Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 16

Offline dubbisuf

Kutaa kana keessatti, namoota badii fi miidhaa hojjachuu itti fufan erga akeekachiisee booda namoota tawbachuu fi of fooyyessuu barbaadan abdii ifaa kennaaf.

39:51

Bu’aan badaan wanta isaan hojjatanii isaan tuqe. Kanniin irraayyis warri miidhaa hojjatan bu’aan badaan wanta isaan hojjatanii isaan tuqa. Isaan miliquu hin danda’an.” Suuratu Az-Zumar 39:51

Bu’aan badaan wanta isaan hojjatanii isaan tuqe.” Kana jechuun ummattoota darban irraa namoonni jecha “kan inni naaf kenname beekumsaani” jedhanii fi badii hojjachuun daangaa darban, jireenya addunyaa keessatti adabbiin cimaan wanta isaan hojjatanii isaan irratti bu’e. Jecha biraatiin, sababa badii hojjataa turaniin adabbiin cimaan isaan irratti bu’e. Fakkeenyaaf, Qaaruun, Fira’awna, ummanni Samuud, Aad fi kanneen biroo sababa badii hojjataniin adabbiin cimaan isaan irratti bu’ee jira.

“Kanniin irraayyis warri miidhaa hojjatan bu’aan badaan wanta isaan hojjatanii isaan tuqa.”
Yaa Rasuula! Ummata kee keessaayyis namoonni zulmii hojjatan bu’aan badaan wanta hojjatanii isaan tuqa. Akkuma namoota isaaniin dura tuqe, adabbiin isaanittis ni bu’a. Isaan Rabbii olta’aa jalaa miliquu fi bahuu hin danda’an.[1]

Namni yommuu qabeenya baay’ee argatu, qabeenyi kuni adabbii Rabbii waan isarraa deebisu isatti fakkaata. Haala namoota akkanaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun ibsa:

34:35

Ni jedhan, “Nuti [isin] caalaa qabeenyaa fi ilmaan baay’ee qabna. Nuti warra adabamanii miti.” Suuratu Saba 34:35
Kana jechuun: warroonni kafaran warroota amananiin akkana jedhan: nuti isin caalaa qabeenyaa fi ilmaan baay’ee qabna. Rabbiin waan nurraa jaallateef malee qananii kana nuuf hin kennine. Addunyattis ta’e Aakhiratti nuti warra adabamu miti.[2]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun namoota akkanaa irratti deebii deebisa:

“Rabbiin nama fedheef rizqii akka bal’isu, [nama fedhe immoo itti] dhiphisu hin beekanii? Kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.” Suuratu Az-Zumar 39:52

Qabeenyaan gowwoomu isaaniitii fi wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e “Qabeenya baay’ee qabaachuun haalli namaa gaarii ta’uu agarsiisa” jedhanii akka odeessan erga beeksisee booda, Rabbiin subhaanahu rizqii kennuun kana akka hin agarsiisne isaanitti beeksise. Nama badaa ta’i gaarii ta’i gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa. Ammas, nama gaarii ta’i badaa ta’i nama fedhe irratti rizqii ni dhiphisa. Kuni hundi namoota qoruufi. Yeroo rizqii bal’isuuf “Ni galateefata moo hin galateefatu?” Yeroo rizqii itti dhiphisu immoo “Ni obsa moo hin obsu?” Jechuun namoota qoruu fi haala isaanii ifatti baasuuf, nama fedheef ni bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Rabbiin nama fedheef rizqii bal’isuun nama san jaallachu hin agarsiisu. Ammas, nama fedhetti rizqii dhiphisuun nama san jibbuu hin agarsiisu. Kana irra, rizqii bal’isuu fi dhiphisuun qormaata.

“Kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.” kana jechuun rizqii bal’isuu fi dhiphisuu keessa namoota haqa dhugoomsaniif mallatooleetu jira.[3] Mallatoolee kanniin keessaa tokko rizqii kan bal’isuu fi dhiphisuu Rabbii Tokkicha akka ta’e mallattoo agarsiisuudha. Kanaafi, namoonni gariin dandeetti bituu fi gurguruu, humna cimaa ittiin hojjatan qabu. Garuu rizqiin isaan irratti dhiphatti. Namoonni gariin immoo dandeetti fi humna hangas mara hin qaban. Garuu Rabbiin rizqii isaaniif bal’isa. Kuni kan agarsiisu Rabbiin gabroota keessatti too’annaa guutuu akka qabu fi wanta fedhe Kan hojjatuudha. Nama fedheef rizqii ni bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Kuni garuu sababa rizqii ittiin argatan hojjachuu hin qabnu jechuu miti. Sababoota rizqii ittiin argatan hojjachuun barbaachisadha.[4]

Nama Cubbuu/diliitti Taree Abdachiisu

39:53

“Jedhi, ‘Yaa gabroottan Kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.’” Suuratu Az-Zumar 39:53

Jedhi yaa Rasuula ykn yaa nama gara Islaamatti namoota waamu! Gooftaan keessan akkana jechuun isin waama: “Yaa gabroottan Kiyya kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan!”

