Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 8

Ilmi namaa jireenya keessatti jiruu mijaa’innaa rakkoon keessa hin jirre barbaada. Wanta jiruu tana keessatti hawwuu keessaa tokko gamoo guddaa garmalee bareedu, keessi isaa faayan guuttame fi alli isaa ashaakiltiin marfameedha. Eeti namni gamoo akkanaa jiruu tana keessatti argachuu danda’a. Garuu wantoonni sadii hawwii isaa ni booressu. 1ffaa-Jireenyi tuni iddoo qormaata waan taatef jeequmsi karaa adda addaatin isatti dhufa. 2ffaa- duuti isatti dhufu dandeessi. 3ffaa- gamoon sababa hin beekkamneen jiguu fi baduu danda’a. Kanaafu, gamoo hin banne, jeequmsi fi duuti keessa hin jirre eessatti argachuu danda’anii? Eeyyen, bakki gamoo kana itti argatan Jannata. Garuu Gamoo kana argachuuf ulaagaalee guuttamu qabantu jira. Ulaagaalee sanniin keessaa suuratu Az-Zumar haala walii galaatin ni eerti.

“Nama jechi adabbii isarratti mirkanaa’e, [ni qajeelchitaa]? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa? Garuu warroonni Gooftaa isaanii sodaatan, goloota gubbaa isaanii irratti goloonni ijaarraman, jala isaanii laggeen yaa’antu isaaniif jira. [Kuni] waadaa Rabbiiti. Rabbiin waadaa [Isaa] hin diigu.” Suuratu Az-Zumar 39:19-20

Nama jechi adabbii isarratti mirkanaa’e, [ni qajeelchitaa]? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa.” Kana jechuun sababa inni osoo beekuu jallinna, haqa faallessuu fi kufrii isaa itti fufeef nama murtiin adabbii irratti darbe, gara iimaanatti ni qajeelchitaa? Ati isa qajeelchuuf tooftaa homaatu hin qabdu. Ammas nama ibidda keessa jirus baraaru hin dandeessu.[1] 

Garuu warroonni Gooftaa isaanii sodaatan, goloota gubbaa isaanii irratti goloonni ijaarraman, jala isaanii laggeen yaa’antu isaaniif jira.” Kana jechuun namoonni Isaaf ajajamuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessuun Gooftaa isaanii sodaatan, Jannata qananii keessatti gamoowwan gurguddoon isaaniif qopheefamanii jiru. Gamoowwan gurguddoo kanniin keessatti goloota gubbaa gubbaan walirraan ijaarramantu isaaniif jira. Golootaa fi manneen isaanii jala laggeen ni yaa’u. Rabbiin kana gabroota Isaa Isa sodaataniif waadaa guuttamuu fi mirkanaa’u seenee jira. Rabbiin waadaa Isaa hin diigu.[2]

“Rabbiin bishaan samii irraa buusee dachii keessatti burqaalee godhee akka seensise hin arginee? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa garagaraa baasa; ergasii [midhaan kuni] gogee daalachaa’a ta’uu argita. Ergasii caccabaa isa taasisa. Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif yaadachiisatu jira.” Suuratu Az-Zumar 39:21

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa duumessa irraa rooba buusee dachii keessa akka seensise hin arginee? Bishaan roobaa dachii keessa seensise kana burqaawwan lafa keessaa burqanii fi laggeen yaa’an taasise. Ergasii bishaan kanaan midhaan biftii fi gosti isaa garagaraa lafa keessaa ol baasa. Ergasii midhaan kuni erga magariisaa ta’ee fi misoome booda gogee daalachaa’a ta’ee argita. San booda caccabaa taasisa. Hojii Rabbi kana keessa namoota sammuu qulqulluu qabaniif yaadachisaa fi gorsatu jira.[3]

Aayah tana keessaa mee yaadachisaa fi gorsa muraasa baasuuf haa yaallu:
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti fakkeenya baay’ee dhiyeessuun haqiiqaa wanta tokko namoonni akka hubatan taasisa. Aayah armaan olii keessa fakkeenya ittiin gorfamanii fi dandeetti fi Tokkichummaa Rabbii itti hubatantu jira.

