Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 7

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti adabbii namoota Rabbii tokkicha gabbaruu didanii fi badhaasa namoota Isa qofa gabbaranii ibsa.

“Jedhi, ‘Amanti kiyya Isaaf qulqulleessuun Rabbuma qofa gabbara. Isaa gadiitti wanta feetan gabbaraa.’ Jedhi, “Dhugumatti kasaartonni kanneen ofii fi maatii isaanii Guyyaa Qiyaamaa kasaaraniidha. Dhugumatti! Suni isumatu kasaaraa ifa bahe.” Suuratu Az-Zumar 39:14-15

Jedhi, “Dhugumatti ani ibaadaa fi ajajamu kiyya Isaaf qulqulleessuun Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbara. Yaa warra Rabbii gaditti wanta biraa gabbartan (waaqefattan)! Sanamoota, taabota fi uumamtoota biroo irraa wanta feetan gabbaraa. Yommuu Gooftaa keessan qunnamtan Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaraa turtan kanaaf adabbii isinitti dhufu ni argitu.” Kuni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti ajaju osoo hin ta’in akeekachisaa fi sodaachisa cimaa ta’eedha. Nama si mormee fi ajaja kee faallesse itti dhaadachuu fi akeekachiisuuf jecha, “Wanta feete hojjadhu, ni argattaa waagaa kee!” jettaani miti ree? Kanaafi aayah armaan olii keessatti namoota Rabbiin ala waan biraa gabbaran akeekachisuuf itti aanse ni jedha: “Dhugumatti kasaartonni kanneen ofii fi maatii isaanii Guyyaa Qiyaamaa kasaaraniidha.” Dhugumatti, warri haqaan kasaaran warra Guyyaa Qiyaamaa nafsee ofiitii fi maatii ofii kasaaraniidha.

Kasaaruun faallaa bu’aa buufachuuti. Namni daldala keessatti maallaqa haadhoo gadi yoo argatee ykn guutumatti maallaqa yoo dhabe kasaare jedhama. Dhugumatti, kasaaraan guddaa fi dhugaan, maallaqa miliyoonatti lakkaawamu dhabuu osoo hin ta’in Aakhiratti nafsee ofiitii fi maatii ofii kasaaruudha. Nafsee ofii kasaaru jechuun Jannata dhabuun azaaba (adabbii) cimaa keessatti zalaalamiif akka gubataniif sababa ta’uudha. Kasaaru jechuun wanta tokko dhabuu, balleessudha. Kanaafu, namoonni kunniin Jannata dhabuun nafsee ofii ibidda keessatti waa balleessaniif kasaaranii jiru.

Maatii ofii kasaaruun immoo Aakhiratti maatii isaanii ni dhabu. Isaanii fi maatiin isaanii bakka tokkotti walitti hin dhufan. Maatiin isaanii warra Jannataa yoo ta’an, isaaniin wal hin qunnaman. Maatiin isaanii kaafiroota yoo ta’anis Jahannam keessatti wal hin qunnaman. Kanaafu, Aakhiratti maatii isaanii ni dhabuu jechuudha. Maatiin isaan itti booharan isaaniif hin jiru.

Osoo isaanii fi sanyiin isaanii warra amanan ta’anii, silaa akka Rabbiin olta’aan jedhe ta’uu turan:

52:21

“Warra amananii fi sanyiin isaanii iimaanan isaan hordofan, sanyii isaanii isaanitti dhaqqabsiifna. Hojii isaanii irraa homaa hin hir’isnu. Namni hunduu waan hojjateen qabamaadha.” Suuratu Xuur 52:21

Namoonni dhugaan amananii fi ijoolleen isaanii akkuma warraa amanuun isaan hordofan, Rabbiin Jannata keessatti wal qunnamsiisa. Kunis, akka isaan sanyii isaanitti gammadanii fi booharaniifi. Faallaa kanaa, namoonni Jahannamin seenan maatii isaanii ni dhabu. Isaaniin wal qunnamanii hin booharan.

