Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 6

Offline dubbisuf

Erga Rabbii olta’aa fi wanta Isarraa dhufetti haala sirrii ta’een amananii booda toltu hojjachuu fi obsuun addunyaa fi Aakhiratti mindaa guddaa argamsiisa. Namni hundarra jireenya tana keessatti tasgabbii fi gammachuu qabu nama toltuu hojjatuu fi obsa qabuudha. Sababni isaas, toltuu hojjachuun toltuu fida. Tasgabbii fi gammachuun toltuu irraayyi miti ree? Obsi immoo hojii gaarii akka itti fufan, hojii badaa irraa akka of qabanii fi yeroo rakkoo akka hin dallanne humna namaaf ta’a. Mee har’a suuratu Az-Zumar irraa waa’ee toltuu hojjachuu fi obsaa haa ilaallu. Barreefamni mataan isaa waa’ee obsaa waan ta’ef yoo dheeratellee akka obsitan isin affeerra.

39:10

Jedhi, “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa. Addunyaa tana keessatti warra toltuu hojjataniif toltuutu jira. Dachiin Rabbii bal’oodha. Warri obsan lakkoofsa malee mindaan isaanii isaaniif kennama.” Suuratu Az-Zumar 39:10

Jedhi, “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa…”
Kana jechuun: Yaa Rasuula ykn yaa nama namoota gara waan gaariitti qajeelchu fi gorsu! Mu’mintoota dhugaan amananiin akkaan jedhiin: Gooftaan keessan akkana jechuun isaan waama: “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa.” Kana jechuun Gooftaa keessan isin uume, isin too’atu, qananiisu fi dhimmoota keessan qindeessu sodaadhaa. Rabbiin sodaachu (taqwaa) jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe irraa fagaachun azaaba (adabbii) Isaa irraa eeggumsa godhachuudha. Kanaafu, yaa warra amantan wanta itti ajajamtan hojjachuu fi wanta irraa dhoowwamtan dhiisun Rabbiin sodaadhaa.

“Addunyaa tana keessatti warra toltuu hojjataniif toltuutu jira.”
Ihsaan (toltu hojjachuun) Rabbiin gabbaruu keessattii fi gabroota Rabbiitti tola oolu of keessatti qabata. Rabbiin gabbaruu keessatti toltu hojjachuun hadiisa Nabiyyiitiin (SAW) ibsuu dandeenya: [Ihsaan] jechuun akka waan Isa argituutti Rabbiin gabbaruudha. Yoo Isa kan hin argine taateyyu, dhugumatti Inni si arga.” Sahiih Muslim 9

Namni akka waan Isa arguutti Gooftaa isaa yoo gabbaree, ibaadaa dhugaa Isa gabbara. Sababni isaas, akka waan Rabbiin arguutti Rabbiin gabbara. Kuni ibaadaa akka bareechisuu, qulqullinnaan hojjatuu fi ikhlaasa qabaatu isa taasisa.

Gabroota Rabbiitti tola oolun immoo qabeenyaan, qaaman, beekumsaan fi kkf nin ta’a. Fakkeenyaaf, nama rakkataa qabeenyaan yoo gargaarte, nama dadhabaa mi’a isaaf yoo baadhatte ykn baachifte fi kanneen biroo tola ooludha. Gabroota Rabbii keessaa namoonni jalqaba tola oolufi qaban, haadhaa abbaadha. Kanaafi Qur’aana keessatti, akkana jechuun ajaja:

Gooftaan kee Isa malee homaa akka hin gabbarree fi haadhaa abbaatti tola ooluu murteesse” Suuratu Al-Israa 17:23

Gabroota Rabbiitti tola ooluun akaaku baay’ee qaba. Hayyoonni gariin akkana jechuun namootatti tola oolu ibsan: azaa (rakkisuu) dhiisu, waan gaarii baasuu fi fuula diriirsudha. Namoota rakkisuu irraa of qusachuun ihsaana (tola hojjachuudha). Sababni isaas, namni namoota rakkisuu hin dhiisne tola hin hojjanne. Waan gaarii baasun waan gaarii hojjachuudha. Fuula diriirsuun immoo namoota fuula guurun qunnamu osoo hin ta’in fuula ifaa fi bashaashatin isaan qunnamuudha.