Mufassiroonni gariin fakkeenyi armaan olii Qur’aanaa fi qomaaf dhiyeefame jedhu: dachii jiraachisuuf bishaan samii irraa buusun akka qalbii jiraachisuuf Qur’aana buusun wal fakkaata. Bishaan roobaa dachii keessa seensisuun akka Qur’aana qalbii warra amananii keessa seensisuuti. “Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa garagaraa baasa.” Kuni namoota iimaanan garagara ta’aniin wal fakkaata. Iimaanni namoota garii iimaana namoota biroo caala. Mu’iminni iimaanni fi yaqiinni isaa ni dabala. Namni qalbii isaa keessa dhukkubni shakkii fi nifaaqaa jiru akkuma midhaan gogu qalbiin isaas ni gogdi.[4]

“Ergasii caccabaa isa taasisa” Kuni haala nama hundaa yeroo du’uun wal fakkaata. Namoota Rabbiin fedhe malee namoonni erga du’anii akkuma midhaan erga gogee caccabu lafeen isaaniis dachii keessatti ni bututti.

Ayah tana keessa du’aan booda kaafamuun akka jiru ragaa ifaatu jira. Qotee bulaan midhaan ni facaasa. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rooba itti roobsun midhaan kana lafa keessaa ni baasa. Midhaan kunis guddachuun magariisa ta’a. Ergasii daalachaa’e goga. Erga gogee booda yoo hin hamamiin, caccabee lafa irratti harca’a. Lafa irratti erga harca’e booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa rooba itti roobsun lafa keessaa ol baasa. San booda biqilaa ta’ee guddata.

Amma gara ilma namaatti haa dhufnu. Dhiirri dubartii waliin erga wal qunname booda Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa garaa dubartii keessatti ilma namaa ni uuma. Ergasii daa’imni dhalatee guddata. Akkuma midhaan magariisaa nama hawwata. Ergasii yommuu umrii dullummaa gahu, akkuma midhaan daalacha’ee goguu, namni kunis ni dadhaba. Yommuu duuti itti dhuftu ni du’a. Erga du’e booda akkuma midhaan caccabee lafa irratti harca’u, qaamni isaas caccabee lafeen isaa dachii keessa bittinoofti. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkuma midhaan lafa keessatti harca’e bishaan itti roobsun lafaa ol baasu, ilma namaa lafeen isaa bittinooftes Guyyaa Qiyaamaa nama guutuu godhee dachii keessaa ol baasa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:57

Inni Kan bubbee gammachiisaa taasisuun rahmata Isaa dura erguudha. Yeroo isheen duumessa ulfaataa baadhatte, gara biyya (lafa) duutetti oofna; bishaan irratti buusun gosoota fuduraalee (firaafiree) hunda baafna. Akka kanatti du’aa kaafna. Akka gorfamtaniif [kana hunda isiniif ibsine].” (Suuratu Al-A’araaf 7:57)

Akka kanatti du’aa kaafna.” Akkuma lafa duute rooba itti roobsun jiraachifnu, namoota du’aniis qabrii isaanii keessaa jiraattota goone isaan kaafna.

Ammas, aayah armaan olii suuratu Az-Zumar fakkeenya jireenya addunyaatiifis tan taatudha. Tafsiira Suuratu Al-Hadiid aayah 20 keessatti fakkeenyuma kana fakkaatu waan ilaallef asitti irra deebi’uun barreefama hin dheeressinu.

“Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif yaadachiisatu jira.” Samii irraa bishaan buusu, dachii keessa seensisuun burqaa burquu fi lagaa yaa’u taasisuun, bishaan kanaan biqiltoota isaaniif magarsuu keessa warra sammuu qabaniif yaadachisatu jira. Warri sammuu qaban wantoota kanaan dandeetti, tokkichummaa, ogummaa fi rahmata Rabbii olta’aa ni yaadatu.

Yommuu bishaan samii irraa buusun dachii keessatti kuusuu fi biqiltoota isaaniif magarsuu, rahmataa fi kunuunsa Inni isaaniif godhe ni yaadatu. Kanaafu, kuni akka Isa galateefatanii fi jaallatan nama kakaasa.

Ammas, wantoota armaan olii kanaan dandeettiin Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa guutuu ta’uu ni yaadatu. Akkuma dachii duute biqiltoota biqilchuun jiraachisee, namoota du’anis ni jiraachisa. Kuni Isa irratti ulfaataa miti. Akkasumas, wantoota kanniin hundaa Kophaa Kan hojjatee ibaadan Isa qofaaf akka ta’u ni yaadatu.[5]  


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-849, Tafsiiru Xabarii-20/187
[2] Tafsiiru muyassar-460, Ma’aariju tafakkuri-12/192
[3] Tafsiiru muyassar-460
[4] Tafsiiru Qurxubii-18/264
[5] Tafsiiru Sa’dii-849

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 9
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 7

Leave a Reply