Dhugumatti! Suni isumatu kasaaraa ifa bahe.” Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa mushrikoonni kunniin nafsee ofiitii fi maatii isaanii kasaaruun kasaaraa ifa baheedha.[1] Itti aanse adabbi isaan qunnamu dubbata:

39:16

“Gubbaa isaanitii haguuggi ibiddaatu isaaniif jira, jala isaanitiis haguuggi [ibiddaatu] jira. Suni wanta Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisuudha. Yaa gabroota Kiyya! Kanaafu Ana sodaadhaa.” Suuratu Az-Zumar 39:16

Warroonni kasaaran kunniin Guyyaa Qiyaamaa Jahannam keessatti ibidda irraa cittuu azaabaa (adabbii) akka duumessa guddaa ta’etu gubbaa jalaan isaan haguuga. Akka Isa eeggataniif Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa azaaba ibsame kanaan gabrootaa Isaa sodaachisa. “Suni wanta Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisuudha.” Azaaba irraa wanta warra jallinnaatiif qopheesse lallabaa gabroota Isaa gara taqwaatti waamuu fi wanta azaabatti nama geessu irraa ittisaa taasise. (Adabbiin cimaan kaafirootaaf qopheesse kuni gabroota Rabbii gara Isa sodaachuutti kan waamuu fi wanta adabbiitti nama geessu hojjachuu irraa kan isaan ittisuudha. Namni adabbiin cimaan gara fuunduraatti akka dhufu yoo beeke, wanta itti ajajame ni hojjata, wanta irraa dhoowwame ni dhiisa.)

“Yaa gabroota Kiyya! Kanaafu, Ana sodaadhaa.” Yaa gabroota Kiyya azaabni (adabbiin) warra kafaraniif qophaa’e cimaa ta’uu erga beektanii ajaja Kiyyatti buluu fi wanta Ani dhoowwe irraa fagaachuun Ana sodaadhaa.[2] Namoonni haala kanaan wanta itti ajajaman hojjatanii fi wanta irraa dhoowwaman dhiisan addunyaa fi Aakhiratti gammachuu guddaatu isaaniif jira. Itti aanse waa’ee namoota kanniinii dubbata: 

Warri xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an, isaaniif oduu gammachiisatu jira. Gabroota Kiyya gammachiisi. Isaan warra jecha dhageefatanii hundarra gaarii kan ta’e hordofaniidha. Isaan sun warra Rabbiin qajeelchedha. Isaan sun isaanumatu warra aqliiti.” Suuratu Az-Zumar 39:17-18

Xaaghuutni wantoota sobaan Rabbii gadiitti gabbaramaniidha. Kanneen akka sheyxaanaa, sanamaa, taabotaa, raagdu, nama sihrii hojjatu of keessatti hammata.

Kana booda, “Warri xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an” kana jechuun namoonni sheyxaanaaf ajajamuu fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa fagaatanii fi Isa gabbaruu fi amanti Isaaf qulqulleessuun gara Rabbii deebi’an, “isaaniif oduu gammachiisatu jira.”[3]

Oduun gammachiisaan mu’mintoonni xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an argatan:
1-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warroota amananii fi hojii gaarii hojjatan Jannata waadaa galeefi jira. Kanaafu, kuni isaaniif oduu gammachiisadha.
2-Warri amanan (mu’mintoonni) yeroo du’an oduu isaan gammachiisu ni argatu. Kunis, yommuu namni mu’minaa (dhugaan amane) du’u, Jannata keessatti iddoon qubannaa isaa isatti mul’ifama. Kanaafu, Rabbiin qunnamuuf jaallata. Rabbiinis isa qunnamuuf jaallata.
3-Du’aan booda yommuu kaafaman oduu gammachiisaa ni argatu. Kunis yommuu galmee hojii harka mirgaatin fudhataniidha. Galmee hojii harka mirgaatin fudhachuun isaan warra Jannata ta’uu isaanitti beeksiisa. Kanaafu, kuni oduu gammachiisadha. Ammas, Malaykoonnis, “Jannata waadaa galamaa turtaniin gammadaa” jechuun oduu gammachiisaa isaanitti beeksisu.
4-Jireenya addunyaa keessatti abjuu gaarii arguun oduun gammachiisan isaaniif ta’a. Fakkeenyaaf, abjuun qananii keessa ta’uu arguu.
5-Ammas oduu gammachiisaa irraa hojii gaarii hojjachuuf waffaqamu (milkaa’u)- hojii gaarii ikhlaasaa fi Nabiyyii (SAW) hordofuu irratti hundaa’e hojjachuu irratti Rabbiin si dandeesisuu fi waffaqu yoo argite, kuni oduu gammachiisaa irraayyi. Kana fi kanneen biroo oduu gammachiisa mu’mintoonni argataniidha.[4]

