Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 13

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha akka ta’ee fi ibaadaan Isaaf malee wanta biraatiif akka hin taane ragaaleen ni mirkaneessa. Itti aanse, Qur’aanni namoota qajeelchuuf akka bu’ee fi waa’ee nama ittiin qajeelee fi nama irraa jallate ni hima. Namni Qur’aanan qajeele eenyuun fayyadaa? Namni Qur’aana irraa jallatee fi didee eenyun miidhaa? Deebii kanaa gara jalaatti ni arganna.

“Samiwwanii fi dachii eenyutu uumee?” [jettee] osoo isaan gaafattee, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Jedhi, “Sila wantoota Rabbii gadiitti kadhattan (gabbartan) argitanii? Yoo Rabbiin rakkoo naaf fedhe, isaan rakkoo Isaa kaasuu danda’uu? Yookiin yoo rahmata naaf fedhe, isaan rahmata Isaa qabuu danda’uu?” Jedhi, “Rabbiin naaf gahaadha. Warri hirkatan Isa irratti hirkatu.” Suuratu Az-Zumar 39:38

Namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) osoo akkana jettee gaafattee, “Samii torbanii fi dachii eenyutu uumee?” Dhugumatti, “Rabbiitu isaan uume” jedhu. Isaan Khaaliqa (Uumaa) ni mirkaneessu. Ammas, akkana isaaniin jedhi, “Wantoonni isin Rabbiin waliin gabbartan kunniin rakkoo Rabbiin narratti murteesse narraa fageessu ykn rakkoo na qunname narraa kaasuu danda’uu? Akkasumas, faayda Rabbiin naaf laaffise dhoowwu ykn rahmata Rabbii narraa qabuu danda’uu?” Dhugumatti mushrikoonni ni jedhu: wantoonni nuti gabbarru (waaqefannu) kana hin danda’an.” Atis akkanaa isaaniin jedhi, “Rabbiin naaf gahaadha. Warroonni hirkatan faayda isaanii argachuu fi miidhaa ofirraa ittisuuf Isarratti hirkatu.[1]

Mushrikoonni (namoonni Rabbiin ala wanta biraa gabbaran), Rabbiin Khaaliqa samiiwwani fi dachii akka ta’e ni amanu. Garuu dhimmoota namoota dachii keessa jiraataniin wal qabatee Isaaf shariikota godhu. Kan akka rizqii, ilma, nageenya, diinota irratti gargaarsa, imala daldalaa keessatti milkaa’u fi kkf keessatti sanamoota, taabotaa fi wantoota gabbaran (waaqefatan) biroo irraa kadhatu ykn kajeelu. Yaa namoota Rabbii gaditti sanamoota ykn wanta biraa gabbartan (waaqefattan)! Mee naaf himaa, “Rabbii gaditti wantoonni isin gabbartan (waaqefattan) sunniin nama isaan kadhatu fayyaduu danda’uu? Yookiin miidhaa isarraa deebisuu danda’uu?” “Yoo Rabbiin rakkoo naaf fedhe, isaan rakkoo Isaa kaasuu danda’uu? Yookiin yoo rahmata naaf fedhe, isaan rahmata Isaa qabuu danda’uu?”

Wantoonni isaan waaqefatan rakkoo kaasuu fi qananii qabuu keessatti dhiibbaa uumuu danda’u yoo jedhan, namni isaan waliin falmu, nama rakkoo qabu fiduun, “Mee rakkoo akka isarraa kaasan wantoota gabbartan kanniin kadhaa?” jechuun isaan affeeru danda’a. Sanamoonni ykn uumamtoonni biroo isaan gabbaran dadhabinna irraa kan ka’e isaaniif deebii hin deebisan. Ammas, namni isaaniin falmu sababa rahmata Rabbiitiin nama qanani’e fiduun, “Mee qananii kana akka isarraa oofan ykn qaban wanta gabbartan kadhadhaa?” jechuun isaan affeeru danda’a. Wantoonni isaan gabbaraniis dadhabbinna irraa kan ka’e isaaniif deebii hin deebisan.

