Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 11

Offline dubbisuf

Namni jireenya keessatti “adabbiin na hin tuqu, eenyullee na hin adabu” jechuun Gooftaa isaa faallessuu fi haqa Isarraa dhufee kijibsiisuu danda’a. Garuu namni kuni hanga yoomi badii isaa itti fufaa? Ummattoonni darban of tuuluun guuttamuun Gooftaa isaaniitiif ajajamu ni didan. Garuu gara isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufe. Kuni jazaa hojii isaaniiti. Seerri Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa dhaabbata hin jijjiramne waan ta’eef, namoota Isa faallessan yeroo muraasa erga kenneefi booda yoo tawbachuu didan, gara isaan hin beekne irraa isaan qaba. Kuni wanta guyyaa guyyaan argaa jirruudha. Kanaafu, namni badii hojjatu yeroo isaaf kennamen of gowwoomsu hin qabu. Badii hojjatuuf waan dhiifamu isatti fakkaachuun badii itti fufuu irraa of haa eegu. Yoo hin tawbatin takkaa addunya tana keessatti qabama, takkaa immoo Aakhiratti qabama. Suuratu az-zumar (24-26) dhugaa kana nuuf ibsiti.

39:24

Sila namni Guyyaa Qiyaamaa adabbii hamaa fuula isaatiin ittisuu [akka nama nagahaan Jannata seenutii]? Zaalimootan, “[Adabbii] wanta hojjataa turtanii dhandhamaa!” jedhama.” Suuratu Az-Zumar 39:24

Sababa kufrii fi jallinna isaatiif nama ibidda keessatti gaadi’ame (hidhamee) darbamu, fuula isaatiin malee ibidda ofirraa ittisuun isaaf hin laaffannetu caalaa moo sababa Rabbiin isa qajeelchen nama Jannata keessatti qananiifamutu caalaa?[1]

Jecha biraatin: Sila namni jallinna keessa jiruu fi jallinna isaa itti fufuun Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin adabbii badaa ittisuuf yaalu akka nama Islaama hordofee Guyyaa Qiyaamaa nagahaan Jannata seenutii? Namoonni lamaan kunniin wal-qixaa? Gonkumaa wal qixa hin ta’an.

Zaalimoota (namoota Rabbii olta’aatti amanuu diduun, Isaan ala wanta biraa gabbaruu fi badii adda addaa hojjachuun nafsee ofii miidhaniin) akkana jedhama: “[Adabbii] wanta hojjataa turtanii dhandhamaa!”

(25)Warroonni isaaniin duraa ni kijibsiisan, kanaafu gara isaan hin beekne irraa adabbiin isaanitti dhufe. (26)-Rabbiinis jireenya addunyaa keessatti salphinna isaan dhandhamsiisee. Garuu adabbiin Aakhirah irra guddaadha, osoo beekanii.” Suuratu Az-Zumar 39:25-26

Yaa Rasuula! Ummata kee dura ummattoonni darban ergamtoota isaanitti ergaman ni kijibsiisan. Kanaafu, adabbiin gara isaan hin yaannee fi hin beekne irraa isaanitti dhufe. Rabbiin ummattoota ergamtoota isaanii kijibsisan addunyaa keessatti adabbii fi salphinna isaan dhandhamsiise. Aakhiratti immoo adabbii garmalee cimaa fi ulfaata isaaniif qopheessee jira. Mushrikoonni kunniin sababa kufrii isaanitiin adabbii ummattoota darban irratti bu’e osoo beekanii, silaa ni gorfamu turan.[2] (Kanaafu, namni adabbii namoota badii hojjatanitti bu’e irraa barnoota fudhachuun hojii badaa irraa of qusachuu qaba. Sababni isaas, seerri Rabbii dhaabbata waan ta’eef adabbiin hojii badaa namoota hundaafu hojii irra oola. Namni badii ummattoonni darban hojjate, akkuma isaan adabaman innis ni adabama. Hojiiwwan badaan isaan hojjatan keessaa, Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa gabbaruu (waaqefachuu), aayaata (keeyyattootaa fi ragaalee) Isaa kijibsiisu, namoota irratti daangaa darbuu fi kanneen biroo.)

