Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 10

Dubbiin hundarra bareedaa, gaarii fi mi’aawaa kamiidha jettanii yaaddu? Yommuu dhageefatan namatti tolu, qalbiin itti tasgabbooftu, nama dhama’e fi dukkanatti tare ifa abdii ibsuuf, nama gaflaatti tare dammaqsuun gara sadarkaa oliitti olkaasu dubbii kamii laataa? Ahsanal hadiisi (dubbiin hundarra gaarii) ta’e kamiidha laata? Mee haa qorannu.

Rabbiin dubbii hundarra gaarii ta’e Kitaaba wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u buusee jira. Gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii isa irraa ni hollata; ergasii gara zikrii Rabbii gogaa fi qalbiin isaanii ni laafu. Suni qajeelcha Rabbiiti, nama fedhe isaan qajeelcha. Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru.” Suuratu Az-Zumar 39:23

Rabbiin dubbii hundarra gaarii ta’e Kitaaba wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u buusee jira.”
Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dubbii hundarra gaarii fi bareedaa ta’e buuse. Dubbiin kunis Qur’aana guddaa kana. Qur’aanni kuni kitaaba bareedinnaa fi walitti galuu keessatti wal fakkaatudha. Aayan aaya biraa fakkaatti, jechi jecha biraa fakkaata. Jalqabaa irraa kaasee hanga dhumaatti keeyyattoonni Qur’aana keessa jiran hundi walitti kan galaniidha. Gonkumaa wal diiggaa fi wal faallessuun keessa hin jiru.

“lama lama deddeebi’u” kana jechuun Qur’aana keessatti seenaaleen, murtiiwwan, waadaa galuu fi akeekachisni, amaloonni warra Jannataa fi amaloonni warra Jahannam ni deddeebi’u.  Akkasumas, maqaalee fi sifaanni Rabbii lama lama ta’uun deddeebi’u.[1] Dhuma Aayah baay’ee keessatti maqaalee Rabbii (Azza wa Jalla) lama lama ta’anii arganna. Fkn, aliimun akiim, ghafuur rahiim…

Ibn Kasiir wal fakkaachu fi lama lama deddeebi’u ilaalchise ni jedha: Beektonni gariin akkana jedhu: Sufiyan ibn Uyayna irraa hiika, “wal fakkaatu, lama lama deddeebi’u” jedhu ilaalchise akkana jedhamuun gabaafame jira: keeyyattoonni Qur’aanaa gariin hiika tokko agarsiisuu danda’uu. Kanaafu “wal fakkaatu.” Yeroo biraa immoo wanta tokko fi faallaa isaa dubbatu. Fakkeenyaf mu’mina dubbachuun ergasi kaafira dubbachuu, amala Jannata dubbachun ergasii amala ibidda dubbachuu fi kkf. Kuni lama lama deddeebi’uudha. Akka fakkeenyaatti:
Dhugumatti, abraar qananii keessa ta’u. Fujjar immoo Jahiim keessa ta’u.” (Suuratu Al-Infixaar 82:13-14) (Abraar warra amananii Rabbiin sodaatanii fi hojii gaggaarii baay’ee hojjataniidha. Fujjaar immoo namoota badii gurguddaa hojjataniidha.)
Lakkisaa! Dhugumatti Kitaabni fujjaar Sijjiin keessa.” Suuratu Al-Muxaffifiin 83:7, “Lakkisaa! Kitaabni abraar illiyyiin keessa.” Suuratu Al-Muxaffifiin 83:18
Kuni yaadannoodha. Dhugumatti muttaqootaaf deebii gaariitu jira.” (Suuratu Saad 38:49) hanga  “Kuni, daangaa darbitootaaf deebii badaatu jira.” (Suuratu Saad 38:55) Keeyyattonni kana fakkaatan baay’etu jira.

Kuni hundi isaanii masaani (lama lama deddeebi’u) irraayyi. Kana jechuun hiika lama lamaan deddeebi’u. Garuu keeyyanni guutuun hiika tokkoon yoo ta’ee fi gariin isaa garii fakkaate, kuni wal fakkaachudha.[2]

Qur’aana keessatti aayaata waa’ee Jannataa fi waa’ee Jahannam ykn waa’ee mu’mintoota fi waa’ee kaafirootaa waliin dhufan ni arganna. Yommuu Jannanni dubbatame, itti aanse Jahannam ni dubbatama. Yookiin Jahannam yoo dubbatame itti aanse Jannani ni dubbatama. Yoo warri Jannataa dubbatamee itti aanse warri Jahannam ni dubbatama. Kuni masaani (lama lama deddeebi’uudha). Faaydan kana keessa jiru, dhimma tokko irraa namni Qur’aana dhageefatu ykn dubbisuu akka hin hifanneefi. Akkasumas, sodaachisuu irraa gara kajeelchisuutti dabarsuun hojii dirqama akka hojjatu kakasuu fi wantoota dhoowwaman hojjachuu irraa akeekachisuufi. Kuni mala dubbii itti dhiyeessan daangaa ol’aana irra gaheedha.[3]

Faaydan aayaanni (keeyyattonni) Qur’aanaa deddeebi’uu fi wal fakkaachu keessa jiru baay’eedha. Isaan keessaa tokko:  
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoonni hiika qalbii qulqulleessutti fi amala gaarii guututti kan hajaman ta’uu yommuu beeku, [aayata ni deddeebise].  Hiikni qalbii qulqulleessu kuni akka bishaan biqiltuu obaasaniiti. Biqiltuun akkuma bishaan obaasu dhiisaniin kunuunsi irraa fagaatun ni hir’itti. Tarii ni baddi. Garuu akkuma bishaan obaafamtuun bareeddee firii garagaraa faaydaa qabu buusti. Haaluma kanaan, qalbiinis hiika jecha Rabbii ishii irratti deddeebi’uutti hajamti. Osoo Qur’aana guutuu keessatti hiikni si’a tokko qofa dhufee, faaydan barbaadamu irraa hin argamu.[4] Kanaafu, aayaata deddeebisuun qalbii qulqulleessa, ni laaffisa. Kanaafi, itti aanse ni jedha:

“Gogaan warra Gooftaa isaanii sodaatanii isa irraa ni hollata;” kana jechuun yeroo akeekachisni ykn ibiddi dubbatamu ykn wanta sodaa fi rifannatti nama geessu fakkeenyaaf kan akka adabbii ummata Nuuh, ummata Luux fi kanneen biroo yommuu dubbatamu gogaan isaanii ni hollata.[5] Gabaabumatti yommuu akeekachiisni fi adabbiin cimaan Qur’aana keessatti dubbatamu gogaan warra Rabbiin sodaatanii ni hollata, ni kontoonfata. Kunis sodaa Qur’aanni qalbii isaanii keessatti uume irraayyi.“Ergasii gara zikrii Rabbii gogaa fi qalbiin isaanii ni laafu.”

Waan gaariin abdachiisu fi kajeelchisuun Qur’aana keessa waan jiruuf gogaa fi qalbiin isaanii ni laafu. Qalbiin ni tasgabboofti.

“Suni qajeelcha Rabbiiti, nama fedhe isaan qajeelcha.”
“Suni qajeelcha Rabbiiti” kana jechuun Qur’aana dhageefachuun hollannaan, sodaa fi laafinni gogaa fi qalbii namoota kanaa keessatti uumame qajeelcha Rabbiiti. Kana jechuun Rabbiitu kanaaf isaan qunnamsisee (waffaqe).

Jechi “Suni” jedhu “Qur’aanas” ta’uu danda’a. Kanaafu, Qur’aanni qajeelcha Rabbii isa malee karaan biraa Rabbiitti nama geessu hin jirreedha. “nama fedhe isaan qajeelcha” Kana jechuun Rabbiin tabaaraka wa ta’aalaa gabroota Isaa keessaa Qur’aanaan nama fedhe qajeelcha. Nama niyyaa isaa tolche Qur’aana kanaan ni qajeelcha.[6] Akkuma aayah biraa keessatti jedhe:

Rabbiin nama jaalala Isaa hordofe karaalee nageenyaa ittiin qajeelcha, hayyama Isaatiin dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasa, gara karaa sirrii isaan qajeelcha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:16 (Rabbiin subhaanahu Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala Rabbii argachuu, wanta Inni jaallatu hojjachuu fi hordofuu ta’e karaalee adabbii Isaa jalaa nagaha ittiin bahu qajeelcha.)

 “Nama Rabbiin jallisee, qajeelchaan isaaf hin jiru.”
Namni jalqabuma irraa kaasee Gooftaa isaatti kafare, adabbii Isaa hin sodaanne, Rabbiin jallinna isarratti murteessa. Nama Rabbiin jallinna isa irratti murteesse, kan isa qajeelchu hin jiru.[7]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dirqamaan nama hin jallisu. Garuu wanta jallinnatti nama geessu namni yoo hojjate, Rabbiin jallinna isa irratti murteessa. Qur’aana keessatti ni jedha:

7:30

“[Rabbiin] garee tokko ni qajeelche, gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e. Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee taasifatan. Isaan akka qajeelfamanitti yaadu.” Suuratu Al-A’araaf 7:30

 “gareen biraa immoo jallinni isaan irratti mirkanaa’e.” kana jechuun jireenya addunyaa keessatti karaa jallinnaa ofiif waan filataniif, iimaanaa fi Islaama Rabbiin isaan irraa barbaadu waan hin guunneef jallinni isaan irratti mirkanaa’e. Sababni kana hundatti isaan geesse sheyxaana jaalalle ykn hiriyyaa dhiyoo godhachuudha. “Dhugumatti, isaan Rabbii gaditti sheyxaanota jaalallee taasifatan.” Yommuu isaan Isaaf ajajamuun Rabbitti dhiyaachu dhiisan, sheyxaanaaf ajajamuu fi hordofuun jaalallee fi hiriyyaa dhiyoo isa godhatan.[8]

Guduunfaa
☛Ahsanal hadiisi (dubbiin hundarra gaariin) Qur’aana. Sababni isaas, kalaama (jecha) Rabbii olta’aati. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa amaloonni (sifaanni) Isaa hundii guutuu fi gaggaarii waan ta’aniif jechi Isaa hunda caalaa guutuu fi gaarii kan ta’eedha.
☛Qur’aanni dubbii hundarra gaarii waan ta’eef jechoonni fi keeyyattonni isaa kan walitti galan, seeronni fi murtiwwan isaa kan wal jabeessanii fi ilmaan nama daandii haqaa fi ifaatti baasudha.
☛Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana kanaan nama niyyaan isaa jaalala Isaa argachuu fi haqa hordofuu ta’e, karaa sirriitti qajeelcha. Dukkana keessaa ifatti baasa.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Sa’dii-850
[2] Tafsiiru ibn Kasiir-6/448
[3] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 189 (10MB)
[4] Tafsiiru Sa’dii-850
[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 189
[6] Tafsiiru Xabarii-20/193, Tafsiiru Sa’dii-850[7] Ma’aariju tafakkuri-12/208
[8] https://www.sammubani.com/2019/05/21/jireenyi-maaliif-uumamtee-kutaa-6/#more-10621

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 11
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 9

Leave a Reply