Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 15

Offline dubbisuf

Guyyaa Qiyaamaa namni osoo wanta dachii keessa jiruu hundaa fi dachaa isaa qabaate, adabbii jalaa ittiin of baasu danda’aa?

Wanti dachii keessa jiru hundi fi isa waliin fakkaataan isaa warroota miidhaa hojjataniif osoo ta’e, silaa Guyyaa Qiyaamaa adabbii hamaa irraa ittiin of baasu turan. Wanta isaan hin yaadintu Rabbiin irraa isaanitti mul’ate. Badiiwwan isaan hojjatan isaanitti mul’atu. Wanti isaan itti qishnaa turan isaan marsa.” Suuratu Az-Zumar 39:47-48

Qabeenya, kuusaa, humna waraanaa fi wantoota itti fayyadaman hunda irraa wanti dachii keessa jiru hundii fi kanaan kan wal-fakkaatu (dachaan) mushrikootaa fi warroota kafaran biroof osoo ta’ee, adabbii cimaa irraa nagaha of baasuuf akka kennaatti kennu turan. Garuu Guyyaa Qiyaamaa wanta adabbii jalaa ittiin of baasan hin qaban. Osoo qabaatanillee, isaan irraa hin fuudhamu.[1] Qur’aana keessatti:

Dhugumatti, warroonni kafaran osoo wanti dachii keessa jiru hundi fi isa waliin fakkaatan isaa isaaniif ta’ee adabbii Guyyaa Qiyaamaa irraa ittiin of baasuuf fedhanii, isaan irraa hin fuudhamu. Isaaniif adabbii laalessaatu jira.” Suuratu Al-Maa’idah 5:36

Kana jechuun dhugumatti namoonni kafaran, wantoonni dachii keessa jiran hundi fi fakkaatan wantoota dachii keessa jiran hundaa kan isaanii ta’ee adabbii Guyyaa Qiyaamaa irraa nagaha ittiin of baasuu barbaadanii, Rabbiin kana isaan irraa hin fuudhu. Adabbii laalessaa (garmalee nama dhukkubsutu) isaaniif jira.[2]

“Wanta isaan hin yaadintu Rabbiin irraa isaanitti mul’ate.” Kana jechuun Guyyaa san ajaja fi adabbii Rabbii irraa wanti isaan addunyaa keessatti hin yaadin isaaniif ifa baha.[3] Kaafironni Guyyaa Qiyaamaatti waan hin amanneef addunyaa keessa yommuu jiran “Du’aan booda kaafamnee adabbiin guddaan nu qunnama danda’a.” jedhanii takkuu hin yaanne.

“Badiiwwan isaan hojjatan isaanitti mul’atu.” Kana jechuun shirkii, kufrii, gabroota Rabbii miidhuu fi badiwwan biroo isaan hojjataa turan isaanitti mul’atu. Kitaabni isaanii harka bitaatiin waan isaaniif kennamuuf badii hojjatan tokkoon tokkoon ni argu.[4]

 “Wanti isaan itti qishnaa turan isaan marsa.” Adabbiin cimaan isaan itti qoosaa turan gara hundaan isaan marsa.[5] Addunyaa keessatti yommuu Ergamtoonni Rabbii ykn namoonni gara Islaamatti isaan waaman adabbii Aakhiratiin isaan akeekachisan, isaan kijibsiisaa, itti qishnaa ykn qoosa turan.

“Namni yeroo rakkoon isa tuqe, Nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti qananii Nu biraa ta’ee isaaf kennine, “kan inni naaf kenname beekumsaani” jedha. Lakkisaa! Ishiin fitnaadha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan. Warri isaaniin duraa ishii jedhanii jiru. Wanti isaan argataa turan homaa isaan irraa hin deebifne. ” Suuratu Az-Zumar 39:49-50

Nama rakkoon akka dhibee, hiyyummaa, cinqii fi kkf yommuu isa tuqu, akka rakkoo isarraa kaasnuuf Nu kadhata. Ergasii isatti tola oolun rakkoo isarraa kaasnee qananii Nu biraa ta’e yoo isaaf kennine, qananii keenya ni waakkata, ni morma. Akkana jedha: “kan inni naaf kenname beekumsaani”

Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-qananiin kuni akka naaf malu Rabbiin waan beekuuf naaf kenne. Osoo Rabbiin akka addaatti na ilaalu baatee, silaa kana naaf hin kennu.
2ffaa-Beekumsaa fi dandeetti qabuun qananii kana argadhe. Karaalee ittiin argatan waan beekuuf qananiin kuni naaf kenname.[6]

Haala lamaan kana keessatti namni kuni qananii Rabbii kan waakkatu fi mormu ta’a. Isaaf galata galchuu dhiise nafsee ofii dinqisiifata. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Lakkisaa! Ishiin fitnaadha.” Kana jechuun qananiin dandeetti, beekumsaa fi tooftaa keetiin si bira hin geenye. Kana irra, Nutu qananii kana si qoruuf (fattanuuf) siif kennine: “Warra galata galchan keessaa taata moo warra waakkatanii fi morman keessaa taataa?”[7]

Suleymaan (aleyh salaam) mootummaa fi qananiin guddaan isaaf kenname ture. Inni warra beekumsa qaban keessaa waan ta’eef qananii kana akkana jechuun ibse: “Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].” (Suuratu Al-Naml 27:40)

Kuni guutumatti faallaa nama armaan oliiti. Namni armaan olii qananii yommuu argatu, “Beekumsaan argadhe” jedha. Nabii Suleymaan (aleyh salaam) immoo “Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’e” jedha. Namni jalqabaa qananiin kuni qormaata akka ta’e hin beeku. Nabii Suleymaan immoo qananiin qormaata akka ta’e beekun “Akka Isa galateefadhu moo hin galateefanne nu qoruuf qananii kana naaf kenne” jedhe.

“Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.” Wallaalummaa fi yaadaa badaa isaanii irraa kan ka’e namoonni baay’een qananiin isaaniif kennamu qormaata (fitnaa) akka ta’e hin beekan. Ammas, Rabbii isaan qananiiseef galata galchuu hin beekan.[8]  

Warri isaaniin duraa ishii jedhanii jiru.” Maqdhaalli “ishii” jedhu hima “kan inni naaf kenname beekumsaani” jedhu bakka buuti. Kana jechuun namoonni isaan dura turanii fi badan jecha isaan jedhan kana, “kan inni naaf kenname beekumsaani” jedhanii jiru. Fakkeenyaaf, Qaarunis jechuma wal fakkaatu akka jedhe Qur’aanni ni hima:“Kan naaf kennamee beekumsa na bira jiru qofaani.” Jedhe. Suuratu An-Naml 27:78
Kana jechuun Qaaruun ummata isaa isa gorsaniin akkana jedhe: qabeenyi kuni sababa beekumsaa fi dandeetti na bira jiruun naaf kenname.[9]

Warroota kijibsiisan biratti jechi tuni, “beekumsaa fi dandeetti kiyyaan qananii kana argadhe” dhaloota irraa dhalootatti dhaala ta’uun itti fufte jirti. Qananii Gooftaa isaanii hin mirkaneessan. Haqa isaan irraa akka qabu hin ilaalan. Hanga dachii irraa xuruuramanitti aadaan isaanii kuni itti fufe . Yommuu adabbiin isaanitti dhufu “Wanti isaan argataa turan homaa isaan irraa hin deebifne.” Kana jechuun yommuu adabbiin isaanitti dhufu, qabeenyaa fi ilmaan irraa wanti isaan argataa fi walitti kuusaa turan homaa isaan hin fayyanne, adabbii isaan irraa hin deebisne.[10] Qananiin akkanuma. Nama ittiin of jajee fi Rabbiif ajajamuu irraa daguu keessa ta’e yommuu adabbiin isatti dhufu homaa isa hin fayyaddu. “Beekumsaa fi dandeetti kiyyaan argadhe” jechuun oduun odeessan osoo qananii isaaniif kenname keessatti dhiibbaa kan qabu ta’e, silaa adabbii isaan irraa deebisu keessattis dhiibbaa qabaataa ture. Garuu beekumsi isaan odeessanii fi qananiin isaan argatan adabbii isaan irraa hin deebisne. Kanaafu,  Beekumsaa fi dandeetti kiyyaan argadhe jedhanii odeessun soba.

Guduunfaa
✏ Kaafironni hanga fedhan qabeenyaa fi faaya addunyaa haa qabatan, Guyyaa Qiyaamaa gonkumaa isaan hin fayyadu. Osoo Guyyaa san wanta dachii keessa jiru hundaa fi dachaa isaa horatanii adabbii jalaa ittiin of baasu barbaadani, gonkuma adabbii jalaa bahuu hin danda’an. Kanaafu, yaa nama Islaama irra jiru! Iimaanni addunyaa fi wanta ishiin qabatte hunda akka caalu beekun, iimaanni garmalee qaali (wuddi) akka ta’etti ilaali. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa adabbii jalaa kan bahu nama iimaana qabu qofa.
✏ Namoonni adabbii Rabbii olta’aatti qoosan, adabbin kuni guyyaa tokko isaan haguuga. Ergasii jalaa bahuu hin danda’an.
✏ Yeroo rakkoo fi qananii namoonni bakka afuritti qoodamu:
1ffaa- Nama yeroo rakkoo gara Rabbii deebi’uun Isa kadhatuu fi ibaada baay’isu. Garuu yommuu qananii argatu, “qananii kana beekumsaan” argadhe jechuun Isarraa garagala. Haala badaa duraani isaa itti fufa.
2ffaa-Nama yeroo rakkoos yeroo qananiis Rabbiin irraa garagaluu fi itti kafaru. Kuni kaafira ifa bahee fi yoo hin tawbatin kan kasaarudha.
3ffaa-Nama yeroo qananii, qananiin akka isaaf turtuu fi rakkoon isatti hin dhufneef, Rabbiin gabbaruu fi kadhatu. Garuu yommuu rakkoon isa tuqxu, Rabbii olta’aa irraa garagala. Namni akkana addunyaa fi Aakhiratti kasaare (Ilaali suuratu Al-Hajj 22:11)
4ffaa-Nama yeroo rakkoos yeroo qananiis Rabbii olta’aa gabbaruu fi kadhatuudha. Namni kuni nama qajeelaa haqa Gooftaa isaa beekee hanga du’aatti gabbaruudha. Qananii argatu fi rakkoon isa tuqu qormaata akka ta’e beekun ibaadaa isarraa barbaadamu hojjata. Kuni mu’mina dhugaa milkaa’udha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri-12/246
[2] Tafsiiru muyassar-113
[3] Madda olii-fuula 463
[4] Fatih qadiir-4/1284, Tafsiiru Xabarii-20/220, Tafsiiru Qur’aanil Kariimi wa i’iraabu wa bayaanuhu-8/266-267
[5] Ma’aariju tafakkuri-12/247, Tafsiir ibn Kasiir-6/458
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 351, Tafsiiru Sa’dii-854, Tafsiiru Ibn Kasiir 6/458
[7] Ma’aariju tafakkuri-12/249
[8] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 353, tafsiiru muyassar-464
[9] tafsiiru muyassar-495
[10] Tafsiiru Sa’dii-854-855, Tafsiiru muyassar-464

Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 16
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 14
Offline dubbisuf

Leave a Reply