Koronaa Vaayras (COVID-19)

Wanta addunyaa tana keessatti uumamu hunduu sababa qabaachu waliin murtii Rabbii olta’aatiin adeemsifama. Yeroo amma kanatti dhibeen koronaa jedhamu addunyaa keessatti saffisaan babal’ataa jira. Ummanni addunyaa du’a, dhibee fi sodaa keessatti liqimfamaa jiru.  Falli kanaa maali laata? Jalqaba furmaata wanta tokko barbaadun dura sababa isaa beekun karaa laaffisa. “Sababni dhibeen kuni itti jalqabame maalidhaa?” gaafi jedhuuf qorannoon adeemsifamaa jira. Sababa qorattoonni dhiyeessan keessaa tokko sinbira halkanii irraa karaa jiddu-galeessatin gara namaatti darbe. Kana akka sababa tokkootti dhiyeessu dandeenya. Sababni lammataa: badii ykn ma’asiyaa ilmi namaa hojjatuudha.

Vaayrasi kana sinbirri halkanii ykn ilmi namaa gonkumaa uumuu hin danda’u. Oduun “Namatu labaraatori keessatti uume” jedhu sobaa fi shirkii akka ta’e namni beeku qaba. Wanta lubbuu qabu kan uumuu Rabbi tokkicha qofa. Namni tokko, “Rabbii gadiitti ilmi namaa wanta lubbuu qabu uumuun lubbuu itti godha” jedhee yoo amane, Gooftummaa Rabbii keessatti Isatti waa qindeesse jira (shirkii hojjate jira). Kanaafu, vaayrasin kuni wanta Rabbiin olta’aan qofti uumudha. Namoonni ma’asiyaa yoo baay’isan Rabbiin subhaanahu wa ta’aala gocha isaanii kana irraa akka deeb’aniif rakkoo adda addaa itti erga. Qur’aana keessatti ni jedha:

32:21

 “Dhugumatti, akka isaan deebi’aniif adabbii guddaa dura adabbii xiqqaa isaan dhandhamsiifna.” Suuratu As-Sajdah 32:21

Adabbiin xiqqaan rakkoolee, musiibaa, dhibee fi balaa adda addaa addunyaa tana keessatti nama muudataniidha. Adabbiin guddaan immoo adabbii Aakhiraati. Akka namoonni badii irraa buqqa’uun gara Rabbii deebi’anii amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif, adabbii Aakhirah guddaa dura adabbii xiqqaa isaanitti buusa. Yoo isaan gara Isaatti deebi’an, tawbaa isaanii irraa qeebalun isaaniif araarama, adabbii guddaa irraa isaan baraara.

Namni kana sammuutti yoo galche, furmaata barbaadun isa hin dhibu. Furmaata barbaadun dhibee kanaan qabamuun duraa fi erga qabamanii booda wanta hojjachuu qaban beekuu fi hojii irra oolchuu of keessatti qabata. Yeroo ammaa, namoonni baay’een dhibee kanarraa kan ka’ee sodaa fi dhiphinnaan guuttamanii jiru. Eeyyen, dhibee kanaaf qoricha argachuun furmaata guddaadha. Garuu kana waliinu sodaa fi dhiphinna too’achuun furmaata hundarra guddaadha.  

Dhibee kanaaf akka hin saaxilamneef wanti ogeeyyin fayyaa ajajan ni jira. Sab-qunnamti (social media) fi tamsaasa oduu irratti namni baay’een kana quba qaba. Garuu akkaataa sodaa fi dhiphinna itti too’atan kan dubbatu hin jiru jechuun ni danda’ama. Dubbiin keenya ammaa akkaata sodaa fi dhiphinna itti too’atan ta’a. Akka furmaatatti qabxiilee armaan gadii kaasu dandeenya:

1ffaa- addunyaan iddoo qormaata akka taate beekun obsuu- addunyaan tuni iddoo qormaataa namni badaa fi gaariin, iimaanan jabaa fi laafaa ta’e ifatti itti bahuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti Nuti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157

Asitti maq-dhaalli “Nuti” jedhu guddinna agarsiisa. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayah tana keessatti maqdhaala Guddinna Isaa agarsiisu fayyadamuun wantoota shaniin gabroota Isaa akka qoru dubbata. 1ffaa- Sodaa irraa wanta tokkoon isaan qora. Kan akka diinotaa fi yeroo waraanaa sodaachu fi rifachuu, dhibee irraa sodaachu. 2ffaa-beelaan isaan qoru. Kuni yeroo hoongee fi midhaan dhabamu ta’uu danda’a. 3ffaa-qabeenya irraa hir’isuun- kunis balaa uumamaa kanneen akka roobaa, lolaa fi kkf qabeenyatti bu’uun qabeenyi hir’achuu danda’a. Ammas, nama jalaa baduun, zaalimni (cunqursaan) nama jalaa fudhachuun, hannaa fi karaalee adda addaatin qabeenyi hir’achuu danda’a. 4ffaa- lubbuu irraa hir’isuun- kana jechuun namoonni jaallatan kanneen akka ijoollee, firoota fi hiriyyootaa du’uudha. 5ffaa-fuduraalee irraa hir’isuun- akka duraanitti firaafireen akka temiraa, muuzi, burtukaanaa fi midhaan nyaataa kanneen akka qamadii, garbuu fi kkf oomisha isaanii kennuu dhiisu. Wantoonni kunniin sababa adda addaatin oomisha isaanii ni hir’isu.

Yeroo wantoota kanniin keessaa muraasni isaanii bu’an namni obse, Rabbiin mindaa isaaf kenna. Namni dallanee fi abdi kute immoo mindaa dhabuu waliin nama balaalefatamaa ta’a. Wanti qormaata kana irraa barbaadamu obsa. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha, “Warra obsan gammachiisi” kana jechuun mindaa isaanii lakkoofsa ykn hisaaba malee akka argatan isaan gammachiisi. Warroonni obsan warroota gammachiisa guddaa fi kennaa dilbiin milkaa’aniidha. Sababa obsaniin Aakhiratti Jannata qananii seenu. Addunyaa keessatti warra qajeelfamanii fi faarfaman ta’u. Warroonni kunniin warra yeroo balaan isaan tuqe, “Innaa Lillaahi wa innaa ileyh raaji’uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha).” jedhaniidha.

“Dhugumatti nuti kan Rabbiiti” kana jechuun nuti gabroota Isaati, wanta fedhe nutti hojjachuu danda’a. “nuti gara Isaatti deebi’oodha” kana jechuun du’aan booda kaafamuu, hojiiwwan keenya irratti jazaa argachuu fi obsa keenyaaf mindeefamu ni mirkaneessina. Warroonni obsan kunniin “warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha.” Kana jechuun maqaa gaariin isaan faarsu, isaaniif araaramu fi rahmanni Rabbiin irraa ta’e isaan irra jiraachudha. Rahmata Isaa keessaa tokko obsa mindaa guddaa ittiin argatan akka qabaatan gochuudha. “Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha.” Kana jechuun isaan warra haqa beekanii fi hojii irra oolchaniidha. Bakka kanatti haqa beekun isaanii, “isaan gabroota Rabbii fi gara Isaatti kan deebi’an ta’uu” beekudha. Haqa kana hojii irra oolchun immoo Rabbiif jedhanii obsuudha.[1]

2ffaa-du’aayi baay’isuu- dhibee kana irraa akka eeggamaniif, yoo tasa qabamanis akka fayyaniif du’aayi baay’isuun baay’ee barbaachisaadha. Du’aayi Nabiyyii (SAW) irraa gabaafame keessaa tokko:
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْبَرَصِ، وَالْجُنُونِ، وَالْجُذَامِ، وَمِنْ سَيِّئِ الأَسْقَامِ

Allaahumma innii a’uuzu bika minal barasi, waljunuuni, waljuzaami, wamin sayyi’il asqaami.
“Yaa Rabbii! Barasa, maraatu, Juzaama fi dhibee badaa irraa siin eeggama.” Sunan Abi Daawud 1554
Barasa-qurcummaa, Ingiliffaan-leprosy, Amaariffaan qumxinnaa. Dhibeen kuni qaama irratti bahuun foonii fi narvii balleessa ykn quuncisa.[2] Juzaamis dhibee gogaa tuquu fi kutaaleen qaamaa akka bubbu’anii fi nyaataman sababa kan ta’uudha.[3]

3ffaa-Tawbaa fi istighfaara baay’isuu-tawbaa jechuun ma’asiyaa (badii) irraa gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uudha. Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha. Rabbii olta’aa araarama kan kadhataniif, akka badii namaaf dhoksuu fi badii saniif nama hin adabneefi. Akkuma duratti jenne dhibeen kuni sababa namoonni badii hojjataniif namatti dhufuu danda’a. Kanaafu, tawbaa fi istighfaara baay’isuun karaa rakkoo fi adabbii ofirraa ittiin deebisaniidha. Keessumayyuu, iimaana ofii cimsachuun, salaata sirnaan salaatun, halkan gara dhumaatti istighfaara baay’isuun baay’ee nama fayyada. Tawbaa fi istighfaara ilaalchise du’aayiwwan filatamoo linki kana irraa gara jalaatti argachuun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2019/03/13/tawbah-kutaa-5ffaa/#more-9867

4ffaa- Tawakkula– Rabbiin irratti hirkachuu jechuun wanta fayyadu siif fiduu fi wanta miidhaa qabu sirraa ittisuu keessatti Inni siif gahaa akka ta’e amanuun Isa irratti hirkachuudha. Namni of eeggannoo barbaachisu gochuu waliin “Hasbiyallahu wani’mal wakiil (Rabbiin naaf gahaadha. Inni Tiiksaa akkam tolee!)” jedhee yoo amane, Rabbiin isaaf gahaadha. Rakkoo cimaa isarraa deebisa. Osoo rakkoon isatti bu’eellee, tasgabbii isaaf kenna.

Mi’aa iimaanaa keessaa tokko sodaa fi gaddi namarraa deemudha. Namni iimaanni isaa yoo cime, wanta darbeef hin gaddu, wanta dhufuufis hin sodaatu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, isaan amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii biraa isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277

Wanta tawakkula qalbii keessatti jabeessan keessaa tokko qadaratti amanuudha. Kana jechuun wanta Rabbiin dursee murteessetti amanuudha. Namni wanta Rabbiin murteesse malee homtu isa akka hin tuqne yoo beekee fi amanee, jeequmsaa fi sodaan isa hin haguugu. Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

9:51

Jedhi, “Waan Rabbiin nuuf katabe malee homaa nu hin muudatu. Inni Tiiksaa keenya.” Warroonni amanan Rabbiin irratti haa hirkatan.” Suuratu At-Tawbah 9:51

Dabalataan firii qadaratti amanuu asirraa ilaalun ni danda’ama: https://www.sammubani.com/2019/01/19/firii-qadaratti-amanuu/#more-9177

Ammas rakkoon erga isatti bu’ee booda waa baay’ee abdachuun ni obsa. Wantoota inni abdatu keessaa:
1-mindaa obsaa- Qur’aana keessatti, “Dhugumatti, warri obsan lakkoofsa malee mindaan isaanii isaaniif kennama.” Suuratu Az-Zumar 39:10
2-Qalbiin qajeelu- Qur’aana keessatti:

64:11

“Hayyama Rabbiitin malee hamtuu irraa wanti tokkollee nama hin tuqu. Nama Rabbitti amane, [Rabbiin] qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hundaa Beekaadha.” Suuratu At-Taghaabun 64:11

Al-A’amash akka gabaasetti Abi Zibyaan akkana jedha: [Gaafa tokko] nuti Alqamah bira turre. Aayanni (keeyyanni) tuni isa biratti qara’amte (dubbifamte):”Nama Rabbitti amane, [Rabbiin] qalbii isaa ni qajeelcha. Rabbiin waan hundaa Beekaadha.” Kana ilaalchisee ni gaafatame. Alqamaanis akkana jedhe, “Inni namticha musiiban (balaan) isa tuqxee ergasii balaan tuni Rabbiin irraa akka taate beeke fi san booda itti gammadee harka kenneedha.” Hadiisa keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhimmi mu’imina nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’iminaaf malee eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata. Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim 2999)[4]

Namni yommuu musiiban isatti buutu obsu, mindaa hangana hin jedhamne argata. Addunyaa keessatti mindaan guddaan maal akka ta’e beektu? Mindaan guddaan qalbiin sakiinaa (tasgabbii), qajeelcha fi yaqiina argachuudha. Fuggisoo kanaa, namni hin obsine tasgabbii fi qajeelcha dhaba. “Aayan tuni akka waligalaatti yoo fudhatamte, nama amane (kana jechuun nama Rabbitti, malaykotatti, kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraa fi qadaratti amane) fi hojii isarraa eeggamu hojjachuun imaana isaa yoo dhugoomse, Rabbiin subhaanahu wa ta’aala haalota, jechoota, beekumsa fi hojiwwan isaa keessatti isa qajeelcha.”[5]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa dhibee kana irraa nu haa tiiksu, warra qabamaniifis fayyaa haa kennu jechaa barreefama kana asirratti xumura.


[1] Tafsiir Sa’diyy- 71-72, Zaadul Masiir-95-96,
[2] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%A8%D8%B1%D8%B5/
[3] https://www.almaany.com/ar/dict/ar-ar/%D8%AC%D8%B0%D8%A7%D9%85/
[4] Tafsiir ibn Kasiir 8/137-138 ( Daaru Xaybah)
[5] Gabaabinnaan Tafsiira Sa’diyyii -fuula 1023

Print Friendly, PDF & Email
Seerota Rabbii (S.W) keessaa-seera rakkoon, dhibeen... namoota qabuu
Haqiiqaa (Dhugaa) Jireenya Addunyaa-Kutaa 1

One comment

Leave a Reply