“Gabroota Kiyya gammachiisi.” Kana jechuun Yaa Rasuula gabroota Kiyya kanniin Guyyaa Murtii Jannata qananii keessatti gammachuu zalaalamitiin gammachiisi.

Rabbiin azza wa jalla amaloota namoota gammachiifaman kanniini keessaa tokko ni dubbate. Isaan warra dubbii dhageefachuun sammuu isaanii waa hubattuun dubbii addaan baasuun isa keessaa hundarra gaarii kan ta’e hordofaniidha: “Isaan warra jecha dhageefatanii hundarra gaarii kan ta’e hordofaniidha.”

Isaan warra jecha Rabbii kan ta’e Qur’aana dhageefatan. Akkasumas, dubbii Nabiyyii (SAW) fi dubbii warra gara haqaatti namoota waaman (daa’iwanii fi sheekkotaa) ni dhageefatu. Ammas, dubbii keessaa kamiin filachuu akka qabanii fi dhiisu akka qaban addaan baasuuf gosoota dubbii biroos ni dhageefatu. Ergasii, dubbii dhageefatan kanniin wal madaalchisu. Tarii yeroo garii dubbiin faayafamaan warra karaa irraa nama jallisanii isaan gowwoomsu danda’a. Garuu dafanii yoo wanta diinii Rabbii keessatti dhufeen wal bira qabanii fi manasxirii haqaatiin ilaalan, wanti diinii Rabbii keessatti dhufe hundarra gaarii akka ta’e ni argu.

Isaan jalqaba irratti jecha dhageefachuu hin didan. Garuu dhageefatanii wanta sobaa fi faaydi hin qabne achi gatu. Wanti sobaa kuni hundee kaafronni jireenya isaanii irratti ijaarrataniidha. Ergasii, qorannoo fi xinxalliin murtiiwwan amantii Rabbiin gabroota Isaatiif kaa’e keessatti dhufan murtiwwan hunda caalaa gaarii fi bareedaa akka ta’e ni argu.

Kanarraa ka’uun isaan jecha dhageefachuun jecha hundarra gaarii fi bareedaa ta’e hordofu. Kana jechuun jecha soba ta’uu argan achi gatu. Jecha hundarra gaarii ta’uu argan immoo ni hordofu. Yeroo kanatti, amantii Rabbiin gabrootaaf kaa’e itti buluu isaanii of argu.[5] Jechi ykn dubbiin hundarra gaariin maali jedhame yoo gaafatame, deebiin isaa suurama tana keessatti dhufee jira. “Rabbiin dubbii hundarra gaarii ta’e Kitaaba wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u buusee jira.” Suuratu Az-Zumar 39:23 (Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dubbii hundarra gaarii fi bareedaa ta’e buuse. Dubbiin kunis Qur’aana guddaa kana. Ibsa guutuu aaya tanaa bakka ishiitti ni ilaalla.) Kanaafu, gabroonni Rabbii kunniin Qur’aanaa fi dubbii Nabiyyii (SAW) dhageefachuun ni hordofu. Wanta Qur’aanaa fi dubbii Nabiyyii (SAW) faallessu immoo achi gatu.

