Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 14

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti mallattoolee du’aan booda kaafamu nuuf mirkaneessan keessaa tokko ni arganna.

Rabbiin nafsee yeroo du’a ishii ni fudhata; tan hin duunes hirriba ishii keessatti [ni fudhata]. Ergasii, tan du’a itti murteesse ni qaba (ni hanbisa). Tan biraa immoo hanga beellama beekkamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xinxallaniif mallattooleetu jira.” Suuratu Az-Zumar 39:42

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nafsee yeroo du’a ishii Kan qabuudha. Kuni ajalli (umriin namaa) dhumachuun ruuhin qaama irraa waan adda baatuuf du’a guddoodha. Tan yeroo du’aa hin duune immoo hirriba keessatti ni fudhata. Kuni du’a xiqqoodha. Amma yeroo hirribaa nafseen bakka lamatti qoodamti. 1ffaa-nafsee du’a irratti murteesse ni hanbisa. Hanga Guyyaa Qiyaamaatti qaamatti hin deebisu. Tuni nafsee nama osoo rafuu du’eeti. 2ffaa-Nafsee du’a irratti hin murteessiniidha. Nafsee tana immoo hanga umrii fi rizqii ishii guuttattuu fi fixattutti ni lakkisa (gadi dhiisa). Nafsee tana hanga yeroon du’aa gahuu qaamatti deebisa.

Dhugumatti, yeroo du’aa fi hirribaa Rabbiin nafsee qabuu, yeroo hirriba tan du’a itti murteesse hanbisu, tan biraa immoo deebisuu keessa namoota xinxallaniif mallattoolee ifaa dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisantu jira.[1]

Mallattoolee gurguddoo namni xinxallu asirraa hubatu keessaa tokko, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aan booda namoota du’an akka kaasudha. Nafsee Kan harka qabuu fi too’annaa guutuu irratti qabuu Rabbii olta’aadha. Nafsee yeroo hirribaa fudhachuun akkuma qaamatti deebisuu, nafsee yeroo du’aa fudhatus Guyyaa Qiyaamaa qaamatti deebisuu irratti danda’aadha. Akkuma jedhamu: hirribni obboleessa du’aati.

Sila Rabbii gadiitti shufa’aa’a godhatanii? Jedhi, “Homaa kan hin qabnee fi hin hubanne osoo ta’aniillee?” Jedhi, “Jaarsummaan (shafa’aan) hundi kan Rabbiiti. Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati. Ergasii garuma Isaatti deebifamtu.” Suuratu Az-Zumar 39:43-44

Shufa’aa’a hedduminna “shafii’a” ti. Shafii’a baay’een shufa’aa’a jennaan. Shafii’a jechuun nama tokkoof faayda fiduuf ykn miidhaa deebisuuf nama jaarsummaa ta’uudha. Shafa’aa (jaarsummaa) jechuun nama tokkoof faayda fiduuf ykn miidhaa deebisuuf nama biraatiif jidduu seenuudha.[2]

Sila mushrikoonni wantoota gabbaran kanneen akka sanamootaa Rabbiin biratti haajaa isaanitiif jaarsummaa akka ta’aniif jaarsummaa godhatanii? “Maaliif dhagaaa ykn muka hin dhageenye fi nama hin fayyanne gabbartuu?” jedhamanii yommuu gaafataman, deebiin isaanii “Rabbiin biratti jaarsummaa akka nuuf ta’aniif isaan gabbara” jedhu. Kuni yaadaa fi amanti sobaa ragaa hin qabneedha. 1ffaa-jaarsummaa kan namaaf ta’uu danda’u wanta rakkoo namaa dhagayuu fi beekudha. Dhagaan ykn mukni hin dhageenye, waa hin beeknee fi hin dubbannee akkamitti jaarsummaa namaaf ta’aa? Kanaaf itti aanse ni jedha: Jedhi, “Homaa kan hin qabnee fi hin hubanne osoo ta’aniillee?” kana jechuun wantoonni isin gabbartan kunniin faaydaa isiniif fiduu fi miidhaa isin irraa deebisuu irratti dandeetti kan hin qabnee fi homaa kan hin hubanne osoo ta’aniillee jaarsummaa godhattuu?[3] Namni akkamitti wanta homaa hin qabnee fi waa hubachuu hin dandeenyee jaarsummaa naaf ta’a jedhee gabbaraa (waaqefataa)?

Namoonni “wanti kuni Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’a” jedhanii wanta fedhan osoo gabbaranii, wanti suni jaarsummaa isaaniif hin ta’u. Sababni isaas, jaarsummaan hundi kan Rabbii ol’aanuti. Jedhi, “Jaarsummaan (shafa’aan) hundi kan Rabbiiti. Mootummaan samiwwanii fi dachii kan Isaati.” Kana jechuun: akkana isaaniin jedhi: Hayyama Isaatiin ala eenyullee Isa biratti jaarsummaa (shafa’aa) ta’uu hin danda’u. Inni samiiwwanii fi dachii Kan dhuunfatee fi too’atuudha, isaan keessatti wanta fedhe hojjata. Kanaafu, shafa’aan (jaarsummaan) hundi harka Isaa jira. Kana erga beektanii dirqamni isin irra jiru, shafa’aa Rabbiin irraa barbaaduu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessudha. Wanta nama miidhu fi fayyadu hin dandeenye irraa jaarsummaa hin barbaadinaa.[4]

Namoonni Rabbii tokkicha shariika hin qabnetti akka amanan isaan irraa waan barbaadamuuf, ammas jireenyi addunyaa jireenyaa qormaataa waan taateef, jazaan (mindaa fi adabbiin) jireenya biraatiif waan tursifameef, jechi Rabbii dhuma aayah irratti akkana jechuun dhufe: “Ergasii garuma Isaatti deebifamtu.” Kana jechuun du’a keessan booda qorannoo fi jazaaf garuma Rabbiitti deebifamtu. Guyyaa Qiyaamaa haqummaa Isaatiin isin jidduutti murteessa, nama hundaa hojii isaatiin jazaa isaaf kafala.[5]  

39:45

Yommuu Rabbiin kophaa Isaa dubbatamu, qalbiin warra Aakhiratti hin amannee ni sunturti. Kanneen Isaa gadi jiran yommuu dubbataman immoo, isaan yeroma san ni gammadu.” Suuratu Az-Zumar 39:45

Kana jechuun yommuu Rabbiin Tokkichi faarfamu, Inni qofti kadhatamu, Laa ilaah illallah (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) jedhamu, qalbiin namoota du’aan booda kaafamuutti hin amanne ni jibbiti, ni sunturti. Rabbiin tokkichoomsu fi Isa qofa gabbaruu irraa ni dheessiti. Haaluma kanaan namoonni du’aan booda kaafamutti hin amanne, Guyyaa Murtii mindaa guddaa waan hin abdannee fi adabbii cimaa hin sodaanneef, Rabbiin Tokkichi yommuu faarfamu ni jibbu.

Garuu Rabbii gadiitti wantoonni isaan gabbaran yommuu dubbataman, isaan yeroma san gammachuu fi mirqaansuun guuttamu. Sababni isaas, shirkiin fedhii qullaa isaaniitiin walitti gala waan ta’eef.[6] Haalli kuni haala hundarra badaa ta’eedha. Garuu qaxaroon isaanii Guyyaa Jazaati (Qiyaamaati). Achitti haqni isaan irraa ni fuudhama. Ni ilaallama: Rabbii gadiitti wantoonni isaan kadhataa fi gabbaraa turan achitti isaan ni fayyaduu? Kanaafi itti aanse ni jedha:

39:46

“Jedhi, ‘Yaa Rabbii Uumaa samiiwwanii fi dachii, Beekaa wanta hin mul’annee fi mul’atuu! Wanta isaan keessatti wal dhaban ilaalchise Ati gabroota Kee jidduuti ni murteessita.’” Suuratu Az-Zumar 39:46

Faaxir jechuun fakkeenya dursaa tokko malee wanta tokko uumuu kan jalqabuudha. Kana jechuun, yeroo jalqabaatiif kan jalqabu fi uumuudha. Gochi kuni “faxraa” jedhama. Kan irraa ka’uun, namni yeroo jalqabaatiif biiri bishaanii yoo qote, “faxral bi’ira” jedhama.[7] Samii torbanii fi dachii kan jalqabee, dhabama irraa kan argamsiise Rabbii tokkicha.

Gheeybi jechuun wanta ijji hin arginee fi hin mul’annedha. Shahaadah jechuun wanta mul’atu fi miirri dhaqqabuu danda’uudha. “Wanta isaan keessatti wal dhaban ilaalchise” haqa fi soba, gaarii fi badaa, Rabbiif ajajamuu fi Isa faallessu irraa jireenya addunyaa jireenya qormaataa taate keessatti wanta isaan irratti wal dhaban ilaalchise, Guyyaa Qiyaamaa “Ati gabroota Kee jidduuti ni murteessita.”[8]

Wal dhabbii fi gaaragarummaa keessaa inni hundarra guddaan wal dhabbii warra Rabbiin tokkichoomsanii fi mushrikoota jidduutti uumameedha. Warri Rabbiin tokkichoomsan, kan haqaan gabbaramu Rabbiin malee hin jiru, wantoonni Isaan alatti gabbaraman hundi baaxila (soba) jedhu. Namoonni isaan faallessan immoo kana didanii wantoota Rabbiin ala jiran gabbaru (waaqefatu). Guyyaa Qiyaamaa eenyu haqa irra akka jiru ni beekkama. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa:

“Dhugumatti isaan amananii fi isaan Yahuudaa, Saabi’oota, Kiristaanota, Majuusaa ta’anii fi isaan mushrikoota ta’anis, dhugumatti Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan jidduutti murteessa. Dhugumatti Rabbiin waan hundaa irratti ragaa bahaadha.” Suuratu Al-Hajj 22:17

Bu’aa wal dhabbii fi mormii kanaa Rabbiin akkana jechuun beeksisee jira.

Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isin jidduutti ni murteessa. Rabbiin kaafirotaaf mu’mintoota irratti karaa hin godhu.” Suuratu An-Nisaa 4:141

Rabbiin kaafirotaaf mu’mintoota irratti karaa hin godhu.” Kana jechuun Rabbiin gabroota gaggaarii irratti moo’annaa akka argataniif kaafirotaaf karaa hin godhu. Addunyaa fi Aahiratti xumurri gaariin muttaqootaafi.[9]

Kanaafu, Guyyaa Qiyaamaa wal dhabbii fi mormii kana kan moo’atu mu’mintoota (warroota dhugaan amananii) dha. Sababni isaas, yahuudonni, kiristaanonni, majuusonni, mushrikoonni fi namoonni biroo amanti sobaa hordofan wanti isaan odeessaa fi hojjataa turan soba waan ta’eef karaa mu’mintoota ittiin injifatan hin qaban. Guyyaa Qiyaamaa haqa malee gonkuma sobni nama hin fayyadu.

Kanaafu, yaa nama Islaama irra jiru! Dachii keessatti baay’achuu sobaatin hin gowwoomin. Mandara hunda keessatti amantin sobaa yoo baay’ate dhugaa seete itti hin seenin. Amantin sobaa kunniin qormaata qofaaf akka ta’e beeki. Amantin sobaa amanti Rabbiin ala wanta biraa gabbaru (waaqefachu) irratti ijaarrameedha.


[1] Tafsiiru Muyassar-463, Tafsiiru Sa’di-853 [2] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 310[3] Tafsiiru Xabarii-20/217[4] Tafsiiru Muyassar-463[5] Ma’aariju tafakkuri-12/243, tafsiiru muyassar-463, tafsiiru ibn kasiir-6/456[6] Tafsiiru Xabarii-20/218, Ma’aariju tafakkuri-12/244, tafsiiru muyassar-463[7] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 333[8] Ma’aarij tafakkuri-12/245, Tafsiira Xabarii 20/219[9] Tafsiiru Muyasaar-101

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 15
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 13
Offline dubbisuf

Leave a Reply