(27)Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf dhiyeessinee jirra. (28)-Akka taqwaa qabaataniif Qur’aana Arabiffaa, jallinna hin qabne [goone].” Suuratu Az-Zumar 39:27-28

Dhugumatti, akka gorfamaniif jecha Qur’aana kana keessatti fakkeenyota hunda irraa namootaaf dhiyeessinee jirra.”

Kana jechuun akka gorfamaniif Qur’aana keessatti ilma namaatiif fakkeenya dhiyeessuun wantoota ibsinee jirra. Sababni isaas, fakkeenyi hiika wanta ibsamu barbaadamee sammuu namaa keessatti ni dhiyeessa.[3]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa fakkeenya warra waan gaarii hojjatanii, fakkeenya warra waan badaa hojjatanii, fakkeenya tawhiidaa fi shirkii, fi fakkeenyoota biroo haqiiqaa wantoota dhiyeessu Qur’aana keessatti ibsee jira. Kaayyoon kana keessa jiru: “akka gorfamaniif” -yommuu haqni isaaniif ifa ta’uu akka beekanii fi hojii irra oolchaniifi.[4]

“Akka taqwaa qabaataniif Qur’aana Arabiffaa, jallinna hin qabne [goone].”
Taqwaa jechuun wanta Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa itti ajaje hojjachuu fi wanta inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eegudha. Kana booda ibsi aayah: akka namoonni wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isa sodaataniif Qur’aana kana lugaa Arabiffaa jechaan ifa ta’e, hiikni isaa salphaa fi jallinni keessa hin jirre goone.[5]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana kana lugaa Arabiffaatiin buuse. Jallinni, wanti dhokataan nama dhamaasu keessa hin jiru. Kana irra, Qur’aanni ifa kan ta’ee fi qajeelaadha. Rabbiin akkana gochuun kan buuseef akka namoonni akeekachisa Qur’aana keessa jiru irraa of eeggatanii fi wanta waadaa galameef akka hojjataniifi.[6] Kana jechuun, badii irraa fagaachuu fi wanta itti ajajaman hojjachuun adabbii Qur’aana keessatti ibsamee irraa akka of eeganii fi Jannata isaaniif waadaa galamteef akka hojjataniif. 

(Kanaafu, namni Qur’aana qo’atee fi hordofee adabbii irraa of eega. Sababni isaas, Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa waan bu’eef nama wanta Qur’aana keessa jiru hojii irra oolche adabbii Isaa irraa eega. Mee itti xinxalli, namni tokko seera mootii biyya takka bulchuu yoo cabse, mootichi maal isaa godhaa? Dhugumatti, adabbii cimaa adaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Mootii addunyaa guutuu waan ta’eef nama seeraa fi ajajoota Isaatiif buluu fi buluu didu ni beeka. Seerri fi ajajoonni Isaa Qur’aana keessatti haala ifaatin ibsamanii jiru. Kanaafu, namni seera fi ajajoota kanniinitti bule, mindaa guddaa argachuu waliin adabbii Mootii Haqaa irraa of eega. Namni dide, immoo adabbii Isaatiif of saaxila.)

