Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 12

Offline dubbisuf

Jireenya tana keessatti nama badii hojjatu fi namni gaarii hojjatu umriin isaa hanga fedhe haa dheeratu, guyyaa tokko ni du’a. Garuu duuti dhuma nama tokkoo ta’uu dandeessi? Kana jechuun achumaan du’anii ni hafu? Abadan, Achumaan du’anii hafuun hin jiru. Kana irra, kaafamuun wal mormuu fi murtiiti dhufa. Namoonni har’a addunyaa tana keessatti akkuma fedhan namoota miidhan, haqa dhoksan, soba irratti gogan, Guyyaa Qiyaamaa haalli isaanii kuni ifatti mul’ata. Ammas, namoonni Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuun amanti sobaatin nama gowwoomsan, gatii wanti hojjatanii ni argatu. Faallaa kanaa, namoonni addunyaa tana keessatti dhugaa dubbatanii fi hordofan badhaasa guddaa argatu. Dhugaan hundarra guddaan maal akka ta’e beektuu?

Dhugaan hundarra guddaan Laa ilaah illallah fi aayata Rabbii olta’aa irraa dhufaniidha. Namni dhugaa guddaa kana qabachuun Guyyaa Qiyaamaa dhufe, badhaasa guddaa argata. Faallaa kanaa, namni soba hundarra guddaa qabachuun Guyyaa Qiyaamaa dhufe, adabbii guddaatu isa qunnama. Sobni hundarra guddaan kuni maal akka ta’e beektu? Sobni hundarra guddaan kuni: Rabbii olta’aa dhiisanii wanta biraa gabbaruu (shirkii), Rabbiin subhaanahu ilma qaba jechuun dubbachuu fi kanneen biroodha. Suuratu Az-Zumar (30-35) qabxiilee ijoo armaan olii ifatti baasti.

“Dhugumatti ati ni duuta, isaanis ni du’u. Ergasii isin Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu.” Suuratu Az-Zumar 39:30-31

Yaa Muhammad! Dhugumatti ati ni duuta. Namoonni siin ala jiranis ni du’u. Ergasii yaa namoota! Hundi keessanu Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa keessan biratti wal mormitu. Hanga nama hundaaf haqni isaa fuudhamutti mu’minni fi kaafirri, namni haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru, namni zaalimni (miidhaa hojjatee) fi namni miidhamaan wal falmu.[1]

39:32

“Nama Rabbiin irratti sobee fi yommuu [dhugaan] isatti dhufu dhugaa kijibsiisee caalaa namni zaalimni (miidhaa raawwataan) ni jiraa? Sila kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?” Suuratu Az-Zumar 39:32

Nama Rabbiin irratti kijiba uumee fi haqa Nabii Muhammad (SAW) irratti bu’e (Qur’aana) kijibsiise caalaa namni zaalimni (miidhaa raawwataan) hin jiru. Rabbii olta’aa irratti sobuu keessaa: “Rabbiin shariika ykn ilma qaba” jechuun wanta guddinnaa fi kabaja Isaatiif hin malle dubbachuu. Yookiin homaa isarratti kan hin buune ta’ee osoo jiru “Rabbiin irraa wahyiin (beeksisni) natti bu’e.” jechuun odeessu. Yookiin wanta Rabbiin halaala godhe, haraama gochuu ykn wanta Inni haraama godhe, halaala gochu.

Sila namoota Rabbii olta’aatti amanuu didaniif, mormaniif, Nabii Muhammadin (SAW) hin dhugoomsinee fi wanta inni fide hojii irra hin oolchineef iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii? Eeti, kaafirootaf iddoon jireenyaa fi qubannaa Jahhannam keessa ta’ee jira.[2]

(Kanaafu, namni Rabbii olta’aa irratti kijibuu irraa of eegu qaba. Namoonni Iisaan (aleyh salaam) Gooftaadha ykn ilma Gooftaati jedhan kijiba guddaa Rabbii olta’aa irratti uumanii jiru. Namoonni Nabii Muhammadin (SAW) booda, “Ani Nabiyyiidha” jechuun odeessan kijiba guddaa uumanii jiru. Namni adabbii Jahannam jalaa nagaha bahuuf gocha kana hundarraa fagaachu qaba.)

“Dhugaan kan dhufee fi isa dhugoomse, isaan sun isaanumatu muttaqoota. Gooftaa isaanii bira wanta fedhantu isaaniif jira. Suni mindaa warra toltuu hojjataniiti.” Suuratu Az-Zumar 39:33-34

 “Dhugaan kan dhufee fi isa dhugoomse” Imaamu ibn Jariir Xabarii (rahimahullahu) kana ilaalchisee ni jedha: Ergamaa Rabbii (SAW) irraa jalqabee hordoftoota isaatii fi warroota isatti amanan irraa nama gara Rabbiin tokkichoomsu (tawhiidaatti), Ergamaa Isaa dhugoomsuu fi wanta Ergamaan Isaa (SAW) ittiin ergame hojii irra oolchutti waamu hunda [of keessatti qabata]. Dhugaan-Qur’aanaa fi shahaadaa (ragaa bahuu) Laa ilaah illallah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) dha. Kan dhugoomse immoo nabiyyii ta’i hordoftoota isaa ta’i uumamtoota Rabbii irraa eenyullee haa ta’u, warra Qur’aanatti amananiidha.”[3]

Gabaabumatti, nabiyyootaa fi hordoftoota isaanii irraa namni dubbii fi hojii isaa keessatti dhugaan dhufee fi, amanuu fi hojii irra oolchun dhugaa kana dhugoomse, warri suni warra muttaqoota ta’aniidha. Kanniin keessaa inni dursaa xumura Nabiyyootaa fi Ergamtoota kan ta’e Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) dha. Itti aanse sahaabota isaatii fi isaaniin booda hanga Guyyaa Qiyaamaatti warra jiran warroota isatti amananii fi shari’aa isa hordofaniidha.[4]

Ergamaan Rabbii (SAW) dhugaan dhufee jira. Akkasumas, dhugaa ittiin dhufe dhugoomse jira. Sahaabotaa fi namoonni isaan booda dhufanii Nabiyyi dhugoomsan, dhugaa namoota birootti geessanii fi mataa ofillee dhugoomsanii jiru. Kanaafu, nabiyyootaa fi hordoftoota isaanii irraa namoonnni dhugaan dhufanii fi dhugaa kana dhugoomsan, isaan suni muttaqoota. Muttaqoota jechuun warra wanta Rabbiin itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun adabbii Isaa irraa of eeganiidha. Yookiin jecha gabaaban: warra Rabbiin sodaataniidha. Warri kuni Rabbii olta’aa waan sodaataniif soba dubbachuu fi dhugaa kijibsiisuu irraa of eegan. Ammas, Rabbiin waan sodaataniif dhugaan dhufanii dhugaa dhugoomsan.

Aayah keessatti “Ulaa’ika (isaan sun)” yommuu jedhu sadarkaan isaanii ol’aanaa ta’uu agarsiisa.

“Gooftaa isaanii bira wanta fedhantu isaaniif jira.” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaanii bira wanta nafseen isaanii feetu fi ijji isaanii itti gammaddutu isaaniif jira.[5]

 “Suni mindaa warra toltuu hojjataniiti.” Rabbiin biratti wanti fedhan isaaniif jiru kuni mindaa warra ibaadaa Rabbii keessatti toltuu hojjatanii fi gabroota Rabbiitiif tola oolaniidha. Ibaadaa Rabbii keessatti toltuu hojjachuun akka waan Isa argitutti Rabbiin gabbaruudha. Yoo Isa arguu baatteyyu Inni si arga. Gabroota Isaatiif tola oolun immoo hojiin, dubbiin, qabeenyaa fi kkf isaaniif tola ooludha.[6] Namoonni haala kanaan toltu hojjatan Jannata keessatti wanta fedhantu isaaniif jira. 

39:35

“Rabbiin hojii hundarra badaa hojjatan isaan irraa haaquu fi hojii hundarraa gaarii hojjataa turaniin isaan mindeessuuf [kana waadaa galeef].” Suuratu Az-Zumar 39:35

Hojiin namaa haalota sadii qaba: Takkaa hojiiwwan isaa keessaa hundarra badaa kan ta’e, takkaa hundarra gaarii kan ta’e takkaa immoo hundarra badaas hundarra gaaris kan hin taane.

Ramaddiin dhumaa ramaddi hayyamamaa mindaa fi adabbiin wal hin qabanneedha.Hojiin hundarra badaa ta’e, ma’asiyaa dha. Kana jechuun hojii badaa Rabbiin hin jaallanneedha. Hojiin hundarra gaariin immoo Rabbiif jedhanii hojii hojjataniidha. Haala kanaan hiikni aayah ifa nuuf ta’a. “Rabbiin hojii hundarra badaa hojjatan isaan irraa haaquuf” kana jechuun sababa toltu hojjataniif, Rabbiin sodaataniif, tawbatanii fi araarama kadhataniif badii isaanii isaan irraa haaqa.[7]

hojii hundarraa gaarii hojjataa turaniin isaan mindeessuuf [kana waadaa galeef].” Addunyaa keessatti wanta Rabbiin gammachisu hojjataa turaniif mindaa guddaa isaaniif kenna. Aayah tana aayah biraatin ibsu dandeenya:

46:16

 “Isaan suni warra irra gaarii waan hojjatanii isaan irraa qeeballuu fi hamtuu isaanii dhiifama goonufi. [Gara fuunduraattis] warra Jannataa keessaa ta’u. [Kuni] waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa tureedha.” Suuratu Al-Ahqaaf 46:16
“irra gaarii waan hojjatanii” hojiiwwan isaan hojjatan keessaa hojiin hundarra gaariin “hojii Rabbiif jedhanii hojjataniidha.”   