Yeroo kanatti mushrikoonni ni moo’atamu. Ergasii mu’minni falmu akkana jechuun labsa: “Rabbiin naaf gahaadha. Warri hirkatan Isa irratti hirkatu.”

“Rabbiin naaf gahaadha.” Kana jechuun wantoota Isaan ala jiran hundarraa Rabbiin naaf gahaa ta’ee jira. Rabbii gadiitti wanta nama gargaaru hin dandeenye irraa gargaarsa hin barbaadu, hin kadhadhu. Rabbii gaditti wantoonni isin gabbartan (waaqefattan) soba. Gooftummaa homaatu hin qaban. Ammas, ibaadaan isaaniif hin malu. Kanaafi, Rabbii dhimmootaa fi haalota hunda keessatti shariika hin qabne qofa irratti hirkadha.

“Warri hirkatan Isa irratti hirkatu.” Warri iimaana, aqlii fi qajeelinna qaban Rabbii shariika hin qabne qofa irratti hirkatu.[2] Rabbiin irratti hirkachuu jechuun wanta nama fayyadu argachuu fi wanta miidhaa qabu ittisuu keessatti Inni siif gahaa akka ta’e amanuun Isa irratti hirkachuudha. 

Rabbii gaditti wanti isaan gabbaran soba ta’uu ragaan erga isaan irratti dhaabbatee fi shirkii isaanii irraa deebi’uu yoo didan, wanti Nabiyyiin (SAW) fi namoonni gara Islaamatti namoota waaman jechuu qaban haala kanaan dhufe: 

“Yaa ummata kiyya! Haala keessan irratti dalagaa, dhugumatti ani hojjataadha. Gara fuunduraatti ni beektu, nama adabbiin isa salphisu itti dhufuu fi adabbiin turaan isarratti bu’u.” Suuratu Az-Zumar 39:39-40

Kana jechuun yaa ummata kiyya! Wanta ibaadaan isaaf hin malle gabbaruu irraa haala nafsee teessaniif jaallattan irratti hojjadhaa. Anis haala kiyya irratti hojjataa jira. Haalli kiyyas, dubbii fi hojii kiyya keessatti Rabbiin tokkichoomsudha. Kuni namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaraniif akeekachisa cimaadha. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Gara fuunduraatti ni beektu, nama adabbiin isa salphisu itti dhufuu fi adabbiin turaan isarratti bu’u.” Kana jechuun nama adabbiin addunyaa keessatti isa salphisuu fi Aakhiratti adabbiin itti fufaan addaan hin cinne itti bu’u gara fuunduraatti ni beektu.[3]

(Aayaata armaan olii keessatti, Gooftaan dhugaan gabbaramu qabuu fi gooftaa sobaan gabbaramu addaan baafanna. Gooftaan dhugaan gabbaramu Gooftaa samii fi dachii uumee, miidhuu fi fayyaduun harka Isaa jiruudha. Kana hundaa kan hojjatu Rabbii olta’aa waan ta’eef Inni Gooftaa haqaan gabbaramuudha. Wantoonni namoonni Isaa gaditti gabbaran (waaqefatan) immoo kana hundaa gochuu waan hin dandeenyeef, sobaan kan gabbaramaniidha. Aayata armaan olii keessatti namni Rabbii olta’aa dhiisee wanta biraa gabbare (waaqefate), yoo hin tawbatin, adabbiin cimaan akka isatti bu’u ni mirkaneefanna. )

“Dhugumatti Nuti, namootaaf Kitaaba haqaan sirratti buufne. Kanaafu, namni qajeele, lubbuma ofiitifi. Namni jallates, ishima irratti jallata. Ati isaan irratti wakiila miti.” Suuratu Az-Zumar 39:41