Kanaafu, ihsaanni (toltu hojjachuun)- Rabbiin gabbaruu keessatti toltu hojjachuu fi gabroota Rabbiitti tola ooludha.[1] Kana booda ibsi: “Addunyaa tana keessatti warra toltuu hojjataniif toltuutu jira.” kana jechuun, namoonni Gooftaa isaanii gabbaruu fi Isaaf ajajamuun toltuu hojjatanii fi gabroota Rabbiitiif tola oolan, addunyaa fi Aakhiratti toltuutu isaaniif jira. Addunyaa keessatti toltuun isaaniif jiru, rizqii, tasgabbii, fayyaa, gargaarsa fi kkf. Aakhiratti immoo Jannata qananiin guuttamteedha.[2]

“Dachiin Rabbii bal’oodha.”
Makkaan keessatti Muslimoonni marsaa jalqabaa irratti hoggantoota mushrikoota Makkaatin hacuuccaan guddaan isaan irra gahaa ture. Tarii kufrii irratti isaan dirqisiisuu ykn amanti isaanii haala bilisaatin gaggeessu irraa ni dhoowwu. Kanaafu, Rabbiin azza wa jalla Nabiyyii fi mu’mintoonni gara bakka amanti isaanii sirnaa fi bilisaan itti gaggeessanitti akka godaanan ajaje. Kanaafi, akkana jedhe: “Dachiin Rabbii bal’oodha.” Kana jechuun dachiin Rabbii bal’oodha, kanaafu dachii keessatti bakka Gooftaa keessan itti gabbartanii fi amanti keessan itti gaggeessu dandeessanitti godaanaa.[3]

Namni bakka tokkotti amanti ofii gaggeessu yoo dadhabe bakka biraatti deemun amanti isaa gaggeessu danda’a. Karaa keessattii fi bakka itti deemutti rakkoon yoo isa qunnamee fi Rabbii olta’aaf jedhe obse, mindaa guddaa daangaa hin qabne akka argatu haa yaadatu. Kanaafi itti aanse akkana jedha: “Warri obsan lakkoofsa malee mindaan isaanii isaaniif kennama.”

Obsi gosoota sadii qaba:
1-Rabbiif ajajamu irratti obsuu
2-Rabbiin faallessuu irraa obsuu-hojii badaa hojjachuu irraa of qabuu
3-Murtii Rabbii irratti obsuu- kan akka balaa, rakkoo fi kkf irratti obsuu

Kanniin keessaa obsii hundaa caalu Rabbiif ajajamu irratti obsuudha. Itti aanse Rabbiin faallessu irraa obsu. San booda murtii Isaa irratti obsuu.

Rabbiif ajajamu irratti obsuu jechuun wanta Rabbiin olta’aan itti ajaje hojjachuu fi bakkaan gahuu itti fufuudha. Rabbiin faallessu irraa obsuu jechuun qalbiin, arrabaa fi qaaman hojii Rabbiin olta’aan dhoowwe hojjachuu irraa of qabuudha. Fakkeenyaf, kufrii, shirkii, nifaaqa hojii qalbiin wal qabatan waan ta’aniif irraa of qusachuu barbaachisa. Hojii badaa arrabaa fi qaamaniis irraa of eegu barbaachisa. Murtii Rabbii irratti obsuun immoo yommuu balaa fi rakkoon nama tuqu, dallanuu dhiisu fi wanta hin hayyamamne hojjachuu irraa fagaachudha.

Kanaafu, namoonni gosoota obsaa sadan kana qaban, Aakhiratti mindaan isaaniif kennamu daangaa hin qabu. Lakkoofsaa fi safara malee isaaniif kennama. Kuni hundi sadarkaa fi bakka sabriin (obsii) Rabbiin biratti qabu agarsiisa.[4]

“Jedhi, ‘Dhugumatti, ani amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin akka gabbaru ajajame. Jalqaba Muslimootaas akka ta’u ajajame.’ Jedhi, ‘Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa nan sodaadha.’” Suuratu Az-Zumar 39:11-13

Jedhi, ‘Dhugumatti, ani amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin akka gabbaru ajajame.” Kana jechuun yaa Rasuula namootaan akkana jedhi: Rabbiin anaa fi namoota na hordofan ibaadaa Isa tokkichaaf qulqulleessutti ajaje.[5]

Ibaadan hiika lamaaf itti fayyadaman:
Hiikni 1ffaan: Rabbiif gadi jechuu fi of xiqqeessudha- kuni sochii gabrichaati.
Hiikni 2ffaan: wanta ittiin gabbaran- kuni hojii ibaadaati. Hiikni sheykhul Islaam ibn Taymiyah ibaadaaf kenne hiika kana irratti ta’a: “Ibaadaan dubbii fi hojiwwan keessaa fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduu hundaaf maqaa wali galaati. Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dhugaa dubbachuun… fi kkf ibaadaa irraayyi.”[6]

Mataan ibaadaa du’aayi dha.  Ibaadaan Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.
Amantii keessatti Rabbiif hojii qulqulleessu jechuun hojii amanti hunda shirkii, riyaa (na argaa) fi makaa isaan lamaanii irraa qulqulluu gochuudha. Akka lugaatti ni jedhama: Akhlasa shay’a-kana jechuun wanta tokko makoo irraa qulqullesse, dhinbiibee.

