Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 5

Kutaa kana keessatti amala namaa ajaa’ibaa Gooftaa isaa waliin qabu hima. Namni yommuu rakkatu, gara Gooftaa isaa deebi’uun garmalee kadhata. Garuu yommuu rakkoon isarraa ka’uu fi qananii argatu, Gooftaa isa ni dagata. Salaata, du’aayi ni dhiisa. Inuma, “Qananii kana mataa kiyyaan argadhe” jedhe of tuula. Ajaa’iba! Aayah itti aanu keessatti nama halkan salaatu fi hin salaanne, nama beekumsa qabuu fi hin qabne wal madaalchisa. Dhumarratti sodaa fi abdii ilaalchisee qabxiilee ijoo ni ilaalla.

“Yommuu nama rakkinni tuqu, gara Isaatti deebi’uun Gooftaa isaa kadhata. Ergasii yommuu qananii Isa irraa ta’e kennuuf, wanta duraan itti kadhataa ture dagatee karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif qixxaattota taasisa. “Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami. Dhugumatti ati warra ibiddaa irraayyi.” jedhiin.” Suuratu Az-Zumar 39:8

Namni yommuu balaan, rakkoo fi dhibeen isa tuqu, Gooftaa isaa yaadatee kadhata. Rakkoo isatti bu’ee akka isarraa kaasuuf Rabbitti warwaata. Ergasii yommuu Rabbiin subhaanahu kadhaa isaatiif deebii deebisee rakkoo isarraa kaasuu fi qananii isaaf kennu, rakkoo Rabbiin itti kadhataa turee ni dagata. Rakkoon homaatu akka isa hin tuqne godhee darba. Shirkii isaa itti fufa.[1]

“karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif qixxaattota taasisa.” Ibaadaa keessatti Rabbiif qixxaattota (equals) taasisa. Akkuma Rabbii olta’aa gabbaruu sanamoota kanniin gabbara. Akkuma Rabbiif silati seenu, sanamootaafis seena. Ofillee jallatee namoota biroos karaa Rabbii irraa jallisuuf akka kanatti Rabbii olta’aaf qixxaattotaa fi fakkaattota godha. Yommuu inni wanta biraa gabbaruun Rabbii olta’aaf qixxaattota taasisu, namoonni isa hordofuun karaa Rabbii irraa jallatu. Karaan Rabbii amantii Islaamati. Sababni isaas, Islaama Kan namootaaf karaa qajeelaa taasise Rabbii olta’aadha. Namni karaa kanarra deeme, karaan kuni Rabbiitti isa geessa.[3].

Ibsi biraa hima kanaa: Rabbiif qixxaattota taasisuu keessaa tokko namni kuni, “qananii kana beekumsa, dandeetti fi qarummaa kiyyanii fi sababoota qananii kanatti nama geessu haala gaariin hojjachuudhaan argadhe” jedhee odeessudha. “karaa Isaa irraa jallisuuf” kana jechuun namni kuni jallistoota ergaa sheyxaanaa baadhatan keessaa yoo ta’e, namoonni karaa Rabbii qajeelaa irraa warra bahan, jallatan, raata’an, karaalee badii, sharrii fi fasaada (balleessaa) keessatti badan akka ta’aniif Gooftaa isaaniitti amanuu irraa isaan garagalcha.[4] (Namni yommuu rakkoon isarraa deemu fi qananii argatu, “Ani qananii kana beekumsaa fi qarummaa kiyyaan argadhe” jedhee yommuu odeessu, Rabbii olta’aatti amanuu irraa namoota garagalcha. Namoonni qananii kana kan argate Rabbii olta’aa irraa osoo hin ta’in beekumsaa fi dandeetti isaatiin argate jedhanii yaadu. Kuni Rabbii olta’aa irraa garagaluun sababootatti akka rarra’an isaan taasisa.)

Namni kuni ergaa sheyxaana warra baadhatan keessaa yoo hin ta’in, inni addunyaa irraa fedhii nafsee isaa fi wanta ishiin barbaadu hordofa. Fedhii lubbuu hordofuu isaatiif karaa Rabbii irraa nafsee isaatiin jallataa ta’a. Karaalee badii, sharii fi fasaada (balleessaa) keessatti raata’aa fi kan baduu ta’a.

“Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami. Dhugumatti ati warra ibiddaa irraayyi.” jedhiin.
Kana jechuun: Nama kafare kanaan akkana jedhiin: mi’aa fi addunyaa kufriin kee siif laaffisu irraa wanta si gammachiisu fayyadama gabaaba du’a keetin xumuramu itti fayyadami, itti gammadi. Ergasii Guyyaa Murtii jazaa kufrii keetii azaaba garmalee nama gubu adabamuun adabbii garmalee cimaa ta’e baadhatta. Mushrikoota Rabbiif qixxaaxota godhan irraa yoo taate, dhugumatti ati warra ibiddaa yeroo hundaa achi keessa turan keessaayyi.[5]

Sila inni Aakhirah sodaachaa fi rahmata Gooftaa isaa kajeelaa yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa [Rabbiif] ajajamu [akka nama kana hin hojjanneeti?]. Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal qixxaatu?” Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” Suuratu Az-Zumar 39:9

“Sila inni Aakhirah sodaachaa fi rahmata Gooftaa isaa kajeelaa yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa [Rabbiif] ajajamu [akka nama kana hin hojjanneeti?].”
Sila namni sababa dogongora isaatiif adabbii Aakhiraa sodaachaa fi rahmata Gooftaa isaa kajeelaa yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa Rabbiif ajajamu akka nama kana hin hojjanneeti? Jecha gabaaban, namni halkan sujuudaa fi dhaabbataa Rabbiif ajajamuu akka nama kaafiraa fi badii hojjatuuti?

Namni yeroo halkanii sujuudaa fi dhaabbataa bulu, adabbi Aakhirah sodaachuu fi rahmata Rabbii kajeeluun Gooftaa isaa araarama kadhachuu fi hojii gaggaarii baay’isa. Balaa gara fuunduraatti isatti dhufu irraa akka isa eeguu fi qananii guddaa (Jannata) akka isa seensisu ni kajeela. Namni kaafirri ykn namni badii hojjatu immoo halkan isaa badii, cubbuu fi ma’asiyaa adabbii cimaatti isa geessu hojjachuun dabarsa. Yookiin immoo halkan irraa yeroo murtaa’e salaatu osoo danda’uu yeroo halkanii guutuu hirriba rafuun ykn taphachuun dabarsa. Kanaafu namoonni lamaan kunniin wal-qixa ta’uu? Deebin isaa, xinxalli guddaa osoo hin barbaachisin, “Wal hin qixxaa’an” ta’a.

Jedhi, “Sila isaan beekanii fi isaan hin beekne wal qixxaatu?” Kana jechuun namoonni Gooftaa isaaniitii fi amantii isaanii haqaa beekanii fi namoonni kana irraa homaa hin beekne wal qixxaatuu? Deebiin isaa: Ifaan ifatti wal hin qixxaa’an.

 “Dhugumatti kan gorfamu warra sammuu qaban qofa.” Kana jechuun ragaalee Rabbii ilaale kan ittiin gorfamuu fi itti xinxallu warra sammuu qaban qofa. Asitti sammuun-aqlii waa hubatuu fi waan badaa irraa nama dhoowwudha. Kanaafu, warri aqlii qabu kuni wanta gadi aanu caalaa wanta ol’aanu filatu, wallaalummaa caalaa beekumsa, Rabbiin faalleessu caalaa Isaaf ajajamuu filatu. Sababni isaas, isaan sammuu dhuma wantootaa ilaalutti isaan qajeelchutu qabu. Faallaa kanaa, namni aqlii akkanaa hin qabne fedhii qullaa gabbaramaa godhata.[6]

