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu.” jedhu irraa wanta armaan gadii ni hubanna: nafseen ba’aa baadhattu kan dhimmi ishii ba’aa (badii) ofii hojjatte baadhachuu ta’e, ba’aa nafseen biraa hojjattee hin baadhattu.

Akka lugaatti “wizr” jechuun ba’aa ulfaata dha. Ba’aa ulfaataa keessaa tokko meeshaa lolaati.

Zanbii (badiitti) lixuu fi cubbuu hojjachuun wanta namni baadhatu keessaa ba’aa ulfaatan waan wal fakkaatuuf, jecha “wizr” jedhu “zanbii (badii)” namni filannoon hojjatu ibsuuf itti fayyadaman.

Kana booda ibsi aayah: “Ba’aa baadhattuun ba’aa biraa hin baadhattu.” Kana jechuun nafseen badii hojjattu badii nafsee biraa hin baadhattu. Badii hojjatteen malee badii nama biraatiin hin qabamtu. Namni hundu wanta hojjateen qabama.

Kanarraa ka’uun, Rabbii Injifataa ta’e biratti badii irraa gaafatamuun itti gaafatamummaa dhuunfaati (personal responsibility). Shakkii hin qabu, kuni wanta haqummaan Rabbii barbaachisuudha. Akkasumas, sammuun nagahaa taatee fi safartuun sirriin barbaachisuudha.

(Mee itti haa xinxallinu! Namni yakka hojjatee mana murtiitti yommuu dhiyaatu, yakka isaa namni biraa baadhachuu danda’aa? Haqummaan, namni yakka hojjate adabamuudha. Kanaafu, Rabbii olta’aa biratti namni cubbuu hojjate hundi cubbuu hojjateen qabama, cubbuu nama biraa hin baadhatu. Haala kanaan, yaanni kiristaanota, “Iyyasuus cubbuu keenya baadhata” jedhu soba ta’u ni hubanna.)

Dhimma 5ffaa“Ergasii deebiin keessan garuma Gooftaa keessaniiti. Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima. Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.”

Kana jechuun jireenyi qormaataa isin qoramuun keessa dabartan tuni erga xumuramtee boodaa Guyyaa Kaafamaa (Qiyaamaa) keessa Aakhiraa fi Guyyaa Murtii qunnamuuf ni kaafamtu. Guyyaa Murtii deebiin keessan gara qorannoo fi murtii Gooftaa keessaniiti. Yommuu isin iddoo murtii Isaa keessatti walitti qabamtan, isin qorachuuf, murtii dabarsuu fi mindaa kafaluuf jireenya qormaataa keessatti wanta hojjataa turtan isinitti beeksisa.

Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin hojii keessan irraa wanta qaamolee alaa irraa mul’atuun qofa waan isin qoratu isinitti hin fakkaatin. Kana irra, fedhii keessaniin wanta qalbii fi nafseen teessan hojjatteen isin qorata. Kan akka kufrii, niyyaa badaa, fedhii sharrii adeemsa namaa keessatti dhiibbaa fiduu, babal’innaa haqaa fi diinii Rabbii (Islaama) gargaaruu dhoowwu fi miidhuuf yaadan mala dhayuu, haqa fi jechi Rabbii olta’uu jibbuu fi kkf. Wanta qalbii fi nafseen hojjatte kanaan haqummaadhaan jazaa (adabbi) isiniif kafala. Faallaa kanaa immoo, namoota Rabbiin sodaatan, hojii gaggaarii baay’ee hojjatanii fi namoota ibaadaa miidhagsanii fi toltuu hojjatan, hojii Inni jaallatu qalbii fi nafseen isaanii hojjatteef mindaa guddaa kennaaf.[1]

Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti” kana jechuun dhugumatti Rabbiin iccitii dhokataa nafsee fi wanta qomni dhoksitu hunda Kan beekudha.[2] Wanta namni qalbii isaa keessatti dhoksee fi kuuse hunda ni beeka. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa “Innis wanta hojjataa turtan isinitti hima.” erga jedhee booda “Dhugumatti Inni beekaa wanta qoma keessa jiruuti.” jedhee dubbachuun, qorannoon Guyyaa Qiyaamaa wanta qalbii keessa jiru irratti akka ta’u akeeka. Akkuma suurah biraa keessatti jedhe:

Dhugumatti, Inni isa deebisuu irratti danda’aadha. Guyyaa iccitiiwwan qorataman” Suuratu Xaariq 86:8-9

Kana jechuun Rabbiin bishaan dadhabaa irraa nama uume du’aan booda isa deebisu irratti danda’aadha. Guyyaan namoota du’an deebisu kunis Guyyaa iccitiin namni dhokse hundi qoratamuu fi ifa bahuudha. Badaa fi gaariin addaan baafama. Ammas suurah biraa keessatti ni jedha:

Sila hin beeku yeroo wanti qabriiwwan keessa jiru baafame, wanti qoma keessa jirus ifatti baafame?” Suuratu Al-Aadiyah:9-10

Qorannoo fi jazaaf yommuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota du’an qabrii keessaa ol yaasu fi kheeyri ykn sharrii irraa wanti qoma keessatti dhokfame ifatti baafamu san, sila namni wanta isa eeggatu hin beekuu?[3]

Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaan wanta qalbii keessa jiru irra naanna’a. Addunyaa keessatti immoo wanta hojii gubbaa mul’atu irra naanna’a. Kanaafi, Nabiyyiin (SAW) akkuma Muslimoota keessumeessu munaafiqotas keessumeessa. Sababni isaas, munaafiqonni Islaama agarsiifataa turan. Nutis namoota wanta hojii isaanii irraa mul’atuun isaan qoranna. Iccitiiwwan isaanii Rabbiif dhiifna. Aakhiratti immoo qorannoon wanta qalbii keessa jiru irratti ta’a.

Kanaafi, namni fayyummaa qaamaa isaa dura fayyummaa qalbii isaatti xiyyeefannoo kennuu qaba. Sababni isaas, fayyummaan qaamaa namootatti kan garagaluu fi mul’atuudha. Garuu fayyummaan qalbii namaa fi Gooftaa isaa jidduutti kan ta’uudha.[4]


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkur wa daqaa’iq tadabbur-12/165-170
[2] Tafsiiru Muyassar-459
[3] Madda olii-600
[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 74, Ibn Useymiin

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa-3
Offline dubbisuf

Leave a Reply