Isaan sun warra Rabbiin qajeelchedha. Isaan sun isaanumatu warra aqliiti.”
Asitti “Isaan suni” yommuu jedhu, sadarkaan isaanii ol’aanaa ta’uu agarsiisa. Kana booda ibsi aayah: Namoonni dubbii dhageefatanii ergasii hundarra gaarii kan ta’e hordofan, isaan warra Rabbiin qajeelchaa fi wanta sirriif isaan qunnamsiise, amalaa fi hojii hundarra gaarii ta’etti qajeelchedha.[6]

Namoonni qajeelcha keessatti ramaddii sadiitti qoodamu:
Ramaddiin 1ffaan- namoota beekumsaa fi hojiin jallatan
Ramaddiin 2ffaan-namoota beekumsaa fi hojiin qajeelan.
Ramaddiin 3ffaan-namoota beekumsaan gara haqaatti qajeelanii garuu hojiin hin qajeelle.
Dhumti suuratu Al-Faatiha ramaddi sadan kanniini nuuf ibsiti.

Akka fakkeenyaatti, Kiristaanonni ramaddi tokkoffaa keessa seenu. Beekumsaa fi hojiin kan jallataniidha. Beekumsa sirrii hin qaban. Hojiin isaanis kan badeedha. Yahuudonni immoo ramaddi 3ffaa keessa seenu. Haqa ni beeku. Garuu niyyaan isaanii badaa waan ta’eef haqa hordofu ni didan. Kiristaanotaa fi yahuudotaan alatti namoonni biroo amala akkanaa qabanis ramaddi 1ffaa fi 3ffaa keessa seenu.

Ramaddiin 2ffaan warra beekumsaa fi hojiin qajeelaniidha. Kana jechuun beekumsa sirrii fi haqaatti ni qajeelfaman. Beekumsa kana hojii irra oolchan. Kanaafu, namoonni aayah armaan olii keessatti dubbataman namoota beekumsaa fi hojiin Rabbiin isaan qajeelchedha. Rabbiin haqa isaaniif ibse. Isaaniis haqa beekanii ittiin qajeelan, hojii irra oolchan.

Warri kuni warra aqlii qabuudha.” Kana jechuun warra sammuu waa hubattuu fi nafsee fedhii qullaa hordofuu irraa qabduu warra qabaniidha. Namni tokko, “Namoonni isaaniin ala jiran aqlii hin qabanii?” jedhee gaafachu danda’a. Deebiin kanaa: aqliin asitti barbaadame aqlii waa hubattuu fi fedhii lubbuu waan badaa irraa dhoowwituudha. Tarii Muslimnis kaafirris aqlii waa hubattu ni qabu. Garuu kaafirri aqlii fedhii lubbuu waan badaa irraa isa dhoowwitu hin qabu. Sababa kanaan, fedhii lubbuu hordofuun badii adda addaa hojjata. Kanaafu, namoonni armaan olii Rabbiin qajeelche namoota aqlii waa hubattuu fi fedhii lubbuu waan badaa irraa isaan dhoowwitu qabaniidha. Aqlii akkanaa waan qabaniif, dubbii dhageefatanii hundarra gaarii kan ta’e hordofu. Namni aqlii akkanaa hin qabne immoo fedhii lubbuu waan hordofuuf dubbii hundarra gaarii hin dhageefatu. Osoo dhageefatellee hin hordofu.

Namni tokko “Namni akkamitti aqlii akkanaa qabaachu danda’aa?” jedhee gaafachu danda’a. Deebiin kanaa, haqa hordofuudha. Namni akkuma haqa Rabbii olta’aa irraa dhufe hordofuun, aqlin (sammuun) isaa guutuu ta’a. Akkuma haqa hordofuu dhiisun akkasuma aqlii isaa keessatti hir’inni uumama. Namoonni hundarra aaqila ta’an namoota hundarra diini Rabbii hordofaniidha. Kuni shakkii hin qabu. Sababni isaas, isaan bira ijjannoo cimaa, carraatti fayyadamuu fi yeroo eegutu jira.[7]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-460, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 134
[2] Tafsiiru Muyassar-460, Tafsiiru Sa’dii-848
[3] Tafsiiru Muyassar-460
[4] Ma’aariju tafakkur—12/188, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 140
[5] Ma’aariju tafakkur—12/188-189
[6] Tafsiiru Xabarii-20/185, Tafsiiru Muyassar-460
[7] Ma’aariju tafakkur—12/189-190, Tafsiiru Muyassar-460, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 148

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 8
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 6
Offline dubbisuf

Leave a Reply