Hojiin namni hojjatu shirkii irraa kan qulqullaa’e fi dhinbibamee ta’uu qaba. Yoo shirkiin itti makame, hojii san ni balleessa. Hadiisa Qudsi Muslim gabaase keessatti Rabbiin azza wa jalla ni jedha:

أَنَا أَغْنَى الشُّرَكَاءِ عَنِ الشِّرْكِ مَنْ عَمِلَ عَمَلاً أَشْرَكَ فِيهِ مَعِي غَيْرِي تَرَكْتُهُ وَشِرْكَهُ ‏“‏.‏”
“Ani sharikoota hunda caalaa shirkii irraa dureessa. Namni Anaan ala waan biraa Natti qindeessee hojii tokko hojjate, isaa fi shirkii isaa dhiise. ” Sahiih Muslim 2985

Kana jechuun, Anaan ala wanti jiru Na waliin hirmaachu irraa Ani Dureessa. (Ani Tokkicha hirmaannaa hin barbaannedha.) Namni hojii tokko Anaa fi kan biraatiif hojjate, hojii kana isarraa hin fuudhu. Kana irra, kan biraa kanaaf dhiisa. Wanti barbaadame, hojiin nama “na argaaf” hojjatuu baaxila (ni bada), mindaan keessa hin jiru. Sababa kanaanis nama dilii (cubbuu) hojjate ta’a.[*]

Diini-jechuun ajajamuu fi masakamuudha. Ni jedhama: “daana nafsahu” kana jechuun nafsee ofii gadi xiqqeesse, akka ajajamtu godhe. Jechi “diin” jedhu hiika jazaas ni qaba. Kana irraa kan ka’e Guyyaan Qiyaamaa “Yawmu diin” jedhame.[7] Guyyaa Murtii jazaa itti argatan.

“Jalqaba Muslimootaas akka ta’u ajajame.”  Kana jechuun: Yaa Rasuula (Yaa Ergamaa) akkana isaaniin jedhi : ani gara Gooftaa isaanitti namoota kan waamuu fi qajeelchu waan ta’eef ani nama jalqabaa wanta itti ajaju hojjatuu fi nama jalqabaa Rabbiif harka kennuudha.[8] 
Muslim jechuun wanta Rabbiin itti ajajee hojjachuu fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisun nama ajajamuu fi masakamuudha.[9]

Jedhi, ‘Gooftaa kiyya yoo faallesse, dhugumatti adabbii Guyyaa Guddaa nan sodaadha.’
Kana jechuun: Namootaan akkana jedhi yaa Rasuula: Rabbii kiyya faallessuun wantoota Isaa gadii yoo gabbare yookiin wanta hojjachuu qabu dhiisuun yoo Isa faallesse yookiin wanta dhiisu qabu hojjachuun yoo Isa faallesse, adabbii Guyyaa Guddaa du’aa fi kaafamu booda dhufun sodaadha. Guyyaan Guddaan kuni Guyyaa Qiyaamaati.[10] Ma’asiyaan (faallessuun) dhimma lamaan ta’a: Takkaa wanta itti ajajaman dhiisu takkaa immoo wanta irraa dhoowwaman hojjachuudha.[11] Guyyaan Qiyaamaa Guyyaa garmalee ulfaataa ta’e fi adabbiin itti cimu waan ta’eef Guyyaa Guddaadha. Namni Guyyaa Guddaa kana keessa nagaha kan itti ta’u, yoo wanta Rabbiin itti ajaje hojjatee fi wanta Inni irraa dhoowwe dhiisedha. Wanti guddaan Rabbiin olta’aan itti ajaje Isa qofa gabbaruudha. Wanti guddaan irraa dhoowwe immoo shirkiidha. Kanaafi, itti aanse ni jedha:
“Jedhi, ‘Amanti kiyya Isaaf qulqulleessuun Rabbuma qofa gabbara. Isaa gadiitti wanta feetan gabbaraa.’ Jedhi, “Dhugumatti kasaartonni kanneen ofii fi maatii isaanii Guyyaa Qiyaamaa kasaaraniidha. Dhugumatti! Suni isumatu kasaaraa ifa bahe.” Suuratu Az-Zumar 39:14-15
In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ibsa aayah tanaa itti fufna…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 112-113, Ibn Useymiin [2] Tafsiiru muyassar-459[3] Madda olii, ma’aariju tafakkuri-12/178[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 116-117, Ibn Useymiin, Tafsiiru Sa’dii-847[5] Tafsiiru Muyassar-460[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 121, Ibn Useymiin[7] Ma’aariju tafakkuri-12/182[8] Tafsiiru Sa’dii-847[9] Ma’aariju tafakkuri-12/182[10] Madda olii[11] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 129
[*] Islamweb.net, Shariih Sahiih Muslim 18/116, Imaamu Nawawi

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 7
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 5
Offline dubbisuf

Leave a Reply