Barnoota aayah tana irraa baratamu:
1-Namni yeroo halkanii hanga danda’u Rabbii olta’aa gabbaruuf sujuudaa fi dhabbataa buluu fi namni Rabbii olta’aa irraa fagaatee badii hojjatu wal qixaa miti.
2-Salaanni halkanii sadarkaa guddaa qabaachu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Salaata Fardii (dirqamaa) booda salaanni hundarra caalu salaataa halkaniiti.” Sahiih Muslim 1163
3-Namni adeemsa isaa gara Rabbii olta’aa fi Aakhiratti godhu keessatti sodaa fi abdii ykn kajeellaa bakka tokkotti kan qabaate ta’uun isarra jira. Ragaan kanaa: “inni Aakhirah sodaachaa fi rahmata Gooftaa isaa kajeelaa”

Garuu sodaa fi abdiin wal qixa ta’uu qabuu moo sodaan ykn abdiin caalu qabaa? Kana ilaalchisee namoonni imala isaanii gara Aakhirah godhan yaada garagaraa qabu. Isaan keessaa kan akkana jedhutu jira: Abdii fi sodaan isaa akka koola allaatti wal-qixxaa’u qaba. Allaattin koolli tokko yoo hafe, balali’uu hin dandeessu.

Imaamu Ahmad (rahimahullahu) ni jedha: Sodaa fi abdiin isaa tokko ta’uu (wal qixxaa’u) qabu. Isaan lamaan keessaa tokko yoo caalchise, abbichi bade. Sababni isaas, sodaan yoo caalee, abdii kutuutti isa seensisa. Yoo abdachuun caalee immoo tooftaa Rabbii irraa nageenyi isatti akka dhagahamu isa taasisa.

Ammas beektonni biroo akkana jedhu: yeroo hojii gaarii hojjatu abdii haa caalchisu. Yommuu Rabbii olta’aaf ajajamuun hojii gaarii hojjatu, hojiin isaa deebifamuu caalaa fudhatama argachuu haa caalchisu (akka fudhatama argatu haa abdatu). Ma’asiyaa hojjachu keessatti immoo akka badiitti hin kufneef wanti filatamaan sodaa caalchisuudha. (Namni yommuu nafseen isaa badii hojjachuu feete, akka badiitti hin kufneef adabbiin sodaachisutu caala.)

Ammas beektonni biroo akkana jedhu: yeroo dhibee abdii caalchisuu, yeroo fayyaa immoo sodaa caalchisuutu caala jedhu. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana waan jedhaniif: “Isin keessaa eenyullee hin du’in Rabbiin ilaalchisee yaada (zanni) kan bareechisu yoo ta’e malee.” Sahiih Muslim 2788 (Rabbiin ilaalchisee yaada (zanni) bareechisuu jechuun akka isaaf rahmata godhuu fi badii isaa isaaf irra darbuu yaadudha[7] ykn abdachuudha.)

Osoo namni akkana jedhe, [gaarii hin ta’u?]: sodaa fi abdachuun gara nafsee namaatti deebi’a. Namni ogeessa fayyaa nafsee isaati. Nafseen isaa gara badiitti maquu fi hojjachuuf fedhii cimaa tan qabaattu ta’uu yoo argee, hanga badii irraa deebi’uutti adabbii cimaan haa sodaachisu. Yoo Rabbiif ajajamuuf humna cimaa qabaachu fi itti fufuu argee immoo hanga waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada (zanni) bareechisutti abdii haa caalchisu. Gabaabumatti kuni haala namaa irratti hundaa’a. Namni yeroo garii sodaa caalchisa, yeroo garii abdi caalchisa.[8]  


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-458, Tafsiiru Sa’dii-846-847
[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 85, Ibn Useymiin, Tafsiiru Sa’dii-847
[4] Ma’aariju tafakkuri-12/171-172
[5] Madda olii
[6] Tafsiiru Sa’dii-847, tafsiiru Xabarii-20/178
[7] Sharih sahiih muslim-17/210
[8] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 107-109, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 4

Leave a Reply