Yaa Rasuula! Dhugumatti ilmaan namaatii fi jinni gara karaa qajeelaatti qajeelchuuf Qur’aana haqaan sirratti buufne. “Haqaan” jechuun odeefannoon Qur’aanaa dhugaadha, murtiiwwan isaas adl (haqummaadha). Kana jechuun wanta darbee, ammaa fi gara fuunduraatti dhufu ilaalchise wanti Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Fkn, seenaaleen Qur’aanni himu dhugaadha. Akkasumas, Guyyaa Qiyaamaa ilaalchise wanti himu hundi dhugaadha. Murtiwwan Qur’aana keessatti dhufan kanneen akka salaata, zakaa, sooma, hajjii, dhaala, nikaah fi murtiwwan biroo haqummaa (justice) dha. Kanaafu Qur’aanni dhugaa fi haqummaan bu’e.

“Kanaafu, namni qajeele, lubbuma ofiitifi.” Qur’aanni kuni ilmaan namaa fi jinni qajeelchuuf haqaan erga buufame, namni Qur’aana kana baratee fi hojii irra oolche, faaydan kanaa lubbuma isaatiif ta’a. Qajeelchi namootaa bakka lamatti qoodama. Qajeelcha beekumsaa (Hidaayatu ilmiyyah) fi qajeelcha hojii (hidaayatu amaliyyah). Qajeelchi beekumsaa Qur’aana kana barachuuf, haffazuuf, itti xinxalluuf carraaqqi cimaa gochuudha. Qajeelchi hojii immoo amantiin, dubbii fi hojiin Qur’aana kana hojii irra oolchudha. Kanaafu, namni Qur’aana barachuun, itti xinxalluu fi hojii irra oolchun qajeele, lubbuma ofiitiif qajeela. Nafsee ofiitif jaalala Rabbii, Guyyaa Murtii Jannata keessatti qananii fi gammachuu zalaalamii fida. Addunyaa keessattis murtii Rabbiitti gammaduu fi tasgabbii argachuun jireenya gaarii jiraata.[4]

“Namni jallates, ishima irratti jallata.” Kana jechuun namni jallate, beekumsaa fi hojiinis hin qajeelle, lubbuma ofii irratti jallate. Rabbii olta’aa homaa hin miidhu. Akkasumas, nama biraas hin miidhu.[5] (beekumsaa fi hojiin hin qajeelle jechuun Qur’aana barachu diduu, irraa garagaluu fi hojii irra oolchu dhiisudha.“Namni isa (Qur’aana) irraa garagalee, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa ba’aa guddaa baadhata.” (Suuratu Xaaha 20:100))

Namni waamicha Rabbii haqaa kan Qur’aanni of keessatti qabateef deebii hin kenninee fi deebii kennuu diduu isaatiif karaa gammachuu zalaalamitti isa geessu irraa jallate, nafsee ofii irratti rakkoo zalaalamii fida. Guyyaa murtii adabbii ibiddaa keessa yeroo hundaaf tura.[6]

“Ati isaan irratti wakiila miti.” kana jechuun ati tiiksaa hojii namootaa tiiksu miti. Too’ataa isaan too’atu miti. Dirqamni sirra jiru ergaa Gooftaa keeti isaanitti geessu qofa. Namoonni warra fedhii bilisaa qabaniidha. Isaan jireenya addunyaa keessatti warra qoramaniidha. Bu’aa filannoo isaanii baadhachuun isaan irra jira. Takkaa nafsee ofiitiif mindaa fidu, takkaa immoo nafsee ofii irratti adabbii laaleessaa fiduu. [7] 


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-462
[2] Ma’aariju tafakkuri-12/232-233
[3] Tafsiiru Sa’dii-852, Tafsiiru Muyassar-462
[4] Tafsiiru Muyassar-463, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 288-289, Ma’aariju tafakkuri-12/236
[5] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 290
[6] Ma’aariju tafakkuri-12/236
[7] Maddoota olii

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 14
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 12
Offline dubbisuf

Leave a Reply