(Akkuma aayah armaan olii irraa arginutti namoonni dhugaatti amanan, dhugaa kana namoota keessa babal’isanii fi hordofan, sadarkaa fi badhaasni isaanii guddaadha. Kanaafu, namni addunyaa Aakhiratti kabajaa fi sadarkaa ol’aanaa irra gahuu barbaadu, dhugaa dubbachuu, dhugoomsu fi hordofuu qaba. Dhugaan dhugaa hunda caalu Qur’aanaa fi Laa ilaah illallah dha. Kanaafu, namoonni Qur’aana fi Laa ilaah illallah barsiisan, dhugoomsanii fi hordofan sadarkaa fi mindaan isaanii guddaadha. Namni barsiisu osoo dadhabellee, Qur’aana kana yoo dhugoomse fi hordofe, hamma niyyaa fi hojii isaatiin sadarkaa fi badhaasa guddaa qaba.)

“Sila Rabbiin gabricha Isaatiif gahaa mitii? Kanneen Isaa gadi jiraniin si sodaachisu. Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan homaatu isaaf hin jiru. Nama Rabbiin qajeelches, jallisaan homaatu isaaf hin jiru. Sila Rabbiin Injifataa abbaa haaloo baafatu mitii?” Suuratu Az-Zumar 39:36-37

 “Sila Rabbiin gabricha Isaatiif gahaa mitii?” Arjoominnaa fi xiyyeefannoo itti kennu irraa kan ka’e gabricha Isaa Isa gabbaruun dhaabbate, wanta Inni itti ajaje hojjatee fi wanta Inni iraa dhoowwe irraa fagaate keessumaayyu nama hundarra haala guutu ta’en Rabbiin gabbaru Nabii Muhammadif (SAW) Rabbiin gahaa mitii? Eeyyen, dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala dhimma amantii fi addunyaa isaa keessatti isaaf gahaadha. Nama waan badaa itti yaade isarraa deebisa.[8]

“Kanneen Isaa gadi jiraniin si sodaachisu.” Kana jechuun Yaa Muhammad! Mushrikoonni Rabbii gaditti sanamoonni fi wantoonni isaan gabbarran, “Wanta badaan si tuqu” jechuun si sodaachisu. Kuni dharaa fi jallinna isaanii irraa kan burqeedha. “Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan homaatu isaaf hin jiru.” Kana jechuun nama Rabbiin isa gargaaru dhiisee fi karaa haqaa irraa jallisee, qajeelchaan karaa haqaatti isa qajeelchu isaaf hin jiru. “Nama Rabbiin qajeelches, jallisaan homaatu isaaf hin jiru.” Kana jechuun nama Rabbiin Isatti amanuuf, Kitaaba Isaatiin hojjachuu fi Ergamaa Isaa hordofuuf waffaqe (qunnamsiise), haqa irra jiru irraa kan isa jallisu hin jiru.[9]  

“Sila Rabbiin Injifataa, abbaa haaloo baafatuu mitii?” Eeyyen, Rabbiin jabeenya guutuu wantoota hunda ittiin injifatu qaba, jabeenya Isaatiin gabricha Isaatiif gahaadha, shira ykn dhara isaanii isarraa ittisa. Nama Isa faallesse irraa haaloo ni baafata. Kanaafu, wantoota adabbii Isaatti nama geessan irraa of eeggadhaa.[10] Haaloo baafachuu jechuun nama yakka hojjate yakka isaatiin qabuudha [11] (adabuudha).

(Namni humna kaafiraa sodaachuun Islaama irraa duubatti deebi’u hin qabu. Rabbiin subhaanahu Injifataa waan ta’eef humna kamiyyuu ni cabsa. Ammas, aayah tana irraa barnoonni nuti fudhachuu qabnu, qajeelchi Rabbii olta’aa harka waan ta’eef yeroo hundaa akka nu qajeelchu kadhachuu qabna. Nama Rabbiin qajeelche, fedhiin lubbuu, shakkiin, sheyxaanni jinnii fi namaa isa hin jallisan.)


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-20/202-203
[2] Tafsiiru Muyassar-462, Tafsiiru Xabarii-20/203
[3] Tafsiiru Xabarii-20/206
[4] Tafsiiru Muyassar-462
[5] Tafsiiru Xabarii-20/208
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 246
[7] Tafsiiru Sa’dii-852
[8] Tafsiiru Sa’dii-fuula 852
[9] Madda olii, Tafsiiru Muyassar-462
[10] Tafsiiru Sa’dii-fuula 852
[11] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 265

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 13
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 11
Offline dubbisuf

Leave a Reply