Duratti “akka gorfamaniif namootaaf fakkeenyoota dhiyeessa “jedhe miti ree? Itti aanse fakkeenyota kanniin keessaa fakkeenya ajaa’iba ni dhiyeessa:

39:29

Rabbiin gabricha shariikonni irratti wal mormanii fi gabricha namticha tokkoof qofa ta’e fakkeenya dhiyeessa. Isaan lamaan wal-qixaa? Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu baay’een isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar 39:29

(Shariikota jechuun hojii ykn dhaabbata keessatti qooda waliin fudhachuuf namoota ifaajee isaanii ifaajee namoota birootti ykn qabeenya isaanii qabeenya nama biraatti dabalaniidha.)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabricha namoonni baay’een wal mormanii fi wal faallessan isa horatanii fi gabricha nama tokko qofaaf ta’ee fakkeenya dhiyeessa. Gabrichi nama baay’eef ta’e kuni namni hundi akka isa tajaajilu barbaada. Hundi isaaniitu oli gadi isa oofu.

Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e immoo hojii bulchaan isaa itti ajaju hojjachuun ba’aa baay’ee ofirraa buusa, tasgabbii keessa ta’a. Kanaafu “Isaan lamaan wal-qixaa?” Kana jechuun gabrichi bulchitoota baay’eef ta’ee fi gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e wal qixaa?

Deebiin namni qaruuteen kennu: isaan lamaan wal qixaa miti. Nama bulchitoota baay’ee walitti nyakkisanii fi wal mormaniif gabricha ta’ee caalaa namni bulchaa tokko qofaaf gabricha ta’e kabajaa guddaa qaba.

Aayan tuni fakkeenya nama mushrikaatii fi nama Rabbiin qofa gabbaruuf dhiyeefamteedha. Gabrichi bulcha tokko qofa qabu akka Muslima Gooftaa tokko qofa qabuuti. Isaan ala wanta biraa hin gabbaru. Gabrichi bulchaa tokkoo ol qabu immoo akka mushrika gabbaramaa tokkoo ol qabuuti. Rabbiin waliin gabbaramtoota kanniin gabbara. Gabrichi bulchitoota baay’ee qabu, bulchitoonni kunniin isarratti wal dhabu. Hundi isaanitu gabrichi kuni isa akka tajaajilu barbaadu. Kunis koottu hojii kiyya hojjadhu, sunis koottu hojii kiyya hojjadhu, kuunis koottu hojii kiyya hojjadhu jedhaan. Bulchaa tokkoof gadi hin dhaabbatu. Oli gadi isa raasu. Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e immoo kana hundarraa nagaha ta’uun bulcha tokko qofaaf ajajama. Kanaafu, gabrichi bulchaa tokkoof buluu fi gabrichi bulchitoota baay’eef bulu wal qixaa?

Amma mee itti xinxalli, Gooftaa tokkicha qofaaf gabra ta’uu wayya moo gooftoolee baay’eef gabra ta’uu wayyaa? Dhugumatti Gooftaa tokko qofaaf gabra ta’uu wayya. Namni Rabbii tokkichaaf gabra yoo hin ta’in wantoota biroo baay’eef gabra ta’a. Kanneen akka sheyxaanaa, fedhii lubbuu, namoota, sanama, taabotaa fi uumamtoota biroo. Kuni immoo kabajaa fi gammachuu akka dhaban nama taasisa. Mee nama Rabbii tokkichaaf of gadi qabuu fi jaalala Isaa argachuuf hojii gaggaarii hojjatuu fi nama Rabbiin ala wantoota birootiif of gadi qabuu fi jaalala isaanii argachuuf carraaqu wal bira qabi. Kamtu irra kabajaa fi tasgabbii argataa? Dhugumatti Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi Jaalala Isaa qofa barbaadun hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi ba’aa baay’ee irraa nama baraara. Kanaafu, Islaamni uumamtootaaf gabra ta’uu fi jeequmsa irraa nama baraarun gara Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi harka kennuutti nama waama. Kuni immoo bilisummaa dhugaati.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-461
[2] Madda olii
[3] Tafsiiru ibn Kasiir-6/449
[4] Tafsiiru Sa’dii-851
[5] Tafsiiru Muyassar-461
[6] Tafsiiru ibn Kasiir-6/450

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 12
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-kutaa 10
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply