Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 9

Qomni nama garii Islaamaaf yommuu bal’attu, kan namoota garii immoo ni dhiphatti. Namoonni qomni isaanii Islaamaaf bal’atte gammachuun ajajoota Islaama fudhatu, odeefannoo Rabbiin irraa dhufetti ni amanu. Namoonni qomni isaanii dhiphattu immoo ajajoota kanniin fudhachuun akka gaaraatti itti ulfaata. Mee garee lamaan kanniin suuratu Az-Zumar irraa ayah 22ffaa keessatti haa ilaallu:

39:22

“Sila nama Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee kanaafu, inni ifa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jiru [akka nama qalbiin isaa gogdeetii?] Namoota qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogdeef ee badii isaanii! Isaan sun jallinna ifa bahaa keessa jiru.” Suuratu Az-Zumar 39:22

Kana jechuun sila nama Rabbiin qoma isaa Islaama fudhachuuf, itti buluu fi itti amanuuf bal’ise, akka nama qalbiin isaa gogdee fi haqaa irraa fagaatteeti? Kunniin lamaan wal qixa ta’uu? Mallattoolee qomni Islaamaaf bal’achuu agarsiisan keessaa: odeefannoo Rabbiin irraa dhufee fudhachuu fi itti amanuu, ajajootas fudhachuu fi itti buluu, wantoota dhoowwaman irraa fagaachudha. Nama kana bira shakkii fi duubatti harkifachuun hin jiru. Kanaafu, namni kuni, “ifa Gooftaa isaa irraa ta’e irra jira.” Kana jechuun namni qalbiin isaa Islaamaaf banamtee fi bal’atte qajeelcha Rabbiin irraa ta’e irra jira. Haqaa fi soba addaan baase beeka, hojii hojjachuu fi dhiisu qabu beekuun hojii itti ajajamee ni hojjata, hojii irraa dhoowwame immoo ni dhiisa. Jireenya isaa keessatti garam akka deemaa jiru sirritti beeka. Kanaafu namni kuni fi namni qalbiin isaa Islaama irraa gogde, fudhachuu fi hordofuu didee wal qixaa? 

Namni jalqabaa Islaama jaallachuu fi itti gammaduun yommuu hordofu, kan lammataa immoo Islaama jibbuun irraa dheessa. Kan jalqabaa karaa qajeelaa fi ifa Rabbiin irraa dhufe irra yommuu deemu, kan lammataa immoo karaa jallataa fi dukkana keessa raata’a. Namoonni kunniin lamaan wal qixaa? Kan jalqabaa sababa Islaama hordofuun qalbii isaa keessatti gammachuu fi tasgabbii yommuu argatuu, kan lammataa immoo sababa Islaama irraa garagaleen qalbii isaa keessatti dhiphinna, jeequmsaa fi gaddatu itti dhagahama. Namoonni kunniin lamaan wal qixaa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin namoota keessa deemu, akka nama dukkana keessa jiru kan isa keessaa hin baanee ni ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Suuratu Al-An’aam 6:122

Kuni fakkeenya Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mu’mina jallinnaa fi dhama’iinsa keessatti du’aa tureef dhiyyeessedha. Ergasii Rabbiin isa jirachise. Kana jechuun qalbii isaa imaanaa fi beekumsaan ni jiraachise. Namoota keessa ifaan kan deemu ta’e. Kana jechuun dhimmoota isaa sirritti kan argu, karaa isaatti kan qajeelfame, kheeyri kan beeku fi filatu, hojii irra kan oolchu fi namoonni biroos hojii irra akka oolchaniif kan carraaqudha. Akkasumas, sharrii kan beeku fi jibbu, sharrii kana dhiisu, ofii fi namoota biroo irraa kaasuf kan carraaqudha. Namni kuni eessarraa ka’ee garam deemaa akka jiru, maaliif addunyaa tana keessa akka jiraatu ifa iimaanaa fi beekumsaatiin beeka. Namni haalli isaa akkana ta’e nama dukkana wallaalummaa, kufrii fi badii keessatti tareen wal-qixxaataa? “Dukkana kana keessaa hin bahu.” Kana jechuun gara karaa ittiin bahuutti hin qajeelfamu, wanta keessa jiru keessaayis hin bahu.

Kanaafu, namni ifa keessa deemuu fi namni dukkana keessa deemu wal-qixxaataa? Gonkumaa wal hin qixxaatan. Akka waan akkana jedhameeti, namni sammuu irraa hubannoo xiqqaallee taatu qabu akkamitti dukkana keessa dhama’aa ta’ee turaa? Akkana jechuunis deebii deebisa: “Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Hanga isaan hojii badaa fi fokkataa akka gaarii fi haqa ta’etti ilaalan gahanitti sheyxaanni hojii isaanii qalbii isaanii keessatti miidhagsu itti fufe. Hojiin badaa fi fokkuun isaan akka gaaritti ilaalan kuni qalbii isaanii keessatti amanti hidda qabatee fi amala isaanitti maxxanee ta’ee jira. Kanaafi, shirkii fi wanta fokkuu keessa jiranitti gammadan. Isaan kunniin dukkana isaanii keessa dhama’u, soba isaanii keessa raata’u.[1]

“Namoota qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogdeef ee badii isaanii!” Kana jechuun qalbiin isaanii Kitaabaa Rabbiitiif hin laaftu, keeyyattootaa fi mallatoolee Isaa hin yaadattu, Rabbiin yaadachuu fi faarsuun hin tasgabbooftu. Kana irra qalbiin isaanii tuni Gooftaa ishii irraa tan garagaltee Isaan ala wanta biraatti tan qajeeltedha. Namoonni akkanaa kunniin adabbii cimaa fi sharrii guddaatu isaaniif jira.[2] Namoonni kunniin yommuu maqaan Rabbii kaafamuu ykn aayatni Qur’aanaa qara’amu qalbiin isaanii ni sunturti, daran ni gogdi. Sababni kanaa maalidhaa yoo jedhamee, deebiin isaa, “Rabbii olta’aatti fi wanta Inni beeksisetti amanuu diduu (kufrii), of tuuluu, fedhii lubbuu hordofuu fi kkf dha.”

 “Isaan sun jallinna ifa bahaa keessa jiru.” Kana jechuun namoonni qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogde, jallinna ifa bahaa keessa jiru.

Namoonni sababa iimaanaa isaaniitiif qomti isaanii Islaamaaf bal’atte, ifa Gooftaa isaanii irraa ta’e irra yommuu jiran, namoonni sababa kufrii fi of tuuluu isaaniitiif qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee immoo, jallinna ifa bahaa keessa jiru.  Aayah keessatti “jallinna ifa bahaa keessa jiru” jedhu keessatti jecha “keessa” jedhu itti haa xinxallinu. Namni zikrii Rabbii irraa qalbiin isaa gogdee fi Islaama irraa garagale haala guutuu ta’een jallinna keessatti lixee jira. Jechi “keessa” jedhu wanti tokko nama marsuu agarsiisa.[3]

Guduunfaa
✏ Namni qoma isaa Rabbiin Islaamaaf bane fi bal’ise, ifa Gooftaa isaa irraa dhufe irra jira. Ifti kunis qajeelcha. Qomti Islaamaaf banamu jechuun Islaamatti gammaduu fi jaallachuu, wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta irraa dhoowwe dhiisuudha.
✏Namoonni qalbiin isaanii zikrii Rabbii irraa gogde jallinna fagoo keessa jiru. Sababni isaas, wanta qananii Jannataatti isaan geessuu fi Jahannam irraa isaan baraaru hin hojjatan. Zikriin Rabbii inni guddaan Qur’aana. Namoonni qalbiin isaanii gogde kunniin Qur’aana dhageefachu ykn dubbisuu hin barbaadan, garmalee jibbu. Wanti qananiitti nama geessu fi adabbii jalaa nagaha nama baasu immoo Qur’aana keessa jira.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii- fuula 303-304
[2] Tafsiiru Sa’dii- fuula 849
[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 185

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 10
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 8

Leave a Reply