Asitti gabroonni Muslimas ta’i kaafiras ta’i namoota hunda of keessatti hammata.
“kan lubbuu ofii irratti daangaa dabartan!”
Tika (eeggumsa) keessatti nafsee irratti daangaa darban. Dirqamni nama irra jiru nafsee ofii tiiksu keessatti tika haqaa tiiksudha. Kunis kan ta’u, wanta nafsee isaa fooyyessu hojjachuu fi wanta ishii balleessu irraa fagaachuni. Inni yoo kana hin hojjatin, nafsee ofii irratti daangaa darbee jira.

Asitti Israafa jechuun nafsee eegu keessatti daangaa darbuudha. Kunis badiitti of darbuu yookiin Rabbiif ajajamuu irraa of dhoowwudha. Fakkeenyaf, namni hate, hanni nafsee irratti daangaa darbuudha. Sababani isaas, dirqamni isarra jiru, nafsee hanna irraa eegudha. Haaluma kanaan, namni khamrii (wanta nama macheessu) dhugee, nafsee ofii irratti daangaa darbee jira. Akkasumas, namni sanamaaf (siidaaf) sujuude, Rabbiin ala wanta biraa gabbare (waaqefate) jira. Kanaafu, nafsee ofii irratti daangaa darbee jira.

Namni yommuu badii hojjatu nafsee ofii irratti daangaa darba. Sababni isaas, adabbii Rabbiitiif of saaxila. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namootaaf daangaa kaa’ee jira. namni daangaa san darbe adabbii Isaatti kufa. Fakkii armaan gadii irra yommuu ilaallu, namni badii hojjatu ykn wanta itti ajajame dhiisu sarara diimaa keessaa bahuun dukkanatti of darba. Dukkanni kuni adabbii adda addaatti. Kan akka jeequmsa, dhiphachuu, halkan hirriba dhabuu, rakkoo adda addaatii fi kanneen biroo. Namni dafee tawbachuun gara geengoo magariisaa yoo hin deebi’in, dukkana kana keessa turuun dhumarratti adabbii guddaatti mucucaata. Adabbiin kunis Jahannami. Rabbiin kanarraa nagaha nuu haa baasu.

Kanaafu, namni badii hojjatuu fi wanta itti ajajamee dhiisu nafsee ofii irratti daangaa darbee jiraa jechuudha. Sababni isaas, dukkanaa cimaa fi adabbii adda addaatiif of saaxila. “Namni daangaa diimaa kana darbuun dukkanatti yoo kufe, karaan dukkana kana keessaa ittiin bahan jiraa?” jedhee namni tokko gaafachu danda’a. Eeyyeen ni jira. Dukkana kana keessaa karaan geengoo magariisaatti deebi’uun nagahaa fi ifa itti argatan, tawbachuu fi Rabbiin araarama kadhachuudha.

11:90

Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti deebi’aa. Dhugumatti Gooftaan kiyya, rahmata godhaa, jaallataadha.” Suuratu Huud 11:90

“Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa.” Yaa gabroottan nafsee ofii irratti daangaa darbitan! Badiin keenya baay’atee jechuun rahmata Rabbii irraa abdii hin kutinaa. Rabbiin araarama kadhaa isiniif araaramaati, iimaanaa fi Isaaf harka kennuun gara Isaatti deebi’a (tawbadhaa) tawbaa isin irraa qeebalaati.[5]

Rahmata Rabbii irraa abdii murachuu jechuun “Rabbiin rahmata naaf hin godhu” jedhanii abdii kutuudha. Namni rahmata Isaa irraa abdii yoo kute, badii hojjachuu itti fufa, dallansu Jabbaar (Rabbii) ofirratti fida, adabbiif of saaxila. Kanaafu, Yaa gabroottan nafsee ofii irratti daangaa darbitan! Badiin keenyaa baay’atee jechuun rahmata Rabbii irraa abdii hin kutinaa. Sababni isaas, “Rabbiin balleessaa hundaa ni araarama. Inni Araaramaa, Rahmata godhaadha.”

Nama tawbatee fi araarama kadhateef balleessaa fi badii hundaa erga araaramee, abdii kutuun maaliif barbaachise ree?

Aayah keessatti jechi “yaghfiru (ni araarama)” jedhu, jecha al-maghfirah jedhamu irraa kan fudhatameedha. Al-Maghfirah jechuun badii haguuguu fi irra darbuudha. Hiikni isaa badii haguugu qofaa miti. Sababni isaas, jechi al-maghfirah jedhu jecha al-mighfara jedhu irraa kan fudhatameedha. Al-mighfara jechuun yeroo lolaa (waraanaa) eeggumsaaf wanta mataa irratti dirataniidha (kaa’ataniidha). Hiikni itti dhiyoon “koofiyaa sibiilaa (ingiliffaan ‘helmet’)” dha.

Al-mighfar kuni dhimmoota lama kan of keessatti qabateedha: haguuguu fi eeggumsa. Koofiyaan sibiilaa (Al-mighfar) yeroo lolaa godhatan, mataas ni haguuga, miidhaa irraayyis nama eega. Kanaafu, maghfiratu zunuub (badiiwwan araaramu) jechuun badii dhoksuu fi irra darbuudha. Ati yommuu Allaahumma-ghfirlii (Yaa Rabbii naaf araarami)” jettu waa lama kadhatta: Rabbiin subhaanahu namoota irraa badii kee akka dhoksuu fi badii kee akka siif irra darbu.

Aayan tuni warra tawbataniif akka taate beektonni irratti wali galanii jiru. Badiin hanga fedhe haa baay’atu namni dhugaadhaan tawbatee fi araarama kadhate, Rabbiin ni araaramaaf. Namoota hin tawbannee ilaalchisee immoo Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira: 

4:48

Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeefamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse, dhugumatti cubbuu guddaa uumee jira.”Suuraa An-Nisaa 4:48

Namni osoo hin tawbatin shirkii irratti du’e, Rabbiin irraa araarama hin argatu. Garuu badii shirkii gadi jiru yoo hojjate, fedhii Rabbii jala jira. Yoo fedhe ni araaramaaf, yoo fedhee immoo ni azzaba (ni adaba). Kanaafu, namni haalota lama qaba:
Haalli 1ffaan-tawbaadha. Badiin isaa hanga fedhee haa guddatu yoo dhugaan tawbate, araarama ni argata. Kana jechuun badiin isaa ni haguugamaaf, wanta hojjateef hin adabamu. Fkn, shirkii irraa dhugaan yoo tawbate, araarama ni argata.
Haalli 2ffaan- tawbachuu dhiisu- Haala kana keessatti akkana jenna, “Shirkiin hin araaramamu. Shirkii gadi wanti jiru fedhii Rabbii jala jira.” Ragaa kanaa aaya armaan olii suuratu An-Nisaa dhiyeessun ni danda’ama. (Wanti asitti hubatamu qabu: Namni osoo hin tawbatin shirkii irratti du’e, araarama hin argatu. Garuu du’aan dura shirkii irraa dhugaan yoo tawbate, araarama ni argata.)

Namoonni badii hojjachuun nafsee ofii irratti daangaa darban yommuu badii irraa dhoowwitu, aayah armaan olii ragaa godhachuun akkana jechuu danda’u: “Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama.”  
Salphumatti akkana isaaniin jechuu dandeenya: ati namoota Rabbiin araaramufi fedhe keessaa tokko ta’uu sirritti jala murtee ni mirkaneessitaa?
Deebiin: lakki. Kanaafu, ati balaa guddaa irra jirta. Ati amma sababa adabbiitti nama geessu hojjattee jirta. Siif araaramamuu ykn araaramamu dhiisun gara fedhii Rabbii azza wa jalla deebi’a.[6] Kanaafu, namni “Rabbiin naaf araarama” jechuun badii itti fufuu hin qabu. Kanaafi itti aanse ni jedha: “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa. Sana booda hin tumsamtanu.” Suuratu Az-Zumar 39:54

Ibsa aayah tanaa In sha Allah kutaa itti aanu keessatti ilaalla…


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-464, Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 359-360
[2] Tafsiiru Muyassar-432
[3] Tafsiiru xabarii-20/224
[4] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 363
[5] Ma’aariju tafakkuri-12/255
[6] Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 367-371

Adabbiin Dura Gara Gooftaa Keessanii Deebi'aa
Tafsiira Suuratu Az-Zumar-Kutaa 15
Offline dubbisuf

Leave a Reply